🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙚𝙞𝙡𝙞𝙢𝙀𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚⛈⛈⛈⛈⛈
2.37K subscribers
51 photos
2 videos
9 files
113 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢዚሱስም ኚፈሪሳውያንና ኚሰዱቃውያን እርሟ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላ቞ው። (ማ቎ዎስ 16:6)
Download Telegram
🌹⬇ kutaa_ 55 ffªª 🌺⬇
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔺Gaaffii fi Deebi
👉Muslimoota
✍Yohaannis 13:16
Dhuguma dhuguman isiniin jedha, garbichi gooftaa isaa irra hin caalu,
#inni_ergames isa
#isa_erge irra #hin_caalu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔺 Gaaffii isaanii
⓵= Abbaan Kiristoos ni
#caalaa jedhuu.❓
=inni Erge
#Abbaadha
=inni Ergamee
#Kiristoos.
▬▬▬▬▬▬▬▬
📍Deebii keenya
⓵=Erga Abbaan Kiristoos ni caalaa jettanii maalidhan caalaa jennee gaafachuu qabnaa...❓
➡ Jalqabaa dura Abbaa fi Kiristoos akka walii hin caalee ibsu qabna.

📍RAGAA KITAABA👇
📍A.))👉
#Abbaan Alfaa fi Omega dha
⓵=Mul’ata Yohaannis 1:8
Ani Alfaa fi Omeegaa dha” jedha
#Waaqayyon, “inni jiru, inni turee fi inni dhufu, inni Hundumaa Dandau Sun.”.
📍B.))👉
#Kiristoos Alfaa fi omega jedhama
⓶=Mul’ata Yohaannis 22:13
#Ani Alfaa fi Omeegaa, isa
duraa fi
isa boodaa, isa jalqabaa fi isa xumuraa ti

🌹kanafuu erga
#lamaan isaan iyyuu Alfaa fi Omega tani wali hin caalanii Tokko jechudha yookiin waliqixxa jedha.
🔳🔳🔳🔳🔳🔳🔳
📍Gara mataa Duree keenya yeroo deebinuu immoo.
➡ Kiristoos maalif inni Ergamee
isa Erge irraa hin caaluu jedhee ree..❓yeroo jennuu.
🌞 Kiristoos sababa
isa ofuma isaan ibsee jira, Fakkeenyaaf
akkasii jedhe
isa erge fi ergame jedhe )) inni ergamee gara lafaa kana dhufee #milaa namoota dhiqee.
Inni erguu immoo
#yoomi milaa nama dhiqee ❓lakki Abbaan Gonkumaa hin dhiqine.
📕 Kiristoos sababa mila nama dhiqeefi inni argame isaa ergee irraa hin caaluu kani jedhee kanafi (Yoh 13:16) irratti , garaa olitti gochaa hunda erga rawate akkasii jedhee👇
⓷=Yohaannis 13:14_16
Ani
#Gooftaa fi Barsiisaa taee utuun jiruu #miilla keessan ergan dhiqee, isinis miilla keessan waliif dhiquu qabdu.
#Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan
#Ani_fakkeenya isiniif taeera Dhuguma dhuguman isiniin jedha, #garbichi gooftaa isaa irra hin #caalu, inni ergames isa isa erge irra hin caalu

🌞 yookin immoo Kiristoos kunis Anii isin
#Tajajiluf dhufee jedhee dubbatee jira,Abbaan garuu akkana #gonkumaa hin jennee.
⓾=Maarqoosi 10:45
#ilmi_namaa iyyuu, warra kaan #tajaajiluu fi lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf dhufe
malee, akka
#isa_tajaajilaniif_hin_dhufne.

👉 Qaabxiwwan hubbachu qabnuu wanta lama jira
📍C.)) Kiristoos namoota Tajajiluf akka dhufee.
📍D.)) Jechi akka isanii isaa Tajaajilaatiinif hin dhufnee jedhu immoo Kiristoos Waaqa ta'u ibsuuf ,
_ sila dhali nama hundi
isa tajaajiluu qaba ,kanafu Kiristoos kuni Eenyu ree.❓kani namoonni hundi isaa tajaajilini kun deebii isa waaqa jechuudhaa.

🌹Kiristoos gara namoota dhufee ,foonii keenyaa
#uffatee #hiyyeessaa ta’e ,Abbaan garuu
Gonkumaa foonii nama wani hin uffanef hiyyeessaa jedhamee hin beekuu.
📍E.)) Abbaan hiyeessaa miti
📍F.)) Kiristoos sababa keenyaaf hiyeessa jedhamee.
=yeroo kana Abbaan Kiristoos ni caalaa.
⓹=2 Qorontos 8:9
isin gaarummaa
#Gooftaa keenya Iyyaasuus
#Kiristoos isa guddaa beektu; #inni_sooressa taus, isin karaa hiyyummaa isaa sooreyyii akka taataniif #isiniif jedhee #hiyyeessa tae.
⓺=Filiphisiiyus 2:6_7
#inni bifa Waaqayyootiin kan ture taus, #Aangoo Waaqayyoo saamuuf, jechuunis Waaqayyoo #wajjin_qixxee tauuf hin
yaadne. Kanaa mannaa
#duwwaa ofi godhe; #bifa garbummaa fudhatee #nama tae
➡ kanafuu sababa foonii keenyaa kana uffatee nama ta’e Waaqayyo wajjiin ofii qixxeessu hin dandeenye Abbaan Kiristoos ni caala jechuudhaa.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺 link waldaa keenyaa Goofoon Qulqulloota Maariyaamidha jedhuu irratti
Koota
#sagalee fi #barreffamaa barachuu dandeessu👇

@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞
🌹➡ kutaa _ 56 ffªª 🌞👇
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
🔳 Gaaffii fi Deebii
🔳 Muslimoota👈
✍ Yohaannis 13:20👇
Dhuguma dhuguman isiniin jedha,
#isa_Ani_ergu kan simatu hundi Anas ni simata, namni Anaan simatu hundi immoo isa Ana erge Sana simata.”
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 Gaaffii isaanii
1➩ kani Kiristoos erguu kuni Muhammadi jedhuu...❓😁
▬▬▬▬▬▬▬▬
🔳 Deebii keenya👇
🌺 kitaaba keenya keessa lakki
#foolii_muhammadi hin jiruu kani jedhuu ta'a.
📕Gaaffii nutti muslimoota gaafanu immoo
1=inni Kiristoos ergu kuni Eenyufi ergama...❓
2=Kiristoos eenyutu dubbachaa jira❓duuka buoota isaa moo❓biyya Araba deeme isaanii wajjin dubbachaa jira..❓
🔺✍ lakki Kiristoos dukka buoota isaati dubbachaa jira yoo,ta’e ,kani Kiristoos erguu suni illee duuka bu'ootaf jechudha.

