ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.54K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
@Bedadina

#Ciminni Kee maal akka ta'e Beeki!.

#Cimina ofii beekuun kennaa guddaadha. Cimina Kee kanas kunuunsi. #Namni tokkoon tokkoon isaa utuu kennaa isaa Isa jabaa beekee sadarkaa ol'aanaa irra gaha ture. Kanaaf kennaa Kee Beeki. #Kennaa Kee kanas Hojii irra oolchi. #Namoonni Tokko Tokko obsa jabaa qabu. Kaan immoo waan bor dhufu dursanii raajuu danda'u . #Namoonni hedduun garuu callisanii sammuu isaanii waan cinqaniif waanuma faayidaa qabu tokkollee utuu hin hojjeetiin barri darba. #Miira isaaniitiin oofamanii of gowwoomsaa umurii isaanii Kan fixan ta'uu isaanii namoota kanniinitti dhuma irratti Kan itti himu #yeroodha.

@Bedadina
@Saayikoloojii
@Bedadina

#Eenyummaan Kee bilchina ati qabduun madaalama.

#Maalummaa waan tokkoo Kan madaalu ala (bakkee) isaa utuu hin taane keessa isaati. #Gamoon Tokko Tokko fagoodhaa yeroo ilaalan alli (bakkeen) isaa baay'ee bareeda. Keessi isaa garuu hanga godoo xiqqoo illee hin miidhagu. #Haalli namoota Tokko tokkoos akkasuma. Namoonni akkasii nagaa erga gaafatanii booda waan dubbatan wallaalu. #Yaada uumuu waan hin dandeenyeef waanti dubbatan harkaa bada. Namoonni kunniin nama fagoodhaa isaan ilaalu gowwoomsan, illee nama dhiyaatee keessa isaanii ilaale garuu gowwoomsuu hin danda'an.

@Bedadina

@Saayikoloojii
#Maallaqni rakkoo Maallaqaa hin furu?
#Maaltu Furaree?
#Yeroo dhiyootti nu eegaa!!!
#Join Gochuun nu hordofaa

👇👇👇👇👇👇

👉@Bedadina
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa
#Rakkoo Furuuf Rakkoo irratti hin Xiyyeeffatin Rakkoo biraa ofitti dabaltaa! Rakkoo keessatti carraa biraa barbaadi malee!

@saayikoloojii
@Bedadina

#Milkaa'uudhaaf Beekumsa Qofa osoo hin taane #Ogummaa Fi #hubannaa Siif haa kennu Waaqayyo(Rabbi) uumaan Kee !!!

@Bedadina
#Hiriyaa gaariin Tulluu ta'ee si mul'isa Hiriyaa yartuun gufuu ta'ee si kuffisa!!!

#Hiriyaa Kee adda baafadhu. Hiriyaa Kee natti himi #Ati eenyu akka taate sittan himaa jedhama mitiiree!!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Eessa Akka jirtu hin beektu taanaan Eessa Akka deemtu Anuu sin gaafadhu jedhe namichi🙏🙏🙏
#Amma  Yaali!

  #Umriin kee erga darbee booda waan hojjette of duuba deebitee yommuu yaaddu, wanta hin hojjennetu caala. #Osoon hojjedhee turee jetta,
Ni gaabbita, 'osoo yaalee bareeda ture jetta;  Garuu hin jedhiin, waan amma tuffattes ta'ee waan sodaatte hunda yaaliitii eenyummaa kee ofitti agarsiisi!  #Kana ta'uu baannaan bu'aan kee gaabbii qofa ta'a. Kanuma.

#Yeroo gaariin siif hawwa🙏🙏🙏
@Bedadina
ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
Photo
#NAMA KEESSAA #NAMA TA'I !!!

👉#Nama keessaa nama ta'uun akka namaa ta'uu osoo hin taane, akka namni ta'uu qabu ta'uudha.
👉#Nama keessaa nama ta'uun dhibaa'uu osoo hin taane, dhiibbaa uumuudha.
👉#Nama keessaa nama ta'uun murteessuu nama gaafata.
#Kitaaba Ajaa'ibaa "Nama keessaa nama ta'i" jedhu Barreessaa Kennaa Tikkuu Ida'eetiin barreeffame gurguramaa jira bitadhaa dubbisaa Barreessa Dargaggeessa Qaxalee kana cina dhaabbadhaa🙏🙏🙏

@Bedadina
@Saayikoloojii

#share gochuun dubbistoota heddu biraan gahaa!!!

Galatoomaa🙏🙏🙏🙏
Barataa/ttuu dhaa?
​​​​#Gaabbii

#Ati Maal gaabbita Mee?
#Hospitaala Keessatti Qorannoon Namoota Du'aaf guyyaa muraasni akka isaan hafe itti himamee du'a eeggataa jiran irratti gaggeeffame akka ibsutti #Gaabbii isaanii ykn #otoo isaanii akkas jechuun dubbatan:-

