Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
Kutaa 6ffaa

Eddoon Yesuus ani Waaqaa na Waaqefadhaa jireenna bara baraa (Jannata) argattanii itti jedhe jiraa?

Akka Yesuus barsiisaa turetti worri mootummaa Waaqaa argatu nama Yesuusiin gooftaa jedhe moo nama ajaja Waaqaa raawate?

Worroonni/ Namoonni osoo yesuus na waaqiffadhaa (nagabbaraa) hin jenne isaa waaqeffatanii isaa abbomna jedhanii badhaasa moo adabbituu isaan eeggata laata?

Yesuus maqaa kiyyaan raajii dubadhaa, hojii aangoo hojjadhaa, akkasumas maqaa kiyyaan hafuurota hamoota baasaa jedhee barsiisee jiraa?

Worroonni/ Namoonni maqaa Yesuusiin waan Yesuus hin ajajin hojjatan maqaa Yesuusiin daldalan, ka ammoo Yesuus guyyaa Qiyaamaa jallatoo ta’uu isaaniitti ragaa bahu eennu beektuu? Worrota Muslimaatii
moo? Worroota Kiristaanaati?

Mee gaafiiwwan asii olii hunda isaatuu ragaadhaan haa ilaallu

I. Eddoon Yesuus afaan isaatiin ani Waaqaa na Waaqefadha jireenna bara baraa (Jannata) argattanii jedhe jiraa? Gaafii jedhuuf deebiin isaa Maatewos 15:8-9 keessatti arganna
Maatewos 15:8-9 👇🏻
"'Sabni kun afaan isaatiin ulfinaa naaf kenna,garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha;"
" #ana #waaqessuun #isaanii #akkasumaan, #abboommii #namaa #akka #seera #Waaqayyootti #barsiisu isa jedhe ba'eessa dubbate" jedhe."
15:8-9 ይህ ሕዝብ በከንፈሩ ያከብረኛል፥ ልቡ ግን ከእኔ በጣም የራቀ ነው፤ #የሰውም #ሥርዓት #የሆነ #ትምህርት #እያስተማሩ #በከንቱ #ያመልኩኛል ብሎ በእውነት ትንቢት ተናገረ።

Qabxiin ijoon Maatewos 15:8-9 irraa hubannu, Yesuus afaan isaatiin na Waaqefadhaa Jannata argattanii osoo hin taane:-
1ffaa- Namni Yesuus waaqessuu nama seeera nama fudhate (ajaja nama hordofu) malee nama seera Waaqaa hordofuu miti isaaniin jechuu isaa hubanna.

2ffaa- Namni Yesuus waaqessu nama afaaniin Yesuusiin jaalanna jedhu kan immoo garaan isaa Yesuus irraa fagaata ta’e jechu. Nama Yesuusiin irraa garaan isaa fagoo jechuuns nama barsiisa Yesuus irraa fagoo yookaa worroota haqa Rabbii irraa fagaate jechuudha.

3ffaa- Namni Yesuusiin waaqessuu nama akkasumaan galata wohii barbaaduu malee bilaasha Yesuusiin waaqessu. Nama dalagaa mindaa hin qabne worra ifaajee hoongoo ifaajuu isaaniin jedhe.

II. Akka Yesuus barsiisaa turetti Worroonni mootummaa Waaqaa argatu nama Yesuusiin goofta jedhe moo nama ajaja Waaqa raawate?
III. Worroonni/ Namoonni osoo Yesuus ana Waaqefadhaa ( ana gabbaraa) hin jennee isa Waaqeffatanii isaa abbomna jedhan badhaasa moo adabbituu isaan eeggata laata? Gaafiiwwan jedhuuf deebiin isaa Maatewos 7:21 keessatti ifattii kaayamee jira.
Maatewos 7:21 👇🏻
" Yesus, "#Jaalala #abbaa #koo #isa #waaqa #irraa #nama #hojjetutu #mootummaa #waaqaatti #gala #malee, namni, 'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu (duwwaadhaan ) itti gala miti."
7:21 #በሰማያት #ያለውን #የአባቴን #ፈቃድ #የሚያደርግ #እንጂ፥ ጌታ ሆይ፥ ጌታ ሆይ፥ የሚለኝ ሁሉ መንግሥተ ሰማያት የሚገባ አይደለም።

Qabxiiwwan ijoon Maatewos 7:21 irraa hubannu:-

1ffaa- Namni mootummaa Waaqaa ( Jannata Rabbii ) barbaadu, jaalala abbaa (ajaja Rabbii) hojjatuu qofaan argata.

2ffaa- Namni ajaja Rabbii hojjatuu dhiisee Yesuusiin gooftaa jedhu kamuu Mootummaa Waaqaa ( Jannata Rabbii) hin seenu.

