Dawaa Qalbii
7.71K subscribers
1.33K photos
24 videos
10 files
2.05K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...

KUTAA1️⃣ffaa

▶️ Sooma jechuun maali?

Sooma jechuun Afaan arabaatiin الإمساك of qabuu jechuu dha.

▶️ Shari'aatti
Wantoota nama fursiisan irraa of qabuu dha kan akka nyaataa, dhugaatii,haadha manaa ofiitti dabalamuu,
Niyyaa rabbiin gabbara jechuutiin yeroo fajriin bahe irraa kaasee hanga Aduun dhiitutti.

▶️ Hukmiin (Murtiin) soomaa maali?

Soomni cufa nama muslima tahee ka ballage (amala saala lammeessoo keessa ka seene) ka aqlii qabu, ka sooma soomuu dandahu, ka biyya jiru ammas dubartii dhiigaa aadaatiifii dhiiga dhalaa irraa qulqullooytuu taate, nama kana  hunda irratti waajiba (Dirqama)

Ji'a Ramadaanaa soomuun utubaa shanan amantiin islaamaa irraa ijaaramtu keessa tokko yoo tahu, dirqamummaan isaa Qur'aana, Hadiisaafii, Ijmaa'aan ragga'ee jira.

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa.

©✍🏾 Fares Muhamed
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
@Sammaan
Forwarded from Fursaan Media
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...
Kutaa6⃣ffaa

#Namoota_sooma_furuun_hayyamamuuf

1⃣Nama dhukkubsate
       👉🏽Yoo dhibeen ka isa hinjifattu taate guyyaa san furee guyyaa biraa deebisa (qadaa kafala)
       👉🏽Yoo nama dhibee irraa fayyuun isaa hin kajeelamne tahe sooma furee guyyaa furu hundaa muskiina nyaachisa.

2⃣Nama Imala deeme
      👉🏽Nama imala baheef sooma furuun isaa hayyamamee jira yoo soomuu dandahee soomes bareeda yoo kan hin dandeenne tahee fures bareeda guyya fure kana qadaa ni deebisa.

3⃣ Nama maanguddoome
      👉🏽Namni yoo maanguddoome humna ittiin soomu waan hin qabneef guyyaa sooma fure hundaa ni nyaachisa sooma deebisuun isaarra hin jiru .
قال إبن عباس رضي الله عنه "رخص للشيخ الكبير أن يطعم عن كل يوم مسكينا ولا قضاء عليه"

4⃣ Dubartii Ulfaa fii Hoosistu.
      👉🏽Dubartiin ulfaa fii hoosistu lubbuu  isiitiifii daa'ima garaa qabdu irratti yoo sodaatte sooma ni furti gaafa sooma soomuun isii miijjaahe guyyaawwan furtee san deebisaa Miskiina tokko nyaachisti

5⃣Dubartii dhiiyni dhalaatiifii dhiiyni ji'aa irra jiru.
     👉🏽Dubartiin dhiiynii dhalaatiifii dhiiyni ji'aa ( Laguun ) irra jiru sooma ni furti guyyaa qulqullooyte qadaa deebisti.
                 Itti fufa...

Kutaa7️⃣ffaa
Wantoota Ramadaana keessa dalaguun sirraa eeggamu
Mata duree jedhuun nu eegaa.

Obboleeyyan keessaniif Share godhaa

@Fursaan_Media
     @Fursaan_Media

http://t.me/Fursaan_Media
Forwarded from Fursaan Media
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...
KUTAA7⃣ffaa

#Wantoota_ramadaana_keessa_hojjachuun_sirraa_eeggamu.

1⃣-Salaata irratti tiiyfamuu.
Namni muraasni salaata utubaa amantii tahe laaffisa sababoota gara garaatiin.

2⃣-Qur'aana dubbisuu heddummeessuu.
Jiini ramadaanaa ji'a isa keessa qur'aanni buufame waan taheef haga rabbiin sii laaffiseen qaraatii qur'aanatti jabaadhu.

3⃣-Haala gaarii horachuu.
Nama arrabsuu irraa fagaatuu, namaan walloluu irraa fagaatuu, jechoota fofokkataa ta'e irraa of qusatauu, namusaafii haala garii qabaatu.

4⃣-Yeroo balleessuu irraa fagaatuu.
Carraa ji'a keyrii tana irra saammatuun barbaachisaadha yeroo keenna waan nu hin fayyanneen of duraa balleessuu irraa gabaabbatuu
Fkn Play station,Mobile game,Pool,Film,Drama,Hirriba heddummeessuu. fi kkf

5⃣-Nyaata xiqqeeffatu
Nyaata baay'isuun wantoota ibaadaa irra nama shagalan keessaa tokko Fkn Salaata nama dadhabsiisa hirriba namatti baay'isa waan taheef nyaata gabaabsannee ibaadatti jabaatuu qabna.

         Itti fufa....
©️FURSAAN MEDIA
@faresmuhamed

    Kutaa8⃣ffaa
Sadarkaa Qur'aana dubbisuun qabu
Mata duree jedhuun nu eegaa

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa.


@Fursaan_Media
     @Fursaan_Media

http://t.me/Fursaan_Media