AL-RISALA HUMANITY CENTER
2.91K subscribers
1.36K photos
32 videos
23 files
892 links
#Kaayyoo channel Al-RISALA HUMANITY CENTER,
1- #Odeeffannoo waytaawaa kennuu
2- #Da'awaa gabaabaa fi barsiisaa ta'e laachuu
3- #Seenaa babbareedaa
4- #Dhaamsa fayyaa fii kkf
Ergaa fii dhaamsa keenya #Follow #share gochuun nufaana turaa
Download Telegram
"أهم خمسة أسباب للتسويف:
١- الخوف من الفشل:
لا تدع خوفك من الفشل يُعرقِل خطواتك، اعتبِر الأخطاء فرصًا للتعلُّم والنُّمو، وتذكر أنَّ النجاح يتطلب بعض المخاطر.

٢- عدم القدرة على التنظيم:
قم بتحديد أهدافٍ واضحة وقم بتقسيمها إلى مهامٍ صغيرة ومنظمة.

٣- انتظار الظروف المثالية:
لا تنتظر الظروف المثالية للبدء في العمل، ابدأ واعمل على تحقيق أهدافك بالإمكانات والموارد المتوفرة لديك.

٤- انعدام الثقة في القدرات:
ثق بنفسك وقدراتك واستمر في تنمية مهاراتك من خلال التعلم والتطوير المستمر.

٥- التشتت وضعف التركيز:
تخلَّص من المشتتات في محيطك وقم بتحديد أولوياتٍ واضحةٍ للمهامِ الهامة."

• كن قويًّا لأجلك، كن لنفسك كل شيء.💪🏻
https://t.me/Alrisala1
Qormaanni xumura kutaa 12ffaa gosa barnoota #jaha qofaan kennama.

Kaarikulami haaraa Kana bu’uura godhachuun adeemsi baruu fi barsiisuu sadarkaa 2ffaa keessatti gosa barnoota addaan baafamee kennamaa jira.

Haaluma kanaan damee saayinsii lamaaniinu gosa barnoota #jaha qormaataaf akka kennaman jedhameera.

👉Saayinsii uumamaa
Ingiliffaa, Herrega, Baayoloojii, Fiiziksii, Keemistirii fi Aptituudii dha.

👉Saayinsii hawaasaa
Ingiliffa, Herrega, Seenaa(History), Ekonomiksii , Ji’ograafii fi Aptitudii dha.

Qabiyyee qormaataa:-

1. Qormaatni Ekonomiksii bara 2016tti Kutaa 12ffaa irraa qofa yoo ta’u gosti barnootaa biroo kutaa 9ffaa-11ffaa kaarikulamii duraatiin, kutaa 12ffaan ammoo kaarikulamii haaraa of kessatti qabata jedhameera.

2. Bu'aan Qormaata Aptituudii akkuma dura tureen kan qabamu ta'uu ta'a.

https://t.me/Alrisala1
كلمتان خفيفتان على اللسان ثقيلتان في الميزان حبيبتان الى الرحمن.
"سُبحان الله وبحمده سُبحان الله العظيم "🦋https://t.me/Alrisala1
💎AL RISALA HUMANITY CENTER
GALATOOMI
♦️Dhaabbata Cimaa Jiruu keenna Tartiiba itti godhe .
♦️Of barree waa Akka akka barru nu godhe
🧶Barumsa Qalamaa qofa osoon taane muuxannoo jireenyaa nuuf qoode .
♦️Adda Jiraachuu keessaa nu baasee Biyyaaf nu jiraachise .
♦️Gaafa jalqaba dhufnu Fi Amma yoo ilaalle
Yuunivarsiitii guddaa tokko keessatti baranne waan baane nutti fakkaata .
🔶Gosa barnootaa hedduun waan eebbifamne nutti fakkaata .
🔶Sammuu beekkumsaan
🔶Qaama Obsaan Gabbisee Nu baase
🔶Namni Al risaalaa keessatti guddate rakkoo jireenyaayiif Harka hin kennatu .
🔶Karoora hojii baasuufi Galma jireenyaa bocuu kan Isa Caalu hin jiru .
🔶Qalama fudhannee waan keessa keenna jiru barreessuu Achitti Eegalle.
🧶Dandeettii dhokataa nu ofitti hin beekne isatu baasee Kun keetii hoo nuun jedhe .
🧶Sagantaallee Hedduu Qopheessine keessatti Jaalalaa Fi Miira gammachuutiin Yaadanna .

❤️Ala kanaa yoo ilaalan
🔸Manni qalama hin qabu .
🔸keessi Meeshaa hin qabu
🔸Dheerinni Mana isaa Ol fageenya hin qabu .
💕Garuu ...
🛑Mana warqii uffisan caala nutti bareeda
🛑Galma faayaan guutan caala nu Jaalachiisa
🛑Fooqilee dhedheeroo Addunyaan Dinqiifattu caala nu Hawwisiisa .
🔴Hunduu suura Achi keessatti ka'e
😘Yaadannoo Waggaa dhibbaatiif kaayata .
🛑sagaleen Achi keessaa bahu jireenya dhuunfaa hedduu jijjiire.
☑️ilmi dur Salaataaf bakka hin qabne Har'a Masjida irraa dadhaban .
🔶Duubatti Hafee Hin galtuuf Dawwalan