❀ ragaa keenyaa immoo Kiristoos duukaa bu'oota isaatti isiniif erga jedhee.,
🍊Yohaannis 13:20
Dhuguma dhuguman
#isiniin jedha, isa #Ani_ergu kan simatu hundi Anas ni simata, namni Anaan simatu hundi immoo isa Ana erge Sana simata.”
🌺❀ kanafi
#Jechi_isiini nan jedha jechuu eenyu ibsa kuni duuka buoota ibsaa, kanafuu yeroo duuka buooni jirani sana immoo #muhammadi kani jedhamuu hin jiru ,waggaa 600 booda dhufee ,yeroo sana immoo duuka buooni Kiristoos boqatani jiruu.
▬▬▬▬▬
➡Qabxiiwwan kana ilaala.
A➩ Kiristoos qaama tokko ni erga.
B➩Abbaan immoo Kiristoos ni erga.
C➩ qaamni Kiristoos erguu kuni Affuurra Qulqulluu moo❓muhammadi laata ❓
🌞 akka yaadaa
#Muslimoota yoo,ta’e
A=Abbaa
B=Kiristoos
C=muhammadi
Abbaa➛Kiristoos➛muhammad
➡ Akka
#orthodoksi immoo
A=Abbaa
B=Kiristoos
C=Affuurra Qulqulluudha
➩Abbaa➛Kiristoos➛Affuurra Qulqulluudha.

✍deebii sirrii akka orthodoksitti dhugaa. maalif yoo,jedhame Affuurri Qulqulluun duuka bu'oota Kiristoos wajjin turee Kiristoos Ana booda kani dhufu jedhe ,kanafuu kuni immoo gara duuka bu'oota Kiristoos kani dhufee
#Affuura_Qulqulluudha malee muhammadi miti

🌺
#Ragaa_kitaaba_Qulqulluu
📍=Ⓐ👉Maatewos 10:20
Kana kani dubbatu isin qofa miti;
#Afuura_Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee
➩Kiristoos dukaa bu'oota jecha jira
📍=Ⓑ👉Luqaas 12:11-12
Yeroo walgaii uummataa duratti, akkasumas abbootii taayitaa mootummaa fi warra
#Aangoo qaban duratti isin dhiheessan akkamitti yookiin maali jennee #falmanna yookiin maali jenna jettanii hin
yaaddainaa sababiin isaas,
#Afuurri_Qulqulluun_saaatii sanatti wantoota dubbachuu qabdan isin barsiisa.

📍=⒞👉Luqaas 21:13_15
Kunis akka dhugaa baatan carraa isiniif bana.Kanaaf,
#akkamitti_falmanna jettanii dursitanii hin yaadinaa sababiin isaas, #Ani_dubbii fi #ogummaa #mormitoonni keessan hundi mormuu yookiin falmuu
hin dandeenye isiniif nan
#kenna
📍=Ⓓ👉Yohaannis 15:26_27
#Gargaaraan, jechuunis
#Afuurri dhugaa inni Abbaa keessaa bauu fi #inni_Ani Abbaa biraa isiniif #ergu yommuu dhufu, inni waaee koo
dhugaa ni baa isinis jalqabumaa kaasee anaa wajjin waan jirtaniif anaaf dhugaa ni baatu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➛Lakki jeetani akkuma pheenxee sana ija keessan dunufatani iyyuu yoo,ta’e qofa iyya kaa.
➛Kiristoos muhammadi ni erga
Yoo,jettanii immoo Kiristoos Waaqayyo jechuu keesaani,Sababiin isaa Qur’aanaa keessatti muhammadi kani ergee Alaha dha jettani jiruu. ,Qur’aani immoo muhammadi kani erge Alahadha jedha.
Kanafu
#filannoo_lamaa qofa qabduu
A➩Alaha jechuun Kiristoos jechudha ❓
B➩ muhammadi kani erge Kiristoos moo, Alaha.❓
📍=Ⓔ👉Suura 35:4

وَإِن يُكَذُِؚّوكَ فَقَدْ كُذَِؚّتْ رُسُلٌ مِّن قَؚْلِكَ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ

(Yaa
#Muhammad!) Yoo si sobsiisan, #ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiru Dhimmoonni hundis gara Rabbiitti deebifamu.

😁Jecha Qur’aanaa tokko tokkoon immoo kuno hiikaa isaa ilala👇

وَإِن : And i
يُكَذُِؚّوكَ : they deny you,
فَقَدْ : then certainly
كُذَِؚّتْ : were denied
رُسُلٌ : Messengers#
مِّن : before you.
قَؚْلِكَۚ : before you.
وَإِلَى : And to
ٱللَّهِ : Allah#
تُرْجَعُ : return
ٱلْأُمُورُ : the matters.
✍kanafuu jechi ergamoota (messengers ) jedhuu ,Raajii muhammadi dura yoo,tani, muhammadi immoo isaani booda wani dhufefi, allahatu isaa ergee jechudha.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌹link waldaa kana👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
======//===//========
➩🌺 kutaa _ 59 ffªª 🔳
▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲
📍 Gaaffii fi Deebi
📍Musiliimota
✍ Yohaannis 14:9
Iyyaasuus(Kiristoos) akkana jedheen: “Yaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na
hin beeknee?
#Namni Ana arge hundi #Abbaas argeera. Maarree ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jetta?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉 Gaaffii isaanii
1= gonkumaa siila Namni Abbaa Argee hin jiruu , Kiristoos immoo akkamitti Namni Ana Arge Abbaa arge jedha
jedhuun ..❓
⏯ Ragan isanii immoo kuno👇
1=sera.Bau 33:20
#Namni fuula koo #arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu
2= 1ximotewos 1:17
Mootii bara baraa
isa hin duune, isa #ijaan hin argamne, Waaqayyo tokkicha sanaaf baruma baraan #ulfinnii fi #guddinni haa ta'u! Ameen
3= 1ximotewos 6:16
Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni
#ifa_homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa #hin_argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf #ulfinnii fi #Aangoon bara baraa haata'u! Ameen
4=1Yohaannis 4:12
Yoom iyyuu taanaan namni
#Waaqayyoon_argee beeku hin jiru. Wali #jaallachuu keenya yoo itti fufne, Waaqayyo nu keessa ni jiraata, jaalalli isaas nu keessatti guutuu taa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📍Deebi keenyaa
🔳
#Namni Waaqayyo Arge jira kan jedhu ta'a
🔳
#Ergamoonni Waaqayyo isa arganii jiruu.
    🌺 Namni Waaqayyo arge
         jirachuu isaa kunoo raga
         Keenyaa kitaaba Qulqul
⓵👉sera Uumama 32:30
#Yaaqoobi , “Ani #Waaqayyoon #fuulleetti nan #arge, garuu lubbuun koo ooleera” jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa “Pheeni'el” jedhee moggaase*; [“Pheeni'el” jechuun, “Fuula Waaqayyoo” jechuu dha]
⓶👉Seera. Uumama 18:1
Abrahaam yeroo saafaa balbala dunkaana isaa dura taa'ee utuu jiruu,
#Waaqayyo qilxuu Mamree biraa isatti in #mul'ate
⓷👉Sera.Bau 24:10-11
isaan
#Waaqayyo isa kan Israa'el in argan; miilla isaa jala wanta akka dhagaa Safiiros, isa qullaa'aa akka bantii waaqaatu ture*. Inni harka isaa gurguddoota saba Israa'el kanatti hin buufne; isaan Waaqayyoon in #argan, achitti walii wajjin in nyaatan, in dhuganis
ⓞ👉1 motoota 22:19
Yommus Miikiyaas, “Waaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, macci waaqa irraas hundinuu gara mirgaa isaa fi gara bitaa isaa utuu dhaabatanii
#nan_arge; kanaafis wanta Waaqayyo dubbatu dhaga'i
⓹👉iyyoobi 19:26_27
Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira. Ani ofii kootii
#isa_nan_arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe

⓺👉Raajii isayaas 6:3
Yommus ani, “Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef
#iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan #argeef nan bade!” jedhee nan iyye
⓻👉Mul’ata Yohaannis 22:3_4
Magaalattii keessa kana booda abaarsi hin jiru. Kanaa mannaa teessoon
#Waaqayyoo fi teessoon #Hoolichaa magaalattii keessa taa, garboonni Waaqayyoos tajaajila
qulqulluu isaaf dhiheessu; isaan
#fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni barreeffama
   🌺 Ergamoonni immoo
       Waaqayyo arguu isanii
Ⓦ👉Maatewos 18:10
Dhuguman isiniin jedha, maleekonni(Ergamoonni) isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula
#Abbaa koo isa samii waan #ilaalaniif, warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.
ⓜ👉Luqaas 1:19
Maleekaan sunis deebisee akkanaan jedheen: “Ani Gabrieel
isa #fuula_Waaqayyoo dura dhaabatu dha; akka ani si haasofsiisuu fi misiraachoo kana sitti himuuf ergameera.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌹 Kitaabni iddoo tokko irratti Waaqayyo hoomtuu hin argine jedha , iddoo tokko tokko irratti namni fi ergamoonni argaman jecha , kuni walii hin fakkaatu.
Dogoggora kitaaba moo mitii❓
      🔳 Deebi keenya
✍ Lakki gonkumaa dogoggora mitii jennaa., Kanaaf akkamitti
Yoo, jette immoo............❓❓
➩ iddoo Waaqayyo hoomtuu hin arginee jedhuu irraa jechoota inni fayyadame qofa ilaala.👇👇👇
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺 itti fufi dubbisi 🌺
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉link kana xuqi
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞🌞
🌺⬇ kutaa -65- ffªª ⬇🔳
   📍gaafi fi deebi
   📍musiliimota
✍ Yohaannis 14:16
Ani Abbaa nan kadhadha Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf kani isin jajjabeessu isiinif ni kenna

==================
📍gaaffii isaanii
1=kani jajjabeessu kuni
#muhammadi jedhuu.❓
=======*
🔳 deebi keenya
📍Lakki muhammadi miti , inni Affuurraa Qulqulluudhaa malee.
▲▲▲▲▲▲
➩ Fakkeenyaaf kuni sobaa ta'u isaa hubbachufi. Jalqabaa dura dubbii kana kani dubbate Kiristoos , Kiristoos immoo kani dubbate barattoota isaa 11 qofaatti , baratoonni Kiristoos immoo kani jiran iyarusalemi keessa yookiin
#Israa'el keessa
➩ muhammadi immoo kani jiratu biyya
#Arabaa keessa. Kanafuu eessaati walitti dhufuu ,laata ❓❓
Biyyaa Israa'el jechuun biyya Arabaa jechudha laataa ❓😁

🔳 inni bira immoo barattooni Kiristoos bara34-100 jidduu barattoota jiracha turanii.
Muhammadi dhalate waggaa 40 tti barsisuu eeggale
Amanta musilima bara 610 tti ,
Isaa booda 700 irraa eeggale jedhee jedha seena Islaama
(ragaa kiyyaa .
#how_islama_started)) jedha Google irraa ilaala))

➩kanafuu baratoonni Kiristoos bara 34_100 erga jirtanii ,muhammadi bara 610 erga dhufee ,akkamitti wali argani muhammadi isaan jajjabdessu dandae laata....❓
👉yookaan gaaffii keenya sila Kiristoos barattoota isaatiin jedhee, barattoota Kiristoos keessa tokko immoo Pheexiroos ,kanafuu Pheexiroos fi muhammadi wali argamanii jiru jennee gaafana❓😁
Deebi gonkumaa hin jiru Kanaaf kuni soba.
▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲
🔳 garuu Kiristoos kani jedhee afuurra Qulqulluudhaa malee muhammadi mitii ❌
⓵✍Yohaannis 14:16-17
Ani Abbaa nan kadhadha Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf kan isin jajjabeessu  isiniif ni kenna innis 
#Affuurra_dhugaa sia tau, #addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef fudhachuu hin dandau. Taus inni isinii wajjin waan jiraatuu fi isin keessa waan jiruuf #isin isa ni beektu.
👉 kanafuu Yohaannis 14:16* irraa kani jiruu Yohaannis 14:17 irratti qaamni kuni eenyu akka ta’e ifa godhee jira.
▲inni bira immoo Kiristoos abbaa nan kadhadhaa jedhe ture , Sababa maalif kadhata Abbaan hin beekuu moo❓Raajii iyyuel dubbate hin turee kana duraa ,Eeyyee dubbate jira.
⓶✍Iyyuel.2:28
Waaqayyo ammas, “Bara booddeetti
#ani_hafuura koo #nama hundumaa irratti nan dhangalaasa #ilmaan keessanii fi #intaloonni keessan #raajii in dubbatu, maanguddoonni keessan abjuu in abju'atu, dargaggoonni keessanis mul'ata in argu
➩kanafuu Kiristoos Abbaa nan kadhadhaa jechuun isaa dubbii rajji kana akka rawwatamu ,
Nan godha jechuu Isaati maalee
👉akkuma Kiristoos yaa, abbaa hojji ati lafa irratti nati kinneete xumure jira jedhu, dubbi raji kana immoo isaa tokko turee Innis yaa, rawwatamuu jechu Isaatii.
⓷✍Yohaannis 17:4-5
Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree, lafa irratti ulfina sii kenneera.
Kanaaf, yaa Abbaa ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni
⓾✍Luqaas 24:49
#Ani wanta #Abbaan koo
#abdachiise isiniif #nan_erga Isin garuu hanga #humna gubbaadhaa dhufu uffattanitti magaalattii keessa turaa.”
👉kanafuu nan kadhadhaa jechuun isaa nan erga jechudha maalif yoo,jeetani kani humna kani jedhamee afuuraa Qulqulluu dha, kanafuu. Magaalaa kana keessa tura jedhee ture, afuurri Qulqulluu immoo guyyaa 50ffaa irratti buefi

🅰Inni bira immoo Kiristoos fakkeenya nuufi ta'uf ,Abba nan kadhadha akka Afuura isiniif kennuuf jedhee., malee Kiristoos ofuma isaa Affuurra Qulqulluu kennuuf Aangoo qaba.
⓹✍Yohaannis 20:22
Erga kana jedhee booda
#Affuura isaanitti baafatee akkana isaaniin jedhe: #Affuura_qulqulluu fudhadhaa
🅟 Walumaagalatti waee muhammadi gonkumaa akka hin jire akkasumas, Kiristoos abbaa nan kadhadhaa jechuun isaa hojii Abba koo,nan rawwadha jedhu isaatti ,yookiin akkuma Abbaan Affuura Qulqulluu erguu anis nan erga jechuu isaa akka ta’e ni hubbanna, akkuma Kiristoos jedhe « akkuma Abbaan hanga amma hojjatu ,ilmi illee haluma kani hanga amma ni hojjata jedha.»
⓺✍Yohaannis 5:17
#Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira;#anis nan hojjedha” jedhee isaaniif deebise.
🅱Kutaa -56- ffaa dubbisaa
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/546
======//========
🅰 kutaa-66-ffªª ‵
     🗳gaaffii  fi  deebi
     📥 Musiliimota
✍ Yohaannis 14:24
Namni na hin jaallanne hundi
#dubbii_koo hin eegu. Dubbiin
isin dhagaaa jirtan, kan
#Abbaa isa na erge sanaa ti malee kan #koo_miti
===========//
➩ gaaffii isaanii.
1=Dubbiin kani Abbaatti malee kana Kiristoos mitii jedhuu.❓
▬▬▬▬▬▬//
▲Deebi keenyaa.👇
🔳 Dubbiin kani
#lamaan isaaniitti .
🚯 ragaa keenya 🚷
⓵➛Yohaannis 17:10
#Wanti kan #koo tae hundi kan kee ti; wanti kan #kee tae #hundis kan koo ti; anis isaan gidduutti ulfina argadheera
📍 amma immo dubbii Kiristoos ta'u isaa mirkaneessina.
⓶➛Maatewos 7:28-29
Iyyaasus(kiristoos) yommuu
#dubbii_isaa kana xumuru, namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise
baayee dinqisiifatan sababiin
isaas inni akka
#barsiisota seeraatti utuu hin tain, akka #Nama_Aangoo qabuutti isaan barsiisa ture
👉 Dubbii isaattif Aangoo qaba,
isa ibsaa.
⓷➛Maatewos 8:8
Ajajaan dhibbaa sunis akkana jedhee deebiseef Yaa
#Gooftaa ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu miti; akka inni fayyuuf wanta tokko #qofa_dubbadhu, tajaajilaan koos ni fayya.
👉Dubbii tokko qofaa dubbadhu jedhee ,kani dubbatee eenyu Kiristoos kanafuu dubbi isaa ta'u ibsa.
⓾➛Maatewos 13:34-35
Iyyaasus(Kiristoos) wantoota kana hunda fakkeenyaan namoota sanatti
#dubbate Fakkeenyaan malee isaanitti
hin dubbatu ture; kanas kan
godhe wanta
#raajichi, “Ani fakkeenyaan dubbachuuf #afaan_koo nan saaqqadha #uumamuu addunyaatii jalqabee wantoota dhokfaman
nan labsa” jedhee dubbate raawwachuufi
🔳 kanafuu isayaasiti kani dubbate eenyu bara durii Kiristoos jechuudha.
⓹➛Farfannaa 78:1-2
Yaa saba
#koo_seera koo
dhaga
#Gurra kees gara #dubbii_afaan kootti qabi.
#Fakkeenyaan_afaan koo nan
banadha.wanta dhokta bara duriis nan dubbadha.
👉መዝሙር 78:2
አፌን
#በምሳሌ እኚፍታለሁ ኚቀድሞ ጀምሮ፥ ያለውንም ተምሳሊት እናገራለሁ።
➡ erga xumura raji kana ta’e ,jalqabaa duraa iyyuu Kiristoos Waaqayyo akka ta’e ifa,godhee jira, Dubbiin kuni kani isaatti.
🔳🔳🔳🔳🔳🔳🔳🔳
Gara mataa duree keenya koota.amma immoo.
📍Kiristoos Aangoo isaa Abbaa wajjin qixa ta'u erga ibsee booda ,Dubbiin kani Abbaatti jedhee, kuni immoo Abbaa isaaf kabaja kennuuf turee.
⬇ Aangoo
isa fi,Abbaa tokko ta'u kani ibsu « Ani fi Abbaan wajjin dhufna»
⓺➩Yohaannis 14:23
Iyyaasus(kiristoos) akkana jedhee deebiseef Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega, Abbaan koos
isa jaallata, #Nutis_gara isaa dhufnee bakka #jireenyaa keenya isaa wajjin godhanna.
➩Dubbii kuni kani Abbaatti jechuun isaa immoo Kabaja Abba ibsuuf.
⓻➩Yohaannis 17:4
#Ani_hojii akkan hojjedhu anaaf kennite #xumuree_lafarratti irratti #ulfina sii kenneera.
➡ Abbaan immoo Kiristoos dhaga,dubbii isaa jedha.
Ⓦ➩Maatewos 17:5
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu tokko dhufee isaan haguuge duumessicha keessaas
#sagaleen tokko, “Kun #Ilma_koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. #Isa_dhagaaa” jedhe
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺
#Link_waldaa kana xuqa hordofuu dandeessu.
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
========//============
🏥 kutaa -68-ffªª. 🏥
..................................
➛ gaaffii fi Deebi
➛ Muslimoota.
✍ Yohaannis 14:31
Ani Abbaa akkan jaalladhu addunyaan akka beekuuf,
#akkuma_Abbaan Ana ajajetti nan #hojjedha. Ka'aa, asii haa deemnu
▬▬▬▬▬▬▬
➩ gaaffii isaanii
1=Kiristoos akkuma Abbaan ajajetti hojata malee ofii isaa hin hojjatu,kanafuu inni waaqa mitti jedhuu.❓
========= ||
🔳 Deebii keenya.
📍Kiristoos illee ni hojjataa, akkuma Abbaan hojjatuutti kani jedhuu ta'a.
📍A)).➩Yohaannis 1:3
Wanti
#hundinuus isumaan ta'e waan ta'e keessaas #isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru
➩akka dubbisa kanatti wanti hundi Kiristoosiin erga ta’e ,Kiristoos wanta hundumaa akka godhuu ibsa.

