ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.54K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Ofiif waadaa gali!

#Wantoonni akka ati barbaaddetti deemuu dhiisuu danda’u, namoonni dugda sitti deebi’uu danda’u, addunyaa kana keessa jiraachuuf waan si gammachiisu hunda dhabuu dandeessa; #Garuu hundi keenya miira kana keessa darbineerra gara fuulduraattis keessa darbuu dandeenya.

#Garuu guddinni yeroo rakkisaa kana keessatti yoomiyyuu abdii akka hin kutanne #waadaa ofiif galuudha!

#Halkan abdiin guutamen isiniif hawwa🙏🙏🙏
#Dhaabachuun hin Jiru!

#Wantoonni oliif gadi deemaa jiraachuu danda'u, haala itti fufuu caalaa dhaabuun gaarii fakkaatu keessa jiraachuu dandeessa, garuu harka kennachuun salphaadha.  #Humna walitti qabanii itti fufuun ulfaataadha!

#Yaa  Fira koo kan ati ofiifis taatee sana booda warra jaallattu biras ga'uu dandeessu osoo abdii hin kutatin yoo itti fufte qofa.  #Kanaaf egaa jabaa ta'uu kan qabdu.  #Waan dhiifte amma fudhadhu itti fufi dhaabachuun fala hin ta'u waan ta'eef ka'i!!!🙏🙏🙏

@Bedadina
@Saayikoloojii
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🎄🎄🎄🎄🎄🎄
#Ati kophaa kee miti!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaʼu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaʼelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaʼa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya #Tulluu milkaa'inaa gubbaatti wal argina!  #Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!🙏🙏🙏
#Galatoomaa🙏🙏🙏
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina

@Saayikoloojii
#Bu’uuraalee Milkaa’inna ( #Elements of Success)

#Namoonni damee hojii garagaraa irratti bobba’uun milkaa’ina adda addaa galmeessu. Milka’inni namoota hundaa waliqixa miti. Milkaa’ina gurguddaa galmaan gahuuf ,bu’uura isaa sirritti lafa qabsiisuun baay’ee barbaachisaadha.
#Wantoonni milkaa’inaaf bu’uura ta’an muraasni kanneen armaan gadiiti.
1. #Yaaduu:- Bu’uurri wanta kamiyyuu hojjechuu yaaduudha. Burqaan jiruu yaada. Jiruu fi jireenya koo keessa maaltu jira, maaltu dhabame, maal itti dabaluun qaba, maal irraa hir’isuun qaba,dadhabinni koo maali, jabeenyi koo maali, akkamitti of jijjiruun qabaa fi gaaffileen kanaa fi kana fakkaatan yaadun deebii kan argataniidha. Bu’uurri jalqabaa jireenyaa yaadu fi xinxalluudha. Kaayyoo yeroo kaayyeefannu ol fageessinee yaaduu fi hawwuu qabna. Hanga fedhe ulfaataa nutti haa fakkaatu, ol fageessine yaaduu, xiinxaluun fi fedhii keenya ijjaaruun, hojii baay’ee salphaa ta’eetti jijjira.
2. #Kaayyoo ofii beekuu fi murteessuu:- Waanta hojjatan sana sirritti gadi fageenyaan xiinxalanii yoo hin barinii fi daangaa hin murteessiniif, kufaatif sababa guddaa ta’a. Fakkeenyaf, namni tokko doktora,enjinera, barreessaa, fi kkf ta’uuf yoo yaade murtessuun dura humna, yeroo fi gatii kaffaluu qabu sirriitti beekuu qaba. Kaayyoo ofii murteessun jiruu waldhaa'aa fi dukkanaa’aa gara salphaa fi ifaatti jijjira.
3. #Fedhii:-Waanta tokko hojjachuuf erga yaadnee booda miirri fedhii nu keessatti uumama. Fedhiin yoo hin jiraatin wanta yaadne sana lafatti buusnee hojjachuu hin dandeenyu.
4. #Ejjennoo fi Niyyaa(intention) qabaachuu:- Erga kaayyoo keenya murteessineen booda ijjannoo fi niyyaa keenya jabbeessu fi lafa qabsiisudha. İjjannoon cimaan wanta qabanne kaane akka hin dhiisne fi hin daganne nu taasisa.
5. #Xiyyeefannoo:- Akkuma daa’imni yeroo dhalattu xiyyeefannoo fi kunuunsa guddaa barbaaddu, kaayyoon nu kaayyefanne akkasuma xiyyeefannoo fi kunuunsa guddaa barbaada.
6. #Obsa:- Namni diida bahee hanga bakka yaade gahutti hin dhiisu. Bakka gahuuf immoo Obsa isa barbaachisa. Kaayyoo dheeraa qabanne galmaan gahuuf obsii akka bishaani fi qilleensaa nu barbaachisa.

@Bedadina
@Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa
👉#Haalota Baay'ee #Rakkisoo👈🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂

#Haalonni mul'ata Keenyaaf baay'ee rakkisoo ta'an muraasni:
1. #Ofitti abdii kutachuu
2. #Waan xiqqoon gammaduu fi waan xiqqoon ofitti aaruu
3. #Yaada namootaan oofamuu fi yaada namootaan of murteessuu
4. #Wantoonni ati yaadde gaafa akka ati yaaddeetti deemuu dhiisu
5. #Karoora keef qarshii isaaf barbaachisu gaafa of harkaa dhabdu
6. #Wanti ati baratteefi wanti ati hojjettu gaafa waldhabu.
7. #Barattee hojii dhabuu
8. #Jireenyaan of dadhabuu
9. #Jireenyi mana keessaa faallaa mulata keem sitti ta'uu
10. #Namoonni si hubachuu dhabuu
11. #Dhukkuba fi balaa hin yaadamneef saaxilamuu
12.#Osoo waan qabatamaa hin hojjetin umrin sijalaa deemuu
13. #Dhala dhabuu
14. #Siyaasaan adabamuu
15. #Biyyaa ba'uu
16. #Garee ta'een dhiibamuu
17. #Araadaan rakkachuu
18. #Arraba namootan dararamuu
19. #Namootaan ganamuu
20. #Hojirraa hin dandeessu jedhamtee geggeeffamuu
21. #Waan nyaattuu dhabuu fi gargaarsa dhabuu fi kkf

#Kanneen armaan olitti tarreefffaman kun wantoota baay'ee rakkisoo fi mul'ata keenyatti gufuu ta'uu danda'aniidha.

@Saayikoloojii #Join #Share gochuun nu hordofaa!!!
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii