ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.54K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Isa Kam siif #Wayyaree?

#Inni jalqabaa ba’aa hojii cimaadha.  #Inni lammaffaan ba’aa gaabbiiti.  Hojiin cimaan tarii Kiiloogiraama 1 ulfaata;  Garuu gaabbiin  kiiloogiraama  100 ol baatanii akka deemuuti.  Isa kamtu akka siif wayyu #filadhu!

#Hundi keenya waan amma qabnu caalaa waan #gaarii barbaanna.  Yeroon guyyaa hojii malee dabarsitu, "Guyyaan sun osoo homaa hin godhin ija koo irra kaa'ee darbee?"  Yeroo of komattu yaadi.  Fakkeenyaaf Bara Darbuuf jiru 2014 kana maal karoorsite? maal hojjette? maal milkeessite? Maal immoo osoo hin milkeessin hafte? Hundaafuu kan darbe darbeera isa darbe irraanfadhu, isa dhufutti xiyyeeffannaa kenni! Kana ta'uu baannaan barri inni itti seenu kunis waggaa har'aa moofa'eetuma 2016 dabarsa waan ta'eef jechuu kooti. Kanaaf waca amma namni garanaa garasii gurra sitti duuchu dhaggeeffachuu dhiisii ofdhaggeeffadhu!Ofta'i yoo oftaate ofiif taatee nama biraafis taata waan ta'eef!🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Ayaana Gaarii siif haa ta'u !!!
🌻🌻🌻🌻2️⃣0️⃣1️⃣5️⃣🌻🌻🌻🌻
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Bara 2015tti darbuu kan #dadhaban!


#Obboleessa koo Baga Geesse!! Obboleettiin koos Baga ittiin si gahe!!
#Hundi keenya har'a gahuu keenyaaf carraqabeessadha! #Waggaa darbe kana kan  hin qaxxaamurree fi kan awwaalamaniifii awwaala kabajaa illee kan hin argane hedduudha.

#Dhugaan isinitti hima #har'uma kana #ollaa kootii namni #lubbuun isaa boqotee boru awwaalamu jira. Kana jechuun namni kun bara 2014 boqotee bara 2015 awwaalama jechuudha😭😭😭

#Nuuf Garuu barri kun waan barbaannu akka taanuuf, kaayyoo akka qabaannuuf, jaalala akka qabaannuuf, gaa’ila akka qabaannuuf, ijoollee akka horannu, qabeenya akka qabaannuuf, gammachuu fi quufa akka qabaannuuf nuuf dabalameera.  #Barri kun kan keenyadha! #Uumaa keessan galateeffadhaa🙏🙏🙏

Bara ajaa'ibaa isiniif hawwina

@Bedadina
@Saayikoloojii
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🎄🎄🎄🎄🎄🎄
#Ati kophaa kee miti!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaʼu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaʼelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaʼa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya #Tulluu milkaa'inaa gubbaatti wal argina!  #Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!🙏🙏🙏
#Galatoomaa🙏🙏🙏
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina

@Saayikoloojii
Forwarded from Abera Negesa official
#Kabaji!

#Namni hunduu garaagaradha bifaan, dheerinaan, sadarkaan barnootaa, qabeenyaafi kkf adda adda. #Hundi keenya garaagarummaa mataa keenyaa qabna garuu wanti guddaan nu tokkoomsu tokko jira.
  "#Namummaa!"

#Uumaan ajajaa olaanaa uumama hundaa nu godheera!  Qabeenya keenyaan ykn maqaa keenyaan adda nu hin baasne hunda kernyaafuu kabaja wal qixa nuuf kennee Aduu fi Addeessa wal qixaan nuuf ibsaa jira.

"#Egaa maaliif isa Uumaan nu uume nu hin tuffanne wal tuffanna? Uumaa qixa nu kabaje waan ta'eef yeroo hunda wal kabajuu haa barannu."
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
👉 #Waan uumamteef Beektaa?

✍️#Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. Dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. Kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

✍️#Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettii kootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyoo kee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kan biraa maaltu sirraa eegamaree?

✍️#Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

✍️#Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu.

✍️#Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.

✍️#Maxxansa kana yoo jaalatte #share gochuu qofaan hiriyoota kee onnachiisi.

#Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.

👇👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_