Dawaa Qalbii
6.67K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.93K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Fursaan Media
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...
Kutaa6⃣ffaa

#Namoota_sooma_furuun_hayyamamuuf

1⃣Nama dhukkubsate
       👉🏽Yoo dhibeen ka isa hinjifattu taate guyyaa san furee guyyaa biraa deebisa (qadaa kafala)
       👉🏽Yoo nama dhibee irraa fayyuun isaa hin kajeelamne tahe sooma furee guyyaa furu hundaa muskiina nyaachisa.

2⃣Nama Imala deeme
      👉🏽Nama imala baheef sooma furuun isaa hayyamamee jira yoo soomuu dandahee soomes bareeda yoo kan hin dandeenne tahee fures bareeda guyya fure kana qadaa ni deebisa.

3⃣ Nama maanguddoome
      👉🏽Namni yoo maanguddoome humna ittiin soomu waan hin qabneef guyyaa sooma fure hundaa ni nyaachisa sooma deebisuun isaarra hin jiru .
قال إبن عباس رضي الله عنه "رخص للشيخ الكبير أن يطعم عن كل يوم مسكينا ولا قضاء عليه"

4⃣ Dubartii Ulfaa fii Hoosistu.
      👉🏽Dubartiin ulfaa fii hoosistu lubbuu  isiitiifii daa'ima garaa qabdu irratti yoo sodaatte sooma ni furti gaafa sooma soomuun isii miijjaahe guyyaawwan furtee san deebisaa Miskiina tokko nyaachisti

5⃣Dubartii dhiiyni dhalaatiifii dhiiyni ji'aa irra jiru.
     👉🏽Dubartiin dhiiynii dhalaatiifii dhiiyni ji'aa ( Laguun ) irra jiru sooma ni furti guyyaa qulqullooyte qadaa deebisti.
                 Itti fufa...

Kutaa7️⃣ffaa
Wantoota Ramadaana keessa dalaguun sirraa eeggamu
Mata duree jedhuun nu eegaa.

Obboleeyyan keessaniif Share godhaa

@Fursaan_Media
     @Fursaan_Media

http://t.me/Fursaan_Media