ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.54K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Namoonni dhufanii deemu!

#Yeroo tokko tokko, namoonni nuti nuuf jiru jennu warra gatii guddaa nuti kenninuuf, warri yeroon rakkoon na mudatu naaf qaqqabu, na cinaa dhaabbatu jennee yaadu tasa ka'anii jireenya keenya dhiisanii ba'u, amala hin eegamne nutti agarsiisu !

#Faallaa kanaammoo Namoota biroo nuti hin beekne, namoota nuti arginee hin beeknetu, lubbuun keenya akka jiraatuuf sababa ta'u, yeroo gargaarsa barbaannu nu cinaa dhaabbatu, osoo hin gaafatin dhufanii arjooma nuuf godhu!

#Egaa yeroo tokko tokko jireenyumatu akkana ta'a.
Jireenya keenya keessatti gatii namootaa akka hubannu nu taasisa! Ilaalcha wantootaaf qabnu ni sirreessa! Akkasumas yeroo namoonni dhufanii deeman hunda isaaniin jijjiramnee eenyummaa warra kaaniis isaan madaaluu qabna, ofii keenyas jijjiiruu hin qabnu!

#"Namni tokko yoo nurraa fagaatellee,namni tokko nutti dhihaata."


#Yeroo Gaarii isiniif hawwina
#Akka dhihetti hin hafu ni bari'a!!!!!🏃🏃🏃🏃🏃🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🍀🍀🍀
@Bedadina
Forwarded from Abera Negesa official
#Kabaji!

#Namni hunduu garaagaradha bifaan, dheerinaan, sadarkaan barnootaa, qabeenyaafi kkf adda adda. #Hundi keenya garaagarummaa mataa keenyaa qabna garuu wanti guddaan nu tokkoomsu tokko jira.
  "#Namummaa!"

#Uumaan ajajaa olaanaa uumama hundaa nu godheera!  Qabeenya keenyaan ykn maqaa keenyaan adda nu hin baasne hunda kernyaafuu kabaja wal qixa nuuf kennee Aduu fi Addeessa wal qixaan nuuf ibsaa jira.

"#Egaa maaliif isa Uumaan nu uume nu hin tuffanne wal tuffanna? Uumaa qixa nu kabaje waan ta'eef yeroo hunda wal kabajuu haa barannu."
#Wal haa Kabajnu!

✍️Namni hunduu bifaan, dheerinaan,  sadarkaa barnootaan, qabeenyaafi kkf adda adda.Hundi keenya garaagarummaa mataa keenyaa qabna garuu wanti guddaan nu tokkoomsu tokko jira innis #Namummaa(Humanity ) dha.

✍️#Uumaan keenya ajajaa olaanaa uumama hundaa nu taasisee nu uumeera.!  Qabeenya keenyaan ykn beekamtii keenyaan adda nu hin baasne.

✍️"#Egaa maaliif isa Uumaan nu uume hin tuffanne tuffanna? Innuu qixa nu kabaje waan ta'eef yeroo hunda wal kabajuu haa barannu."

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!
👇👇👇👇👇
@Bedadina
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_