Turullee Dhugatu Mo'ata
12.2K subscribers
546 photos
184 videos
120 files
475 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Islaamummaan Amantii Rabbiin jaalate/filate ta'uu ragaan mirkaneessuu dura, #wonti #Islaamumman #ala #jiru #kamuu akka #hundee #hin qabne ibsuun dirqama. Kanaafuu gaafii namni Islaamumman ala jiru hundi maalumma isaa ittiin ufi madaalu gaafiiwwan Bu’uuraa tana dhiheessuufiin barbaachisa. πŸ‘‡
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€

1⃣ffaa- '#Kiristaan' jechi jedhu jecha maal jedhamu irraa mogaafame?

Akkasumas hiikni 'Kiristaan' jechuu hoo maal jechu?

🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
2⃣ffaa- '#Kiristaana' #maqaan #jedhu maqaa eennuu #mogaase? Fi
Akkasumas #Ragaan isaa Baayibilii keessaa eddoo meeqatti argama?
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
3⃣ffaa- #Kiristaanummaan Yookaa #Amantiin #Kiristaanaa #yoom #jalqabde yookaa eennuun irraa eegalte? Fi
Ragaan isaa hoo Baayibilii keessa eessatti argama?
Dabalatanis namoonni achi dura jiraatan hoo amantiin isaanii maal ture? Fi
Ragaan isaa hoo?

πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
4⃣ffaa- " #Amantii #Kiristaan" jedhama:
➑ akka theology Kiristaanaatti #Amanti" jechuunuu maal jechu? Fi namni tokko Amantii osoo hin qabne, nama Waaqaa ta'uu danda'aa?
Yookaa namni tokko, nama Waaqaati jedhamuuf ( nama Amanee jedhamuuf ) hulaagaaleen guutatuu qabu, akka Amantii Kiristaanaatti maali? Ragaan hoo?
Ammas akka theology Kiristaanaatti, ilmi namaa ka Amantiin Kirstaana dura ture:
➑ jiruu bara Baraa argatuu ( Jannata argatuu)?
I. Yoo Ka argatan taate, akkamiin argatuu?
II. Yoo ka hin arganne taate hoo
➑maaf dhabu? ( Badii maaliitiif dhabuu?)
➑ eessa jiraatulle, eega Jannata hin arganne?
AKKA WORRA Amantii Kiristanatti jechuu kooti?
Ragaani isaa hoo?
III. Waaqni Yeroo isaan uumu hoo, KAAYOO wohiitiif moo kaahoo malee isaan uume?
Yoo kaahoo wohiitiif isaan uume, kaayoo maaf isaan uume?
Yoo kaahoo malee isaan uume ka jedhamu taate,
➑ Waaqni isaanuma qofa moo Ilma namaa hunda kaahoo malee isaan uume?
Ragaan hoo?
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
5⃣ffaa- Abraaham ( Ibraahim), Muusee ( Musa), Yesuus ( Isa), nagahaa fi Rahamannii Rabbii isaan Irratti haa jiraatuu,
πŸ…°. Amantiin Isaanii maal ture?
πŸ…±. Ragaan isaa hoo?

πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€

6⃣ffaa- pheenxee, Kaatolikii, Ortodoksii, kkf
dameewwaan Amantii Kiristaanummaa keessatti dubataman jiru.
πŸ…°. Fkn #Peenxee jechuun maal jechu?
πŸ…±. Eenutuu moggaase?
C. Ragaan hoo?
Akkasuma hunda isaatuu, hiikni isaa maal jechu? Ennutu moggase? Ragaan isaanii Bayibilii kessatti eessatti argama?
Kkf......................

#Gabaabinnaan mee worroonni Islaamumman ala jiraatan, gaafiiwwan asii olii tanneeniif #deebii #ragaan #mirkanaahu qabuu?

πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡
#Wolumaa #galatti, Hayyoonni Islaamaa akka dubbatanitti, nama jallinna keessa jiru tokko itti himtee ragaan dhugaa jiru ibsuufii dura, jallinnaa fi dukkana inni keessa jiru gaafii irraan gaafii dabaltee hubachiisuun, eega namni sun jiruun isaa fi adeemsi isaa baduu hubate furmaata dhabuu amane waan furmaata isaa ta'uu itti himuun isaaf fayyaa jireenna isaa ta'aa jedhu. Maaliif jennaan namni adeemsa isaa keessatti furmaata dhabe, furmaata rakkoo isaatii ta'uu ati yoo fidde waan carraa biroo hin qabneefii diduun isa hin baasu jechuu beeka waan taateef jecha.