📍B)).Filiphisiiyus 3:20-21
Nuti garuu lammiilee samii ti;
#fayyisaa isa achii dhufu, jechuunis #Gooftaa Iyyaasus Kiristoosiin hawwii guddaadhaan eegganna innis
#humna isaa isa #guddaa #wantoonni_hundi akka isaaf bitaman godhuun,qaama keenya isa dadhabaa qaama
isaa
isa ulfina qabeessa akka fakkaatuuf ni jijjiira.
➩humna guddaa akka qabuu ibsee jira ' kuni immoo ofuma isaa Kiristoos akka rawwatu ibsa.

📍C)).1 ximotewos 1:12
Inni, ani amanamaa akkan
taetti na lakkaaee tajaajilaaf waan na muudeef,
#Gooftaa keenya Kiristoos Iyyaasuus isa #humna naa kenne nan galateeffadha
➩ kanafuu humna kani namaaf kennuu Kiristoos ,erga akkasii ta’e ni galateeffamaa.

📍D)). Qolosaayis 1:16_17
Wanti
#sami keessa jiruu fi wanti #lafa irra jiru #hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii samii keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan #uumaman wanti hundinuu #karaa isaa uumame, isaafis uumame Inni wanta #hundumaa_dura ture karaa isaa wanti hundinuu iddoo godhatee in jiraata
🔳 Kiristoosiin ta’e jedha ammasi,yeroo Kiristoos humna dhabe gonkumaa hin jiru.

📍E)).1 Qorontos 8:6
Nuuf garuu
#Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa, isa waan #hundumaa_uume, isa nuyi maqaa isaatiif #jiraannus. Akkasumas #gooftaa_tokkichatu jira; innis Iyyaasuus Kristos, isa wanti hundumtuu ittiin uumame, isa #nuyi ittiin jiraannus.
➛Abbaa fi Kiristoos samii tokko qofa  Uummamni malee samii gargaara uummamni hin jedhuu .Abbaan illee Kiristoos malee hooma gochuu hin danda'u. Kara Kiristoos addunyaan uumamee.
▬▬▬▬▬▬▬▬
👉Kiristoos maalif akka Abbaan na,ajajeeti hojadha jeedhe ree, jennee yoo, ilaaluu ,
Tokkoffaa Fakkeenyaaf nuuf ta'uf ,abbaafi ajajame .

📍F)). Ibroota 5:8-9
Inni
#ilma_Waaqayyoo yoo tae iyyuu, rakkoowwan isa irra ga'an irraa #ajajamuu barate Guutummaatti gaumsa kan qabu erga taee boodas, warri isaaf ajajaman #hundi fayyina bara baraa akka argatan
itti gaafatamummaan ni kennameef.

📍G)). 1Phexiroos 3:6
kunis akkuma Saaraan “gooftaa koo” jettee isa waamuudhaan Abrahaamiif #ajajamtetti ture. Isinis wanta gaarii gochuu keessan yoo itti fuftanii fi
kan hin sodaanne yoo taatan ijoollee ishii taatu.

📍H)). Filiphisiiyus 2:3-5
#Gadi ofii qabuudhaan warri kaan akka isin irra #caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.
#Isinis ilaalcha #Kiristoos Iyyaasuus qabu sana qabaadhaa.

🔳 Kiristoos Abbaan akka isaa caaluu godhee ,kani mataa isaa hin barbannee. Kanafi Phawuloos yaada Kiristoos sana isin illee qabadhaa jedhe.
🌺 link waldaa kana kuno gara gadi xuqaa hordofa👇👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
⚠⚠⚠⚠⚠⚠⚠⚠⚠
🅰 kutaa-72▪▪ffªª. 🌺
      🪎➛Gaaffii fi Deebi
      🪎➛Musiliimota
✍ Yohaannis 15:15
Garbichi tokko wanta Gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef,
Ani kana booda garboota jedhee isin hin waamu. Kanaa mannaa,
#Ani wantan #Abbaa koo irraa #dhagae_hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera.
▬▬▬▬▬▬
➛ gaaffii isaanii
1= Kiristoos wanta dubbatu hunda Abbaa irraa fudha malee ofii hin beekuu jedhanii ❓
⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌
1⃣ Deebii keenyaa.
Lakki Dubbiin kani Kiristoos. Tau irree ni mirkaneessina
⓵✍Yohaannis 6:68
Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati
#dubbii_jireenya bara baraa #qabda.
👉 akka dubbisaa kanatti dubbii jireenya eenyutu qaba❓deebii isaa Kiristoos jechudha. Erga,dubbii jireenya Kiristoos irraa argamee maaali sii,barbachisaa ree. Kana oli.

⓶✍Yohaannis 6:63
Jireenya kan kennu
#Afuura  foon faayidaa tokko illee hin qabu. #Dubbiin ani isinitti dubbadhe Afuura, akkasumas #jireenya.
⓷✍Yohaannis 6:27
Nyaata baduuf hin
#hojjetinaa; kanaa mannaa nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf, isa #Ilmi_namaa isiniif #kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan chaappaa isaa Ilma irratti godhee #mirkaneesseera.”
⓾✍Matewoos 7:24.
namni
#dubbii_koo kana dhagaÊŒee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.
👉osoo Dubbiin kuni kani Kiristoos ta'u baatee maalif dubbii koo jedha ree?, dubbii Abbaa koo,jedhu didee ?
👉Walumaagalatti dubbiin Kiristoos illee akka jiruu ni ibsaa.
▬▬▬▬▬▬▬▬
🅱 gara mataduree keenya yoo,deebinu
Kiristoos maalif dubbii Abbaa irraa dhagaee hunda isinitti nan himma jedha ree, isaa jedhuufi

A))➩Sababa,Tokkoffaa(-1ffaa)
=Dubbiin Abbaa fi ilma Tokko wanii ta’efi. ❝ kani Abbaan qabuu kani ilma ,kani ilmi qabuu hundi kani Abbaatti ,kanafuu kani Abbaas yoo,jedhe rakkina hin qabu❞.
➊👉Yohaannis 17:10
wanti kan
#koo taÊŒe #hundi kan kee ti; wanti kan #kee taÊŒe #hundis kan koo ti; Anis isaan gidduutti ulfina argadheera.

