Dawaa Qalbii
6.66K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.93K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#Ramadaanaa_Akkamitti_simanna ??

#كيف_نستقبل_شهر_رمضان؟؟


١-النية الخالصة.
1⃣ Niyyaa qulqulluun.
Ji'a ramadaanaa haalaa rabbii keenna irratti herreegataa taaneen niyyaa qulqulluun simatuu qabna

٢-الرجوع الى الله.
2⃣ Gama rabbii deebi'uu.
Dilii dalayne hundaa irraa gama rabbii seenooynee gaabbinee deebi'uun xurii ma'asiyaa hunda irraa qulqullaahuun.
Akkasuma ulaagaa Towbaa guutuun
1-Dilii hojjataa jirru dhiisuun
2-Waan dur dalaynee dabarsine irratti seenahuun
3-Itti hin deebi'uu jennee muratuun

٢-بالتعلم احكام رمضان.
3⃣ Seera ramadaanaa baratuun.
Namni muslimaa tokko rabbii isaa akkaataa itti gabbaru baratuu qaba
Akkasuma akkaataa ramadaana itti soomuu  waajibaata isaa, wanta sooma nama jalaa balleessu hundaa baratuun dirqama isaati.

٤-العفو للناس.
4⃣ Namaaf irra dabruun.
Ramadaana kana keessa nama itti mufanne, zannii itti banne hundaaf dhiifama goonee laphee teenna nama hundaa haala diriirsaa taaneen simatuu qabna.

٥-العزم والهمة العالية.
5⃣ Murannoofii kaayyoo jabaa.
Murannoo jabaan kaayyoo kaayyeeffannee akkataa ji'a kana keessa boojuu fii badhaasa guddaa rabirraa argannuun kan akka salaataa kan akka Qiraatii qur'aanaa kan akka I'itikaafaa, Sadaqaa, karoorfannee itti seenuu qabna.

٦-شكر نعمة بلوغ رمضان.
6️⃣ Qananii Ramadaana gahuu galatoomfatuu.
Ramadaana dabre soomtee carraa argatte ka baranaatiin wal gahuu keetiif rabbii kee galatoomfadhu, tola sitti oolee waggaa itti si naanneessuu isaatiif, meeqaa kami ka ji'a kabajamaa kana osoo hawwuu lubbuun dabarte atis waggaa dhufu hin deebitaaf hin deebituu kee waan him beeyneef keeyrii keessa dalagadhu obboleeyyan tee si bira godaananis araaramaan yaadadhu.


اللهم بلغنا رمضان...

Yaa rabbi ji'a Ramadaanaa nuun gahi.

By✍🏾Fares Muhammed
   

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa

https://t.me/Sammaan