ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.24K subscribers
36 photos
1 video
1 file
99 links
Download Telegram
#MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN

#Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"#Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"

#Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba.

#Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. #Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaajee mijatee sitti dhufu hin jiru. #Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eeggachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

#Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa #yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbataatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi!

#Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! #Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. #Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

#Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata.

#Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. #Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. #Waaqa, #dhugaa, #laphee qulqulluu, #hubannaa, #ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda.

#Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

#Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.
#Join👇👇👇👇
@bedadina
#GEGGEESSAA TA'I

#Hojiin geggeessaa yeroo baay'ee amalaafi ilaalcha namootaa Jijjiiruudha Kanas tooftaalee armaan gadiin milkeessuu ni dandeessa:
Qajeelfama #1ffaa
Namoota hamilichiisi. Hojiikees, dinqisiifannaa namootaaf qabdu ibsuun ecegali.
Qajeelfama #2ffaa
Utuu namni sun hinbeekin qalbiisaa gara dogoggorasaatti fidi.
Qajeelfama #3ffaa
Utuu namoota ceepha'uu hin eegalin dura dogoggora yookaan dadhabinakeef ofiikee ceepha'i.
Qajeelfama #4ffaa
Namoota kallattiin ajajuurra, yaadasaanii gaafadhu.
Qajeelfama #5ffaa
Haamilee Namootaa Eegi.
Qajeelfama #6ffaa
Fooyya'insa xiqqoo namoonni agarsiisaniif isaan badhaasi. Jajjabeessiin, hanga dhumaattis addaan hin kutin.
Qajeelfama #7ffaa
Kabaja namoonni argachuu barbaadan kenniif. Yookaan waan akka ta'an feetu, ta'aanii akka jiranitti isaan fudhadhu.
Qajeelfama #8ffaa
Namoonni dogoggora isaaniirraa akka barataniif jajjabeessi. Dogoggorri isaanis salphaatti furamuu kan dandahu tahuusaa isaanitti agarsiisi.
Qajeelfama #9ffaa
Namoonni yaada kee akka fudhatan gochuuf dursii yaadakeetti akka gammadan godhi.


#Yoo xiqqaate namoota #10f qoodi (#share) godhi

@bedadina
#Sammuun Kee Maagineetiidha!

#Waa'ee Milkaa'inaa Fi Eebbaa yoo yaadde Milkaa'inumaaf Eebba ofitti harkisa.
Waa'ee Rakkinaa yoo yaadde Rakkinuma ofitti harkisa.
#Kanaaf Yeroo hundumaa Waanuma gaarii yaadi, waanuma yaadde argatta waan ta'eef!!!!
Yaada qajeelaa Fi ifaa ta'e qabaadhu🙏🙏🙏

#Join @Bedadina

#Yoo xiqqaate namoota 10f #share godhaa!!!

#Barnoota Ajaa'ibaatu Afaan keenyaan Darba!
@=>#Ganameeffadhuu Ka'i

👉@=>#Bakka Yaadde Ga'i
👉@=>#Ifa Tulluurraa Ta'i @=>#Dubaaf Fulduraan
Ifi.
@=>#Amantitti Jabaadhu @=>#Ogummaa Qabaadhu
@=>#Waaqayyoon
Sodhadhu.
@=>#Mo'icha Argadhu. @=>#Hamtuun Sin Argiin @=>#Gaariin Sin Darbin.
@=>#Kan Dhalate Siif
Haa Guddatu.
@=>#Yoo Loltu Mirgaan
Gali.
@=>#Yoo Barattu Qabxii
Argadhu
@=>#Mo'i Malee Hin
Mo'amin.
@=>#Argadhu Malee Hin
Dhabiin
@=>#bakka Yaaddes Hin
Hanqatiin.

<=><=>
Eebba Kana Hiriyyoota
kee Keessaa Kan Baay'ee Jaallattu Yoo Xiqqaate Nama 5 niif Share Godhi.
Anis Isaan Keessa Tokko Yoon Ta'e Anaafis Deebisii Ergii !
https://t.me/Bedadina
​​#Sammuun Kee Maagineetiidha!

#Waa'ee Milkaa'inaa Fi Eebbaa yoo yaadde Milkaa'inumaaf Eebba ofitti harkisa.
Waa'ee Rakkinaa yoo yaadde Rakkinuma ofitti harkisa.
#Kanaaf Yeroo hundumaa Waanuma gaarii yaadi, waanuma yaadde argatta waan ta'eef!!!!
Yaada qajeelaa Fi ifaa ta'e qabaadhu🙏🙏🙏

#Join @Bedadina

#Yoo xiqqaate namoota 10f #share godhaa!!!

#Barnoota Ajaa'ibaatu Afaan keenyaan Darba!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaa🙏🙏🙏
#Galatoomaa
👇👇👇👇👇👇👇
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
#Atis nama Anis nama na tuffattee maaf sii gamaa? Qabeenya Kee dachee gadii sin gabbaru fudhuu badii.
#Yoo qabattes beekumsa Jirenya keef eegumsa
#Namni hunduu Wal qixa
Kennaa waaqaan Wal Gita.

@Bedadina
@Saayikoloojii
👉#Gammachuu dhugaa!

#Waan hundumaatti qajeelaa ta'i. #Ana qofa hin jedhiin. #Namoota biroofis gaarummaa yaadi. #Addunyaan  ana, ana qofa warra jedhaniif nuffisiiftuudha. #Nuti jireenya jiraannu keessatti namoota biroof yoo geenye umuriin keenya ni dheerata, karaan keenya ni qajeela, abdiin keenya ni guddata, keenya abjuun keenyas ni dhugooma.

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii                👉@Bedadina
👉#Waanti hin jijjiiramne hin jiru!

#Waanti guddaan dogoggora hojjechuu kee osoo hin taane, sirreessuu keeti. #Rakkoon kufuu kee osoo hin taane, deebitee ka'uu dhabuu keeti. Uffanni keeyyuu ni xuraa'a, ati garuu miichitee deebiftee uffatta.

#Atis gaafa dogoggorte of hin cheepha'in. Namni balleesse yeroo tokko adabama. Guyyaa guyyaan "Ani dhimma hin baasu" jettee of hin komatin(cheepha'in)! #Uffanni xuraa'e erga miichamee dedbi'ee uffatamee, ati sababiin hin jijjiiramneef hin jiru!


#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii   
    👉@Bedadina
#Carraa keetti fayyadami!

#Waan yaaluu barbaadde hunda yaali. #Yoo dogongora hojjechuu qabda ta'es dogoggora hojjedhu. #Guddachuu kan dandeessu yeroo yaaluuf fedhii horattuudha. #Qormaanni tokko tokkommoo yeroo si mudatan ittumaayyuu si cimsu. #Jabaachuu yoo barbaadde yaaluu fi kufaatii shaakaluu qabda!

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii                👉@Bedadina
#Nama kaayyoo malee nama #Laayyoo hin ta'in!!!

#Waan barbaaddurraa ija kee hin kaasin!
Ijji kee galma keerra haa ta'u! Kun taanaan immoo, yoo kuftellee iddoo kufte sanatti ijji kee miidhama kufinsa kee osoo hintaane, iddoo deemuuf manaa baaterra jira. #Yoo arrabsamte waa'ee arrabsoo miti kan sitti mul'atu; gammachuu isa argachuuf deemtu argachuuti.

#Beelli si hin dhaabu; anniisaa isa argaa jirtuutu fuulduratti si oofa. #Garuu waan harkaan qabachuuf hiixatterraa ija kaafnaan, hallayyaafi gufuu hedduutu karaa keerra ija sitti babaasa, waan hedduutus si qabata. Qabees si hingadhiisu. #Ati namni kaayyoo, nama laayyoo taatee hafta. #Kanaaf furmaanni, xiyyeeffannaa kee waan barbaaddurra gochuudha(#Dr. Naafyaad Geetuu)

@Bedadina               @Saayikoloojii