💎Al risaalaan Akka ATI dhageette miti .
♦️Jecha Isa xureessuu kamuu yoo dhageette faallaa isaatiin hubadhu .
💍jecha Isa xiqqeessu kamuu yoo agarte Propogaanda Akka ta'e hubadhu .
♦️Namoota hedduu omishee Dhiyyeesse .
♦️Hunda caala kan Abdii sitti horu
🛑 dhaloonni Lafaa dhufaan Sirritti Jaalatee qabachuu isaati .
♦️Dandeettii fi Aartii hedduun Omishamuu isaati .
♦️Sagantaa bareeda Nama hin saalfachiifneen Qaramuu isaaniiti .
🎑Amma faca'an osoo jedhan waggaa 11 seennee jirra .
🎑Humna hin qaban osoo jedhan Hordoftoota Kumaatamaan Horannee jirra .
🎑Addunyaa keessaa biyyoota 20 keessaa Miseensa faffaca'an qaba .
💕Namni Achi seene Hunduu bakka gaarii jira .
❤️Baga gammaddan Al risaalaan Isin Sagantaa Fi Beekkumsa keessan qoodaafii turtan Har'as jira .
🛑Abdiin boruu Isin ijoolleen xixiqqoo jettanii barsiisa turtan Har'a Guddina isaanii mul'isan .
🧶Al risaalaaf jecha hin qabu .
🔶Jechi Isa ibsu hin jiru .
🔶Waan hin Ta'in hin qabu
🛑waan hin godhinis hin qabu .
❤️Hundaa Ol Amma Meeshaa miseensota Barnoota irratti cimsuun deeggaruu qabna .
❤️Dandeettii Fi Aartiin hedduun Akka ciman Utubuu Qabna .
🛑Al risaalaan wlh galatatu mala .
♦️Isaaf jettee Wanni ati gootu Dhalootatti dabra.
🛑Al risaalaa bira Haa dhaabbannu ...
Bale Robe Irraa
https://t.me/Alrisala1
❤️GALATOOMI JENNAAN .
GORSA

Nagaan ooltee buluu keetiifi nagaan raftee ka’uu keetiif galata galchi,hedduun namaa,akka gadi baheefi akka rafeen hafee hubadhu.

Eeee
Hirriba nagaa rafuun,kennaa guddaa gonfachuudhaa beeki,kininii hirribaa liqimsitu malee,lilmee hirribaa waraannattu malee,halkan guutuu ija babaasaa hirriba kadhachuu malee raftee kaata taanaan,kennaa kennaa caalu situ argatee beeki.

Namana
Kan argatte tuffataa,kan dhabde faarsita taanaan, karaa baddee uf duuba deebi’i,bishaan qulqulluu dhuugduufi qaama ittiin qulqulleeffattu argannaan, addunyaan si biratti lafa guuttee quba qabaadhu.

Hey
Kan bilisaan argatte,hanga qarshitti jijjiirtee laaltutti siif hin galu taanaan,sammuun nagaa si hin qabduu,uf sakatta’i.

©Ustaaz Sufiyaan Usmaan
https://t.me/Alrisala1
Gurra lama siif kennuun,hedduu akka dhaggeeffattufii beeki,ija lama sii kenuunis hedduu akka agartuufii laali,miila lama sii kennuufi harka lama sii kennuunis hedduu akka hijjattuufi arraba tokko sitti kennuun immoo,xinnoo akka dubbattuufi uf qusattuufii xiinxalli

ila
ilmi namaa,naamusa mataa isaa qabaa beeki,haa tahu malee,maatiin isaa,hiriyaan isaa,oolmaan isaa,Manni barnootaa,yeroon,qabeenyi,qilleensi, jijjiirama amalaa itti fiduu dandahaa hubadhu.

Eeee
Ijjannoo cimaa tahe,kutannoo sirrii tahe,murtii sirrii tahe,kaayyoo gadi dhaabbataa,galma hinjifannoo qabaadhu malee,qilleensi dhufaa darbaan si raasaa, keessa kee akka hin bulluqeessine uf qusadhu.

Namana
haaloo bahuuf deemuun,kufaatiidhaa hubadhu,morki daangaa darbe,si fudhatee badaa dhiisi,dogongorri dogongoraan hin hiikkamuu xiinxalli,sobni,ganuun, kijibni,cubbuun,kutteen,oduu facaasuun,lolli hedduun filannoodhaan raawwatama malee dirqii mitii xiinxalli.

Hey
Biyya kophaa,samii addaa,qilleensa dhuunfaa,leenjii mataa keetii fudhachuuf sammuu tee bilisa taasisii laali,dhugaa dubbattee,dhugaaf jiraatta taanaan, namni beela yaadaatiin dhibamaa,ati quuftee bultaa argi,osoo namni jibba namaatiin dhama’u,ati jaalala hammaarattee galtaa argi,osoo namni dukkana jiruu daaku,ati ifa jireenyaa qabsiifattee jiraattaa ija qalbii qabduun daawwadhu.

Hohohoo
Sammuun nagaa si qabaannaan,lubbuun waanyoo irraa bilisa taanaan,hamiifi komii irraa adda baanaan, biyya kophaa ijaarrattee,pirezidantii itti taatee jiraataa jirtaa,nagaa tahi.
https://t.me/Alrisala1
😊#DHIHOTTI
*** SANBATA DHUFU *** ISTEEDIYEEMII MADDA WALAABUTTI
30/6/2016

#SAGANTAA WAL DORGOMMII QUR'AANAA FI AZAANAA
🛑QUR'AANNI Kitaaba Jabaa Dinqii Fi Beekkumsaan Haayyota Addunyaa Injifatee dha .
🎑AZAANNI Sagalee Bareedduu Ol Baatee Bareedinaan Addunyaa Boojite .
🛑Bareedinaa fi Dinqii Kana 2n Isin Affeeruuf »»»
💎Sagantaa Addaa Miira Kabajaa Fi Guddinaa Biyya Keenyatti Horu Qopheessinee jirra .
♦️Sagantaa Guddaa Wal DORGOMMII QUR'AANAA FI AZAANAA jedhu Akka Baaletti Sanbata Dhufu Gaggeeffama .
🎛Tolinaa Fi Bareedina Amantiin islaamaa Qabu Wal Taanee Mul'ifna .
🛑Islaamummaa Rasuulaaf Sahaabaan irratti Cabanii Nuun Gahan kana .
💎Nutis ... Dhaloonni Har'aa »»»
🛑قدم للإسلام بقدر ما تملك »»»»»»
♦️Waan Dandeettuun Islaamummaa Bira Dhaabadhu Jedhaa jirra .
💍Sagantaan Kun Shabaaba Masjida Nuuriin Durfamee Hawaasa Islaamaa Hunda Hirmaachisa .
📝 Kaleessaa Islaamummaa Shabaabatu Utube... Har'as Seenaan Sun Waan Deebi'aa jiru Fakkaata .
🛑Sochii Shabaabaa Haa Jabeessinu .
🎛Sagantaa Maqaa Fi Maqaama Keenna Tolchu .
#Share Godhi Ergaa Islaamummaa Babal'isi .
#Share #Share #Share
#Breaking News

