ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN

#Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"#Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"

#Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba.

#Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. #Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaajee mijatee sitti dhufu hin jiru. #Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eeggachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

#Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa #yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbataatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi!

#Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! #Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. #Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

#Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata.

#Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. #Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. #Waaqa, #dhugaa, #laphee qulqulluu, #hubannaa, #ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda.

#Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

#Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.
#Join👇👇👇👇
@bedadina
#Osoo hin darbiin jiraadhu!

#Addunyaa kana irratti jechi nama tasgabbeessu yoo jiraate "Hunduu ni Darba" dha. Gaddi ni darba, gammachuun ni darba, aariin ni darba, quufnis ni darba; Kan biraa dhiisi anis atis ni darbina! Kan hin dabarre uumaa addunyaa kanaa Waaqayyo ykn Rabbi qofaadha.

#Kanaafuu maaliif rakkoo darbaa jiruuf hamma kana yaadda'uun? Guyyaa darbuuf maaliif of miidhuun? Jireenya kee jiraadhu. Waan jaallattu hojjechuuf qophaa'i, Jireenya hafuuraa kee osoo hin dhiisin eebba lafaa hundumaatti gammadi. #Osoo hin darbiin jiraadhu yaa qomoo koo!
#Teessee Yaadda'uudhaan homaa hin fiddu!

#Ka'i! dammaqi!

#Yeroo tokko tokko wanti nuti yaaddofnu baay'ee nama ajaa'ibsiisa, kanaafidha waan jennee waamnullee ni dhabna! #Wantoota gurguddaa jireenya keenya keessatti qabnuu fi wantoota nu barbaachisan dhiifneet wantoota xixiqqoof Yeroo, gammachuu fi nagaa dhabna! #Wanti baay’ee nama gaddisiisu, wanta gatii hin qabneef yaaddofnee erga dhabnee booda ykn wantoota qaalii qabnu osoo hin argin booda qabeenya meeqa akka qabnu yeroo hubannudha. #Kanaafuu yaaddoo irraa fagaannee, waan qabnu guutummaatti itti gammaduu haa barannu!
#Waan baay'ee qabna #fkf Yeroo, Fayyaa, Mul'ata, Galma, Maatii, Hiriyoota, Hojii, Beekumsa, Gammachuu, nagaa fi kkf.
#Osoo hin darbiin jiraadhu!

#Addunyaa kana irratti jechi nama tasgabbeessu yoo jiraate "#hunduu ni darba" jechuudha.  Gaddi ni darba, gammachuun ni darba, aariin ni darba, quufuunis ni darba;  Kan biraa dhiisi aniifi atiyyuu ni darbina!  Kan hindabarre  uumaa Keenya Waaqayyoo ykn Rabbiin  qofadha.

#Kanaafuu, rakkoo darbuu jiruuf maaliif baayʼee yaaddofta ykn dhiphatta?  Guyyaa darbuuf maaliif of miita?  Jireenya keetti lubbuu horii jiraadhu.  #Waan jaallattu, hojii jaallattu hojjechuuf qophaa'i, hojii hafuura kee osoo hin dhiisin eebba lafaa hundumaa itti gammadii dhandhami.

#Yaa qomoo koo Osoo hin darbiin jiraadhu🙏🙏🙏❤️

#Namoota jaalattuuf #qoodi ykn #share godhii jajjabeessi

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina
#Dandeettii kee beeki!

#Waan dandeessu qofa hojjedhuutii waan hin dandeenye  hunda immoo uumaa keetti kenni!  Waantota hedduun yoo garmalee of dhiphiste dandeettii wantoota sasalphaa hojjechuu ni dhabda jechuufan jedhe malee hin danda'u jedhiitii  harka maradhuu taa'i jechuu koo miti. Siif gale  mitii yaanni koo?? Dandeettiin hunda keenyaa garagaradha.

#Kanaafuu lama dhabduu taatee hafuu keerra kan qabatte  qabadhuutii jabaadhu!

  #Yeroo bareedaa qabaadhaa🙏

                                @Bedadina
#Osoo hin darbiin jiraadhu!

#Addunyaa kana irratti jechi nama tasgabbeessu yoo jiraate "#hunduu ni darba" jechuudha.  Gaddi ni darba, gammachuun ni darba, aariin ni darba, quufuunis ni darba;  Kan biraa dhiisi aniifi atiyyuu ni darbina!  Kan hindabarre  uumaa Keenya Waaqayyoo ykn Rabbiin  qofadha.

#Kanaafuu, rakkoo darbuu jiruuf maaliif baayʼee yaaddofta ykn dhiphatta?  Guyyaa darbuuf maaliif of miita?  Jireenya keetti lubbuu horii jiraadhu.  #Waan jaallattu, hojii jaallattu hojjechuuf qophaa'i, hojii hafuura kee osoo hin dhiisin eebba lafaa hundumaa itti gammadii dhandhami.

#Yaa qomoo koo Osoo hin darbiin jiraadhu🙏🙏🙏❤️

#Namoota jaalattuuf #qoodi ykn #share godhii jajjabeessi

👉@Saayikoloojii.👉 @Bedadina