Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 5ffaa 🅱️
" #Ani #immoo #yeroo #sanatti, '#Matumaa #ani #isin #hinbeeku, #isin #yaa #warra #hamaa #hojjettanii, #ija #koo #duraa #badaa!' jedheen (mul'inatti isaanitti hima?) jedhe."
7:22-23 በዚያ ቀን ብዙዎች። ጌታ ሆይ፥ ጌታ ሆይ፥ #በስምህ #ትንቢት #አልተናገርንምን#በስምህስ #አጋንንትን #አላወጣንምን#በስምህስ #ብዙ #ተአምራትን #አላደረግንምን? ይሉኛል።
የዚያን ጊዜም። #ከቶአላወቅኋችሁም#እናንተ #ዓመፀኞች#ከእኔ #ራቁ #ብዬ #እመሰክርባቸዋለሁ

Qabxiiwwan ijoon Maatewos 7:22-23 irraa hubannu:-

1ffaa- Worroonni maqaa Yesuusiin raajii dubbanna jedhu, maqaa Yesuusiin hafuura hamootaa baasnaa jedhu, maqaa Yesuusiin hojii aangoo hojjannaa jedhu hundi worra Yesuus isaan waakkatu. Worroota Yesuus isaan waakkatu jechuun, worrota dalaggaan isaan dalagan barsiisaa fi ajaja Yesuusiin ala ta’ee jechu. Wonti Yesuus hin barsiisinii fi hin ajajin maaliidhaa yoo jettaan Yesuus gooftaa naan jedhaa jedhee hin barsiifne, akkasumas Yesuus maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa, raajii dubbadhaa wolumaa galatti maqaa kiyyan daldala banadhaa jedhee hin ajajne jechu.

2ffaa- Worroonni Yesuus isaanii waakkatu sunniinillee Muslimoota miti. Sababni isaallee Muslimni #Yesuusiin gooftaa #hin jedhu ( Yesuus Ergamaa Rabbiiti jedha)
Muslimni #maqaa #Yesuusiitin hafuura hamootaa baasna, raajii hojjanna waan hin jenneef jecha. Kanaafuu worroonni Yesuus isaan waakkatu worroota Kiristaanaati.
Sababni isaallee #kiristaanni #Yesuusiin #gooftaa #jedhu #waan #ta’eef akkasumas
worroonni maqaa Yesuusiin raajii hojjanna jedhu, hafuura hamootaa baasna jedhu waan Kiristaana ta’eef jecha.

3ffaa- Worroonni/ Namoonni Yesuusiin gooftaa jedhu, kan maqaa Yesuusiin raajii hojjanna jedhu, kan maqaa Yesuusiin hafuura hamootaa baasna jedhu, kan maqaa Yesuusiin hojii aangoo hojjannaa jedhu hundi namoota Yesuus isaan argaa jibbu worra hamaa (diddoota) ta’uu nuuf ibsa. Worroota Yesuus isaan arga jibbu jechuun worraa waan Yesuus hin barsiifnee fi hin ajajne dalagu, worra dhugaa dhiisee badii hojjatu worra hamaa (haqa diddoota) jechuudha.

4ffaa- Yesuus maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa jedhee ajaajuu akka hin dandeennee fi innuu hafuura Waaqaatiin ( fedhii Rabbiitiin) akka baasaa ture Maatewos 12:28 nuuf addeessa.

❝Ani garuu hafuura Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera.❞
—Mat. 12: 28
Kanaafuu Yesuusii hafuura Waaqaatiin hafuura hamootaa baasetu sirriidha moo worroota maqaa Yesuusiin hafuura ni baafnaa jedhee dubbatutu sirri? Yesuus osoo ufitti aangoo fi dandeettii qabaatee hafuura Waaqaatti hin hajamu. Kanaafuu Waaqaa Yesuus qarqaarsifate san qarqaarsifatanii waa hojjatuu qofatu qajeelluma malee kan kanaan alaa kamuu jallinna ta’uu ifatti mudhisaa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
Kutaa 6ffaa

Eddoon Yesuus ani Waaqaa na Waaqefadhaa jireenna bara baraa (Jannata) argattanii itti jedhe jiraa?