RAMADAAN MUBAARAK

Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe.

Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a.

Rabbi warra ji’a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu.
https://t.me/Alrisala1
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...

KUTAA1️⃣ffaa

▶️ Sooma jechuun maali?

Sooma jechuun Afaan arabaatiin الإمساك of qabuu jechuu dha.

▶️ Shari'aatti
Wantoota nama fursiisan irraa of qabuu dha kan akka nyaataa, dhugaatii,haadha manaa ofiitti dabalamuu,
Niyyaa rabbiin gabbara jechuutiin yeroo fajriin bahe irraa kaasee hanga Aduun dhiitutti.

▶️ Hukmiin (Murtiin) soomaa maali?

Soomni cufa nama muslima tahee ka ballage (amala saala lammeessoo keessa ka seene) ka aqlii qabu, ka sooma soomuu dandahu, ka biyya jiru ammas dubartii dhiigaa aadaatiifii dhiiga dhalaa irraa qulqullooytuu taate, nama kana  hunda irratti waajiba (Dirqama)

Ji'a Ramadaanaa soomuun utubaa shanan amantiin islaamaa irraa ijaaramtu keessa tokko yoo tahu, dirqamummaan isaa Qur'aana, Hadiisaafii, Ijmaa'aan ragga'ee jira.

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa.

©✍🏾 Fares Muhamed

Itti fufa....


Kutaa 2⃣ffaa
#Sadarkaa_Soomni_qabu.
#فضائل_الصوم.
Mata duree jedhuun nu eegaa.


@Fursaan_Media

https://t.me/Alrisala1
Iccittii ufitti malee namatti hin himne addatti baasii kaawadhu,iccitii hiriyatti himattu,iccitii haadhaafi abbaa keetitti himattu,iccitii firaafi aanaa keetitti himattu,iccitii sabaafi biyyatti himattu,iccitii Rabbii keetitti himattu adda baasii baaka maluuun gahi malee,onaa hunda nama seetee itti naqattee,ibidda xiqqaa ibidda guddaan gubdee akkaa daaraa uf hin goone uf qusadhu.

ila
Laga bosona keessaa irraa bishaan waraabachuuf deemuun salphaa miti,I beeki,kadhaa bishaanii irra, lubbuu qabsiisuu waan filataniif huubboo dugdatti baatanii dhaqatanii argi,garba naacha qabutti qaama dhiqachuun waan laayyootii mitii taajjabi,xurii wayaafi qaamaa baatanii hin iiraataniif gatii lubbuu kaffalanii xiinxalli,re’ee yeyyii keessa bobbasanii galchuun waan laafaa mitii daawwadhu,gaafa akka dhaban,akkuma keessa jirantu akkaa hubadhu.

Namana
Irkoon yeroo tokkoon ol utaalchisee samiin nama gahu hinjiruu beeki,dalgaa dagalee goraa ,kortoo jabaa humna qabu ijaarrataa,humna qabaniin gaara bahanii uf toohadhu!

Jaaloo
Nan bade jechuun fala mitii beeki,badii irraan badii dabalachuu taha malee,jechi dharaa,gochi dhugaa beeki,dubbii keetirra hujii keettu si fakkaataa argi, “dhugaan ilmoo waaqaati”jedha Oromoon hubadhu!

Obbolaa
sa’atiin harka kee irraa dhaabbatteef guyyaan dhaabbate hin sehin,ati addunyaa komatteef addunyaan si araarfachuuf gaabbitee dhufti hin sehin,akka sitti toluu eeguu dhiisii,ati itti uf tolchi, aartee dhiistee,Ardiifi samiin bakka uumaa isii irraa hin sossootuu beeki,loltuufi toltus,halkan guyyaa, guyyaan immoo halkanitti sii hinjijjiiramuu gadi taa’i!

Hey
Waanyoon,waan ati waa argatte qofaaf si waanyiti hin sehin,kolfaafi seequu kee dadhabutu jiraa hubadhu,sii darbuufi jaalala hawaasaa horachuun kee dhukkuba kan itti tahu hedduudhaa eeggadhu,qorsoo kaleessa waliin shigidaa baateef kan harkisee si kuffisuu fedhu jiraa xiinxalli.

Hohoo
Ulfinni quba miilaatii ka’aa beeki,abalu quba qabdaniin sanii beeki,ulfinni jilba gahaa argi,jilbi guutee jechuun isaa argi,ulfinni muldhii gahaa beeki, namni qixxaahee jechuun isaa taajjabi,ulfinni morma gahaa argi,lubbuu tiyya jechuun isaa taajjabi,ulfinni mataa gahaa beeki,ulfina mataan bahe,abbatu ufirratti tikfata jedha Arse quba qabaadhu!Arsoomni Qorsooma,baale dawooma,diida’ni misooma jechuun isa kanaa uf eeggadhu!
Baga ittiin isin Gahe!!!
https://t.me/Alrisala1
#Xiinxallaan_dubbisi(Qara'i)
📖    📖    📖    📖    📖

Barataan Imaamu Ahmad binu Hanbal tokko qur'aana halkan takka keessatti akka xumuru imaamaatti himame.