3ffaa- ‘duwwaadhan’ jechi jedhu jecha afaan Oromoo irratti dabalame malee, lugaawwaan biroo keessa hin jirre, tooftaa worri haqa faalu Yesuusiin maalummaa isaa dhoksuuf (Yesuus goofta jedhanii ibsuuf) fayyadaman ta’uu ibsa.

IV. Yesuus maqaa kiyyaan raajii dubadhaa, hojii aangoo hojjadhaa, akkasumas maqaa kiyyaan hafuura hamootaa baasaa jedhee barsiisee jiraa?
V. Worroonni/ Namoonni maqaa Yesuusiin waan Yesuus hin ajajin hojjatanii maqaa Yesuusiin daldalan, kan immoo Yesuus guyyaa Qiyaamaa jallatoo ta’uu isaanitti ragaa bahu eennu beektuu? Worrota Muslimaati moo worroota Kiristaanaati? Gaafiiwwan jedhuuf deebiin
Maatewos 7:22-23 keessatti argama:-
Maatewos 7:22-23 👇🏻
" Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay'een, '#Yaa #gooftaa, #yaa gooftaa, nuti maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay'ee hojjenneerra mitii?' anaan jedhu.

♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #20ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Hojii #manaa
👇👇👇

Ragaa #Yohannis #5:30 dubbisuun, gaafii itti aanee dhufuuf, deebii sirrii ta'e filadhuu deebisi.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Wangeela #Yohannis #5:30
❝Yesus itti dabalee, "#Ani #humna #kootiin #homaa #gochuu #hin #danda'u; abbaa koo irraa akkan dhaga'etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. #Anoo #yaada #koo #duukaa #bu'uu #hin #barbaadu, 'yaada #isa #ana #ergee #duukaan #bu'a malee.❞
#እኔ #ከራሴ #አንዳች #ላደርግ #አይቻለኝም፤ እንደ ሰማሁ እፈርዳለሁ ፍርዴም ቅን ነው፥ #የላከኝን #ፈቃድ #እንጂ ፈቃዴን አልሻምና።

Gafii 👇👇👇
Akka ragaa Yohannis 5:30 keessatti dubbatametti, hima kamtuu sirriidha?
A. Yesus, ani humna kootiin homaa barbaade gochuu ni danda'aa jedhe.
B. Yesuus akka ufii barbaadutti farada malee akka abbaa koo irraa dhaga'etti hin faraduu jedhe.
C. Yesuus anoo yaada koo duukaa bu'uu barbaadaa malee yaada Waaqa duukaa bu'uu hin barbaadu jedhe.
D. Deebiin hin jiru.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Worroonni Amantii Kiristaanaa nuuf deebisaa.

hawaasni keenna ammoo worroota Amantii Islaamummaatiin ala jiran biraan gahaa haqa jiru hubachiisaa.

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaa #Yohannis 5:30 irraa argannu;

1ffaa- Yesuus akka aangoo waan barbaadeen hojjatu #takkalle hin qabne fi akkasuma Waaqaa hin taanee ifatti nama sammuun isaa waa yaadduu mirkaneesse. (#Ani #humna #kootiin #homaa #gochuu #hin #danda'u gaafa jedhu).

Mee ragaa wa'ee #amala(sifa) #Waaqaa ibsu haa ilaalluu:
#Macaafa #Faarfannaa 135:6
“Bantii waaqaa irratti, lafa irrattis, galaanotaa fi tuujjuba hundumaa keessatti, #Waaqayyo #waanuma #isatti #tole #in #hojjeta.”

2ffaa- Yesuus waan Rabbiin isa #ajaje #qofa irratti murteessa malee waan fedha isaa tokkollee irratti hin murteessu, ajaja Rabbiin isatti kenne irratti murteessu sun ammoo (wontu kun gaarii hojadhaa, wonti kun hamaa irraa fagaadhaa jechuun) murtee qajeelaa akka ta'e (#abbaa #koo #irraa #akkan #dhaga'etti #nan #farada; #firdiin #ani #faradus #qajeelaa #dha yeroo jedhu).

3ffaa- Yesuus fedhii fi yaadaa isaa tokkoo hordofuu hin barbaadu, sababa inni #ergamaa Rabbii ta'eef ajaja #Waaqaa qofa Raawwataa ture (#yaada #koo #duukaa #bu'uu #hin #barbaadu, #'yaada #isa #ana #ergee #duukaan #bu'a #malee yeroo jedhu).

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaalibu6504
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #35ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa ittiin madaallu:

Yesuus Waaqaa jedhanii worroota yaadanii fi morman, xurreen deebii isaanii kenninuun keessaa tokko, Waaqni hojii ofii hojjata moo ka qaama birooti? Waaqni guyyaa boruu ni nyaachisee obaasa moo (worroota isaa bule), ofii isaatii nyaatee dhuga laata⁉️ gaafii jedhu gaafatu. Mee ragaawwan asii gadii keessaa kamtuu amala Waaqaa mudhisa?