👉Gammachuu hin qabun ture
👉Barnoota koo hin foyyeeffanne
👉Of hin kunuunsine ykn ofhin eegne
👉Haaloo ykn Jibbaanin jiraachaa ture
👉Maatii koof yeroo hin kennine
👉Namootan gargaaruu qabu hin gargaarre
👉Abjuu (Mul'ata)koo hin jiraanne
👉Maaliifan dhamaa'aa ture
👉Namootaaf jaalala koo hin ibsine
👉Amantaaf bakka hin kennine Nan tuffadhan ture.
🙏 Bal'ina isaa yeroo dhiyootti isiniif qabannee dhufna.
#"Gaabbii Fi Eegeen booda dhufti" Jedha Oromoo koof keessan.
#Maddi Dr.Wadaajeeneh
@Bedadina
​​#Odeeffannoo Sobaa irraa of eegaa kana malees #Application Nagahee sobaa hojjetu waan jiruuf yeroo Bittaaf gurgurtaa Raawwattan illee maallaqni isiniif galuu dursitaanii qulqulleeffachuu qabdu. Fknf Nagaheen armaan gadii Kan sobaa ykn Fake dha.
#Dafaa namoota beektaniif #share godhaatii Baraaraa
#Dudhaalee Jireenyaa
👉Principles of Life
የህይወት መርሆች
1.Of Fudhachuu(simachuu)
      👉Self Acceptance
       ራስን መቀበል
2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu
   👉 Living for life purpose
ለህይወት አላማ መኖር
3. Dorgommii irraa fagaachuu
      👉 Avoiding competition
ከዉድድር መራቅ
4. Yaada qajeelaa(Gaarii) yaaduu
      👉Positive Thinking
ቀና ማሰብ
5. Barachuuf fedhii qabaachuu
      👉Being willing to learn
ለመማር ፍቃደኛ መሆን
6. Ogummaadhaan deddeebi'uu
     👉Walking with wisdom
በጥበብ መመላለስ
7. Gamna(qaxalee) Ta'uu
      👉Being Intelligent
     ብልህ መሆን
8. Salphaatti mufachuu dhiisuu
     👉Taking no offence easily
     በቀላሉ አለመቀየም
9. Jireenya ofii galateeffachuun gaggeessuu
       👉Leading a life with gratitude
      የምስጋና ህይወት መኖር
10. Waan gaariidhaaf(Fooyya'aadhaaf) deemuu
       👉Going for the best
     ምርጡን  መፈለግ
11. Yeroo  hubachuu
      👉Understand the timing
     ግዜውን  ማወቅ
12. Waan jijjiiruu hin dandeenye fudhachuu
     👉 Accept what you can't change
መለወጥ የማይችሉትን መቀበል
13. Waraana  kee filadhu
       👉 Chose your Wars
የሚዋጉትን ጦርነት መምረጥ
14. Hundaaf dhiifama gochuu fi haaloo bahuu irraa fagaachuu
      👉Forgiving all and avoiding vengeance
ሁሉን ይቅር ማለትና በቀልን መተው
15. Gidiraa keessatti cimanii dhaabbachuu
       👉Preserve in suffering
በመከራ ዉስጥ መፅናት
16. Gammachuu fi boqonnaa qulqulluu qabaachuu
      👉Pure joy and rest
ንፁህ ደስታና እረፍት
17. Bareedina keessaaf iddoo guddaa kennuu
      👉Value inner beauty
ለዉስጥ ዉበት ዋጋ መስጠት
18. Gad ofqabuu fi nama tuffachuu dhiisuu
       👉Being humble and not despising others
ትሁት መሆንና ሌሎችን አለመናቅ
19. Jireenya keessatti naamusa qabaachuu
       👉Being disciplined in life
በስነ ስርአት መኖር
20. Kennuu fi fudhachuu baruu
      👉Giving and receiving
መስጠትና መቀበል
21. Onnee  kee hordofi.
      👉Follow your heart (Instinct)
ልብን መከተል
22. Kabajni kan  maluuf kabaja  kennuu
   👉 Give  due honor
ክብር ለሚገባው ክብር መስጠት
23. Cimanii kadhachuu
👉Pray seriously
ተግቶ መፀለይ
24. Seenaa hojjechuuu, yaadannoo(ashaaraa) kaa'anii darbuu
👉Make history, leave legacy
ታሪክ መስራት አሻራ መተው

#Maddi @Dr. Wadaajeneey Mehaareneh MD, MA, MSc, MA
#Afaan Oromootti hiikee barreeffamaan kan Qindeessee dhiyeesse Abarraa Naggasaa Bsc, BA

#Join godhaa nu hordofaa 👇👇👇
👉 @Bedadina
👉 @Saayikoloojii
ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር ) pinned «#Dudhaalee Jireenyaa 👉Principles of Life የህይወት መርሆች 1.Of Fudhachuu(simachuu)       👉Self Acceptance        ራስን መቀበል 2.Kaayyoo jireenyaaf jiraachuu    👉 Living for life purpose ለህይወት አላማ መኖር 3. Dorgommii irraa fagaachuu      …»
𝙅𝙄𝙍𝙀𝙀𝙉𝙔𝘼
≈===============================≈
➥ Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabnedha. Mana barumsaa namni hundi keessa darbudha.
➲ Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Gaafa duutu yoo qormaata jireenya moo'attee ni eebbifamta jechuudha. Eebbi kee immoo jireenya bara baraati.
➲ Kutaa meeqa akka geesse hin beektu. Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta.
➲ Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu. Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru.

➲ Kanaaf jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru. Abbaatu jiraattata. Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbhaachisa. Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beeknef cimaa ta'i!.
≈===============================≈