ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN

#Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"#Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"

#Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba.

#Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. #Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaajee mijatee sitti dhufu hin jiru. #Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eeggachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

#Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa #yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbataatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi!

#Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! #Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. #Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

#Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata.

#Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. #Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. #Waaqa, #dhugaa, #laphee qulqulluu, #hubannaa, #ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda.

#Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

#Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.
#Join👇👇👇👇
@bedadina
#Namni kamiyyuu umamaan guutuu ta'ee dhalata, garuu jireenya keessatti bakka fedhu akka hin geenye hawaasni keessatti guddanne nu murteessa.

Waan hojjannuun fiixaan bahuuf wanti guddaan ofitti amanuu, akkasumas warra kaan komachu fi namootarraa waa eeguu dhiisuu dha.

Waanan jaaladhuun hojjachaa jira, kanaafan milkaa'ees. Anaaf milkaa'u jechuun qarshii argachu qofaa miti.

Waan jaalatan hojjachuun uummata ofii gargaarraan, anaaf milkaa'inni kanadha. Horiin karaa kamiinuu ni argama, jiruu #dhugaa jiraachuun garuu qarshii caala.

#Join and #Share this channel
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/bedadina
#Seenaa #dhugaa #jaalala #haadhaati fi #mucaa ishii:

#Obsaan hanga dhumaatti dubbisi

#Haati kiyya ija tokko qabdi(ijji tokko jaamee jira). Ija tokko waan hin qabneef haalaanin ishii jibba. Barsiisootaa fi baratoottaaf nyaata qopheessuudhan na jiraachifti.

#Abbaan kiyya du’ee jira. Yaroon barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa jiru guyyaa tokko mana barnootatti nagaafachuuf dhufte. Yaroon ishii argu akka maleen rifadhe. Maqaa kiyya balleessuf akkamitti as dhufti jedheetan aare. Qaanii guddaatu natti dhagahame. Dubbisuullee hin barbaanne aareetiin “maalif dhufta?” jedheen dhiisee biraa deeme.

Guyyaa itti aanu baratoonni kutaa kiyyaa “Harmeen kee ija tokko hin qabdu! ...” jedhanii natti koflan. Natti qoosan. Eegasii jiruun kiyya na jibbisiise. Isiirraa dhalachuu kiyya akkamalee na aarsuu eegale.

#Guyyaan ishiirraa addaan bahu natti dheerate. Guyyaa tokko yaroon barnoota irraa deebi’u akkanaan jedheen..” gammachuun kiyya yaroo ati duute qofa. Maalif hin duune?” jedheetin itti dheekkame.

Deebii naaf hin deebifne, mataashee gadi qabattee naduraa achi deemte. Harmee kiyya wajjiin addaan bahuuf barnoota kiyya cimsee qo’achuun eegale.

#Akka tasaatti carraan barnoota ol’aanaa naa dhufeeti biyya jijjiiree ishiirraa addaan bahe. Eegasii haadha warraa fuudhee, mana bareedaa bitadhee ijoollee horee  jireenya kiyya itti fufe.

#Waggoota dheeraa booda Harmeen kiyya teessoo kiyya barbaaddee manatti nadhufte. Yaroon ishii argu amanuu hin dandeenye. Ijoolleen kiyya yeroo ishii argan itti koflan. 

Anis “eeyyama kiyyaan malee mana kiyya maalif dhufta ? mana kiyya eenyutu sitti agarsiise? As dhuftee ijollee kiyya maaf na duraa rifachifta? Dafii narraa bahi!” jedhee loleetin itti iyye. Harmeen kiyyas sagaleeshii gadiqabdee rifaachuudhaan “Ow….aaaa! Dhiifama guddaan si gaafadha teessoo dogoggoreetiin mana kana seene” nan jattee daftee naannoo sanirraa deemte.

#Eegasii Haadha kiyya argeetuu hin beeku. Yeroo booda ollaan kiyya du’uu ishii natti himan.
# Humaa natti hin fakkaanne.

#Guyyaa tokko karaa mana barnootaatiin xalayaan tokko na gahe. Xalayaa kana ilaaleetiin haadha warraa kiyya wajjiin qoosuu eegale “carraan hojii naa dhufe sii dhiisee deemuufi” jedheetin itti qoosa. #Xalayaa kana eegannon yaroon banu guyyaa dheeraan dura xalayaa Harmee kiyya irraa naaf barreefame ture. Akkana jedha:-

#Mucaa kiyya bareedaa fi kabajamaa akkam jirta? Yaroo hunda suman yaada. ciisus hirriiba hin qabu. Kanaan dura mana kee dhufee Ijollee kee rifachiisuu kiyyaaf dhiifaman si gaafadha.

#Ani ilmoo si qofa waanin qabuuf baay'een sitti bona hedduun sitti gammadas. Yaroo guddate kana dhugaa jiru kana sitti himee si Jeequu kiyya kanaaf dhiifama.

#Agartee…..gaafa ati daa’imaa  konkolaataan nuun garagalee ijji kee tokko si Jaamte. Aniis ijji kee jaamee si arguu waan garaan koo hin dandeenyeef , Ija tokkon akka guddatus hin barbaanne, Kanaafuu ija kiyya baaseetin siif kenne, Ija lamaanin adunyaa kana yaroo agartu gammachuun kiyya daangaa hin qabu ture, Ija kiyya siif kenneetin ija #tokkon hafe.

#Mucaa kiyya ija kiyya saniin Jaalalaan naaf guddate onnee irraan si jaaladha nagaan naaf jiraadhu.

#Eegan xalayaa kana dubbisee booda jiruu kiyya guutuu dhukkubaan siree irra ciiseetin dabarse. 

*THE END**
Seenaa kana irraa maal barattan?

#Jaalala haadhaa

#Namni haadha kee jaalattu #share godhi

#Join godhi
👇👇👇👇

https://t.me/Bedadina