Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
KUTAA 7ffaa

Fayyisaan dhugaa Waaqa moo Yesuus?

Dogongorri kan kitaaba (Macaafa Qulqulluu) ti moo kan worra kitaaba hordofna jedhuuti laata?

Kitaabni kan jedhu, fayyisaan Waaqa, kan rakkoo kamuu nama irraa furuu danda’uu jedha.

Worroonni amantii Kiristaanaa ni hordofnaa ufiin jedhan ammoo dubbiin kitaabaa sirrii mitii fayyisaan Waaqaa osoo hin taane Yesuus jedhu. Kanaafuu eenyutuu dogongore haa jennu?
Mee ragaawwan armaan gadii 3n wojjiin haa dubbisnuu:-

Ibroota 5:7 👇🏻
" Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata #gara #isa #du'a #isa #oolchuu #danda'uutti #dhi'eesse ; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef." (#Yesuus)
ወደ ዕብራውያን 5:7 እርሱም በስጋው ወራት #ከሞት #ሊያድነው #ወደሚችል #ከብርቱ #ጩኸትና #ከእንባ #ጋር #ጸሎትንና #ምልጃን #አቀረበ፥ እግዚአብሔርንም ስለ መፍራቱ ተሰማለት፤

2⃣ Yohannis 12:27👇🏻
" #Yesus #itti #fufee, "#Amma #lubbuun #koo #dhiphatteetti; egaa, #Yaa #abbaa #yeroottii #kana #na #oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe."
የዮሐንስ ወንጌል 12:27 አሁን ነፍሴ ታውካለች ምንስ እላለሁ? #አባት #ሆይ#ከዚህ #ሰዓት #አድነኝ። ነገር ግን ስለዚህ ወደዚህ ሰዓት መጣሁ።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
3⃣ Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 👇🏻
10 Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.
11 #Ana #duwwaatu #Waaqayyoodha, #ana #malee #fayyisaan #kan #biraa #hinjiru.
ትንቢተ ኢሳይያስ 43 10፤ ታውቁና ታምኑብኝ ዘንድ እኔም እንደሆንሁ ታስተውሉ ዘንድ፥ እናንተ የመረጥሁትም ባሪያዬ ምስክሮቼ ናችሁ ይላል እግዚአብሔር፤ ከእኔ በፊት አምላክ አልተሠራም ከእኔም በኋላ አይሆንም።
11፤ #እኔ#እኔ #እግዚአብሔር #ነኝ#ከእኔ #ሌላም #የሚያድን #የለም

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olitti dhiyaatan 3n irraa hubannu:-

1ffaa- Yesuus nama fayyiisuuf dandeettii fi aangoo tokkollee akka hin qabne, inumaayuu Rabbii waa hunda irratti dandeetti qabuuf booyichaan akka du’a isa oolchuuf Rabbii fayyisuus ta’ee du’a oolchu dandeetti qabu kadhataa yookaa waamataa akka ture ifatti muldhisa.

2ffaa- Yesuus sababa inni aangoo fi dandeettiin hundi kan Rabbii ta’uu beekuuf Rabbii isaatiif of gad deebisee Rabbitti of kennee imimaaniin isa kadhateef Rabbiinillee isaa awwaatu mudhisa.

3ffaa- Rabbiin fayyisaan dhugaa isa jalqabaa kan wonti tokkoo isa dura hin turin, akkasumas isa xumuraa kan wonti tokkoo isa booda hin taane san ta’uu mirkaneessa. Waaqni fayyisaan dhugaa sun kan waa hundaa fayyisu kan Yesuusiinillee fayyise ta’uu nuuf addeessa.

4ffaa. Akkuma wolii galaatti worroonni Yesuus fayyisaadhaa jedhanii dhaadatan, Yesuus ufiifuu gaafa rakkatu akka Rabbiin (Waaqni) waan hundaa danda’u rakkoo Isa oolchuuf ( isa fayyisuuf ) akka isaa birmatuuf kadhataa turuu fi dabalataanis Waaqni ana malee fayyisaan biroo hin jiruu jedhee jira. Kanaafuu yoo dubbiin Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 sirrii mitii, yookaa dubbiin Waaqni dubbate sirrii mitii jechuu taate malee, Fayyisaan dhugaa kan Yesuusii fi uumama hundaatuu Waaqa qofa ta’uu beektanii Yesuus fayyisa jechi jedhu dubbii sirrii akka hin taane ifatti mirkaneefattuu jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504