Akka Yesuus barsiisaa turetti worri mootummaa Waaqaa argatu nama Yesuusiin gooftaa jedhe moo nama ajaja Waaqaa raawate?

Worroonni/ Namoonni osoo yesuus na waaqiffadhaa (nagabbaraa) hin jenne isaa waaqeffatanii isaa abbomna jedhanii badhaasa moo adabbituu isaan eeggata laata?

Yesuus maqaa kiyyaan raajii dubadhaa, hojii aangoo hojjadhaa, akkasumas maqaa kiyyaan hafuurota hamoota baasaa jedhee barsiisee jiraa?

Worroonni/ Namoonni maqaa Yesuusiin waan Yesuus hin ajajin hojjatan maqaa Yesuusiin daldalan, ka ammoo Yesuus guyyaa Qiyaamaa jallatoo ta’uu isaaniitti ragaa bahu eennu beektuu? Worrota Muslimaatii
moo? Worroota Kiristaanaati?

Mee gaafiiwwan asii olii hunda isaatuu ragaadhaan haa ilaallu

I. Eddoon Yesuus afaan isaatiin ani Waaqaa na Waaqefadha jireenna bara baraa (Jannata) argattanii jedhe jiraa? Gaafii jedhuuf deebiin isaa Maatewos 15:8-9 keessatti arganna
Maatewos 15:8-9 👇🏻
"'Sabni kun afaan isaatiin ulfinaa naaf kenna,garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;"
" #ana #waaqessuun #isaanii #akkasumaan, #abboommii #namaa #akka #seera #Waaqayyootti #barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe."
15:8-9 ይህ ሕዝብ በከንፈሩ ያከብረኛል፥ ልቡ ግን ከእኔ በጣም የራቀ ነው፤ #የሰውም #ሥርዓት #የሆነ #ትምህርት #እያስተማሩ #በከንቱ #ያመልኩኛል ብሎ በእውነት ትንቢት ተናገረ።

Qabxiin ijoon Maatewos 15:8-9 irraa hubannu, Yesuus afaan isaatiin na Waaqefadhaa Jannata argattanii osoo hin taane:-
1ffaa- Namni Yesuus waaqessuu nama seeera nama fudhate (ajaja nama hordofu) malee nama seera Waaqaa hordofuu miti isaaniin jechuu isaa hubanna.

2ffaa- Namni Yesuus waaqessu nama afaaniin Yesuusiin jaalanna jedhu kan immoo garaan isaa Yesuus irraa fagaata ta’e jechu. Nama Yesuusiin irraa garaan isaa fagoo jechuuns nama barsiisa Yesuus irraa fagoo yookaa worroota haqa Rabbii irraa fagaate jechuudha.

3ffaa- Namni Yesuusiin waaqessuu nama akkasumaan galata wohii barbaaduu malee bilaasha Yesuusiin waaqessu. Nama dalagaa mindaa hin qabne worra ifaajee hoongoo ifaajuu isaaniin jedhe.

II. Akka Yesuus barsiisaa turetti Worroonni mootummaa Waaqaa argatu nama Yesuusiin goofta jedhe moo nama ajaja Waaqa raawate?
III. Worroonni/ Namoonni osoo Yesuus ana Waaqefadhaa ( ana gabbaraa) hin jennee isa Waaqeffatanii isaa abbomna jedhan badhaasa moo adabbituu isaan eeggata laata? Gaafiiwwan jedhuuf deebiin isaa Maatewos 7:21 keessatti ifattii kaayamee jira.
Maatewos 7:21 👇🏻
" Yesus, "#Jaalala #abbaa #koo #isa #waaqa #irraa #nama #hojjetutu #mootummaa #waaqaatti #gala #malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu (duwwaadhaan ) itti gala miti."
7:21 #በሰማያት #ያለውን #የአባቴን #ፈቃድ #የሚያደርግ #እንጂ፥ ጌታ ሆይ፥ ጌታ ሆይ፥ የሚለኝ ሁሉ መንግሥተ ሰማያት የሚገባ አይደለም።

