ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.6K subscribers
39 photos
1 video
1 file
109 links
Download Telegram
#Ofiif waadaa gali!

#Wantoonni akka ati barbaaddetti deemuu dhiisuu danda’u, namoonni dugda sitti deebi’uu danda’u, addunyaa kana keessa jiraachuuf waan si gammachiisu hunda dhabuu dandeessa; #Garuu hundi keenya miira kana keessa darbineerra gara fuulduraattis keessa darbuu dandeenya.

#Garuu guddinni yeroo rakkisaa kana keessatti yoomiyyuu abdii akka hin kutanne #waadaa ofiif galuudha!

#Halkan abdiin guutamen isiniif hawwa🙏🙏🙏
#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taʼan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Halkan gaariin Isiniif hawwa🙏🙏🙏
#Baay'een isin Jaaladhas!!!
#Dhiifama Baay'ee #ulfaataa!

#Dhiifama hunda keessaa inni  baay’ee ulfaataa ta’e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjanne ofuma keenya akka komannu(ceephaanu) nu taasisa. Animee balleesseeraa bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameeraa, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera jennee of kommanna!

#Eeyyeen dur dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanti osoo hin beekiin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu!!!

       #Waan dubbiftaniif galatoomaa!!!

#Halkan gaarii isiniif hawwina!!!


@Bedadina @Saayikoloojii
#Halkan Hin Bariine Hin jiru

#Halkan hin bariine hin jiru, guyyaan hin dabarres hin jiru, wanti hundi darbee gaariin ni dhufa, wanti xiqqaate itti dabalamee wanti nu hanqate ni guutama wanti guddaan lubbuun jiraachuu keenya.

#Wanti hin danda'amne hin jiru!

@Bedadina
@Saayikoloojii