Imaamu Ahmad barataa isaa kana akkaataa qur'aana xiinxalaan itti dubbisan barsiisuu fedhee akkana jedheen.
Ati qur'aana halkan takka keessatti qaraatee akka xumurtu natti himame jedheen.
Mee edana akka waan qur'aana Ana irratti qara'aa jirtuutti qara'ii jedheen.
Ganamaan bartaan Imaama bira dhufee yaa imaam juuza kudhan caala qara'uu hin dandeenne jedheen.

Mee edanas akka waan rasuula irratti (saw) qara'aa jirtuutti qara'i jedheen.
Barataanis ganama akka bariisifateen Imaama bira dhufee yaa imaama juuza takkaa qara'uu hin dandeenne jedheen.

Ammas imaamni ittuma deebi'ee gorse.
Mee edanas akka waan rabbiin irratti qara'aa jirtuuttii rabbii kee waliin haasahaa jirtuutti qara'i jedheen.

Barataan imaamaa rifatee dubbiin tuni akkaan itti jabaatte.
Innis akkuma imaamni gorseen dalaguuf halkan fuula rabbii dhaabate qaraatii isaa eegale bohichaafii sodaa irraa kan ka'e Suuraa Faatiha fixuu hin dandeenne.
Ganama akkuma bariisifateen imaama bira dhufee haala qalbiin isaa cabduu taateen ijji isaas imimmaaniin guuttamtuu taateen imaamaatti dhufee
waan halkan edaa tahe itti himuu eegale akka suuraa faatihaatuu qara'uu hin dandahin itti hime.

Imaamnis deebisanii akkana jedhaniin Yeroo Qur'aana qaraatu isa keessa xiinxalli xiyyeeffannoon dubbisi akka rabbiin si waliin haasahaa jiruutti.

Subhaanallaah wanti ani seenaa armaan olii kana isinii odeesseef baatiin keessa jirru ji'a kabajamaa Qur'aanni keessa bu'ee dha yeroo qur'aana dubbisnutti xinxallan haa dubbisnuu isiniin jechuu barbaadeeti.

By✍🏽 Fares Muhammed

Chaaynaalii keenna Telegramaa liinkii armaan gadii kana fayyadamuun nu waliin hirmaadhaa.

🔘 أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلْقُرْءَانَ أَمْ عَلَىٰ قُلُوبٍ أَقْفَالُهَآ 🔘

@Fursaan_Media
https://t.me/Alrisala1
🍁خذ قطعة🍁

عند ما يرحل عنك من تحب تحرص على *أخذ قطعة* تذكارية منه لتبقى بحوزتك ..
تتذكره عبرها
🌧🌧

ورؤيتها تبعث فيك الشوق والارتياح الذي يرسمه تواجده في حياتِك ؟!

هذه القطعة التذكارية لن تسُّد نقص غيابه لكنها قد تخفف وطأة الشوق 🧡..

هكذا رحل رمضان ..بعد أن عشنا فيه أروع لحظات القرب من الله ونعمنا بحلاوة الطاعة

كم قطعة من رمضان *أخذتها* قبل أن يغادرك ولست متيقنا من لقاء جديد به و نسأل الله تعالى أن يعيده علينا أزمنة مديدة ؟

‏كنت تقرأ القرآن *فخذ قطعة* من قراءته ولو بقدر أقل وثابت فأحب الأعمال إلى الله أدومه وإن قل وقليل دائم خير من كثير منقطع👌

‏صيام ٣٠ يوما متتاليات بالنهار الطويل الشديد الحرارة *خذ قطعة* من رمضان وصُم
و لو 3 أيام كل شهر

‏ كنت تقوم الليل ساعة بالتراويح وساعتين بالقيام *فخذ قطعة* من رمضان وقم لله ولو بركعتين وشفع ووتر وزد كلما وجدت إقبالا ونشاطا وتنعَّم بالخلوة🤲.

‏كنت تدعو بإلحاح وتتضرع برجاء وتذكر ربك بحب🧡
*فخذ قطعة* من رمضان وعش أجواء القرب والمناجاة ورطّب لسانك دوما بالذكر.

‏كنت تُنفِق بسخاء وتحلُم عمن أساء
يملؤك الارتياح مستشعرا الأجر ..
*خذ قطعة* من رمضان وتصدق ولو بالقليل ، وامض بحسن الخلق.

🍁كن وفيا لرب رمضان الذي أمدك بالعمر فبلغك شهر الخيرات.

