Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
*#Lubbuun #takkaa #cubbuu #nama #biroo akka #hin #baadhanne beektuu?* 👇
Yesuus cubbuu ilma namaatiif jecha fannifameen olola ifa jiru. sababni isaalle lubbuun takkaa ta dilii nama biroo baadhattu hin jirtu waan taateef jecha. Kana mirkaneefachuu yoo feetan ragaawwan asii gadii qalbiidhaan dubbisaa;
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
1ffaa ➡️*AZ-ZUMAR 39:7* 👇
إن تكفروا فإن الله غني عنكم ولا يرضى لعباده الكفر وإن تشكروا يرضه لكم ولا تزر وازرة وزر أخرى ثم إلى ربكم مرجعكم فينبئكم بما كنتم تعملون إنه عليم بذات الصدور
Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu Yoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata(Lubbuun) dilii hojjattu tokko #dilii (nama) #biraa #hin #baadhattu Ergasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniiti Innis waan isin dalagaa turtan isinitti odeessa Dhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessaati.
አል-ዙመር - 39:7
ብትክዱ አላህ ከእናንተ የተብቃቃ ነው፡፡ ለባሪያዎቹም ከህደትን አይወድም፡፡ ብታመሰግኑም፤ እርሱን ይወድላችኋል፡፡ ማንኛይቱም ኃጢኣትን ተሸካሚ ነፍስ #የሌላይቱን #ኃጢኣት #አትሸከምም፡፡ ከዚያም መመለሻችሁ ወደ ጌታችሁ ነው፡፡ ትሠሩት የነበራችሁትንም ይነግራችኋል፡፡ እርሱ በልቦች ውስጥ ያሉትን ዐዋቂ ነውና፡፡

2ffaa➡️ *#AL-ISRAA 17:15* 👇
مَّنِ اهْتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهْتَدِي لِنَفْسِهِ ۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيْهَا ۚ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ۗ وَمَا كُنَّا مُعَذِّبِينَ حَتَّىٰ نَبْعَثَ رَسُولًا
Namni qajeele, kan inni qajeelu matuma ofiitiif qofa Namni jallates, kan inni jallatu ofuma irratti #Lubbuun #ba’aa #baadhattu #kamilleen #ba’aa #lubbuu #biraa #hin #baadhattu Hanga ergamaa erginutti kan adabnus hin taane.
(ሱረቱ አል-ኢስራእ - 15) የተመራ ሰው የሚመራው ለራሱ ብቻ ነው፡፡ የተሳሳተም ሰው የሚሳሳተው (ጉዳቱ) በእርሷ ላይ ነው፡፡ ተሸካሚም (ነፍስ) #የሌላይቱን #ኃጢኣት #አትሸከምም፡፡ መልዕክተኛንም እስከምንልክ ድረስ የምንቀጣ አይደለንም፡፡
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
3ffaa ➡️ *#Macaafa #Hisqi'el #Raajichaa 18:20* 👇
❝Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du'u! #Ilmi #yakka #abbaa #hin #baatin! #Abbaanis #yakka #ilmaa #hin #baatin! Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf haa lakkaa'amu! Jal'inni nama jal'aas isuma irraa haa barbaadamu!❞
(ሕዝ 18: 20)
ኃጢአትን የምትሠራ ነፍስ እርስዋ #ትሞታለች#ልጅ የአባቱን #ኃጢአት አይሸከምም፥ #አባትም የልጁን #ኃጢአት #አይሸከምም፤ የጻድቁ ጽድቅ #በራሱ ላይ ይሆናል፥ የኃጢአተኛውም ኃጢአት በራሱ ላይ ይሆናል።"

4ffaa ➡️ *#Macaafa #Ermiyaas #Raajichaa 31:30* 👇
❝"Garuu namni ija waynii dhangaggaa'aa nyaate hundinuu, ilkaanumti ofii isaatii in hadooda; #namni #yakke #hundinuu #yakkuma #ofii #isaatiitiif in #du'a.❞
(ኤር 31: 30)
" ነገር ግን ሰው ሁሉ #በገዛ #በደሉ #ይሞታል፤ መራራውን የወይን ፍሬ የሚበላ ሁሉ ጥርሶቹ ይጠርሳሉ።"

