ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
109 links
Download Telegram
#JIREENYUMA FILATTE #JIRAATTA

👉Namni tokko illee jireenya siif filachuu hin danda" u. Ofuma keetii filatta, of uma keeti itti jiraatta. Har"a murteeffadhu. Zoonii haala qillensa mijata siif qabu tolfadhu. Zoonii hiika jireenyaa si jalaa dhoksite keessaa dafii ba'i. #Gaafa biyya lafaa kana irra jiraattu wanta ittiin yaadatamuu dandeessu hojjedhuu darbi malee du'een yaadatama hin jedhiin. Waa' eedhuma kee waan gaarii yaaduuf dhama'i. #Addunyaan kun yoom illee waa'ee kee akka ati waan gaarii yaadduuf carraa siif hin kennituuti.
#Ofitti deebi'i. Of keessaa baddee of barbaachaaf maaliif gatii kaffalta. Ofitti deebi'ii ofii kee fudhadhu. #Waa'ee kee sirriitti yeroo fudhadhuutii itti yaadi. Hojiin hojjetamu alaa osoo hin taane,suma keessa jira. #Miini dheedhiin gabaa addunyaaf dhiyaatu suma keessa jira.
"#Never Believe In #Never" jedhama #Hin danda'amu jecha jedhutti hin amaniin. #Filannoo sirriin gatii nama kaffalchiisu iyyuu galma ni ga" a. #Maal gochuun danda'aree hin jedhiin: Maal fa'aan gochuu danda'a jedhi malee. #Jireenya filatanii jiraatu malee jiraachuuf hin filatani.

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
👉#Gammachuu dhugaa!

#Waan hundumaatti qajeelaa ta'i. #Ana qofa hin jedhiin. #Namoota biroofis gaarummaa yaadi. #Addunyaan  ana, ana qofa warra jedhaniif nuffisiiftuudha. #Nuti jireenya jiraannu keessatti namoota biroof yoo geenye umuriin keenya ni dheerata, karaan keenya ni qajeela, abdiin keenya ni guddata, keenya abjuun keenyas ni dhugooma.

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii                👉@Bedadina