Karaan jallinnaa hagam haga fagaatuu fi hagam akka dukkane ta'e eega ifa baafnee, #xurreen #qajeelluma ta namni hordofe #milkaahu hoo #tamii ka jedhu kutaa itti aanutti yoo Rabbiin nuuf fedhe kan laallu ta'aa obsaan nu eegadha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504
Kutaa 5ffaa πŸ…±οΈ
" #Ani #immoo #yeroo #sanatti, '#Matumaa #ani #isin #hinbeeku, #isin #yaa #warra #hamaa #hojjettanii, #ija #koo #duraa #badaa!' jedheen (mul'inatti isaanitti hima?) jedhe."
7:22-23 α‰ α‹šα‹« α‰€αŠ• α‰₯α‹™α‹Žα‰½α’ αŒŒα‰³ αˆ†α‹­α₯ αŒŒα‰³ αˆ†α‹­α₯ #α‰ αˆ΅αˆαˆ… #α‰΅αŠ•α‰’α‰΅ #αŠ αˆα‰°αŠ“αŒˆαˆ­αŠ•αˆαŠ•α₯ #α‰ αˆ΅αˆαˆ…αˆ΅ #αŠ αŒ‹αŠ•αŠ•α‰΅αŠ• #αŠ αˆ‹α‹ˆαŒ£αŠ•αˆαŠ•α₯ #α‰ αˆ΅αˆαˆ…αˆ΅ #α‰₯α‹™ #α‰°αŠ αˆαˆ«α‰΅αŠ• #αŠ αˆ‹α‹°αˆ¨αŒαŠ•αˆαŠ•? α‹­αˆ‰αŠ›αˆα’
α‹¨α‹šα‹«αŠ• αŒŠα‹œαˆα’ #αŠ¨α‰ΆαŠ αˆ‹α‹ˆα‰…αŠ‹α‰½αˆαˆα€ #αŠ₯αŠ“αŠ•α‰° #α‹“αˆ˜α€αŠžα‰½α₯ #ከαŠ₯αŠ” #αˆ«α‰ #α‰₯ዬ #αŠ₯αˆ˜αˆ°αŠ­αˆ­α‰£α‰Έα‹‹αˆˆαˆα’

Qabxiiwwan ijoon Maatewos 7:22-23 irraa hubannu:-

1ffaa- Worroonni maqaa Yesuusiin raajii dubbanna jedhu, maqaa Yesuusiin hafuura hamootaa baasnaa jedhu, maqaa Yesuusiin hojii aangoo hojjannaa jedhu hundi worra Yesuus isaan waakkatu. Worroota Yesuus isaan waakkatu jechuun, worrota dalaggaan isaan dalagan barsiisaa fi ajaja Yesuusiin ala ta’ee jechu. Wonti Yesuus hin barsiisinii fi hin ajajin maaliidhaa yoo jettaan Yesuus gooftaa naan jedhaa jedhee hin barsiifne, akkasumas Yesuus maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa, raajii dubbadhaa wolumaa galatti maqaa kiyyan daldala banadhaa jedhee hin ajajne jechu.

2ffaa- Worroonni Yesuus isaanii waakkatu sunniinillee Muslimoota miti. Sababni isaallee Muslimni #Yesuusiin gooftaa #hin jedhu ( Yesuus Ergamaa Rabbiiti jedha)
Muslimni #maqaa #Yesuusiitin hafuura hamootaa baasna, raajii hojjanna waan hin jenneef jecha. Kanaafuu worroonni Yesuus isaan waakkatu worroota Kiristaanaati.
Sababni isaallee #kiristaanni #Yesuusiin #gooftaa #jedhu #waan #ta’eef akkasumas
worroonni maqaa Yesuusiin raajii hojjanna jedhu, hafuura hamootaa baasna jedhu waan Kiristaana ta’eef jecha.

3ffaa- Worroonni/ Namoonni Yesuusiin gooftaa jedhu, kan maqaa Yesuusiin raajii hojjanna jedhu, kan maqaa Yesuusiin hafuura hamootaa baasna jedhu, kan maqaa Yesuusiin hojii aangoo hojjannaa jedhu hundi namoota Yesuus isaan argaa jibbu worra hamaa (diddoota) ta’uu nuuf ibsa. Worroota Yesuus isaan arga jibbu jechuun worraa waan Yesuus hin barsiifnee fi hin ajajne dalagu, worra dhugaa dhiisee badii hojjatu worra hamaa (haqa diddoota) jechuudha.

4ffaa- Yesuus maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa jedhee ajaajuu akka hin dandeennee fi innuu hafuura Waaqaatiin ( fedhii Rabbiitiin) akka baasaa ture Maatewos 12:28 nuuf addeessa.

