Dawaa Qalbii
6.67K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.94K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
#BREAKING
👇👇😂

Konfaransiin Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhiinaa Oromiyaa guyyaa lamaaf gaggeeffamaa ture xumuramee jira.

Xumura irrattiis Konfaransiichi Hoggantoota koree giddugaleessa Paartii Badhaadhiina Oromiyaa 3 (sadiii) koree giddugaleessaa paartichaa keessaa ittiisee jira.

Gaggeessitoonni ittiifaman kunniis; Kab. Obbo Lammaa Magarsaa, Aadde Xayibaa Hassan fi Dr. Milkeessaa Miidhagaa ta'uu Obbo Fiqaaduu Tasammaa Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhiina Oromiyaa ibsaniiru.
#SHARE

@Kennaapost
maddi miidayaale biyyaati faana,obn
@
#Breaking_Sudaan

Manni Marii Cehumsaa Sudaan sochii waranni isaanii lafa Sudaan deebisuuf taasisaa jiru deeggaruun tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu sagalee guutuudhàan murteesse!

Murtoon kun walgahii hatattamaa manni marichaa kaleessa galgala taa'een kan darbe yoo tahu, waraana Sudaan daangaa Itoophiyaa cehuun weerara geggeessaa jiruuf deeggarsi guutuun akka godhamu, loltoonni dabalataa akka bobbaafaman fi lafti Sudaan hundi humnaan waggaa 26 guutuu Itoophiyaan fudhatamee ture akka too'atamu ajejee jira.

@Tokkummaan_Humnaa
#Breaking_news!!

President USA Joe Biden Abiyyi Ahimed Alii hatattamaan Waraana Eertiraa fi Humni addaa Poolisii Naannoo Amaaraa Tigraay keessa akka baasuuf sa'a 72 qofa Abiyyi Ahimed Aliif kennaniiru..!! USA'n sa'a 72 booda gara Tarkaanfiitti seenuun waan hin hafne..!!

Isayyaasfi Abiyyi gidduutti yeroon lolli banamu amma.. 🙂

#itti_muddi...😊
#BREAKING_NEWS

Daandiin Jibuutiirraa Finfinnee geessu cufamuun himame!

Daandiin guddaan Jibutiirraa Finfinnee geessu, akkasumas daandiin baaburaa ulaa galaanaa Jibutiirraa meeshaalee gara Finfinneetti geessu cufamuusaa pirezedaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mohaammad Rooyitarsitti himan.

Daandii guddaan kun ulaa shaqaxoonni gara Finfinnee ittiin seenan isa guddaadha.

Rooyitars akka pirezedaantii bulchiinsa naannoo Somaalee waabeffachuun gabaasetti, daandichii fi toorri baaburaa kan cufame gaafa Sanbataa dargaggoota naannichaa haleellaa milshoonni naannoo Affaar dhalattoota Somaaleerratti raawwate mormaniin ture.

Bulchiinsi naannoo Somaalee ibsa Kibxata kenneen akka jedhetti, bakka naannolee lamaan giddu waldhabdee daangaa ka'aa jirutti milishoonni naannoo Affaar haleellaa gaggeessaniin lubbuun namoota 300 ol darbeera. Qaabeenyis manca'uunis qaqqabeera.

Dhimma kana ilaalchisuun mootummaan Federaalaa hanga ammaatti wanta jedhe hin qabu.

Maddi: BBC
@Oromia_median
@Sammaan
#Breaking_News!!

#WALIIF_SHARE_GODHAA

Abiy Ahmed dhimma Lola kaabaafi Jeequmsa biyyattii keessatti deemaa jiruuf furmaata hatattamaa saffisaan akka kennu United Nations, European Union 🇪🇺, United States of America 🇺🇸 Bilbilaan gaafatanii akeekkachiisa cimaa itti kenna jiraachuu odeessi amma nu dhaqqabe ni mirkaneessa..!! Akka tasaa mariin araara biyyooleessa yoo gaggeeffame Hireen argamuuf deemu akka nu harkaa hin baanetti Oromoon tokkummaan of qopheessuu qabna!!

"Nama Oromoo ganee milkaa'e hin argine kan salphate malee" Jawar jadhe!