5ffaa ➡️ *#Seera #Keessa #Deebii 24:16* 👇
#Namni #adduma #addaan #cubbuu #ofii #isaatiif #haa #ajjeefamu #malee, abboonni ilmaan isaaniif hin ajjeefamin, ilmaanis abboota isaaniif hin ajjeefamin!❞
(ዘዳግ 24: 16) #አባቶች ስለ ልጆች #አይገደሉ#ልጆችም ስለ አባቶች #አይገደሉ፤ ነገር ግን ሁሉ እያንዳንዱ #በኃጢአቱ ይገደል።"
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Ragaawwan asii olitti argaman shanan lubbuun tamuu ( ta Yesuusiille osoo taate jechuudhaa) ta cubbuu nama biroo baadhattu tamuu akka hin jirre ifatti mudhisa. Kanaafuu Yesuus cubbuu ilma namaatiif jecha du'een yookaa fannifameen olola hundee hin qabne ta'uu ifatti mirkaneessa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah
KUTAA 7ffaa

Fayyisaan dhugaa Waaqa moo Yesuus?

Dogongorri kan kitaaba (Macaafa Qulqulluu) ti moo kan worra kitaaba hordofna jedhuuti laata?

Kitaabni kan jedhu, fayyisaan Waaqa, kan rakkoo kamuu nama irraa furuu danda’uu jedha.

Worroonni amantii Kiristaanaa ni hordofnaa ufiin jedhan ammoo dubbiin kitaabaa sirrii mitii fayyisaan Waaqaa osoo hin taane Yesuus jedhu. Kanaafuu eenyutuu dogongore haa jennu?
Mee ragaawwan armaan gadii 3n wojjiin haa dubbisnuu:-

Ibroota 5:7 👇🏻
" Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan #imimmaaniin, #kadhataa fi #waammata #gara #isa #du'a #isa #oolchuu #danda'uutti #dhi'eesse ; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef." (#Yesuus)
ወደ ዕብራውያን 5:7 እርሱም በስጋው ወራት #ከሞት #ሊያድነው #ወደሚችል #ከብርቱ #ጩኸትና #ከእንባ #ጋር #ጸሎትንና #ምልጃን #አቀረበ፥ እግዚአብሔርንም ስለ መፍራቱ ተሰማለት፤

2⃣ Yohannis 12:27👇🏻
" #Yesus #itti #fufee, "#Amma #lubbuun #koo #dhiphatteetti; egaa, #Yaa #abbaa #yeroottii #kana #na #oolchi!' jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe."
የዮሐንስ ወንጌል 12:27 አሁን ነፍሴ ታውካለች ምንስ እላለሁ? #አባት #ሆይ#ከዚህ #ሰዓት #አድነኝ። ነገር ግን ስለዚህ ወደዚህ ሰዓት መጣሁ።
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
3⃣ Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 👇🏻
10 Waaqayyo, "Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.
11 #Ana #duwwaatu #Waaqayyoodha, #ana #malee #fayyisaan #kan #biraa #hinjiru.
ትንቢተ ኢሳይያስ 43 10፤ ታውቁና ታምኑብኝ ዘንድ እኔም እንደሆንሁ ታስተውሉ ዘንድ፥ እናንተ የመረጥሁትም ባሪያዬ ምስክሮቼ ናችሁ ይላል እግዚአብሔር፤ ከእኔ በፊት አምላክ አልተሠራም ከእኔም በኋላ አይሆንም።
11፤ #እኔ#እኔ #እግዚአብሔር #ነኝ#ከእኔ #ሌላም #የሚያድን #የለም

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olitti dhiyaatan 3n irraa hubannu:-

1ffaa- Yesuus nama fayyiisuuf dandeettii fi aangoo tokkollee akka hin qabne, inumaayuu Rabbii waa hunda irratti dandeetti qabuuf booyichaan akka du’a isa oolchuuf Rabbii fayyisuus ta’ee du’a oolchu dandeetti qabu kadhataa yookaa waamataa akka ture ifatti muldhisa.