وألحق الطاعة بالطاعة
تسعد إلى قيام الساعة🧡🍁 https://t.me/Alrisala1
Mul’ata,kaayyoo,karoora,adeemsa,ilaalcha,tarsiimoo, tooftaa,guddinaafi galma jechootni jedhan,waajjira mootummaafi dhuunfaalee qofarratti maxxanfamee dubbifamuu qofa osoo hin taane,sammuu dhuunfaa keessattis bakka qabaachuu qabuu beeki.
ila
Gariin homa jiraatuufuu hin beekuu argi,fedhii isaatuu hin barree laali,eessaa ka’ee,eessa akka gahuu qabu lafaa hin qabuu taajjabi,maal barbaadda jettee osoo gaafattee,maal akka barbaadu kan hin beekne jiraa daawwadhu.
Namana
Namni biyya lafaa tanarra jiraatu,qormaata hedduu keessa darbaa beeki,bu’aa bahii hedduu cehu malee, hinjifannoon galmaahu hinjiruu taajjabi,kophaa bahee boohee,nama keessatti boona malee,kan kolfa qofaaf uumame hinjiruu argi,imimmaan addatti harca’aa oolee,nama keessatti seequun goolabamaa oolaa xiinxalli,imala milkii kan hin qabne,kan har’as harka namaatiifi harma haadhaa kajeellatu heddutu jiraa taajjabi,kan jiruun harkaa wal-dhoofte heddutu jiraa, karoora baafadhuu uf sakatta’i.
Hey
Kolfa daangaa qabuufi boohicha safartuu qabu jidduu jiraachuu barbaadda taanaan,gama lamaanittuu waan dhufuu dandahuuf uf qooheessi malee,gaafuma akka qaanqee sirra buute rifattee suntuurrachuu irraa uf qusadhu.
Ekaaaa
Si barsiisuu akka xumurteen,rakkoon daaraa sirraa taatii,ati obsaafi cimaa tahii fuula dura dhaabbadhu, rakkoo itti fiigaa malee jalaa hin dheessanii beeki, rakkoofi dabeessi wal fakkaatuu hubadhu.
Yes
“A genuine leader is not a searcher for consensus but a molder of consensus”!
https://t.me/Alrisala1
❣️Barreeffama Dhumaati
⚱️Jalqaba Gaafa Namni islaamummaan Rakkate Rasuulli habashatti baqadhaa jedhan .
♦️As dhufnaan Biyya Qulqulluu akkuma yaadan taate argan .
♦️Yeroon hin taa'u dhaloonni dhalootaaf Wal kennee .
♦️Habashaan Mootota Nama nyaataniin Bakka buute .
♦️Namummaan Gosa takka ... Amantii Abbaa Takkaa qofa kan leellistu taate .
🧶Miiraa fi Humni hedduun falmaa irratti Du'aa dabarsanii nutti kennan .
🧶Har'a Yeroo Jijjiirama jennutti Habashaan Biyya muslimaaf bakkan qabne taate .
🧶Ka lafa hundatti shirkii ijaartu taate .
🧶 zoonii ganda 30 ol of jalaa qabu keessatti lafa masjida itti ijaaran kan dhooggattu taate .
♂️ka ijaaramee Diigutti gad teette .
🏓Amma immoo faashina Yeroon irra dabreen as bahan .
🏓Haasaa jibbiinsaa Islaamumma xureessu irratti fuulleeffatte .
📌Nu garuu Takkaa kitaaba isaanii hin xiqqeessine .
📌gad baafnee hin gubne .
📌Waamsa gara islaamummattuu seeran hin waamne .
📌 Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaa qabu .
🏺Karoora cimaan irratti hojjataa jiru .
🏺 Baadiyaa fagoo hedduu Handhuurfatanii jiru.
🏮Booranaa, Gujii , Sidaama , Hadiyyaa fi Kambaataa Keessatti Humna jabaa qabu .
🧵 Hadiyyaa Biyya Kalee Bulchiinsa islaamaa of danda'e hundeeffatte seenaan jedhu
Har'a yoo ilaalte Biyya Takkaa islaamni keessa jiraate hin Fakkaattu .
🧵Ijoollee isaanii Qur'aana irraa jaamsan .
🧵Guddaan isaanii Hin soomne hin salaanne .
💎isaan irraa namni kafaree du'e Hedduudha .
💎Nu keessaa Eennutu isaan mil'ate .
🏓keenna ka waa Beeku kaameraa duratti malee hin haasayu .
🏓Miidiyaan Mike yoo hin jiraatin Bilaasha Waan Haasaye itti fakkaata .
🏓Isaan Mandara Hundarraa Lallabu
📿Qabeenya ofii Biliyeenaan fund Godhu .
🏮Bakka rakkoo nu dursanii dhaqqabu .
📿Bakka ifaaf konkolaataan hin geenne seenanii bulu .
📌Nu keessa Gaafa Beela Eennutu isaan Dhaqqabeen .
📌Nyaachisee Eennutu obaase .
♂️Sheekkonni teenna ta magaalatti dachaatee Firqaan Wal loltu tun garas maa hin deemne .
♂️Daa'ii fi Kuruuja bahu sun Maa garas hin bobbaane .
♂️Munashidaa fi Warri miidiyaan Stage busy godhu Kun Maa garas hin Waraabne .
♂️Deebiin isaa salphaadha .
📌Garas na argiin hin jiru .
📌Garas Erkatuuf Ciqilfatuun hin jiru .
📌Garas Waan dubbatan lakkayanii Gurguratuun hin jiru.
♦️Har'a Bakka Kalee hin jirru Har'a Majlisa Qabna Jettan .
🏓Gubbaa Hanga jalatti ijaaramne jettan .
♦️Qaafilaan Daaw'aa Garas bobbaate hin dhageenne garuu...
♦️Hawaasa Rakkaatee Hanga Har'aatti Loowhii irraa qara'u Qur'aanaa 1 Nama ergee hin argine garuu...
♦️Ka Kuun rakkatee Dhoqqee keessatti Salaatu Qaama Masjida ijaareef hin dhageenne garuu...
🎁Ka Ahlul keyriin niyyatee Gumaache fidanii Magaalaa qixxee keessatti ijaaru .
🔴Magaalaa irraa hanqina masjidaa fi Qur'aanaa hin qabnu .
🔴Daaw'aan Haa bahamu ....
🔴 Daandaa Hanga daangatti Haa godhamu ....
🎁Ijoollee teenna Muqaaranaa irratti hojjatan jabeeffamuu qaban ....
🏮Yeroo warri dharaa Hanga ifaaju nu Haqa qabanne rafaa jirra .
🏮 Guyyaan rafne sanuu Aduu keessa jedhe Bar ifaan .
♦️ Faashinni Amma Hunduu Koofiyaa Uffatee #LIVE seenuu qofa ta'e .
♦️Dubbii waliin dhahee Beekamuu qofa ta'e Hawwiin .
♦️Ka lafatti Haasayaa dadhaban.
🧶Miidiyaa Duratti Ammuma Asiin jannata si seensisee Achiin keessaa si baasa .
♦️Waan inni Sa'aa 1 Haasaye Fuula 1 hin barreessitu .
🧶Namaan waa qara'ii caala Waan beeytu himittu irra sunnaa Zamanaa ta'e .
⚱️Homa tokko masjida 20 rra deemee haasaya .
📍Ka Kalema islaamummaa irraa dadhaban
📍Har'a islaamee Daaw'aarraa dadhaban .
♦️Ilmiin xiqqoon dhukkuba jedhan .. saniif Qufa'aa Oola.
🏓Nu hunduu Waan dandeenne Haa hojjannu.
📍Hojii jedhe malee Haasaa hin jenne .
🏺Duula kufrii waliin taanee Haa cabsinu .
🏺isaanuu ifa bahanii hojjatu .
⚱️Amaamaa fi mudawwara keenna Shirkitti waamaa jiru .
🏓Kaabbaaf Hijaaba sabbakaa jiru .
.... 👆Continue 👆 ...
🏓Aayaa Qur'aanaa keessaa muranii Ittiin sobaa jiru .
🏓Karoora fi Adeemsa itti deemama jiru .
🏮Uffata Keenna nuumaaf dhiisa .
🏮Kabaja Qur'aana keennaa numaaf dhiisaa .
🏮keessan keessa gangaladhaa .
📌hanga Gaafa Ofiin of argattanitti namni islaama ta'i siin jedhus hin jiru .
📌Salbaajaa miti ka karatti sitti likkinuuf .
jaalannaan dhiqattee Ol seenta ...
📌keenna Amantiin ka Business tii miti ...
📌Gaaruu si waamuu dadhabnu kabaja Amantii keenna Eegu hin dadhabnu.
📌teenna lubbuun morma Jala jirti .
🔴Basuun barbaachisa taanaan Baayyee nutti Kaluu jirti .
🔴Of caala Islaamumma Jaalanna .
🔴Nu immoo maal Ta'uu Qabnaan Tiyyaaf Teeti .
🏮Dhimma Amantaa ofii Haasayuun nu bira yoo gahu Shororkeessaa ta'a .
🏮maqaan numarratti Haaroma .
🏓 Waan jette jedhi ... Tanumaan fixa
Nghtti ... https://t.me/Alrisala1
Ati Nama Hedduu Caaltaa Bar
❤️EE Simaan jedhaa jira
🔹Maqaa kee itti Barreeffadhu ______________________
Har'a mee dandeettii kee ka namni si jalaa dhoksee sitti himuu didee si haa barsiisu .
Of ilaali mee Sammuun Ta Ajaa'ibaati
Dandeettii waan Qabachuu
Bal'iftee Yaaduu
Ful dura keetiif Bakka Kennuu
Bilchina Yaadaa
Kabaja Ati Namaaf Qabdu
Jaalala Kee Hiriyyoota waliin
Cimina kee Qulqullummaa keessaa keetii
Waan Baayyeen Faayamtee jirta .
Wanni Kamuu sirraa Bareeda
Ati Dhugumatti Nama Addaati
hiriyyoonni kee Waa'ee keetii osoo ittin yaadin si dhoksan .
Amala fi Hiriyyummaa Atis isaan waliin qabdu osoo sii ibsanii jechoota
baay'ee Hamilee sitti horaniin si ibsuu danda'an .
Namni biroo kana hin qabu bar ....
hiriyyooni Hedduun Bu'aaf wal jala Fiigan
🔸Ati immoo Keessi kee Hundaafuu Qulqulluudha .
🔸Kanaaf ofiif Bakka Kennuu Qabda ... Jechootaaf Gochoonni Hedduun si miidhuu danda'an .
🔸Namni Hedduun Gubbaa kee ilaalee yaada sitti Baduu Danda'a .
🔸Uffata kee , Rifeensa kee , Sochii kee laalee Namni waa jedha .
🔸Nana kamuu hin komatin .. isaan waan Mul'atuun si madaalanii .
🔸Gaarummaa kee , Tolinna kee , Amala kee san situ Mul'isuu Qaba .
🔸Boru immoo Deebi'anii Akkana sin seene Dhiifama sin Jedhu .
🔸Rakkoon qabu Dhiifama Godhiif ... Waan HAfetu Caala jedhiin .
◾️Biliclicii Namni gubbaa laalee ittiin si Madaalus Eeggachuu qabda .
◾️Akka cabanitti waan Hokkolaniif Hokkoliif .
◾️Dibadhuuf , Uffadhuuf , isaanii jedhi Bareedii Deemi
◾️Guyyaa Mucaa Fuudhaa itti Fakkaadhu
◾️Gaafas immoo dhufanii Maal Har'a immoo sagantaa Wahii Qabdaa siin ♦️jechuun isaanii hin Hafu .
♦️Ee Keenna Guyyaan Guutuu sagantaa jedhiin .
♦️Guyyaan Hunduu Cidha Jedhiin .
♦️Hadaraa ija Namaa Duratti Osoo qabdu xiqqaattee hin Mul'atin .
♦️Gorsa Guddaa ilmi Namaa Na Gorse si Gorsa .
🔺Akkana Naan Jedhan
🟦Namaaf Yoomuu Gadin Jedhin .
🟦Nama Duratti Xiqqaattee itti Hajamtee hin Mul'atin .
🟧Anis Kanuma Si Gorsa
🔻Jecha Koo Gorsa Kanaan Haa Goolabu
🔸itti Yaadaa Dubbisi
🔸هذه الحياة مليئة بالأمور التي ضدنا
فلا تكن أنت ضد نفسك .
🎴Addunyaan Tun Wantoota Hedduu Faallaa Keenna Hedduun Guutamte .
Atis Faallaa Lubbuu keetii hin Ta'in .

