𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
10.7K subscribers
556 photos
21 videos
22 files
1.89K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
➛ Duulli Sahaabaan Rasuulaa [Huffaazni Qur’aanaa ] torbaatamni keessatti ajjeefaman duula kami___?
Anonymous Quiz
19%
A) Zaatussalaasil /ذات السلاسل
36%
B) Zaaturriqaa'i / ذات الرقاع
46%
C) Yamaamaa /معركة اليمامة
#Dhugaa👌

➛ Nama yeroo boqonnaa malee si wajjiin hin haasofnetu jira,
Nama yeroo si wajjiin haasawu boqonnaa argatutu jira.
🙏🙏Hunduu galatoomaa!, ulfaadhaa!
@Ibroo
👇
@tafak_or
#Ati_dhugamaan_Rabbiin_si_jaalata!👇

Mallattoo Rabbiin si jaalachuu keessaa, qubsuma namaa si taasisuudha.
➛ ati nama idaa namarraa kafalu taanaan,
➛ ati nama yaadaan cinqame, yaada isaa irraa qoodatu taanaan,
➛ nama nama cinqame, cinqaa keessaa baasu taanaan,
➛ nama rakkataa rakkoo baasee, beelawaa nyaachisu taanaan,
➛ nama kadhataa qarqaaru taanaan,
➛ nama muddama keessa jiru baraaru taanaan... ati dhugama Rabbiin biratti jaalatamaadha.
Ati nama gahee akkanaa keessatti qooda qabu taanaan, yoomuu hin miidhamtu, hin xiqqaattu, hin rakkattus.

#Waan_dagate_seetaa!👇
➛Keeyrii ati dalagatte Rabbiin kee yoomuu hin dagatu,
➛ Rakkoo ati furte sana Rabbiin yoomuu hin irraanfatu,
➛ Ija imimmaaniin guutamte tan ati gammachiiste sana waan irraanfatu seetaa, hin iirraanfatu,
➛ Nama dhaaba dhabe kan ati utubaa taateef sana Rabbiin hin dagatu.
➛ Sadrkaan jireenya keetii jijjiiramus, ati yeroo kamuu namaaf gaarii dalaguu irraa uf hin qusatin....!
Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#Nan_hawwe👇

➛ Ani ballaas miti, maraattus miti....garuu biyya keenya keessatti jireenyi qaalawe kuni yoomuma rakasee, buddeena nagahaa nyaannu arguu fi lubbuun ilma namaa garmalee rakaste tun qaalii taatee...gatii argatti...! Arguun baay'ee na hawwisiise.
@tafak_or
➛ Namoonni dhiirummaa himatan /dhiirummaan uf dhaadan hedduudha,...garuu namoonni akka dhiiraa hojjatan baay'ee xiqqoodha.
- كثيرون حول التفاخر بالرجولة.. قليلون حول التصرف كرجال!
Follow me👇
@tafak_or
Ilmi namaa gaafa waa barachuu dhaabe dullooma. Umriin lakkoofsa qofa, 20 keessa jiraattee dulloomuu dandeessa. 80 keessa jiraattee dargaggeessa jedhamuu dandeessa.
🏆
Yeroo taphni addunyaa ture san, namoonni hedduun hardha garee kamtu taphate ? Kamtu injifate laata ? Jechaa walgaafataa turan.
Anis akki jechuu barbaadu👇

Dhugaa guyyaan hoongahuu fi milkaayuu keessatti guyyaa kana fakkaatu ni dhufa. Guyyaa namni kasaaree fi namni mikkaa'e wal bira qabanii madaalan ni dhufa!.
➛ Eennutu injifannoon gala beektaa guyyaa sana?!

كُلُّ نَفْسٍ ذَائِقَةُ الْمَوْتِ ۗ وَإِنَّمَا تُوَفَّوْنَ أُجُورَكُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۖ فَمَن زُحْزِحَ عَنِ النَّارِ وَأُدْخِلَ الْجَنَّةَ فَقَدْ فَازَ ۗ وَمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا مَتَاعُ الْغُرُورِ (١٨٥)
➛Nama injifannoon gale jechuun nama jannata seene, nama injifannoon gale jechuun nama ibidda jalaa bahe.
👉kanaafuu injifannoon dhugaa, isa guyyaa Qiyaamaa sana,...hanga dandeenyeen haa siinqeffannuu!.