2ffaa- Yesuus sababa inni aangoo fi dandeettiin hundi kan Rabbii ta’uu beekuuf Rabbii isaatiif of gad deebisee Rabbitti of kennee imimaaniin isa kadhateef Rabbiinillee isaa awwaatu mudhisa.

3ffaa- Rabbiin fayyisaan dhugaa isa jalqabaa kan wonti tokkoo isa dura hin turin, akkasumas isa xumuraa kan wonti tokkoo isa booda hin taane san ta’uu mirkaneessa. Waaqni fayyisaan dhugaa sun kan waa hundaa fayyisu kan Yesuusiinillee fayyise ta’uu nuuf addeessa.

4ffaa. Akkuma wolii galaatti worroonni Yesuus fayyisaadhaa jedhanii dhaadatan, Yesuus ufiifuu gaafa rakkatu akka Rabbiin (Waaqni) waan hundaa danda’u rakkoo Isa oolchuuf ( isa fayyisuuf ) akka isaa birmatuuf kadhataa turuu fi dabalataanis Waaqni ana malee fayyisaan biroo hin jiruu jedhee jira. Kanaafuu yoo dubbiin Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:10-11 sirrii mitii, yookaa dubbiin Waaqni dubbate sirrii mitii jechuu taate malee, Fayyisaan dhugaa kan Yesuusii fi uumama hundaatuu Waaqa qofa ta’uu beektanii Yesuus fayyisa jechi jedhu dubbii sirrii akka hin taane ifatti mirkaneefattuu jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa 👇
https://t.me/Xaalibu6504
Hundi worroonni garee kana jalatti argamtan, baruumsi keenna guyyaa har'a irraa eegalee bareeffamaa fi sagaleen, yoo Rabbiin nuuf fedhe isinii kennamaa, hiriyoota keessan gara garee kanaa, link garee kanaa erguun asi nuuf afeeraa.

Badhaasni keessan na biraa osoo hin taane, #Rabbiin #biraa #jaalala #Rabbii tan #milkii ganda #lameenii ittiin gonfattan isinii haa taatuu.

Namni du'aaii asii olii hawwii qabdu hundi cimii itti hirmaadhu.
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #43ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Dubbiin Rabbii keennaa, worroota isatti amaneef mirkaneessaa hin hajamuu, worroonni dubbii Rabbii irraa shakkii qabdan, jecha Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate (isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa #hin #ajjeefne.) Rabbiin jedhe, kunoo ragaan mirkaneefadhaa ;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni duraa; 👇

1ffaa- #Yihudaan inni dabarsee Yesuusiin kennuuf ture sun, #Yesuus #dhungate moo #hin #dhunganne⁉️

1🅰️. #Dhungate ka jedhu (ka Wangeela #Maatewos 26:48-49) ttu #sirriidha.

1🅱️. Dhungatuu mitii, #Yesuus #biraa #osoo #hin #gahin #kufe ka jedhu (Wangeela #Yohannis 18:4-6)ttu sirriidha.