B))➩Sababa lammaffaa(-2ffaa)
Kiristoos akkasii kani jedhee kabaja isaa ibsuuf turee. kunis dhugaa Kiristoos akka ta’e mirkaneessuf turee
➋👉Yohaannis 7:17-18
Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe yookiin
#Ani_ofii kootiin kakaÊŒee kanan dubbadhe taÊŒuu fi dhiisuu koo ni beeka. #Namni ofii isaatiin kakaÊŒee dubbatu hundi ulfina mataa isaa barbaada; namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu hundi garuu, inni #dhugaa dha;  #jalÊŒinnis isa keessa hin jiru.

C))➩Sababa sadaffaa(-3ffªª)
Kiristoos akkasii kani jedhee Abbaan biraa gara namoota  dhufu isaa mirkaneessuf.kunis yeroo abba biraa turee kani arge dubbachuu isaatti
➌👉Yohaannis 8:38
#Ani wantoota yommuun Abbaa koo #wajjin turetti #argen dubbadha; isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhagessan hojjettu.”
👉iddoo kana irratti Kiristoos Ana qofatu Abbaa arge malee kani bira hoomtuu hin jiru jedhee jira.
➍👉Yohaannis 6:46
#Isa_Abbaa biraa dhufe sana malee #namni tokko illee Abbaa #hin_argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.
▲kanafuu kuni eenyu ree, Kiristoos qofaa jechudha,erga akkasii ta’e Abbaa wajjiin ture inni dhuguma Kiristoos Waaqa.

D))➩Sababa afuraffaan(-4ffaa).
duuka bu'oota keesaa tokko tokko jechunis obbolota,Kiristoos,yihudoota keessa
,Fariisonni keessa dubbii Kiristoos fudhachuu irratti dubbati jedhu turee yookiin akka salphaatti ilaalu yookiin itti hin amanani ture yeroo kan immoo Kiristoos dubbiin kani abbati jedha.
➎👉Yohaannis 7:5.
#Obboloonni isaa illee isatti hin #amanne turan.
➏👉Yohaannis 7:47-48
#Fariisonni immoo deebisanii akkana jedhan: “Isinis ni gowwoomfamtanii?  Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa tokko illee isatti kan #amane jiraa?.
➐👉Yohaannis 10:24-25
#Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti qalbii nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” isaan jechuu jalqaban Iyyasus(Kiristoos) deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani isinitti #himeera, isin garuu #hin_Amantan. Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaÊŒee koo dhugaa ni baÊŒu.
🌹kutaa-80-ffªª.🌟
     ◉➛gaaffii fi deebi
     ◉➛Muslimoota
     ◉➛shakitota bira irraa dhufu.
⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌
👉gaaffii isaanii
⓵➪isaa kami sirriin jedhuu
«
#Yihuudaan Kiristoos #dhungatee moo❓hin dhungane » jedhu❓

#A))➛Akka ~#Yohaannis jedhuutti Yihuudaan Kiristoos dhungachuu fi dhisuu isaa
hin ibsuu
🍇Yohaannis 18:3👇
#Yihudaan garee loltootaa, eegdota mana qulqullummaa warra dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee #dhufe; isaanis guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.

#B))➛Akka ~#Maatewoos barreessetti immoo yihudaan Kiristoos dhungatee jira.
🍇Maatewoos 26:47-50
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taÊŒe #ni_dhufe; namoonni hedduun dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabaa biraa ergaman goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin dhufan. #Yeroo kanatti inni dabarsee isa kennu, “Inni #Ani_dhungadhu isa; isa qabaa” jedhee #mallattoo isaaniif kennee ture.  Innis kallattiidhaan gara Iyyasus Kiristoos dhaqee,  #Rabbii, nagaan siif haa taÊŒu!” jedhee
#isa_dhungate. Iyyaasus Kiristoos garuu, “Yaa michuu ko, #kaayyoo maaliitiif dhufte?” jedheen. Yeroo kanatti namoonni sun gara isaa dhufanii qabanii isa #hidhan.

#C))➛Akka ~#Maarqoos barreessetti Yihuudaan Kiristoos dhungatee jira.
🍇Maarqoos 14:43-45
Yeruma sana utuma inni kana dubbachaa jiruu,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taÊŒe ni dhufe #namoonni hedduun dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergamanis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin jiru turan.   Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii, of eeggannoodhaan isa geessaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. #Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, “Rabbii!” jedhee #isa_dhungate

#D))➛Akka ~#Luqaas barreessetti immoo yihudaan kiristoos ❝ dhunfachuuf itti siqee ❞
🍇Luqaas 22:47-48
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#namoonni hedduun ni dhufan #namichi #Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taÊŒe isaan dura buÊŒee dhufe; innis Iyyaasuus kiristoos #dhungachuuf gara isaatti #siqe. Kiristoos garuu, “Yaa Yihudaa, #Ilma_namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” jedheen
================
🍇Deebi keenyaa hundi
isaanii iyyuu sirriidha
kani jedhuu.
🍀 Fakkeenyaaf Yohaannis
#gonkumaa yihudaan Kiristoos hin dhunganne osoo jedhee jiratee yaanni musiliimota sirrii turee ," garuu Yohaannis akkasii hin jenne.
⏯ lakki yoo, jedhani immoo raga,nuuf fida❓
inni biraa wangellii maatewos namoota baay'ee jedhee dubbateera garuu Yohaannis hin dubbane.
⏯ loltootu gurri isaa irraa citee wangeeloonni sadan(3) maqaa isaa hin ibsine , garuu Yohaannis maqaa isaa ibsee jira.
🌷Walumaagalatti Amala kitaaba Qulqulluu beekuun
#dirqama.keenyadha.

💐 Wangeeloonni arfan(4n) isaanii iyyuu jalqabaa yihudaan
#dhufee jedhani ibsanii jiruu
Mat 26:47 ⏯ Mar 14:43
Luq 22:47  ⏯ Yoh 18:3

❶➛Yihuudaan ni dhufee
  =Yohaannis 18:3
❷➛isaa booda dhungachuuf gara Kiristoos siqee
=Luqaas22:47
❾➛ Yihudaan Raabi nagaan siif Haata’u jedheeni
  =Maatewos 26:49
❹➛Yihuudaan ni dhungatee
    =Maatewos 26:49
❺➛❝ yeroo kana immoo Kiristoos yaa, michuu kiyyaa kaayyoo maalitti dhuftee  jedheen ❓
  =Maatewos 26:50)
❻➛ ilma nama dhungatee kennita jedheen ❞
  =Luqaas 22:48
❌➛ Kiristoos gara fula durati bahe eenyu barbaduu jedheen lolotaani ❓
  =Yohaannis 18:4
➑➛isaanii immoo Iyyaasus nama Naazreeti jedhani
  =Yohaannis 18:5
➒➛Inni Ana isaanii jedhee
   =Yohaannis 18:5
➓➛yeroo kana dubbati kufanii
   =Yohaannis 18:6
➊➊➛yeroo lamaffaa eenyu barbaduu jedhanii
Yohaannis 18:7
❶❷➛Iyyasus namaa Naazireeti jedhanii
=Yohaannis 18:7
➊❾➛inni Ana jedheen turee bari jedheen
=Yohaannis 18:8
➊❹➛ isin Ana barbaduu yoo,  taee isaanii kana dhisa yaa, deemanii jedheeni
  =Yohaannis 18:8
➊❺➛ ....itti fufa...........
⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌⁌

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
🅰 kutaa-91-ffªª.
🥥gaaffii fi deebii
🍳Musiliimota.
𝖌𝖆𝖆𝖋𝖎𝖎 𝚊𝚔𝚔𝚊𝚜𝚒 𝚝𝚞𝚛𝚎
❶➩𝚔𝚒𝚛𝚒𝚜𝚝𝚘𝚘𝚜 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘 𝚚𝚊𝚋𝚊 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚞
✍Yohaannis 20:17
#Iyyaasuus “Ani amma iyyuu #gara_Abbaatti waanan oli hin baaneef, naa hin qabin. Kanaa mannaa dhaqiitii #obboloota kootiin, ‘Ani gara #Abbaa_koo fi gara Abbaa keessanitti, gara #Waaqa_koo fi gara Waaqa keessanitti oli nan baÊŒa’ jedhii isaanitti himi” jedheen.
➩Kanaafuu Iyyaasuus Waaqa qaba jedhuu❓
▬▬▬▬▬
🥝.Deebii keenya.
Waaqa kani jedhamee iddoo kanatti eenyu ,❓
=Deebii isaa Abbadha. Ok.
✍ Kanaafuu Iyyaasuus Waaqa qaba jechuun isaa Hiikni isaa
«
#Iyyaasuus_Abbaa_qaba » jechudha.
👉 Kiristoos
#jalqabaa dura Abbaa jedhee isa booda immoo maalif #waaqa jedhe❓
=deebii isaa 👇
✍,
#jecha Waaqa jedhuu warri yihudootati yeroo hunda ni fayyadamu ,jecha,Abba jedhuu immoo xiqqoo fayyadamu
❶➻Raaji milkiyaas 2:10
#Hundi keenya iyyuu #abbaa tokko qabna mitii? Kan nu uumes #Waaqa tokkicha mitii? Maarree, kakuu abbootii keenyaa xureessuudhaan maaliif gocha gantummaa wal irratti raawwanna?
((🍳Raji-milkiyaas 1:6)) dubisi
✍sababaa Kanaafi akka isaanii sirriitti beekaniif waaqa ittii himee.
❷➻Yohaannis 8:54
#Iyyaasuus deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu, #Abbaa koo #isa_isin #Waaqa_keenya jettan sana dha.
➩iddoo kanatti sirriitti ifa godhe Fakkeenyaaf jechi ❝
isa isin ❞ Waaqa keenyaa jettanii sun yeroo jedhuu akka yihudootati waaqa jedhanii beekuu Kanaafi.
▬▬▬▬▬▬
🌻 Amma Kiristoos Waaqa inni isaani jedhanii -
#Hiikni isaa #Kiristoos_Abbaa qaba
jechudha_💯.
⚜ Kiristoos 𝚊𝚋𝚋𝚊 𝚔𝚘𝚘 𝚋𝚒𝚛𝚊 𝚍𝚑𝚞𝚏𝚎 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚎 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚊𝚝𝚎 ❓
➩jalqabumaa Kiristoos Abbaa bira ture osoo gara addunyaa kana hin dhufin dura.
❞➻Yohaannis 6:62
Yoos,
#Ilmi_namaa bakka #dura turetti utuu #oli baÊŒuu yoo argitan maal jettu ree?
❹➻Yohaannis 8:38
#Ani waanan Abbaa koo #biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.
❺➻Yohaannis 8:42
Iyyaasus akkana isaaniin jedhe; “ isin utuu
#Waaqni abbaa keessan taÊŒee silaa na jaallattu turtan; ,#Ani Waaqa #biraa #baÊŒeen_dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
❻➻Yohaannis 8:14
Iyyaasus deebisee akkana isaaniin jedhe: “
#Ani_eessaa akkan #dhufee fi eessa akkan #dhaqu waanan beekuuf, waaÊŒee ofii koo yoon dhugaa baÊŒe illee, dhugaa baÊŒiinsi koo dhugaa dha. Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan.
❌➻Yohaannis 7:29
#Ani garuu sababiin #isa_biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka
❜➻Yohaannis 8:23
Innis akkana isaaniin jedhe: “
#isin_gadi irraa ti; #Ani garuu #oli irraa ti. Isin addunyaa kana irraa ti; ani garuu addunyaa kana irraa miti.
❟➻Yohaannis 6:38
Ani fedhii
isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf #samii_irraa_gadi hin buuneetii.
❿➻Yohaannis 6:46
#isa_Abbaa_biraa dhufe sana malee #namni tokko illee Abbaa #hin argine; Abbaa kan arge isa qofa dha.
🥝 ragaa dabalataa
Yohaannis 3:13,31.
▬▬▬▬▬
❀Kani
#Muslimooni Kiristoos Waaqa qaba jedhanii suni hiikni isaa kiristoos Abbaa qaba jechuuti hiikate.
✍Abbaa fi Kiristoos
-𝑘𝑎𝑏𝑎𝑗𝑎 𝑀𝑎𝑙𝑖-𝑞𝑖𝑥𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢.
-𝑠𝑎𝑔𝑎𝑑𝑎 𝑀𝑎𝑎𝑞𝑢𝑚𝑚𝑎 𝑀𝑎𝑙𝑖-𝑞𝑖𝑥𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢
-𝑢𝑙𝑓𝑖𝑛𝑎 𝑀𝑎𝑙𝑖-𝑞𝑖𝑥𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢.
-𝑔𝑎𝑙𝑎𝑎𝑡𝑎,𝑀𝑎𝑙𝑖-𝑞𝑖𝑥𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢.
-ℎ𝑢𝑚𝑛𝑎 𝑀𝑎𝑙𝑖-𝑞𝑖𝑥𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢
⓵➻Yohaannis 5:23
#Namni hundi akkuma #Abbaadhaaf #ulfina kennu, #Ilmaafis #ulfina akka kennuufi. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa isa ergeefis ulfina hin kennu.
⓶➻Mul’ata Yohaannis 5:13-14
#Uumamni_samii keessa, #lafa_irra, lafa #jala, #galaanaa fi wantoonni isaan keessa jiran #hundi, “ #Isa_teessoo irra taaÊŒe Sanaa fi #Hoolichaaf #galaanni #kabajni, #ulfinnii fi #humni baraa hamma bara baraatti haa taÊŒu” yommuu jedhan nan dhagaÊŒe. #Uumamawwan jiraatoon arfan, “Ameen!” jedhan, jaarsoliin sunis kufanii waaqeffatan(sagadan).
🥥 𝑔𝑎𝑟𝑎 link waldaa👇
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
🅰 kutaa-100-ffaa🕹
➻gaafi fi deebi Musiliimota
✍Yohannis 1:14
sagalichi #foon_taÊŒee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa(gaarummaa) fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
1➧gaaffii isaanii Kiristoos kani #tolfamee kani Uumamee jedhuu ❓
👉Ragaa isaanii
Ibroota10:5
#inni gara addunyaa yeroo dhufetti akkana jedhe: Ati aarsaa fi kennaa hin barbaanne, kanaa mannaa #dhaqna_Anaaf #qopheessite.
Farfannaa 74:16
Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma;
ati #aduu, #ifa #qopheessite jirta
=jecha qopheesse jedhuu Muslimoonni tolche(Uumee )jechuuti hikuu sababa Kanaaf Kiristoos kani tolfamee ,kani qopheesse ,kani Uumamee jedhuu❓
▬▬▬▬▬
🌷Deebi Keenya❓
Lakkii Kiristoos Waaqa addunyaa dura turee.
Kutaa-98👈dubbisi
kutaa -99👈dubbisi
✍amma Ibroota 10:5 irraa kani dhagna naaf qopheessite jedhee = #dhagna jechuun #foonii jedhudha.
🌹kuni immoo barumsa #ortodoksii keessatti sirriitti beekamaadha foonii Kiristoos Uumama akka ta’e ni Amana Fakkeenyaaf akkasii jennee Gooftaan keenya #foonii fi #lubbuu_Maariyaami fudhate jennee =Kanaafuu fooni fi lubbuu Maariyaami immoo #Uumamadha
👆iddoo kanati immoo
Ibroota 10:5 irratti akkasii jedhee « #inni_gara_addunyaa #yeroo dhufetti akkana jedhe »
👇Jechi #inni jedhuu Kiristoos ibsaa
👉 inni suni gara addunyaa osoo hin dhufin dura foonii akka hin qabnee sirriitti ibsee jira Kanaafuu inni suni eessaa ture ree jalqabaa ❓deebii isaa abbaa bira. 
➊➻Yohaannis 6:46
#Isa Waaqayyo #biraa_dhufe sana malee #namni tokko iyyuu #Abbaa hin argine; isa #qofatu Abbaa arge.
➻ kanafuu Kiristoos kuni jalqabaa osoo foonii nama kana hin uffatanii Abbaa bira turee.
➻yeroo Abbaa bira gara addunyaa dhufee immoo foonii Maariyaami fudhate dhalatee.
Kunis Kiristoos sagalee ta’e dhufe foonii nama fudhatee
👉akkamitti sagaleen suni foonii nama uffata isaa jedhuufi immoo kani namni tokko iyyuu beeku hin dandeenye,afuura Qulqulluun
➋➻Maatewos 1:18
#Dhalachuun_Iyyaasus Kiristoos akkana ture: Haati isaa #Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaÊŒin #Hafuura_Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.
✍ Kanaafuu Kiristoos Addunyaa duraa Abbaa wajjiin ture ,yeroo nama fayyisuu garuu sababii foonii nama fudhachuu qabuuf foonii nana suni qopheefi. ❝ kuni Akkuma Seexanni qaama Foonii bofa keessa seenee Adaami fi Hewwaani cubbuun ajjeesee , Kiristoos immoo immoo dhufee foonii nama kaninni fayyinaa fidee.❞.
➌➻Ibroota 2:14-15👇
#ijoolleen sun #foonii fi #dhiiga qabaniif,#Iyyaasusis  duÊŒa ofii isaatiin #diiyaabiloos isa duÊŒa irratti humna qabu sana #balleessuuf jedhee #namummaa isaanii #qoodate innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duÊŒaatiin hidhamanii turan #bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe
➧jecha #qootatee jechuun foonii namoota irratti #hiraamte yookaan #fudhatee (garuu Kiristoos jalqabuuma jira).
➍➻Filiphisiiyus 2:6-7
#Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa #inni_bifa_garbaa #uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godheera .
➻iddoo kanatti inni Waaqayyo wajjin qixxee yookaan Abbaa wajjiin qixe ture jedhe jira kanafuu Kiristoos osoo fooni nama kanaa hin fudhatin dura abbaa wajjiin qixxee turee.
➻amma immoo duwwaa ofii godhee bifaa garbummaa fudhatee jedhe , =bifa garbummaa kani jedhamee foonii namatti .
▬▬▬▬
Farfannaa Daawit 74:16 irraa kani jiruu immoo biiftuu fi ifa qopheesse inni jedhuu Uumee jechudha kana jechuun wangeela Yohaannis 1:14 fi Ibroota 10:5 wajjiin wanti walitti fiduu gonkumaa hin jiru
➧Sababiin isaa « jalqabaa sagalee ture jedha malee jalqabaa biiftuu ifa ture hin jedhuu ❌
➧inni suni yeroo gara addunyaa dhufuu ,foonii nama ni qopheeffamefi jedhee ,biiftuu fi Ifnii yeroo gara addunyaa dhufanii foonii nama qopheeffamef hin jedhu❌
▬▬▬▬▬
𝙭𝙪𝙢𝙪𝙧𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖𝙩𝙞