❝Ani garuu hafuura Waaqayyootiin hafuurota hamoota kanan baasu erga ta'ee, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera.❞
β€”Mat. 12: 28
Kanaafuu Yesuusii hafuura Waaqaatiin hafuura hamootaa baasetu sirriidha moo worroota maqaa Yesuusiin hafuura ni baafnaa jedhee dubbatutu sirri? Yesuus osoo ufitti aangoo fi dandeettii qabaatee hafuura Waaqaatti hin hajamu. Kanaafuu Waaqaa Yesuus qarqaarsifate san qarqaarsifatanii waa hojjatuu qofatu qajeelluma malee kan kanaan alaa kamuu jallinna ta’uu ifatti mudhisaa jechu.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Worronni baruumsa Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wol bira qabuun baratu barbaaddan garee Chaanaala asii gadii tuqaa seenaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦
#Kutaa #19ffaa
πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

#Hojii #manaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Ragaa Yohannis 12:49-50 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡πŸ‡

Wangeela Yohannis 12:49-50
Abbicha #isuma #na #ergetu ofii isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome malee, ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne. Dubbiin inni na abboomes, jireenya bara baraaf akka ta'e ani beeka; egaa #waanan #jedhu, akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha" jedhe.
#αŠ₯αŠ” #ከራሴ #αŠ αˆα‰°αŠ“αŒˆαˆ­αˆαˆαŠ“α€ ነገር αŒαŠ• #α‹¨αˆ‹αŠ¨αŠ አα‰₯ αŠ₯ርሱ α‹¨αˆαˆˆα‹αŠ• α‹¨αˆαŠ“αŒˆαˆ¨α‹αŠ•αˆ #ቡαŠ₯ዛዝ #ሰጠኝፒ ቡαŠ₯α‹›α‹™αˆ α‹¨α‹˜αˆ‹αˆˆαˆ αˆ•α‹­α‹ˆα‰΅ αŠ₯αŠ•α‹° αˆ†αŠα‰½ αŠ α‹α‰ƒαˆˆαˆα’ αˆ΅αˆˆα‹šαˆ… #αŠ₯αŠ” α‹¨αˆαŠ“αŒˆαˆ¨α‹αŠ• #አα‰₯ #αŠ₯αŠ•α‹° ነገረኝ αŠ₯αŠ•α‹²αˆ αŠ₯αŠ“αŒˆαˆ«αˆˆαˆα’

Gafii πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Akka ragaa Yohannis 12:49-50 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesuus Waaqni na erge malee ofii isaatii waanan dubbadhu na hin abboomnee ( na hin ajajnee) jedhe.
B. Yesuus ani waan gooftaa ta'eef ofuma kootiin waan dubbachuu qabu dubbadhaa jedhe.
C. Yesuus dubbiin ani ufi irraa kaasee dubadhu jireenya bara baraati jedhe.
D. Yesuus wanta kamuu ajaja Waaqatiin osoo hin taane akka ufii fedhetti dubbadhaa jedhe.
E. Deebiin hin jiru.βœ…βœ…βœ…

πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦πŸ₯¦

β†ͺ Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

β†ͺ hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa dirqama keessan bahaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa Yohannis 12:49-50 irraa argannu;

1ffaa- Yesuusiin Rabbiin akka isa erge fi inni ergamaa Rabbii ta’uu ifatti mirkaneesse (#Abbicha #isuma #na #ergetu yeroo jedhu).

2ffaa- Yesuusiin Rabbiin yeroo isa ergu, bilaashumatti yookaa kaayoo malee isa hin erginee, waan inni dubbatuu qabulle isa ajaje (#Abbicha #isuma #na #ergetu #ofii #isaatii #waanan #dubbadhu #na #abboome #malee yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus wonti inni ufi irraa kaasee dubbatu tokkoo akka hin jirree fi wonti inni dubbatu kamuu waan Waaqaan ajajame qofa akka ta'e ifatti mudhise (#ani #ofuma #kootiin #hin #dubbanne yeroo jedhu).

4ffaa- Jireenni bara baraa kan argamuun, ajaja Rabbiin Yesuusiin ajajee inni namatti geesse ilmi namaallee raawwatuun qofaan akka taate, ajajni Phaawuloos kennuu mitii ka Yesuusuu ufi irraa kaasee kennuun jireenni bara baraa akka hin argamne ifatti mirkaneesse (#dubbiin #inni #na #abboomes, #jireenya #bara #baraaf #akka #ta'e ani beeka yeroo jedhu).

5ffaa- Wanti Yesuus dubbatu kamuu akka fedhii isaatti waan dubbate osoo hin taane, akka Rabbiin isa ajaje qofatti akka ta'e ifa baase (#waanan #jedhu, #akka #abbaan #anatti #himettan #dubbadha yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa πŸ‘‡

https://t.me/Xaalibu6504