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Maatewos 26:48-49  lnni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, "Inni ani dhungadhu isa, qabadhaa!" jaraan jedhee ture. #Yihudaan akkuma Yesus bira dhufeen, "Attam barsiisaa ko!" jedhee, #isa #dhudhungate.
የማቴዎስ ወንጌል 26:48-49 አሳልፎ የሚሰጠውም። የምስመው እርሱ ነው፤ ያዙት ብሎ ምልክት ሰጥቶአቸው ነበር። ወዲያውም ወደ ኢየሱስ ቀረበና። መምህር ሆይ፥ ሰላም ለአንተ ይሁን ብሎ ሳመው።

  VS (contradict with)

🅱️. #Yohaannis 18:4-6 Yesus waan isatti dhufuuf jiru hundumaa beekee, ka'ee itti adeemee, "Eenyuun barbaaddu?" isaaniin jedhe. Isaan immoo deebisanii, "Yesusin namicha biyya Naazireet" jedhan; kana irratti Yesus, "Innoo, ana" jedhe. #Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanumaa wajjin in #dhaabata #ture. Yeroo inni, "Innoo, ana" isaaniin jedhetti gara booddee isaaniitti deebi'anii #in #kukkufan.
የዮሐንስ ወንጌል 18:4-6 ኢየሱስም የሚመጣበትን ሁሉ አውቆ ወጣና። ማንን ትፈልጋላችሁ አላቸው። የናዝሬቱን ኢየሱስን ብለው መለሱለት። ኢየሱስ። እኔ ነኝ አላቸው። #አሳልፎ #የሰጠውም #ይሁዳ ደግሞ #ከእነርሱ #ጋር #ቆሞ ነበር። እንግዲህ። እኔ ነኝ ባላቸው ጊዜ ወደ ኋላ አፈግፍገው በምድር #ወደቁ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni lammaffaa;👇

2ffaa- #Fannoo #Yesuus #eennutu #baatee gara eddoo golgootaa jedhamu geesse?

2🅰️. #Yesus fannoo isaa #ofii #baatee kan jedhu, #Yohannis 19:17 ttu sirriidha moo?

2🅱️. Nama biyya Qareenaa #Simi'oon #isa #jedhamutu baate kan jedhu, #Maatewos 27:32 ttu sirriidha?

Isa kamtuu sirriidha⁉️

🅰️. #Yohannis 19:17 “Yesus fannoo isaa #ofii #baatee, gara iddoo "Lafee mataa" yookiis afaan Ibraayisxiitti "Golgootaa" jedhamutti ba'e.”
#የዮሐንስ #ወንጌል 19:17 #ኢየሱስንም ይዘው ወሰዱት፤ #መስቀሉንም #ተሸክሞ በዕብራይስጥ ጎልጎታ ወደ ተባለው የራስ ቅል ስፍራ ወደሚሉት ወጣ።

VS (contradict with)

🅱️. #Maatewos 27:32 “Utuu gad ba'aniis, nama biyya Qareenaa #Simi'oon isa jedhamu tokko argatanii, fannoo Yesus akka baatuuf isa #giddisiisan.”
 #የማቴዎስ #ወንጌል 27:32 ሲወጡም #ስምዖን የተባለው የቀሬናን ሰው አገኙ፤ እርሱንም #መስቀሉን #ይሸከም #ዘንድ #አስገደዱት

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Kitaabuma worroonni Yesuus cubbuu keennaaf du'ee, nuuf fannifamee jedhan keessatti, eddoo tokkotti Yihudaan inni dabarsee Yesuusiin kennuuf ture sun, #Yesuus #dhungate jedhaa eddoo birootti ammoo #hin #dhunganne, Yesuusiin biraa osoo hin geenne kufe jechuun, akkasumas eddoo tokkotti Fannoo Yesuus, Yesuusimatu ofii isaatii baatee jedhaa gara birootti ammoo nama biyya Qareenaa #Simi'oon #isa #jedhamutu baate jechuun isaa, dubbiin Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate dhugaa ta'uu agarsiisa.

2ffaa- #Wol #dhabbiin (#contradiction), kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti, dhimma Yesuus du'e jedhu irratti argamuun, worroonni dubbatan ragaa qabatamaa akka hin qabne fi shakkiin akka haasawaa turan, ragaawwan asii olitti laalle, ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu dubbii fudhatama hin qabne ta'uu mirkaneessan hedduu keessaa, tokko ta'uu qabatamaan mirkaneessaa jechuudha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah