𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
10.7K subscribers
556 photos
21 videos
22 files
1.89K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
➛ Dubartoota armaan gadii keessaa tan gadaa Rasuulaa (SAW) janaaza dubartoota Islaamaa dhiqaa turte eennu_______?
Anonymous Quiz
27%
A) Ummu Eyman
33%
B) Ummu Axiyyaa
39%
C) Ummu Salamaa
#Galgala_milkii

Hardha sitti dhiphateef, boru sitti baldhatuu hin dhiisu. Hardha kasaaraa argattus, boru maaltu beeka bu'aa argachuu dandeessa.
Hardha kufteef waan achitti haftu sitti hin fakkaatin, boru Rabbiin si kaasuu danda'a [akka durii fi harka xuriitti hin hafan].
seera "Rabbiin bakka namaaf buusa" jedhu sana hin irraaffatin. Rabbiin gabricha isaa irra hamtuu jireenyaa keessatti gatee, isa hin dhiisu. Keeyrimaaf isa qormaata maalee.
sitti hammaatus gaafa tokko inuma siif salphata, sitti cufamus gaafa wahii Rabbiin sirraa bana, sitti dukkanaahus, guyyaa tokko bari'uun isaa waan hin oolle.

Follow me👇
@tafak_or
#Dhagahaa!

➛ Nama natti dhihaachuu isaa bu'aadha jedhee uf hin ilaalle, anis isarraa fagaachuu kankoo kasaaraadha jedhee hin ilaalu.
Follow me👇
#tafak_or
➛ Hiyyeeyyii wajjiin teessuma heddummaata. Rasuulli keenya (SAW) yeroo isaa harka caalu hiyyeessa wajjiin dabarsa.
kitaaba #Tumsa_Rasuulaa irraa
Salawaata buusaa👇
صلوا على رسول الله صلى الله عليه وسلم.
Follow me👇
@tafak_or
#Abjuu

Deemsa kee addaan hin kutin, waan gufuu sitti tahaa hunda uf jalaa qabaa; irrumaa goraa; irra utaalaa deemi. Bakka amma jirtuu olis deemuu haqa qabda waan ta'eef.
@tafak_or
#Ilma_namaa_kana!

➛Namni ani ilma namaa irraa dheessee nagahaan jiraadha jedhee uf yaadu maraattuu qofa. Ilmi namaa osoo irraa hanga feete fagaattellee waan maqaa kankee siin xureessu, waan ittiin si xiqqeessu yoomuu hin dhabu.
➛ Namni Rabbii guddateen shariika qabda jechuu hin saalfatin, namni Ergamaa Aalamaatiin (SAW) maraataadha, magic /falfala dalaga jechuu hin sodaatin, sihii miskiina kana dhiisaa🤔
➛ Kanaafuu carraan jiru ilma namaa akkuma inni jirutti wajjiin jiraachuudha.
Ee miskiina wlh😁

Share👇
https://t.me/tafak_or
➛ Namni hin dogoggorre, nama hin sochoone/homaan dalagne qofa.
#Yaa_Rabbi :🤲

Nama waljaalannuun adda nun baasin,
fayyaa nuuf kennite nurraan deemsisin,
tola nutti oolte hunda nun dagachiisin,
waan nu qabnu, ijatti nun xiqqeessin, ykn nun dagachiisin,
waan nu dhabne, ijatti nun guddisin.
Aaaaaamiin.

Share👇
@tafak_or
#kanuma_dubbiin

➛ Waa'een dhaabata keetii, maatii keetii, qabeenyaa fi sadarkaa keetii nan ilaallatu...
Namummaa kee, sammuu tantee, amala kee fi keessa keettu na ilaallata. Hundee kanarratti dhaabadhee sin kabaja.
Share👇
@tafak_or
#Obsi_dhiiratu_obsaa!👇

➛ Tooftaa diinni kee sitti baasu irratti obsuu qabda. Obsi kee diina keetiif akka summii qaama keessa nyaataa bula.... Ibiddi waan gubu ykn waan nyaatu yoo dhabe ufumaa wal guba waan ta’eef.

Share👇
@tafak_or
➛ Baatiin kuni afaan arabaan maal jedhama? Waa'ee baatii Rajab maal beektu laata ?

Nu hordofaa👇
@tafak_or
#Rajaba

1) Baatiin Rajab baatiiwwan hijraa keessaa baatii 7ffaa irratti argamuudha,
Maqaan isaa "Tarjiiba"/ترجيب irraa fudhatame,..Tarjiiba jechuun "guddisuu" jechuudha.
Ummanni asiin duraa Islaamummaan osoo hin dhufin dura, baatii tana kabajaa turan, baatii tana keessa wal hin lolan.
ammas baatiin kuni maqaa biroos ni qaba. Rajabal-Asammi/رجب الأصمّ ykn Rajabii duudaas jedhama.
Baatii kana keessa sochiin lolaa fi sagaleen waraanaa waan hin dhaga’amneef moggaasa kana kennameef.
Ammas maqaa dabalataa Munsilal-asinnaa/منصل الأسنّة jedhamuun beekkama.
Baatii isa keessa xiyyaa fi eboon bakkaa kaafamtee kaahamtu. Ummanni jaahiliyyaa eboos mataa irraa baasanii, xiyyas addaan diiganii kaahan ture.
2) Baatiin Rajab baatiiwwan Rabbiin biratti ulfaattu, baatiiwwan baatii hunda keessaa sadarkaa guddaa qaban keessaa isa tokkoodha. Isaanis: Zul-qa'adaa, Zulhijjaa, Muharramii fi Rajab.

