ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.23K subscribers
34 photos
1 video
1 file
96 links
Download Telegram
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Isa Kam siif #Wayyaree?

#Inni jalqabaa ba’aa hojii cimaadha.  #Inni lammaffaan ba’aa gaabbiiti.  Hojiin cimaan tarii Kiiloogiraama 1 ulfaata;  Garuu gaabbiin  kiiloogiraama  100 ol baatanii akka deemuuti.  Isa kamtu akka siif wayyu #filadhu!

#Hundi keenya waan amma qabnu caalaa waan #gaarii barbaanna.  Yeroon guyyaa hojii malee dabarsitu, "Guyyaan sun osoo homaa hin godhin ija koo irra kaa'ee darbee?"  Yeroo of komattu yaadi.  Fakkeenyaaf Bara Darbuuf jiru 2014 kana maal karoorsite? maal hojjette? maal milkeessite? Maal immoo osoo hin milkeessin hafte? Hundaafuu kan darbe darbeera isa darbe irraanfadhu, isa dhufutti xiyyeeffannaa kenni! Kana ta'uu baannaan barri inni itti seenu kunis waggaa har'aa moofa'eetuma 2016 dabarsa waan ta'eef jechuu kooti. Kanaaf waca amma namni garanaa garasii gurra sitti duuchu dhaggeeffachuu dhiisii ofdhaggeeffadhu!Ofta'i yoo oftaate ofiif taatee nama biraafis taata waan ta'eef!🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Ayaana Gaarii siif haa ta'u !!!
🌻🌻🌻🌻2️⃣0️⃣1️⃣5️⃣🌻🌻🌻🌻
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaa🙏🙏🙏

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii
https://youtu.be/Co4I2UGFb6M

Warreen #Email Qabdan You tube kana #Subscribe nuuf godhaa!!! Waan Guddaa isiniif qabannee dhufaa jirraa. Namoonni Email hin qabanemmoo karaa keessaa na dubbisaa isin deeggaruun danda'a🙏🙏🙏
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🎄🎄🎄🎄🎄🎄
#Ati kophaa kee miti!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaʼu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaʼelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaʼa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya #Tulluu milkaa'inaa gubbaatti wal argina!  #Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!🙏🙏🙏
#Galatoomaa🙏🙏🙏
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina

@Saayikoloojii
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaa🙏🙏🙏
#Galatoomaa
👇👇👇👇👇👇👇
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Baga Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadii Nagaan Geessan!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#እንኳን ለኢሬቻ ሆራ ፊንፊኔ እና ሆራ አርሰዲ በዓል በሠላም አደረሳችሁ!
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Nama Bineensa irraa Kan adda godhe Yaaduu qofa osoo hin taane Namayyuu Namarraa Kan #Adda godhe Yaaduu dha!!!😁😁😁😁🙏🙏🙏
@Bedadina
Forwarded from ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር ) (Abera Negesa official)
#Amaani gaaffiin kee #deebii ni argata!

#Uumaan gaaffii kee dafee yeroo deebisu #amantii si barsiisaa jira; yoo xiqqoo harkifate #obsa si barsiisaa jira; yoo baayee ture  garuu waan ati gaafatte #dachaa lama siif qopheessaa jira! .  Kanaaf gaaffii kee uumaa qofaaf kenni, garuu jabaadhuu #hojjedhu sana booda deebisaa uumaadhuma keetti  amanii dhiisi, hundaafuu deebiin jira karaan adda adda ta'uu danda'a. Walumaa galatti #gaaffiin kee  hundi ni deebi'a!

#Uumaan kee Gaaffii kee siif haa deebisu!!!🙏🙏🙏
#Namoonni dhufanii deemu!

#Yeroo tokko tokko, namoonni nuti nuuf jiru jennu warra gatii guddaa nuti kenninuuf, warri yeroon rakkoon na mudatu naaf qaqqabu, na cinaa dhaabbatu jennee yaadu tasa ka'anii jireenya keenya dhiisanii ba'u, amala hin eegamne nutti agarsiisu !

#Faallaa kanaammoo Namoota biroo nuti hin beekne, namoota nuti arginee hin beeknetu, lubbuun keenya akka jiraatuuf sababa ta'u, yeroo gargaarsa barbaannu nu cinaa dhaabbatu, osoo hin gaafatin dhufanii arjooma nuuf godhu!

#Egaa yeroo tokko tokko jireenyumatu akkana ta'a.
Jireenya keenya keessatti gatii namootaa akka hubannu nu taasisa! Ilaalcha wantootaaf qabnu ni sirreessa! Akkasumas yeroo namoonni dhufanii deeman hunda isaaniin jijjiramnee eenyummaa warra kaaniis isaan madaaluu qabna, ofii keenyas jijjiiruu hin qabnu!

#"Namni tokko yoo nurraa fagaatellee,namni tokko nutti dhihaata."


#Yeroo Gaarii isiniif hawwina
#Akka dhihetti hin hafu ni bari'a!!!!!🏃🏃🏃🏃🏃🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🍀🍀🍀
@Bedadina
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭


#Dr. Kabajaa Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

#Jireenyaa Ijoollummaa Isaa

#Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

#Jireenya Isaa Finfinneetti

Aliin erga Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan AmaaraaAfaan ArabaaAfaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud AhimadXilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.
Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe
Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)
Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba.

#Biyya Alaatti

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.
Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.
Badhaasa


Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.

#Har'a kunoo Onkoloolessa 27 bara 2015 A LH Addunyaa kanarraa Du'aan boqoteera. Boolla isaa Daadhiin haa guutu Lubbuu isaa Waaqayyo Jeennata keessatti haa qananiisu😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
@Bedadina
Forwarded from ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር ) (Abera Negesa official)
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂


#Ilmaan Namaa Gidduutti garaagarummaa Kan uumu kufuu isaanii miti;Kufanii achumaan #hafuu Fi deebi'anii #Ka'uu isaaniiti.

#Yaa Qomoo koo! yoo kufte Addunyaa kana irraa ati nama yeroo jalqabaaf kufte miti. Miliyoononni kufaniiru. #Warri Kufanii ka'an seenaa hojjetu; isaan achiin hafan immoo sammuu seenaa keessaa irraanfatamaniiru. #Kanaaf atis akkuma namoota Kufanii ka'anii seenaa hojjetanii kuftee kaatee siidaa seenaan ittiin si yaadachaa hafu ijaartee darbuuf carraa qabda.
#Join👇👇👇

@Bedadina

@Saayikoloojii
🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂

#Namoota Gatii Kee hin Beekne Irraa Fagaadhu!!!
👉Gatii Kee Beeki!
👉"Biyya kana keessaa Kan garaa na raasu Isa meeshaan miyaa'ee #Namni immoo rakasu".

(#Eebbisaa Baayisaatiin)
@Bedadina