Waliif Dabarsaa wanti uumuu deemu hin beekkamu odeessa kana waliif qoodaa..!!

Guutuu odeessa kanaa link kana seenuun ni argatta 👇👇👇👇
https://www.facebook.com/Seenaa-Jimjimoo-111930894491226/
#Breaking_News

Ameerkaan Finciltoonni TPLF Hambaalee Laalibalaaf Eegumsa akka Taasisan Gaafatte!
--
-SBS-Hagayya, 6/2021
@Sammaan
#Breaking

Dhimma Hidhamtoota Sa'ud Arabiyaa abdiin akka jiru odeeffadheera. Hidhamtoonni hunduu akka gadi lakkifamanii fi nagayaan gara biyyatti galan waliif galameera. Akkasuma " Ijoolleen hidhamtee hidhaatti dararamaa jirtu baroota hedduuf isin tajaajilaa waan turteef yeroo biyya galtu maallaqatu barbaachisa waan ta'eef, Beenyaa/maallaqni akka kennamuuf" jechuun Walgahii kaleessaa fi Dheengadda mootii biyya Sa'uudii waliin magaalaa Riyaadi fi Dammaam jedhamtu keessatti gaggeeffameen gaafataniiru!
👇👇👇
@Sammaan
#Breaking_News
#MoE

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Fulbaana 30/2015 irraa kaasuun marsaa lamaan akka kennamuuf karoorfameera.

Qormaanni biyaalessaa kutaa 12ffaa yuunivarsitiitti akka kennamu murteeffamuun isaa ni yaadatama.

Qormaatichis Fulbaana 30, 2015 irraa kaasee eegaluun #Marsaa_lamaan akka kennamu karoorfamuu Deetaan ministeeraa Dr.Saamu'eel Kifilee mallatteessuudhaan yuunivarsitii 42'f erguu isaanii Miidiyaan @Abdii_Sabaa xalaayaa sirrii ta'uu isaa ilaaluu danda'eera.

Kanuma sababeeffachuun Fulbaana 28 irraa kaasuun hanga Hagayya 17, 2015tti Yuunivarsitiiwwan keessatti:-

1.Nyaanni idilee barattoota akka hin jiraanneefi akka hin qopheeffamne.
2.Itti aansuun lakkoofsa barattoota ibsamuun nyaata qopheessuuf qophii akka godhu.
3.Bakka turtii qormaataa akka qopheessan fi
4.Akkaataa kenniinsa qormaatichaa irratti Perizadaantiin yuunivarsitichaa, Diiniin kaapaasiiwwanii, Aangawwonni Ol'aanoon Yuunivarsitichaafi qamoleen nageenyaa waliin ta'uun haala akka mijeessan ergaan dabarfameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE
@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
#Breaking_News!

Pireezdaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveniin intala isaanii Nataashaa Museveenii hoggantuu Baankii Walakkeessaa biyyattii gochuun muudan.
Museveniin ilma isaanii Muhoozii Kaayinerugaba torbaanota dura Ministira Ittisaa biyyattii gochuun muuduun ni yaadatama.
Haati warraa Museveenii ammoo durumaan Ministira Barnootaati.

Piresdaantii Museeveenin maatii isaa hunda Ministeera gochuun aangoo mootummaa biyyattii maatidhaan dhuunfachiise. Kun waan hedduu nama dinqisiisudha.
#Breaking_News
Baatiin Shawwaal harra waan hin mul’atiniif, guyyaan Iid al Fixrii Roobii April 10,2024 ta’eera.

Haaluma Kanaan Ramadaana keenya kan bara kanaatis guyyaa 30 guuttannee soomanna.
Rabbi warra irraa fayyadamu nu haa taasisu.
T.me/Sammaan
Forwarded from Spider Media
#Breaking
Xiyyaarri Perezidaantii Itti Aanaa Maalaawiifi haadha manaa isaanii akkasumas qondaalota biroo 9 fe'ee ture baduun erga barbaadamaa ture booda kufe caccabuufi lubbuun namoota xiyyaaricha keessa turan hundaa darbuunis ibsame


Spider Media: Zul-Hijjah 5/1445

Xiyyaarri Perezidaantii Itti Aanaa Maalaawiifi haadha manaa isaanii dabalatee namoota 9 fe'ee imalaa ture kufee caccabuun lubbuun namoota xiyyaaricha keessa turan hundaa darbuunis ibsame


Xiyyaarri Pireezidantii Ittaanaa Maalaawii Saawulos Chilimaafi aanga’oota biroo sagal fe’ee ture kaleessa achi buuteen dhabamuun barbaadamaa erga turee booda naannoo gaara Chikangawaa jedhamutti kufee akka cacabe Daily Mirror gabaaseera.

© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
>#SpiderMedia
#BREAKING
Keessummoota Rahmaan tajaajiluuf taaksiiwwan qopha'an bar'isuu eegalan

Spider Media: Zul-Hijjah 6/1445
Sa'uud Arabiyaan tajaajila geejjiba hujjaajotaatiif qopheessitee kan turte taaksiiwwan qilleensa irra balali'an guyyaa har'aa ifatti hojii eegalaniiru.

Taaksiiwwan kunneen Madiinaafi Makkaa jidduu hujjaajotaaf tajaajila geejjibaa kennuufmn dabalataatti galteewwan meeshaalee yaalaa akka geejjibsiisanis SPAln gabaaseera.
Guyyaa Roobii har'aa wayita taaksiiwwan kunneen balallii taasisan hooggantoonni olaanoon Ministeera Geejjibaafi Loojistikii Sa'uudii sirnicha irratti aragamaniiru. Taaksiiwwan kunneen hujjaajota sirna hajjii bara kanaa (1445) tuuf tajaajila akka kennan ministeerichi baatii dura ifoomsuu Spider Media n gabaasee turuun ni yaadatama.

© Amar Temam

T.me/Sammaan
#BREAKING
Dorgommmii Hifzii Qur'aanaa Ameerikaati gaggeeffame Shamarreen lammii Aljeeriyaa waggaa 18 Yasmiin injifatte.

Dorgommmii Qur'aanaa biyyoota adduunyaa 45 ol jidduutti gaggeeffame kana ramaddii dubartootaa keessaa Yasmiin sadarkaa 1ffaadhaan moo'achuu dandeesseetti.

© Amar Temam
Spider Media
Forwarded from Amar Temam
#breaking
Shamarreen lammii Azarbaajaan Tunzaalee Mammadzaadee yeroo jalqabaatiif Qur'aanaa qulqulluufi kabajamaa hariita irratti barreessite. Tunzaaleen piroojektii kana xumuruuf waggaa sadii isiitti fudhateera.

Yunivarsiitii guddicha Turkiyyee keessatti argamu Yunivarsiitii Maarmaraatti damee barnoota Aartii kan baratte Tunzaaleen cichoominaafi kutannoo kalaqa hojii haaraaf qabdu irraa ka'uun kana raawwachuu marsariitii oduu Turkii Daily Sabahtti himteetti.

Amar Temam
© Spider Media
Forwarded from Amar Temam
#BREAKING
I/A MM duraanii Obbo Dammaqaa Mokonnon Hasan muudaman

Spider Media: Muharram 14/1446
Itti aanaa muummicha ministeeraa duraanii obbo Dammaqaa Mokonnon itti gaafatamaa Waldaa saayinsii hawaa Itoophiyaa (Ethiopian space science society) ta'uun muudamaniiru.

Waggoota dheeraaf dhaabbaticha hoogganaa kan turan obbo Tafarraa Walwaa itti gaafatamummaa isaanii obbo Dammaqaatti kennaniiru jedha. Gabaanis Arts TV.

Soosaayitichi hundeeffama isaa waggaa 20ffaa kabajataa yaa’ii idilee 19ffaa isaa gaggeessaa jira.
© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Amar Temam
#Breaking

Guyyaan Gaddaa Biyyaalessaa Labsame

Spider Media: Muharram 20/1446
Itiyoophiyaatti Guyyaan Gaddaa biyyalessaa guyyoota sadiif turu labsame.

Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti bala Sigiga lafaa mudate hordofee Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa borurraa eegalee guyyoota sadiif kan turu guyyaa gadda biyyaleessa labseera.

© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia