ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Ammuma jalqabi!

#Rakkoon (yaaddoon) keenya irra caalaan isaa kan maddu wanti nuti hojjechuuf kaane ulfaataa ykn garmalee waan ta'eef osoo hin taane, waan salphaa jalqabne waan hin xumurreefidha.

#Maaltu harka kee  keessa jira?  Kanaaf ka'ii ammuma sirreessi!  Waan jalqabde dafii xumuri, sana booda isa itti aanuuf karaa bana!!!
👇👇👇👇                         👇👇👇👇
👉@Saayikoloojii                 👉@Bedadina
👉#Waanti hin jijjiiramne hin jiru!

#Waanti guddaan dogoggora hojjechuu kee osoo hin taane, sirreessuu keeti. #Rakkoon kufuu kee osoo hin taane, deebitee ka'uu dhabuu keeti. Uffanni keeyyuu ni xuraa'a, ati garuu miichitee deebiftee uffatta.

#Atis gaafa dogoggorte of hin cheepha'in. Namni balleesse yeroo tokko adabama. Guyyaa guyyaan "Ani dhimma hin baasu" jettee of hin komatin(cheepha'in)! #Uffanni xuraa'e erga miichamee dedbi'ee uffatamee, ati sababiin hin jijjiiramneef hin jiru!


#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii   
    👉@Bedadina
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
#Jiraachaa jirta!

#Lafa kanarra haalota ulfaatoo heddutu jiru, qormaata heddutu jira, atis ijoollummaa kee irraa eegaltee haalota ulfaatoo heddu dabarsiteetta. Garuu ammas jiraataa jirta. Inni kaleessa si dabarse har'as si dabarsa abshir.

#Deel Kaarniigeen akkas jedha, ''#Eenyullee saree du'e akka hin rukunne beeki'' jedha.  #Jireenya keenya keessatti dhiibbaan nu mudatee rakkoon nutti tuulamaa yoo jiraate jiraachaa jirra jechuudha.  #Rakkoon garuu dhiibbaa fi wanti nama yaaddessu hin jiru yoo ta'edha!(#Comfort zone)

#Yeroo bareedaa isiniif hawwina!
👇
👉See more