Qabxiiwwan ijoon Maatewos 7:21 irraa hubannu:-

1ffaa- Namni mootummaa Waaqaa ( Jannata Rabbii ) barbaadu, jaalala abbaa (ajaja Rabbii) hojjatuu qofaan argata.

2ffaa- Namni ajaja Rabbii hojjatuu dhiisee Yesuusiin gooftaa jedhu kamuu Mootummaa Waaqaa ( Jannata Rabbii) hin seenu.

3ffaa- ‘duwwaadhan’ jechi jedhu jecha afaan Oromoo irratti dabalame malee, lugaawwaan biroo keessa hin jirre, tooftaa worri haqa faalu Yesuusiin maalummaa isaa dhoksuuf (Yesuus goofta jedhanii ibsuuf) fayyadaman ta’uu ibsa.

IV. Yesuus maqaa kiyyaan raajii dubadhaa, hojii aangoo hojjadhaa, akkasumas maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa jedhee barsiisee jiraa?
V. Worroonni/ Namoonni maqaa Yesuusiin waan Yesuus hin ajajin hojjatanii maqaa Yesuusiin daldalan, kan immoo Yesuus guyyaa Qiyaamaa jallatoo ta’uu isaanitti ragaa bahu eennu beektuu? Worrota Muslimaati moo worroota Kiristaanaati? Gaafiiwwan jedhuuf deebiin
Maatewos 7:22-23 keessatti argama:-
Maatewos 7:22-23 👇🏻
" Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, '#Yaa #gooftaa, #yaa gooftaa, nuti maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaalibu6504
KUTAA 7ffaa

Fayyisaan dhugaa Waaqa moo Yesuus?

Dogongorri kan kitaaba (Macaafa Qulqulluu) ti moo kan worra kitaaba hordofna jedhuuti laata?

Kitaabni kan jedhu, fayyisaan Waaqa, kan rakkoo kamuu nama irraa furuu danda’uu jedha.

Worroonni amantii Kiristaanaa ni hordofnaa ufiin jedhan ammoo dubbiin kitaabaa sirrii mitii fayyisaan Waaqaa osoo hin taane Yesuus jedhu. Kanaafuu eenyutuu dogongore haa jennu?
Mee ragaawwan armaan gadii 3n wojjiin haa dubbisnuu:-

Ibroota 5:7 👇🏻
" Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata #gara #isa #du'a #isa #oolchuu #danda'uutti #dhi'eesse ; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef." (#Yesuus)
ወደ ዕብራውያን 5:7 እርሱም በስጋው ወራት #ከሞት #ሊያድነው #ወደሚችል #ከብርቱ #ጩኸትና #ከእንባ #ጋር #ጸሎትንና #ምልጃን #አቀረበ፥ እግዚአብሔርንም ስለ መፍራቱ ተሰማለት፤

2⃣ Yohannis 12:27👇🏻
" #Yesus #itti #fufee, "#Amma #lubbuun #koo #dhiphatteetti; egaa, #Yaa #abbaa #yeroottii #kana #na #oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe."
የዮሐንስ ወንጌል 12:27 አሁን ነፍሴ ታውካለች ምንስ እላለሁ? #አባት #ሆይ#ከዚህ #ሰዓት #አድነኝ። ነገር ግን ስለዚህ ወደዚህ ሰዓት መጣሁ።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
3⃣ Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 👇🏻
10 Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.
11 #Ana #duwwaatu #Waaqayyoodha, #ana #malee #fayyisaan #kan #biraa #hinjiru.
ትንቢተ ኢሳይያስ 43 10፤ ታውቁና ታምኑብኝ ዘንድ እኔም እንደሆንሁ ታስተውሉ ዘንድ፥ እናንተ የመረጥሁትም ባሪያዬ ምስክሮቼ ናችሁ ይላል እግዚአብሔር፤ ከእኔ በፊት አምላክ አልተሠራም ከእኔም በኋላ አይሆንም።
11፤ #እኔ#እኔ #እግዚአብሔር #ነኝ#ከእኔ #ሌላም #የሚያድን #የለም