Itti fufa👇
@tafak_or
#Rajab

3) Akkuma baatiiwwan 3n sanaa, baatiin Rajaba baatii sadarkaa guddaa Rabbiin biratti qabuudha.
Baatii kana keessa, badii garagaraa hojjachuun, daangaa Rabbii dabruun dhoorkaadha.
➛ Akkuma Rabbiin Qur’aana ( suuraa Towbaa:36) keessatti dubbatetti :

{...فَلَا تَظْلِمُوا فِيهِنَّ أَنْفُسَكُمْ ۚ......}
"..Baatiiwwan kanneen keessa lubbuu keessan hin miidhinaa.."
#Hubachiisa: Cubbuu dalaguun baatiiwwan biroo keessas dhoorkamaadha, garuu baatiiwwan hunda keessaa baatiin tuni Rabbiin biratti sadarkaa waan qabduuf baatii tana keessa hamtuu dalaguun, kanneen hafan irra daran cimaadha Rabbiin biratti.... Rabbiin waan fedhe guddisa, waan fedhe xiqqeessa!.
4) Baatii amma keessa jirru kana ummanni Muslimaa guddisuun ykn bakka kennuufiin dirqama. Karaaleen ittiin nuti baatii kana guddisuu dandeenyuun :

Daangaa Rabbiin nuuf kaahe bira kutuu dhabuun,
Waajiba nurra jiru geessuudhaan,
Ibaadaa isaa karaa inni nurraa barbaaduuf, adeemsa inni nurraa jaalatuun geessuu qabna,
Waan Rabbiin dallansiisaa dalaguudhaan lubbuu teenya miidhuu irraa uf qusachuu.
5)
......itti fufa....

Share👇
@tafak_or
#Suuraa🎥

➛ Durdur nyaata yeroo eegalan osoo hin eegalaminiin duratti "#Bismillah" jettanii? Jedhamee wal gaafatama ture,
Gadaa tana immoo nyaata osoo harkaan hin tuqiniin duratti #"Suuraa_fuutanii?" Waliin jedhama. Dhugaa baay'ee nama yaachiste, gadaa Bismillaan suuratti jijjiiramte keessa jirra dhugaa dubbachuuf.

Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#Rajab

5-6) #Hubachiisa : Sadarkaa baatii Rajabaa qofa adda durummaan hadiisni dubbatu hin jiru.
➛"Sadarkaa baatii Rajabiin wal qabatee, waa'ee baatii Rajabaa guutuu soomaan dabarsuu, guyyoota murtaa’e keessaa soomuu fi halkan Rajabaa tokko tokko dhaabbataan dabarsuu ilaalchisee, hadiisni Sahiihni Ragaadhaaf tolu nun geenye". #Ibnu_hajar Imaama Hadiisaa irraa.
➛ Baatii Rajabaa keessa ibaadaan addaa tan sadarkaa qabdi jennee dalagnu hin jirtu. Wantoota akkanaa nama dalagu yoo argitan bid'aa tahuu isaa hin irraanfatinaa!.
➛Shari'aan duubatti nuti yeroo tokko yeroo tokko caalchisnee ibaadaa keessa dalaguu hin dandeenyu. Ibaadaan hadiisaa fi Qur’aana irratti hundaa’a.

Follow me👇
@tafak_or
#Carraa_gaarii 👇

➛ Barattoonni kutaa 12 firiin qormaataa gadi dhiifamee waan jiruuf, halkan sa'aatii 5:30 irraa laaluu ni dandeessu.
@Ministeera_Barnootaa
#Hin_yaadin

➛ Qabxiin ati hawwaa turte sun osoo keeyrii siif qabaattee, silaa bakkuma ati ciustutti Rabbiin oofee sitti fida. Namni Rabbii ol waan nuuf tolaa nuuf beeku hin jiru.
Kanaafuu Rabbiin gaafa tokko waan tana caaltuun si kiisuu danda'aa maaltu beeka!. Itti hin yaadin.

Follow me👇
@tafak_or
#Deemi

➛ Hanga feete hidhaa jiruu duniyaatiin marfamtus, addunyaa tanarratti kophummaan guutamtus, hin dhaabbatin.
osoo akka Rabbiin kankee si duubaan jiru kan amantu taatee, silaa harka hin kennattus; deemsa kees addaan hin kuttu tureeyyu...silaa magaalaan abjuu keetii akka si moggaa jiru argita.
➛ Kanaafuu maaltu sirraa eeggama___?
Wantoota armaan gadii kana hujiitti hiikuu qabda. Isaanis:

1ffaa: Iimaana si barbaachisa,
2ffaa: Obsa si gaafata,
3ffaa : hanga bakka yaadde sana geettuuf deemsa addaan hin cinne si gaafata.

Follow me👇
https://t.me/tafak_or
Eenyummaa kankee Rabbiin si beekuun gahaadha!
#Jaalalli_hireedha!👇

➛ kan silaa maqaaf obboleessaa.."Yuusuufiin nurraa ajjeesaa" jedha,
"اقتلُوا يوسف"
kan silaa maqaaf nyaapha/ alagaa jettee yaaddu..."Yuusufiif haala mijeessaa" jedha.
"أكرمي مثواه"
#Jaalalli_hireedha
إنَّ الحُبَّ رزق
➛ hireen tee qalbii eennuu keessa akka taate ati waan irraa beektu takka hin qabdu....dhageessee!
وإنك لا تعرفُ في أي قلبٍ رزقك !

Ergaa Seenaa Nabiyyallaahi Yuusuf keessaa fudhatame(Alwyhissalaam).

Follow me👇
https://t.me/tafak_or