Follow me👇
@tafak_or
"Nama gaarummaa amalaatiin Rasuula Rabbii caalu an takkaa
jiruu kiyya keessatti hin argine". Haadha manaa Rasuulaa
Safiyyaa intala Huyayyi irraa (Radiyallaahu Anhaa).
صلى الله عليه وسلم
#Info.....Turk Visa

Namoonni carraa Turkii Apply gochuu barbaaddan...isiniif qopheessuu dandeenya.
➛ Karaa lamaan yaaluu dandeessu carraa keessan.
1)#Medical_Visa
➛Kafaltiin walii galaa qarshii 200000 [Total price for medical visa will be 200000 birr ]
➛kafaltiin ati osoo ashaaraa hatkaa hin kennin dura kafaltu immoo qarshii 50000. Kafaltii hafe immoo erga Visaan siif dhahamee kafalta.
➛Turtiin viisaan isiniif dhahamu guyyaa 15 hanga 30 keessatti.
➛Hubachiisa ; akka tasaa Visan kankee rejected godha taanaan qarshiin kankee guutuu siif deebi'a.
2) Education Visa...
1) Acceptance qarshii kuma 25
2) Embasii qarshii kuma 30
Qarshii kuma 35 qofaan turkiin deemuu dandeessa.
Ulaagaa achi booda jiru hundaa ufii keetiif giuttatta.
Hubachiisa ; Education visa keessatti tasa rejected si jalaa godha taanaan....kifiyyaan ati galmeef kafalte siif hin deebi'u, garuu waraqichi hanga waggaa tokkoof waan si fayyaduuf...carraa irra deddeebitee yaaluu ni qabda.
Odeeffannoo dabalataaf👇
+251937073695...ykn
T.me/Ibrahim_92taf
#Oduu_gammachuu jiraattota magaalaa Shaashamanneetiif. Dargaggootaa fi Namoota Hubannoo Diinal Islaam cimsatuu barbaadan Hundaaf. Sanbata Borii irraa eegalee Namoonni dhuftan,yeroo jalqabaaf kitaabota armaan gadii qopheeffadhaa koottaa...:
Aqiidaa keessatti :
لامية لابن تيمية...وحائية لابن أبي داود.
Qawaa'ida keessatti :
القواعد الفقهية....للشيخ ناصر السعدي.
Usuulal fiqhii keessatti :
الرسالة اللطيفة
Damee barnoota barbaaddan irratti haala mijaawaa ta’een guyyaa Sanbataa lamaan qofa fayyadamuu dandeessu.
Iddoon M/B Al Iimaan keessa...
Odeeffannoo dabalataaf
#0937073695 Kun Carraa Guddaadha.
#Koottaa_fayyadamaa
#Qur’aana

➛ Gosa dhibee keessanii hin beeku, garuu Qur’aanni dawaa dhibee hundaa tahuu nan beeka.
Follow me👇
@tafak_or
##Gaafii👇

➛ Akka shari'aa Islaamaatti dubartiin ati osoo isheen heerumtee abbaa manaa qabdu, osoo inni biyya jiru, osoo lubbuun jiru ati fuudhuu dandeessu dubartii akkamiiti___?🤔
Yaalaa
@tafak_or
#Isin_mudatee_beekaa!

➛ Namoota garii akka malee jaalannaan. Jaalalli isaanii garuu gidduu keenyaa fi nama sanii qofatti kan inni beekkamu.
Jaalala sana ol baasuu dhabuun keenya akka nu laalessu, osoma beeknu caldhisna, caldhisutu caala waan taheef...
Inumaa hanga isaaniin baatuttuu jaalala keenya baasnee itti himachuu hin dandeenye, duubni isaa nama sodaachisa waan ta'eef, haalli isaa gaara caala namatti guddata waan ta'eef, booddeen isaa garmalee nama sodaachisa waan ta'eef.
hundaa ol kan caalu!, afaanuma keenya walitti qabannee, dubbii gidduu keenyaa fi nama sanaatti balbala itti cufannee du'aa'ii godhuu qofa.👍

Follow me👇
@tafak_or
https://t.me/tafak_or
Haati teenya Aayyoon Aa'ishaan (Radiyallaahu anhaa), jaartiin Rasuulaa (SAW), waggaa meeqaffaa isheetti duute_____?
Anonymous Quiz
13%
A) waggaa 85
14%
B) waggaa 80
73%
C) waggaa 66
#Akkanatti_Rabbiin_banne🤔


➛ Jaartii takkatu mobaayila sirreeffachuuf, suphaa mobaayila itti sirreessan seente.
(دخلت عجوز محل هواتف لتصلح هاتفها .)

➛ Achumaa Abbaan suphadhaa akkana jedheen ;
(فقال لها صاحب المحل :)
"Aayyoo!, bilbilli keessan nagaha, homa takka rakkoon qabu."
(هاتفك سليم  لايوجد به أي ضرر .)

➛ Jaartii : "Ishii ijoolleen kankoo maaliif hanga ammaa naaf bilbiluu dhaban ree!.😭
(فقالت العجوز :
إذاً لماذا أولادي لايتصلون بي .)
💔🌹💔

Harmee too!, bilbiluma keettu rakkoo qaba moo, ijoollema teeti laata!🤔
➛Jara teenna dubbiin tuni qoosaadhaaf osoo hin taane, haaluma nuti keessa jirruudha.

Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#Allah

➛ Yaa Rabbi karaan koo baay'ee dheeraadha. Namuu na wajjiin hin jiru lubbuu tiyya malee, bakka hundatti tumsaa fi tika keetiin na wajjiin jiraadhu yaa Rabbi.🤲
Ogummaa kiyyaan osoo hin taane, ogummaa kankeetiin karaa keetirra na kaahi yaa Rabbi.🤲
➛ Waan ani filadhe, waan ani fedhe osoo hin taane, waan feetee fi waan filatte irra na dhaabi yaa Allah🤲..
@tafak_or
#Bareedumni_keessa!

➛ Namoota garii irruma/ gubbama isaanii ilaaltee akka malee isaan jaalatta. Erga hariiroo isaan wajjiin eegaltee immoo, maaliif ummatni sun gubbaa qofaan fudhatama argatan, maalumaaf fuula isaanii qofaan akka jaalataman Rabbiin isaan godhe..siif gala🤔
➛ ahaaa!, bareeduma keessa isaaniittu daangaa dabree hanga gubbaa irraan bahee muldhatu gahe!
Rabbiin keessa nu haa bareechu anba teenna🤲

Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#Ulfaataa

Jechi ulfaataa/ Saqiil jedhu Qur’aana keessatti bakka 2 qofatti dubbatame. Isaanis:
[‏وردت كلمة (ثقيلاً) في القرآن مرّتين فقط:]

1) (Guyyaa ulfaataa) bakka kanatti guyyaa qiyaamaa sana itti baaname.
🔴(يوماً ثقيلاً) المقصود به يوم القيامة.
2) (Jecha ulfaataa ) bakka kanatti immoo Qur’aana kabajamaa itti baaname.
🔴(قولاً ثقيلاً) المقصود به القرآن الكريم.

🔺#Yaadachiisa : Namni guyyaa ulfaataa kana jalaa naga bahuu barbaade, Qur’aana ulfaataa/ kabajamaa kana jabeeffatee haa qabatuu.
🔺من أراد النجاة من اليوم الثقيل، فليتمسّك بالقول الثقيل.🍃🌸

Share👇
@tafak_or
#Dhugaa_bar!

➛ Addunyaa tanarratti wanti hanga ilma namaa nama dinqisiisaa inuma hin jirre.🤔
Ilmi namaa kuni jalqaba mallaqa argachuudhaaf jecha fayyaa itti dhaba, ergasii fayyaa jalaa badde sana deeffachuufis deebisee mallaquma sana dhaba.
jiruu harkaa qabu tanattuu kan seeraan itti fayyadamuu hin dandeenye, waa'ee fuuldura isaatiif dhiphata.
jiruu tanarra akka waan nama yoomuu hin duunee jiraata, garuu gaafa asirraa godaanus, akka waan nama guyyaa takkaa as gubbaa hin buliniitti asirraa godaana🤔!
(D.Raatibannablusii)
Ajiib👇
https://t.me/tafak_or
https://t.me/tafak_or