ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.54K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaa🙏🙏🙏
#Galatoomaa
👇👇👇👇👇👇👇
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa
#Jireenya Kee Har'aa

#Jireenya kee isa har'aa irra dhaabbattee waantota afur murteessuu ni dandeessa.

1. #Guutummaatti abdii kutattee waan hojjechaa jirtu dhiisuu, jireenyi kun na gaha jechuudha.
2. #Baqachuu, booda deebi'uu, daftee kallattii jijjiiruu, gadi buutee jiraachuu yeroo filattu jechuudha.
3. #Yeroodhaaf boqonnaa fudhachuu, karaa kan biroo yaaluudhaaf murteessuu, fiigicha isa jalqabde dhaabdee kan biroo yaaluu jalqabuu, deemsa kee fi gocha kee hanga ammaatti taasisaa turte irra deebitee ilaaluu.
4. #Haala kam keessattillee gara fuula duraa ija jabinaan deemuu, tulluu mul'ata koo irra ba'ee of arguun qaba jettee murteessuu. Waadaan ani keessa kootti ofiif gale rakkinoota kana hundumaa caalee ni darba jechuudha.

#Kan murteeffatte situ beeka. Kan koo isa #4ffaa dha. #Murtoon kee eenyummaa keeti.

@Saayikoloojii