Lubbuu Kee jechoota gaggaariidhaan Of Waami .
🎈Hamilee abdii Gaarii OfittinHori
☺️Ani Dadhabaadha
😞Ani Laafaadha Kophaan jira
😐Carraan Kiyya Dhumate
Jettee jechoota Abdii Si Kutachiisan ofirratti hin dubbatin .
❤️Rasuulli Hadiisa Keessatti Akkana Jedhan :
(يمسك المرء من لسانه)
Namni Waan Afaan isaa Dubbatteen Qabama Jedhan .
🔸Lubbuu keetiin dadhabaa yoo jettee Dadhabinatu sirratti Barreeffama jedha Yaadni Hadiisichaa .
Kanaaf jechoota Ciccimaan Of waamutu si cimsa
👍Kanaaf jechoota Gaggaariidhaan of jajjabeessi .
🥸Qorattoonni Saayikoloojii tokko Akkana jedha
في علم النفس :( أن خمسين من مائة من ثقة الشخص تكون من كلماته لنفسه )
Qorattoonni Waa'ee Lubbuu xinxalan Akka jedhanitti
( ilmi Namaa Haasaa isaa keessatti Parsaniin 50 ol Waan Of Amansiisetu hojirra oola Jedhan .
Rabbiinis Qur'aana keessatti :
(إن الله لا يغير ما بقوم حتى يغيروا ما بأنفسهم )
"Rabbiin Hanga Abbaan Tattaafatee of jijjiirutti isa hin jijjiiru "
Ofiif jechoota Dadhabinaa ofirratti Dubbattee ofin Ajjeesin .
Ati Nama cimaadha waa Hedduu jijjiiruu dandeetta , Dura keessa Kee Amansiisi .
🤞Namni Hunduu Dandeettii Garagaraa of biraa Qaba Garuu si Bira Dandeettii Addaattu jira Of Keessatti hin Ukkaamsin
Of Amansiisi Ati Dhugumaan Nama Milkaa'aadha .
Wanti hin taane hin jiru Rabbiin si Haa Gargaara .
💧Ammumma ka'i Karoorfadhu Bakka Guddaa Siif Hawwa .
▪️Hin Fagaatin Deebinee Wal Agarra ...
🔹Ani si ❤️
✔️ Waan Siin Jedhe hin dagatin .
♦️Nagatti ▪️Said leader
https://t.me/Alrisala1
••• BAGUMA JANNANNII HARKA KEE HIN TAHIN ALHAMDULILLAH•••


