Dawaa Qalbii
6.62K subscribers
1.19K photos
20 videos
10 files
1.9K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016  #Sirna_Barnootaa_Durii keessaa( kutaa 9-11) irraa kan qophaa'u yoo ta'u, kutaa 12ffaan immoo Sirna Barnootaa Haaraa keessaa kan qophaa'u ta'uun beekame
-----------------
BBO- Amajjii 15/2016 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti kennamu Barattootni Saayinsii Uumamaa gosa barnootaa 6, haaluma walfakkaatuun Barattootni Saayinsii Hawaasaatis gosa barnootaa 6 kan qoraman ta'uun ibsameera.
1#_Gosa Barnootaa  #Barattoota_Saayinsii_Uumamaatiif kennaman
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Fiiziksii
4- Keemistirii
5- Baayoloojii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test yoo ta'an,
2#_Gosa Barnootaa #Barattoota_Saayinsii_Hawaasaatiif kennaman immoo,
1- Afaan Ingiliizii
2- Herrega
3- Seenaa
4- Ji'oograafii
5- Ikoonomiksii
6- Iskoolaastiik Aptiitud Test ta'uun beekameera.
#Qormaatni_kan_qophaa'u,
- Sirna #Barnootaa_Durii kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru keessaa,
- Sirna Barnootaa Haaraa kutaa 12ffaa keessaa yoo ta'u,
- Qormaatni #Barnoota_Ikoonomiksii immoo, #kutaa_12ffaa_irraa_qofa akka qophaa'u Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa ibseera.
Kanaafuu, Barattootniifi barsiisotni keenya gosota barnootaa, Sirna Barnootaa Qormaatni keessaa bahu, keessattuu, gosa barnootaa Ikoonomiksii irratti hir'ina barsiisaa uumame hubachuun bulchiinsa manneen barnootaafi Gumii Tiraansifoormeeshiinii sadarkaan jiru hirmaachisuun furmaata kennuun barattoota keenya ceesisuu akka dandeessan biiroon keenya dhaamsa dabarseera.

Barattootni bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhattan gamanuma qophii barbaachisaa gochuun qabxii olaanaa galmeessisuuf akka hojjatan, maatiin barattootaa, hawaasni keenya, caasaan mootummaa sadarkaan jiru hundi hanga humni isaa danda'een akkuma kana dura taasisaa turtan, ammas  baratoota, barsiisotaafi manneen barnootaa keenya daran akka deeggartan dhaamsa keenya ta'a.
#Qulqullinni_Barnootaa_Tumsa_Hawaasa_Keenyaatiin_Ni_Mirkanaa'a!
Via BBO
💫Join and share 💫
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
@Gaaffilee_Qorumsa_barnootaa
💫💫💫💫💫💫💫💫💫