ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Nama kaayyoo malee nama #Laayyoo hin ta'in!!!

#Waan barbaaddurraa ija kee hin kaasin!
Ijji kee galma keerra haa ta'u! Kun taanaan immoo, yoo kuftellee iddoo kufte sanatti ijji kee miidhama kufinsa kee osoo hintaane, iddoo deemuuf manaa baaterra jira. #Yoo arrabsamte waa'ee arrabsoo miti kan sitti mul'atu; gammachuu isa argachuuf deemtu argachuuti.

#Beelli si hin dhaabu; anniisaa isa argaa jirtuutu fuulduratti si oofa. #Garuu waan harkaan qabachuuf hiixatterraa ija kaafnaan, hallayyaafi gufuu hedduutu karaa keerra ija sitti babaasa, waan hedduutus si qabata. Qabees si hingadhiisu. #Ati namni kaayyoo, nama laayyoo taatee hafta. #Kanaaf furmaanni, xiyyeeffannaa kee waan barbaaddurra gochuudha(#Dr. Naafyaad Geetuu)

@Bedadina               @Saayikoloojii