A. #Yohannis 4:34 " Yesus immoo, "#Nyaanni #kan #koo jaalala isa na #ergee #gochuudhaaf #hojii #isaa #raawwachuu dha. #የዮሐንስ #ወንጌል 4:34 "ኢየሱስም እንዲህ አላቸው። #የእኔስ #መብል #የላከኝን #ፈቃድ #አደርግ #ዘንድ #ሥራውንም #እፈጽም #ዘንድ ነው።" Amaloonni Wangeela kana keessatti argamu hundi, amala Waaqumma hin garsiisu. #Yesuus #kaayoo #Waaqaa #malee ka mataa kootii hin qabu waan jedheef.

B. #Yohannis 5:24 "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee #isa #ana #ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.” #የዮሐንስ #ወንጌል 5:24 እውነት እውነት እላችኋለሁ፥ ቃሌን የሚሰማ #የላከኝንም #የሚያምን #የዘላለም #ሕይወት #አለው፥ ከሞትም ወደ ሕይወት ተሻገረ እንጂ ወደ ፍርድ አይመጣም።
Akka ragaan Wangeela kanaatti, #Yesuus #natti #amanaa #hin #jenne waan ta'eef, Yesuus amala Waaqummaa akka hin qabne mirkaneesse.

C. #1 #Qorontos 15:28 "Wanti hundinuu ilma Waaqayyoo jala yommuu galfamu, #ilmi (#Yesuus) immoo ofii isaatii, #Waaqayyo #isa #waan #hundumaa #miilla #isaa #jala #galche #jala #in #gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta'a." 1ኛ #ወደ #ቆሮንቶስ #ሰዎች 15:28
ሁሉ ከተገዛለት በኋላ ግን እግዚአብሔር ሁሉ በሁሉ ይሆን ዘንድ በዚያን ጊዜ #ልጁ #ራሱ #ደግሞ #ሁሉን #ላስገዛለት #ይገዛል። Yesuus #miila #Waaqayyo #jala #gala jechuun, Yesuus gonkumaa Waaqumma hin qabu jechuu ibsa.

D. #Maatewos 26:29
“Ammaa jalqabee hamma guyyaa gaafa ani #mootummaa #abbaa #koo #keessatti isa haaraa #isinii #wajjin #dhugutti, deebi'ee daadhii waynii kanaattii akkan hin dhugne isinittan hima" jedhe. #የማቴዎስ #ወንጌል 26:29 ” ነገር ግን እላችኋለሁ፥ #በአባቴ #መንግሥት #ከእናንተ #ጋር #ከዚህ #ከወይን #ፍሬ #አዲሱን #እስከምጠጣበት እስከዚያ ቀን ድረስ ከዛሬ ጀምሬ አልጠጣውም።
Yesuus #mootummaa #Waaqaa #keessatti #ni #dhugaa jechuun, Yesuus kaleessalle fuundurattille Waaqumma hin qabu jechuu addeessa.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Qabxiiwwan #ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Ragaan Wangeela #Yohannis 4:34 kun wonti inni garsiisu, Yesuus #ajaja fi #fedhii #Waaqaa #qofa geessuu akka jiraata ture, kun ammoo inni(Yesuus) amala Waaqumma akka hin qabne hubanna.

2ffaa- Ragaan Wangeela
#Yohannis 5:24, Yesuus Jannata argatuu yoo barbaaddan, #Waaqatti (#isa #ana #ergetti) #amanaa jedhe malee, ani Waaqaa natti amanaa akka hin jenne hubanna. Ka dubbii kana #faallesu, faalla Jannata (#ibidda) nama seenuu barbaadu ta'uu hubanna.

3ffaa- Akka ragaa 1 #Qorontos 15:28 ammas, Yesuus Waaqa isa waa hundumaa mila isa jala galche jala ni gala jechuun, #Yesuusille ufii isaatiiyyuu Waaqaa ni #waaqeffata jechuudha. Kanaafuu #gabbaramaan #dhugaa (#Waaqni #dhugaa) isa wontu hunduu isaaf abbomu, kan Yesuusille isa waaqeffatu san ta’uu namuu beekuu qaba jechuudha.

4ffaa- Akka ragaa #Maatewos 26:29 Yesuus guyyaa boruu (#Qiyaamaa) #Jannata akka #seenuuf, #dhangaa #Jannata akka #dhugu ifa baase. Kun immoo, Yesuus kaleessalle fuundurattille gabricha Rabbii malee amala Waaqumma akka hin qabne mirkaneessee jechuudha.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️
Gaafii fi yaada baruumsa kana irratti qabdan kamuu, eddoo #'leave a comment' jedhu tuquun bareessuu hin dagatinaa.
Namoonni miseensa asiin dura hin ta'in, baruumsa fakkata kanaa, ka asiin dura #kennamaa #turanii fi kana boodas #kennaman argachuu yoo barbaaddan, linkii asii gadii tuquun, garee Telegiraamaa seenaa nu hordofaa 👇

https://t.me/Xaaliburidallah