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olitti dhiyaatan 3n irraa hubannu:-

1ffaa- Yesuus nama fayyiisuuf dandeettii fi aangoo tokkollee akka hin qabne, inumaayuu Rabbii waa hunda irratti dandeetti qabuuf booyichaan akka du’a isa oolchuuf Rabbii fayyisuus ta’ee du’a oolchu dandeetti qabu kadhataa yookaa waamataa akka ture ifatti muldhisa.

2ffaa- Yesuus sababa inni aangoo fi dandeettiin hundi kan Rabbii ta’uu beekuuf Rabbii isaatiif of gad deebisee Rabbitti of kennee imimaaniin isa kadhateef Rabbiinillee isaa awwaatu mudhisa.

3ffaa- Rabbiin fayyisaan dhugaa isa jalqabaa kan wonti tokkoo isa dura hin turin, akkasumas isa xumuraa kan wonti tokkoo isa booda hin taane san ta’uu mirkaneessa. Waaqni fayyisaan dhugaa sun kan waa hundaa fayyisu kan Yesuusiinillee fayyise ta’uu nuuf addeessa.

4ffaa. Akkuma wolii galaatti worroonni Yesuus fayyisaadhaa jedhanii dhaadatan, Yesuus ufiifuu gaafa rakkatu akka Rabbiin (Waaqni) waan hundaa danda’u rakkoo Isa oolchuuf ( isa fayyisuuf ) akka isaa birmatuuf kadhataa turuu fi dabalataanis Waaqni ana malee fayyisaan biroo hin jiruu jedhee jira. Kanaafuu yoo dubbiin Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 sirrii mitii, yookaa dubbiin Waaqni dubbate sirrii mitii jechuu taate malee, Fayyisaan dhugaa kan Yesuusii fi uumama hundaatuu Waaqa qofa ta’uu beektanii Yesuus fayyisa jechi jedhu dubbii sirrii akka hin taane ifatti mirkaneefattuu jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #23 ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Maarqos 10:17-18 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Maarqos 10:17-18
" Yesus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, "#Yaa #barsiisaa #gaarii! #ቸር #መምህር #ሆይ/ #Good #Master) Jireenya barabaraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?" jedhee gaafate."
" Yesus immoo, "#Maaliif #gaarii #naan #jetta? #Waaqayyo #isa #tokkicha #duwwaa #malee, #namni #gaariin #tokkoillee #hinjiru. "
#የማርቆስ #ወንጌል 10:17 እርሱም በመንገድ ሲወጣ አንድ ሰው ወደ እርሱ ሮጦ ተንበረከከለትና። ቸር መምህር ሆይ፥ የዘላለም ሕይወትን እወርስ ዘንድ ምን ላድርግ? ብሎ ጠየቀው።ኢየሱስም። #ስለ #ምን #ቸር #ትለኛለህ? #ከአንዱ #ከእግዚአብሔር #በቀር #ቸር #ማንም #የለም
And when he was gone forth into the way, there came one running, and kneeled to him, and asked him, #Good #Master, what shall I do that I may inherit eternal life?
And Jesus said unto him, #Why #callest #thou #me #good? there is none good but one, that is, God.

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa #Maarqos 10:17-18 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?

A. Yesuus namticha itti fiigee yaa barsiisaa gaarii isaan jedheen, ani barsiisaa gaarii dhugaa jette jedhee galatooffate.