Seenaa Barsiiftuu Kana Dubbisuun #SHARE Godhaa

Ollaa Imaama Beekamaa Abu Haniifa Jedhamu Namticha macha'aa Tokko tu Ture Imaamni Kun Namticha Kana Nii Gorsa Nii Gorsa Dhaga'uu Hin Dandeenye Isaanis Gorsani Dadhabanii Itti Dhiisan

Guyyaa Tokko Halkan Akka Tasaa Ulaan Imaama Abu Haniifa Rukutame Yeroo Ulaa Irraa Banan Haadha Warraa Namticha macha'aa Ollaa Isaanii Argan
Isheenis Akkana Jette: "Yaa Abu Haniifa Abbaan Warraa Koo Du'ee Jira Salaata Janaazaa Irratti Naaf Salaata" Jettee Gaafatte
Isaanis "Nama Kamrii Dhugee Machaa'u Irratti Hin Salaatu" Jedhanii Didan
Guyyoota Muraasa Booda Abu Haniifan ABJUUN/MANAAMAN Namicha Kana Bakka Miidhagduu Taate Keessatti Osoo Inni Bashannanuu Argan Jannata Keessa Tahu Isaa Baran
Namtichi Kunis Abuu Hanifa Dhan Akkana Jedhe " BAGUMA JANNANNI HARKA KEE HIN TAHIN ALHAMDULILLAH" Jedhe

Abuu Haniifanis Ganama hirriba Irra Dammaqanii Gara Haadha Warraa Namticha Kanaa Deemun Abbaa Warraan Kee Addunyaa Irra Gaafa Ture Maal Dalagaa Ture Jedhanii Gaafatan
Haati Warraa Namtichaas Akkana Jette
"Baayyinaan Dalagaa Addaa Qabaachuu Dhabus Garuu Guyyaa Jummu'aa Yeroo Mara Yatiima Ganda Keenyaa Walitti Qabuun Nyaachisaa Bo'aa Mataa Yatiimota Kanneenii Qaqqabaafi Ture" Jette
Kana Booda Abu Hanifan Baayyee Gaddanii Akkana Jedhan
Sababa Hojii Kanaaf Rabbiin Jannata Kenneef Tahuu Mala" Jedhan
Kana Booda Imaamni Kun Akkana Jechuun Uummata Gorsuu Jalqaban:
"Abaluun Badii Hojjeta Jettanii Maqaa Wal Hin Balleessinaa Walis Hin Arrabsina Rabbiin Hojii Inni Ittiin Jannatatti Nu Naqu Hin Beektanii"

√ Dhuguma Baguma Jannanni Harka Namaa Hin Tahin #ALHAMDULILLAH

®Barruulee Nuti Maxxansinu Saffisaan Akka Isin Qaqqabaniif #Like_Share Godha
https://t.me/Alrisala1
Qaroomina doomsuu barbaadda taanaan,hayyuufi beekaa tuffadhu,barsiisaa dhabamsiisi,qaroo jaamsi, ol adeemaa gadi harkisi,guddaa xinneessi,tolaa fi gara laafessa hammeessi,bareeda fokkisi,qurcuufi cubbamaa faarsi,qeeqa guddisi,hir’ina argi,gadi yaadi.

ila
Rakkoon barsiisaa barataa dadhabaadha,rakkoon sheekaa darasaa laaftuudha,rakkoon dureessaa hojjataa dadhabaadha,rakkoon gootaa dabeessa qe’eeti,rakkoon arjaa doqna ganda isaatii xiinxalli.