B. Yesuus Waaqayyo sadi jedhee barsiise.

C. Yesuus Waaqayyo tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokkollee hin jiruu jedhe.

D. Hunduu deebii sirrii ta'e.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa mee dhugaa jiru xiinxallaa laalaa.

hawaasni keenna ammoo, worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Maarqos 10:17-18 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus yeroo namni tokko itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, jireenna bara baraatti galuudhaaf (#Jannata #argatuuf) maal gochuu qabaa gaafatu, ka jireenna bara baraa kennu eennuu (Waaqaa ta’uu) , inni kana barsiisaa jiru eennuu (#nama #aangoo #homaatuu #hin #qabne ta'uu) dursee himeef. (Maaliif gaarii naan jetta?/#ስለ #ምን #ቸር #ትለኛለህ?/ #Why #callest #thou #me #good?

2ffaa- Yesuus Rabbiin/Waaqni tokko ta'uu (#Waaqayyo #isa #tokkicha yeroo jedhu) akka Rabbiin lamaa fi sadi jechi jedhu olola ta'e, namicha hubachiise.

3ffaa- Rabbiin tokkichi Yesuus jedhaa ture sunillee, Yesuusiin (isa) osoo hin taane, Rabbii mootii waa hunda akka ta'eef, inni ammoo aangoo homaatuu akka hin qabne, aangoon yaa barsiisaa gaarii jettuu, dubbii dogongoraa, ta namichi jireenna bara baraa hajamu sirreeffatu malee, jireenna bara baraa argachuu akka hin dandeenne isa dhoorgitu ta'uu ifatti himeef ("#Maaliif #gaarii #naan #jetta? #Waaqayyo #isa #tokkicha #duwwaa #malee, #namni #gaariin #tokkoillee #hinjiru. " Yeroo jedhu).

4ffaa- Gaariin (arjaan arjaan isaa olii hin jirre), handhurfatan waan hundaa ( #Good #Master) waan hundaa, Rabbii tokkicha qofa ta'uu, Yesuus ammoo kana hundaanuu waamamuun dogongora ta'uu, nama sammuu waa hubatuu danda'u adda baasee hubachiise. (#Waaqayyo #isa #tokkicha #duwwaa #malee, #namni #gaariin #tokkoillee #hinjiru. " Yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #44ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:


🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni Sadaffaan;

3ffaa-  Sa'aan Yesuus itti fannifame jedhamu (akka worra Kiristaanaatti), sa'aa meeqa⁉️

3🅰️. Yesuusiin yeroo fannisan bari'ee sa'aatii sadii (3) ture ka jedhu ka #Maarqos 15:25 ttu sirriidha moo?

3🅱️. Yeroo Philaaxos Yesuusiin gad baasee barcuma firdii irra taa'e murteessuuf jedhu yeroon gara sa'aa ja'affatti ture. Sana booda (sa'aa jaha booda), akka inni fannifamuuf dabarsee kennee jedha. Kun ammoo yeroo murteen akka fannifamuuf kennamu, sa'aa 6 booda (jechuun ka fannifame jedhamu gara sa'aa 9) ttu sirriidha?

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Maarqos 15:24-25
Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan. Yeroon #isa #fannisanis #bari'ee #sa'aatii #sadiitti tore.   
#የማርቆስ #ወንጌል 15:25 ሰቀሉትም፥ ልብሱንም ማን ማን እንዲወስድ ዕጣ ተጣጥለው ተካፈሉ።#በሰቀሉትም #ጊዜ #ሦስት #ሰዓት ነበረ።

     VS (#contradict #with)