Jaaloo
bu’uura rakkoo keetii bartu malee,furmaata rakkinaa argachuu hin dandeessuu beeki,kan si boochisaa si wajji boohu si jala jira taanaan,gaddi kee dheeratee beeki.

Obbolaa
Hayyuu taatu dubbii tee qusadhu,barsiisaa taatu beekkumsa kee kunuunfadhu,arjaa taatu horii kee bakka itti baastu laalladhu malee,tola kee cubbuu si harkaa godhanii faalamuu malaa uf qusadhu.

Namana
Namni namaaf qorsa haa jennu malee,sababni dhukkuba nama hedduu immoo,namumaa beeki.

Hey
Nama tola itti oolte ufirraa eegi,lafa waan gaarii keessatti hojjattu irraa maqii jiraadhu,bakka barnoota itti argatte irraa achi siqii imala jireenya keetii bakkaan gahadhu.

Hey
Eenyurraayyuu galata eeguu irraa guddadhu,hujii gaarii sammuun kee ittiin boqatu hojjachuu irraa uf duuba hin deebi’in,gadi harkisanii akka ufitti si hin qixxeessine,qixxaa waliin cabsattee nnyaachuu irraa uf qusadhu!
Santu akka!
https://t.me/Alrisala1
💕GUYYAA GUDDAA
❤️SANBATA
🧶Baalee Roobee
☘️Eebba Barattoota Hifzii Qur'aanaa Waggaa 2f Markaza Hamzaa ibnu A/Muxxalib Keessaatti Barataa Turan
Barattoota kennaa fi Dandeettii addaa Horatan Ifaajee isaanii kan Waggaa Lamaa Gaafa Guyyaa Sanbata #Muharram /14/1446 Magaalaa Roobee Masjida Hamzaa Keessaatti Qophii Adda ta'een Bakka Ulamaa'onni Hedduu argamanitti Gammachuun Ni Eebbisa !
🌿#Eebbi Eebba Qur'aana Olii hin jiru Eebba Duniyaa fi Aakiraati
📍Baga itti Geettan !!!
🙏#Rabbiin Qur'aana kanaan Abbaa Fedhee ol fuudha jedhan Rasuulli .
🌼#Jabaadhaa Qur'aanaa Ol wanni Irratti Hirmaannu hin jiru .
#Wal argaan #Sanbata Baalee Roobeetti .
🌱Namni Waan ofii kana lafa Buusa Jabeessaa Guyyaa Kana Qur'aana Urgeessaa .
https://t.me/Alrisala1
Fuad Sultan:
WAAN HIN FAKKAANNE GARUU DHUGAADHA TA'AN

1,Sinbirroon hin fincooftu.

2, Goondaan tasumaa hin rafu,sombas hin qabdu hojjetaan waggaa 7,Giiftiin Goondaa waggaaa 15 jiraatu.

3, Shaarki Abadon hin dhukkubsatu.

4, Fardi dhaabbatee malee ciisee hin rafu.

5, Kaanniisni garaa lama qabdi kan Dammaa fi kan nyaataa.

6, Shaarkiin Adii inni guddaan osoo hin nyaatiin ji’oota 3f tura.

7, Goondaan Addunyaa kanarraa hundi nama Addunyaa kana hundaaf utuu hiramee Goondaa miliyoona 1 nama tokko qaqqaba.

8, Barariin Mataanshee irraa cite lubbuun torbaan tokkoof keessaa hin bahu.

9, Harreen al tokkotti Miillashee arfan arguu dandeessi.

10,Doolfiiniin Bishaan keessatti fageenya KM 24 irratti sagalee dhagahuu danda’a.

11,bookeen busaa ilkaan 47 qabdi.

12, sararrii Harree Diidoo kamuu walhinfakkaatu.

13,Billaachi Miilla duubaan dhandhamti.

14, Qaamni Saalaa sarariitii Dhiiraa Miilasaarratti argama.

15, Kaannisni ija shan qabdi.

16, Booyyeen ol jechettee waa arguu hin dandeessu.

17, Hantuutni yoo beellofte eegeeshee nyaatti.

18, Haadha manaa isaaf Bineensi amanamaa Jeedala qofa.

18, Weeliin cuqulisaa addunyaa kanarraa guddinaan hunda caala.

20, Hoosiftoota keessaa kan balali’u simbira halkanii qofa yoo tahu Miillishee qaqalloo waan taheefis deemuu hin dandeessu.

21, Simbirri halkanii yeroo hunda holqa keessaa yoo bahan gara bitaatti balali’u.

22, Bofti Dunuunfatus qola ijaan ni arga.

23, Bookeen busaa inni dhiiraa hin ciniinu.

24, Hantuunni lagaa ji’oota 18 keessatti hantuutni 2 qofti fira miiliyoona 1 ni horatti.

25, Kaannifni tokko damma fallaana tokko qopheessuuf yoo xiqqaate daraaraa 4000 dhandhamti.

26, Cilalluun waggoota 3f walitti aansee rafuu danda’a.

27, Haadi Sarariitii lama osoo walirra buhe akka sibiilaa ni jabaata.

28, Arbi fageenya Maayilii 3 irraati Bishaan jiraachuusaa adda baasuu ni danda’a.

29, Qurxummiin Oyistiir jedhamu gaafa walqunnaamtii godchuu barbaadu saalasaa gara fedhetti ni jijjiirrata.

30, Addunyaarraa Waggaa waggaan ommishni 1/3 n ilbisootaan ni manca’a

Kun Hundumtuu Rabbi ta'aa jennaan Haala kanaan Uumaman.
Kanaaf Mee uumaa rabbii kanaa laallee haa tafakkurruu.
https://t.me/Alrisala1