🅱️. #Yohannis 19:13-16
Philaaxos dubbii kana dhaga'ee Yesusin gad baasee, iddoo dhagaa buufamaa isa afaan Ibraayisxiitti "Gabataa" jedhamutti, barcuma firdii irra taa'e.Kunis guyyaa qophee Faasiikaa #gara #sa'aatii #ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudqotaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe. Isaanis iyyanii, "Balleessi, balleessi, isa #fannisi!" jedhan. Philaaxos immoo, mootii keessan #fannisuu #ree?" ittiin jedhe. Luboonni warri angafoonni immoo deebisanii, "Nuyi Qeesaar mootii warra, Roomaa malee mootii hin qabnu" jedhan. Yommus #akka #inni #fannifamuuf #dabarsee #isaanitti isa #kenne; isaan akkasitti #Yesusin #fuudhanii #adeeman.
የዮሐንስ ወንጌል 19:13-16 ጲላጦስም ይህን ነገር ሰምቶ ኢየሱስን ወደ ውጭ አወጣው፥ በዕብራይስጥም ገበታ በተባለው ጸፍጸፍ በሚሉት ስፍራ በፍርድ ወንበር ተቀመጠ። ለፋሲካም የማዘጋጀት ቀን ነበረ፤ #ስድስት #ሰዓትም የሚያህል ነበረ፤ አይሁድንም። እነሆ ንጉሣችሁ አላቸው። እነርሱ ግን። አስወግደው፥ አስወግደው፥ ስቀለው እያሉ ጮኹ። ጲላጦስም። ንጉሣችሁን ልስቀለውን? አላቸው። የካህናት አለቆችም። ከቄሣር በቀር ሌላ ንጉሥ የለንም ብለው መለሱለት። ስለዚህ በዚያን ጊዜ እንዲሰቀል አሳልፎ ሰጣቸው።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni afraffaan;

4ffaa- Jechi xumuraa kan Yesuus ajjeefamuun dura dubbate jedhamu isa kami⁉️

4🅰️. Yesus, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe, kan jedhutu sirriidha moo⁉️

4🅱️. Yesuus, "Fiixaan ba'eera" jedhe; kan jedhutuu sirriidha⁉️

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Luqaas 13:46 “Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, "#Yaa #abbaa #ko, #hafuura #koo #harka #keettan #kennadha!" jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e.”
#የሉቃስ #ወንጌል 23:46 ኢየሱስም በታላቅ ድምፅ ጮኾ። #አባት #ሆይ#ነፍሴን #በእጅህ #አደራ #እሰጣለሁ #አለ። ይህንም ብሎ ነፍሱን ሰጠ።

VS (#contradict #with)

🅱️. Yohannis 19:30
“Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, "#Fiixaan #ba'eera" jedhe; mataa isaa jal'isee hafuura isaa kenne.”
#የዮሐንስ #ወንጌል 19:30 ኢየሱስም ሆምጣጤውን ከተቀበለ በኋላ። #ተፈጸመ #አለ፥ ራሱንም አዘንብሎ ነፍሱን አሳልፎ ሰጠ።

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Kitaabuma worroonni Yesuus cubbuu keennaaf du'ee, nuuf fannifamee jedhan keessatti, eddoo tokkotti #Yesuus #bari'ee #sa'aa #saditti #fannifame jedhaa, eddoo birootti #murteen #akka #fannifamu #yeroo #itti #kennamu, #sa'aa 6 booda (#gara #sa'aa 9) jechuun, #akkasumas #jechi #xumuraa kan #Yesuus #dubbate #jedhamu, eddoo tokkotti #yaa #abbaa #koo #hafuura #koo #harka #keettan #kennadha, gara birootti ammoo #fiixaan #ba'eera #jedhe jechuun isaa, dubbiin Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate (wol dhabbii fi shakkii worra dubbatuu) dhugaa ta'uu agarsiisa.

2ffaa- #Wol #dhabbiin (#contradiction), kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti, dhimma Yesuus du'e jedhu irratti argamuun, worroonni dubbatan ragaa qabatamaa akka hin qabne fi shakkiin akka haasawaa turan, ragaawwan asii olitti laalle, ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu dubbii fudhatama hin qabne ta'uu mirkaneessan hedduu keessaa, tokko ta'uu qabatamaan mirkaneessaa jechuudha.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah