๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
9.82K subscribers
550 photos
20 videos
21 files
1.82K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Baatii_heexoo/Sha'abaana... 1) Akka lakkoofsa hijraatti baatii 8ffaadha ... jidduu baatii Rajabaa fi Ramadaanaatti argama... โœ Moggaasa kanaan wanti beekkameef.... Ummata Arabaattu baatii kana keessa bishaan barbaadaaf olii gadi faffaca'a ture. Yookiinโ€ฆ
#Heexoo/sha'abaanaa...

4) Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) baatii lama walitti aansanii soomanii hin beekan... yoo sha'abaanaa fi Ramadaana taate malee...Hadiisa Aa'ishaan (Radiyallaahu anhaa) gabaaste keessa jira.
Irra hedduu goyyoota sha'abaanaa ni sooma... Ramadaanas achumaan itti sufa.
5) Namni hedduun baatii kana ni dagata.... maaf yoo jettan___?
Baatiin isa dursua baatii kabajaa, kan ulfinnaa; kan keeyrii hedduun keessa dalagamuun beekkamu... baatii afran kabajaa keessaa isa #Rajab jedhamutu afoo jira...baatii Rajabaa qofa addatti baasuun osoo hin taane... baatiiwwan Ashhural-hurum jedhamuun beekkamtu keessa soomuun sunnaadha...
Irra as kutee ammas baatii ulfaataa baatii kana Ramadaanatu jira....Ilmi namaa baatiiwwan tana lamaaniin busy tahee... sha'abaanaa keessa keeyrii dalagatuu baay'ee dagata.
6) Rasuulli keenya (SAW) :
ยซ Jiini suni ji'a. namni hedduun keessa dagamu/Gaffalu... " jechuun ergaa dhokattuu wahii uf keessaa qaba. innis:
๐Ÿ‘‡
Yeroo ilmi namaa uf dagate keessatti ati ibaadaadhaan dabarsuu qabda; yeroo akkasii ibaadaa irratti jabaachuun wantoota jaalala Rabbitti nama geessaa irraahi.
Maaliif salaanni halkan walakkaadhaa salaata biroo Irra caalte....!? waan yeroo sana namni hedduun dagamuuf....
7)... #itti_fufa....

Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#11ffaan (Baatii heexoo irraa .....) โœ Niyyaa tantee tolchi, lubbuu tantee leenjisi. Dalagaan tantee qulqulluu fi karaa sirrii irratti, akkasuma tan shari'aadhaan Wal galtu yoo taate malee Rabbiin sirraa hin qeebalu. Kanaafuu waa'ee soomaa ofiifis baratteeโ€ฆ
๐Ÿ’ซ#Ramadaanaaf_
qoophiidhaa....!โœจ

#13ffaa
โœ๏ธ Ramadaana keessa namoonni hedduun qur'aana qara'uu fi yeroo hedduu kattamuudhaan beekkama. Obboleessa koo bareedaa..!, Ramadaana keessa qara'uun akka siif salphatuuf, hedduu deddeebitee buusuu akka dandeessuuf amma baatii sha'abaanaa kana keessa sochii jabeeffachuu qabda.
Yoo asiin dura guyyatti juz'a takka qofa kan kattamtu taate... amma gara juz'a 2 fi 3... inumaa torbaaniin kattamuutti ol guddisuu qabda....!!
#14ffaa
โœ Baatiin Ramadaanaaa baatii Salaanni keessa heddummaatuun beekkamuudha... (Sunnaa; Taraawihaa fi Salaata leeyli...)
garuu Ramadaana keessa dadhabbii fi cinqaa tokko malee dhaabbatuu yoo barbaadde.. ammumarraa ibaadaa keetitti jajjabaachuu qabda...!
Ammumarraa Rukuu'aa fi sujuuda Kee dheereffachuu qabda...!
#15ffaa..
โœ Qananii addunyaa kana keessa jiran keessaa qananiin keessi kee nagaa qabaachuu caalu hin jiru....!!
Yeroo namni waa'ee namaatiin cinqamu, ati immoo jibbaa fi waanyoo namaa irraa keessi kee qulqulluu tahuun nageenyaa fi tasgabbii addaa siif kenna...!!
Kanaafuu osoo Ramadaanni hin seenne.... keessa kee qulqulleessuun dirqama...!!

16ffaa.... (#Itti_fufa..)
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐ŸŒบ Simannaaa Ramaadaanaa ilaalchisee, qoqqoodamiinsa ilma namaa....:

๐Ÿ’ซ Namoonni gariin gabayaadhaan simatu.
๐Ÿ‘‰ Baatiin Ramadaanaa yoo dhihaatte, namoonni waa bitan heddummachuu irraa gabayaan gabayaa Ramadaanaati jedhamti..
๐Ÿ‘‰ Gosoota nyaataa hedduu bituudhaa fi nyaata hedduu Ramadaana keessa qopheessuuf baajanni isaan baasan gar malee guddaadha...
Bira dabree Irra hedduun isaanii Akka waan baatii nyaataa fi dhugaatii simataa jiraniitti, nyaataa fi dhugaatii mana keessatti qopheessuu irratti wal dorgoman....
๐Ÿ‘‰ Heddumminna nama waa bituu irraa hanga meeshaan rakasaas, miskiinota waan qabne irratti qaalahu takka, gabaan seensa Ramadaanaa qaaliidha...
๐Ÿ‘‰ Kanaafuu Ramadaana keessa namoota hedduu biratti nyaanni bifa addaatiin ka qophaahu garta... garuu gosoota nyaataa San hunda keessaa wanti irraa nyaatamu xiqqoodha... kan hafe Israafa...
#2ffaa: Namoota yeroo Ramadaanni seensaaf kalaahe, Meeshaa taphaa fi yeroo Ramadaanaa qaalii sana ittiin guban qopheeffatantu jira.
Ramadaana keessa dadhabbii fi beelli akka nutti hin dhagahamne jedhanii... Meeshaa taphaa kan yeroo ittiin guban, osoo Ramadaanni hin seenne dursanii qopheeffatu..!

3ffaa(#itti_fufa).... Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐Ÿ’ซ#Sadarkaa_Soomaa....!
(https://t.me/tafak_or)

1) Rabbiin (Subhaanahu wata'ala) Soomni kiyya... galata isaa ana qofatu beeka jedhe..!
2) Gosoonni obsaa sadeenuu soomaa keessatti walitti qabamte...Obsi bakka meeqatti qoodama ?
3) Soomni guyyaa qiyaamaa manguddummaa siif dhaabbata...!
4) Dalagaale Rabbiin nama dalageef, araaramaa fi ajrii guddaa beellameef keessaa Soomni isa tokkoodha....!
5)Soomni diliiwwanii fi dogoggora hedduu namarraa harcaasa...!
6)Soomni ibiddarraa wantee namaaf taha...!
7)Sooma heddummeessuun wantoota Jannata nama geessan keessaa isa tokko...!
8) Hafuura shittoo caala hafuura nama soomaannoolettu Rabbiin biratti urgaawa....
9) Soomanni halkan barakaa fi kabajaa... halkan leeylatulqadrii uf keessaa qaba....
10) Soomni.....(#Itti_fufa....)

Join&share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Nyaataa fi dhugaatii dhiisuun akkamitti sodaa Rabbiitti nama geessa__?

Nyaataa fi dhugaatiin garmaleedhaa.... qalbii namaa miidhuu fi balleessuu keessatti gahee guddaa qaba...!
Garaan guutame, sammuu beelessa... quufni qalbii namaa jaamsa..!
Qalqalli sharrii tan garaa caaltu inuma hin jirre... garaan guutamnaan sharriin isa boodaan dhufu hedduu waan taheef...
" ู…ุง ู…ู„ุฃ ุขุฏู…ูŠู‘ูŒ ูˆุนุงุกู‹ ุดุฑู‘ุงู‹ ู…ู† ุจุทู†....."
๐Ÿ‘‰ Wantoota qalbii namaa balleessan keessaa inni tokko nyaata. innis gosa lama:
#1ffaa: Matama isaattu qalbii balleessa... (fkn: nyaata haraamaa nyaachuun)
#2ffaan: Nyaanni nuti nyaannu kuni yoo humnaa ol tahe qalbii keenyaa fi sammuu keenyas jaamsaa dhufa. Fkn: Haaluma daangaa dabrsinee nyaachuu fi quufa daangaa malee...

#Itti_fufa..๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Faatihaa_fi_Arkaana_islaamaa
โœ Faatihaa keessa Maqaan Rabbii keenyaa (Subhaanahu wata'ala) 5 jira. Shananuu Arkaana Islaamaatti qajeelcha.
1) Alhamdulillaah... (lillaahiin) mallattoo laa ilaaha Illallaah uf keessaa qaba...
2) Rabbil Aalmiin ..... (Rabbi) Salaataaf ...
3) Arrahmaan Zakaadhaaf..
4) Arrahiim Soomaaf...
5) Maaliki yoomiddiin.... Hajjiidhaaf....
Maqoonni Rabbii kunneen hunduu Arkaana islaamaatiin wal gala...

โœ Mee koottaa baldhinnaan haa ilaalluu...!
#1ffaa: Allaah....
๐Ÿ‘‰ Fakkeenyaaf namni islaamummaa seenuu barbaadu tokko... osoo laa ilaaha illa____? A) Rahmaan; B) Maalik, C) Rabb; D) Allaah... bakka duwwaa sana yoo qubee D guute malee islaamummaa seenuu hin danda'u...
Kanaafuu Alhamdulillaah jechi jalqabaa Laa ilaaha Illallaahu tahuu nuu ibsuuf dhufte...!
#2ffaa:Rabbil Aalmiin...
Hunduu Rabbiif salaata... Rabbiin qulqulleessa... ( Dhakaa fi mukni, namaa fi Jinniin... hanga malaa'ikaan baatuttuu...)
ูˆู„ูู„ู‡ ูŠุณุฌุฏ ู…ู† ููŠ ุงู„ุณู…ุงูˆุงุช ูˆุงู„ุฃุฑุถ...
Rabbiin iddoo biraatti Salaataan Tasbiiha jedhee moggaasee jira.... kanaafuu Salaanni (Rabbil Aalmiin) Wal gala.

#3ffaa...(#itti_fufa)๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Namtichatu haadha warraa isaa dhaane. Si himadha jettee boohaa biraa baate...
๐Ÿ‘ณโ€โ™‚ Abbaa manaa: Yoo karaa mana kanaa ittiin gadi baatu argatte kaa.. kan na himattu..
๐Ÿง• Haadha warraa: Waan na dhoorkitee dandeettu sitti fakkaataa...!!
๐Ÿง• Abbaa manaa dinqisiifate akkana jedheen: Mee waan feete godhi homa ati fiddu laallaa...!
๐Ÿง• Haati manaa booda itti dhiistee gara mana fincaanii deemte.. isheen mana fincaanii seennaan, way fooddaadhaan na jalaa baatii laata jedhee...fiigee duubarraan dhaabbattee eege.
Fooddaanis ka baatu dhabnaan... keessatti ol deebi'ee balbalarra dhaabbattee eege...

Xiqqoo yoo jedhu kan bishaan Wuduu'aa qaama ishee jiise achii gadi baatu arge...
๐Ÿง• Haadha manaa:
Isa harka kee keessatti na galchetti si himadha... balballi keetis, fooddaa fi bilbilli ati na weerartes isarraa na dhoorkuu hin danda'u...
Balballi isaa yeroo hundaa banaadha.... jetteen....๐Ÿ˜ข

๐Ÿ‘‡
#itti_fufa.... (Taraawiha booda)
https://t.me/tafak_or
ุจู‘ูุณู’ู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญู’ู…ูŽู†ู ุงู„ุฑู‘ูŽุญููŠู…ู

Hiikkaa #Suuratul_Qadrii...

ุฅูู†ู‘ูŽุง ุฃูŽู†ุฒูŽู„ู’ู†ูŽุงู‡ู ูููŠ ู„ูŽูŠู’ู„ูŽุฉู ุงู„ู’ู‚ูŽุฏู’ุฑู
1) Nuti buufnee jirra qur'aana kana, halkan leeylatulqadrii keessa
.

โœ Halkan tuni maaliif leeylatulqadri/ู„ูŠู„ุฉ ุงู„ู‚ุฏุฑ jedhamte___?
Mooggasa kana keessa ulmaa'iin sababni adda addaa akka jiru nuuf himanii jiru. innis:
#1ffaa: leeylatulqadri jechuun halkan guddinnaa jechuudha...
qadriin sadarkaa ykn guddinna.
kanaafuu Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedha:
ูˆู…ุง ู‚ุฏุฑูˆุง ุงู„ู„ู‡ ุญู‚ ู‚ุฏุฑู‡...
"Rabbiin guddinna isaan malu guddisuu hin dandeenye..."
#2ffaa: Dhiphinna jechuudha...
Heddumminna Malaa'ikoota halkan sana keessa gara dachee gadi duudan irraa kan ka'e dacheen ni dhiphatti jechuudha.
๐Ÿ‘‰ Halkan isa keessa dacheen gabroottan isaatiin dhiphattu.
Ragaan kanaa qur'aana irraa๐Ÿ‘‡
ูˆู…ู† ู‚ุฏุฑ ุนู„ูŠู‡ ุฑุฒู‚ู‡...
"Nama Rizqiin isaa itti dhiphatte...."
#3ffaa: Qadrii jechuun murtii jechuudha..
halkan isa keessa murteen dabartuudha...
#4ffaa: Namni hiree hin qabne guyyaa sana keessa abbaa hiree ykn carraa taha.
#5ffaa: Halkan isa keessa qur'aanni kabajaa qabu buufame; Rahmanni kabajaa qabduu fi Malaa'ikoonni kabajaa qaban bu'an jechuudha...
#6ffaa: Halkan barakaa jechuus ni taha...
ุฅู†ุง ุฃู†ุฒู„ู†ุงู‡ ููŠ ู„ูŠู„ุฉ ู…ุจุงุฑูƒุฉ .....

#itti_fufa....
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Zakaa_Fixrii

1) Ibaadaa Rabbitti dhihaataniin keessaa ishee tokkoodha..!
2) Zakaan fixrii sadaqaa sooma furuudhaan namatti wajjabduudha...
3) Zakaan fixrii Sababa lamaaf karaa godhamte/ dhufte. isaanis:
1ffaa: nama soome ibaadaa isaa qulqulleessuuf...
2ffaa: Guyyaa Iidaa sana miskiinota nyaachisuuf...!
4) Zakaan fixrii Ramadaanaaf akka fakkenya Sujuuda Sahwii/ sujuuda daguu salaataaf...
Akkuma Sujuudni Sahwii salaata qurcu, Zakaan fixriis waan nuti sooma keessatti hirdhisne ykn dogoggorre nuuf guuta...!
5) Kaayyoon Zakaa fixrii maali___?
Miskiinotaaf baldhisuu,
Rakkattootaa fi hiyyeeyyii deeggaruu,
Miskiinonni akka guyyaa Iidaa harka nama Jala hin qabanne gochuudha...!
Guyyaa gammachuutiin akka hin gaddine taasisuudha...!
6) Zakaan fixrii muslima hundarrattuu dirqama...!
7) #itti_fufa....

Join๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
Waa'ee #Shawwaal....

1) Baatiin shawwaal baatii barakaati.... jalqaba baatii hajjiitis..
Baatii tana keessa namni I'itikaafni jala tare... qadaa kafala.
baatii fuudhaa fi heerumaati...
2) Soomni shawwaal sooma sunnaa namni muslima tahe kamuu soomuu qabuudha.. sooma Ajriin isaa guddaati.
3) Namni Ramadaana booda guyyoota jahan tana soome akka waan waggaa guutuu soomeetti isaaf herreegama.
4) Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) Hadiisa lakk. 3 kana yeroo ibsan akkana jedhan:
Namni baatii Ramadaanaa soome akka nama baatii 10 soomeetti isaaf hirreegama. namni guyyoota jahan shawwaal soome immoo akka waan nama baatii 2 soomeetti isaaf herreegama... walumagalatti waggaa takka soome jechuudha.
5) Shawwaal soomuunis akkuma toltuuwwan biroo kudhan kudhaniin namaaf hirreegamaa silaa... shawwaaliin maaltu adda godha___? nama jechuuf deebiin;
Shawwaal Akka nama waajiba soomeetti namaaf herreegama.
6) Faayidaa Shawwaal keessaa... Rabbiin waan ati Ramadaana keessa hirdhifte baatii tanaan itti siif guuta... bakka waajiba hirdhisne Rabbiin sunnaadhaan namaaf guuta.
7) Shawwaal soomutu dursa moo Qadaa Ramadaanaa kafaluudha___?
#itti_fufa...

Join๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐Ÿ‘‰ Hattoota kophee masjidarraa nama jalaa hataniif dhaamsa gabaabaa....biraan naaf gahaa.

โœ Akkuma beekkamu kophee masjidatti nama jalaa hatuu jechuun, karaa biraatiin keeyrii irraa nama baqachiisuu fi karaa Rabbii irraa nama deebisuu jedhama.
โœ Hattuun kopheedhaa qajeelatti duula muslimtootatti godhaa jira jechuudha... (Mana Rabbii hin seeninaa, masjida deemtanii hin salaatinaa jechaa jira).
โœ Nama meeqatu Sababa daasni ykn kopheen isaa jalaa badeef jecha salaata Masjidaa dhiise... gariin isaa inumaa isaa reef towbatee ganaa gara Masjidaa dhufaa jiruu yoo kopheen jalaa hatamu.... bakka isaatti deebi'uuf galgala sanillee hin eegu... ๐Ÿ˜
โœ Nama masjidatti azaa godhuun, qajeelatti Masjidaan loluu jechuudha... kanaafuu wantoonni akkanaa kunniin, itti yaadameefii yaadamuu baatus, masjida irraa wal dhoorkuu jedhama.
Rabbiin qur'aana isaa kabajamaa keessatti akkana nuun jedha:
๏ดฟูˆูŽู…ูŽู† ุฃูŽุธู„ูŽู…ู ู…ูู…ู‘ูŽู† ู…ูŽู†ูŽุนูŽ ู…ูŽุณุงุฌูุฏูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุฃูŽู† ูŠูุฐูƒูŽุฑูŽ ููŠู‡ูŽุง ุงุณู…ูู‡ู ูˆูŽุณูŽุนู‰ ููŠ ุฎูŽุฑุงุจูู‡ุง ุฃููˆู„ุฆููƒูŽ ู…ุง ูƒุงู†ูŽ ู„ูŽู‡ูู… ุฃูŽู† ูŠูŽุฏุฎูู„ูˆู‡ุง ุฅูู„ู‘ุง ุฎุงุฆูููŠู†ูŽ ู„ูŽู‡ูู… ูููŠ ุงู„ุฏู‘ูู†ูŠุง ุฎูุฒูŠูŒ ูˆูŽู„ูŽู‡ูู… ูููŠ ุงู„ุขุฎูุฑูŽุฉู ุนูŽุฐุงุจูŒ ุนูŽุธูŠู…ูŒ๏ดพ
"Nama akka maqaan Rabbii masjida keessatti hin dubbatamneef jecha, masjidarraa nama deebise caalaa, namni lubbuu ufii miidhe hin jiru...."
Akka Ibnu_Kasiir(Rahimahullaah) filatetti, Aayata kana kan itti baaname ijaarsa keessaati malee ijaarsa mukaa miti. fkn: itti salaatuu, zikrii keessatti godhuu fi ilmii keessatti baruudhaan. As keessa ijaarsi mukaas inuma seena, garuu ijaarsa keessaattu irra caala.
โœ Namichaan kophee masjidaa hatus, Aayata tana keessatti gahee guddaa qaba. gochi isaa Kuni, masjida irraa deebisuu fi masjida onsuu/qullaa hanbisuu uf keessaa qaba.
โœ Dalagaan isaa tuni dirree nageenyaa fi tasgabbiin beekkamte, dirree qulqullinnaa gara dirree dilii fi zulmiitti geeddaruudha.

#itti_fufa...
https://t.me/tafak_or
โœ #Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:๐Ÿ‘‡

1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu,
2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu,
3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu Akbaru jechuun zikrii hessummeessuu,
4) Azaana irratti mu'azzina Jala deemuun deebii kennuu,
5) Istigfaaraa fi Du'aa'ii hessummeessuu,
6) Salawaata Ergamaa Aalamaa irratti buusuu (Sallallaahu aleyhi wasallam)
7) Qur'aana qara'uu; qur'aana xiinxalluu; qur'aana waliif eeguu fi Wal barsiisuun keeyrii saamachuu...
8) Towbaa heddummeessuu...,
9) Haadhaa fi Abbaa keenyatti tola ooluu....
10) Rahimaa fi firoottan keenya sufachuu ykn jajjabeeffachuu...
11) Hiriyyoottan haadhaa fi Abbaa keenyaa bira deemnee jajjabeessuun....
12) Keessummaa mana Kee dhufte keessummeessuu fi yeroo inni manatti galu kabaja isaaf malu isaaf godhuun ajrii saamachuu...
13) Ollaatti tola ooluu...
14) Salaama facaasuudhaan ajrii saamachuu...
15) Beelahaa fi rakkataa nyaata nyaachisuun...,
16) Dubbii gaarii dubbachuun sadaqaadha...
17) Salaata leylii ykn halkanii irratti jajjabaachuu....
18) Sunnaa waajiba Jala deemtu hundaa dhiisuu dhabnee... too'achuun...
19) Salaata duhaa salaatuu...
20) Azkaara ganamaa fi galgalaa irratti jabaachuu....
21) Xahaaraa irratti rafuu...
22) Azkaara bakka gara garaatti qara'amu hundaa yeroo hunda qara'uu...
23) Jum'aaf dhiqachuu; urgeeffachuu; ganamaan gara Masjidaa deemuu;
Imaamatti dhihaattee saffaa duraa irratti salaatuu...
Qaawwa cufuun iddoo duwwaa hanbisuu dhabuu; saffii guutuu...
24) Seeqachuu....
25) Addunyaa tana gubbatti uumaawwan Rabbiin uume xiinxalluu....
๐Ÿ–‹@Ibroo

26) #itti_fufa.... hanga 50.... yoo jaalattan Share godhaa๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ #Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:๐Ÿ‘‡ 1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu, 2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu, 3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahuโ€ฆ
Keeyrii Zul-Hijjaa keessaa Kutaa #2ffaa ..

26) Salaata towbaa salaatuu,
27) Raka'aa lamaan wuduu'a booda salaatuu,
28)Nasihaa ykn dhaamsa gaggaarii waliif dabarsuu...
29) Wallaalaa waa barsiisuu,
30) Gaarittii Wal ajajuu hamtuu irraa wal seeruuf,
31) Miidhamaadhaaf tumsuu,
32) ija gadi qabachuu,
33) Obboleewwan Rabbiif jecha wwal jaalattuun ziyaaruu,
34) Salaata Janaazaa deemuu,
35) Dhibamaa gaafachuu,
36) Yaamicha siif godhame awwaachuu,
37) Nama yaada keessa jiru tokko booharsuun,
38) Salaatarraa baatee... hanga salaanni gahuuf teessee eeggachuu,
39) Masjida deemtee halaqaata Ilmiidhaa dhageeffachuu,
40) Ulmaa'ii kabajuun,
42) Islaamummaa keessatti namoota waan islaamummaa nama shakkisiisaa fidan irratti deebii gahaa laachuu....
43) Sunnaa Rasuulaa facaasuu,
44) Kennaa adda addaa waliif kennuun Wal gammachiisuu
45) Fuula Rabbiitiif jecha obboleessa muslimaa tokko deemtee harka fuudhuu...
46)Manguddoo kabajuun...
47) Deyni ykn Idaa namarraa kafaluu...
48) Mallaqa nama haajaa qabuuf, namaaf liqeessuun...,
49) Nama mallaqa liqeessiteefii siif kafaluu dadhabee yeroo kennitee eeggachuun,
50) Idaa nama irraa qabdu tokko, dhiisuufiis baattu hamma wahii qarqaaruu....
๐Ÿ–‹@Ibroo

51
..#Itti_fufa.... Share godhaa๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
Keeyrii Zul-Hijjaa keessaa Kutaa #3ffaa

51) Namoota Idaan irra jiru deeggarsi akka godhamuuf kallattii hundaan tattaaffii taasisuu,
52)Manguddummaa teessee namoota Wal dhaban gidduu seentee araarsuu...
53) Nama Sheenaweef Irra dabruu,
54) Azaa fi wantoota nama miidhan karaa irraa kaasuu,
55) Bittaa fi gurgurtaa keessatti walitti laaffisuu,
56) Muslima sattaruu ykn hirdhinna isaa isaaf dhoksuu,
57) Yatiimaaf uf qabuu,
58) Dubartoota Abbaa manaa hin qabne too'achuu,
59) Masjida ijaaruun,
60) Keeyrii irratti wal qajeelcuu,
61) Kitaabota adda addaa maxxansuu,
62) Social Mediadhaan keeyrii faffacaasuu,
63) Gorsuu fi gorsa adda addaa dhageeffachuu...
64) Hiyyeessaaf hoolaa Udhiyyaa erguu,
65) Fuudhuu fi fuudhaa fi heeruma irratti wal qarqaaruu,
66) Namoota Wal dhaban gidduu seentee walitti araarsuu,
67) Namoota gaggaarii wajjiin ooluun...
68) Waqfii kennachuun,
69) Hajjii qulqulluu hajjuu,
70) Irra waliif dabruu,
71) Rabbiif jecha Wal jaalachuu,
72) Nama waa dalagu tokko qarqaaruun, ykn tola ooltummaa dalaguun.
Bilisaan akkaataa namni waa itti dalagatee jiraachuu danda'u nama barsiisuun.
73) Wal gammachiisuun,
74) Wal yaamanii nyaata Wal affeeruun,
75) Wuduu'a keenya sirritti too'achuun keeyrii hedduu saamachuu ni dandeenya....
@Ibro....

76) #Itti_fufa.... Share gochuun ajrii saamadhaa๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ Dubartoota Armaan gadii tanneen hin fuudhinaa... 1) Mannaanaa, 2) Annaanaa, 3) Hannaanaa, 4) Haddaaqaa, 5) Barraaqaa, 6)Shaddaaqaa, 7) Ushbatud-daar jedhaman..... Isiniif galee? haa hiikkamuu ?๐Ÿ˜ https://t.me/tafak_or
1) #Mannaanaa.. Tan Abbaa manaa ishee irratti waan taateefiin uf faarsitu.
fkn: Gaafa inni rakkate Ani mallaqa hanganaa liqeesseefii; rakkoo akkanaa keessaa baasee; abbaan kiyya akkas akkas taheefii; warri kiyya waan akkanaa jaarsa kiyyaa godhanii;..... akkasiyyoo tahee .... hii.... kanuma hafarsaa oolti bakka geettetti.
2) #Annaanaa; Tan yeroo maraa dhibee himattu.
Tama osoo dhibee hin qabnellee, dhibee ufitti faarsitutu jira.
Intaloo mee akkana godhi .. ana mataa na dhukkubaa; garaa na qabee; qaama guutuu na hoo'isaa; na haxaxxeessa..... na bobeessaa .... uuuuuuuuy

Dhiiroo kijiba isii irraa kan ka'e .. ni hifattaayyu... garuu bar yeroma si argitu dhubamti malee namoota hafan wajjiin fayyaa qabdi....
3ffa: #Hannaanaa.....


#Itti_fufa...Jalaa share godhaa, bakka takkatti isin maraachitii๐Ÿ˜
๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
#Bultii_diigamte....!!

โœ Wantoota tana eeggadhaa...ishee tanatu isin diigaa jiraa.....!!
Namoota waggaatti fuudhan irraa, rga paarsantiin walhiikuudhaa giddugakeessaan %30 ol caalee as, ajandaan Kuni baay'ee yaachisaa tureera....furmaanni yaalamus rakkoo biraa dhalaa dhufee jira...
Mataduree kana jalatti, waa hiikuu fi hidhuun kuni dubartoota harka jiraachuu baatus...garuu kan hiikkaaf Sababa tahu harki caalu dubartoota tahuu qorannoon ibsee jira...
Kanaafuu mataduree kana jalatti cimsee namni yaadachiisu yoo jiraate shamarran keenna.
Manni kankee akka mana gammachuu tahu yoo barbaadde... iddoowwan kanneen irratti xiyyeeffadhu:
https://t.me/tafak_or

1) Dubartiin Mana, ijoollee fi abbaa manaa ishee irratti xiyyeeffachuu dhiistee gaafa uf qaqqabuu, uffattee bareeduu qofa filatte diigamiinsi eegala...!
2) Gaafa isheen Saalonii mana ishee dhiistee, saalonii/gola bareedinnaa ooluu eegalte..., gaafa suuqii irra zooraa faashina guuruu eegalte; gaafa hiriyyoottan ishee mana manaan irra deemtee ziyaaruu heddummeessitee fi mana bunaa fi restaurant deddeebi'uu eegalterraa dhiirri obsa fixachuu eegala.... mecarrashaan fichii๐Ÿ˜ taha jechuudha....!!
3) Osoo kan fuudhe mana jiru kan biraa janaajjanachuun kallattii lamaaniinuu yoo jiraate...
4) Mana keessatti ufii waa hunda qopheessuufii dhiistee hojjattuu manaa irratti irkachuudha...
Yeroo hundaa kan nyaataa fi dhugaatii qopheessuuf jaartii isaa osoo hin taane, hojjattuu manaati... yoo xiqqaate abbaan manaa erga hojjattuun waan mana keessaa hojjattee xumurtee booda, yeroo dhiheessaadhaa, harka isheetiin osoo tahee isa gammachiisa...
isheen baqqaa bareedinnuma manaatiif waan mana teesse fakkaatti....!!
5) Abbaa manaas ta'ee, haadha manaa kallattii hundaanuu, haasofni Romance uf keessaa qabu, faaruu fi jechoonni ittiin boonuudhaa-( qaalii koo... gootaa fi hayyuu....kkkf beektu kaa na caala)-, qoosaan babbareedduu fi gabaabduun takka takka kallattii hundaanuu jiraachuun dirqama...
Abbaan manaa wantoota akkasii haadha manaa irraa arguu jaalata... gaafa dhabe... sadarkaa wal buusaa dhufutu dhufa....!!
6) Dubartoonni gariin ittigaafatamummaa ishee irra jiru wallaaluu irraa kan ka'ee fi dhageettii fi gurra isheetiif bakka kennuu dhabuunis.... walitti bu'iinsa uuma...!!
7) Dhibdee fi rakkoo Jaarsaa fi jaartii gidduu jiru ilaalchisee, waan xiqqoo takkaaf jecha haadhaa fi abbaan gidduu seenuun... furmaata waaraa fiduu caala dubbiin guddataa akka dhuftu godhร ... kanaafuu waan xiqqo xiqqoo ufumaa furmaata barbaaduun diigamiinsa hanbisa...!!
8) Wal hubachuu fi waliif beekuu irratti hanqinni yoo gidduu isaanii jiraate...!
Yeroo lamaanuu walqixa dubbatan... bakka lamaan isaanii keessaa kan dhageeffattu dhabametti.... lamaanuu arraba walitti dheerachuun qilee isaan naqa...!,
9) Waa'ee bultii ilaalchisee hubannaa dhabuu irraa kan ka'es ni uumama...!
Akkaaataan isheen eegdee fi akki isheen erga heerumtee argite yoo wal gituu dhabe, wal jubbaan uumamaa dhufa... akkasumas maatiin isaan lameenuu gidduu kanatti dararamu...!!
10) Dubartoonni gaafa hujii qabaatan... jireenyi isaanii jijjiiramee jira, bakka yaannu geenyee jirra jedhanii dalagaa qofarratti uf dagachuun...
Dhiira garii kan wantoonni akkanaa kuni isa hin gammachiisnetu jira. karaa biraatiin immoo sadarkaa qarqaarsa hangasii isa gaafatu hin barbaadu ta'uus danda'a...!!
Garuu furmaanni bakka kanaa , mootii ajandaa kanaa kan tahe..Wal hubachuudha...!
11) Dadhabbii, yaada, keessi kee tasgabbii dhabuu fi laafinni adda addaa yoo si keessa jiraate... rakkoo adda addaa uumuus danda'a...
12) Wal xiqqeessuu, hamilee wal buusuu fi iddoo ijo ijoo ta'anitti ilaa fi ilaameedhaan deemuu dhabuun, wantoonni akka jajjabaataa dhufanii fi yeroo miira aarii keessa jiran uf to'achuu dadhabuutti nama geessan...!
Xumurarratti wal tunuu fi jechoota gidduu isaaniitti hin eeggamne dubbachuus qabatee, kabajaa walirraa fixuunis dhalataa deema... dhumarratti jibbaa... jibbaan immoo gara dhiitanii manaa walbaasuutti nama geessa...!!
13) #Itti_fufa.... hanga 20

Share godhaa ๐Ÿ”— keenyas๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ Waa'ee Baatii amma keessa jirruu (#Muharram) ilaalchisee qabxiilee 30 isiniif dhiheessuu barbaada. isaanis:
https://t.me/tafak_or

1) Baatiiwwan Hijraa keessaaa jalqabni baatii kana. Baatiwwaan kabajaa keessaa garuu ishee xumuraati...
2) Sadarkaa baatii tanaa irraa... baatii Rabbii/ุดู‡ุฑ ุงู„ู„ู‡ jechuudhaan Rasuulli moogaasaniin..
3) Ramadaanatti aanee baatiin sadarkaa guddaa qabu baatii kana jedhan Irra hedduun Ulmaa'ii...
4) Muharram keessattis kurnyan Muharram tan duraa tan hafan caala sadarkaa qabdi...!
5) Baatii tana keessa Rabbiin wal miidhuu irraa nu seeree jira.
ูู„ุง ุชุธู„ู…ูˆุง ููŠู‡ู† ุงู†ูุณูƒู…
Baatii biraa keessas walmiidhuun dhoorkaadha...garuu baatii kabajaa tana keessa wal miidhuun, Wal zollomuun Irra jibaadha...ishetu baatii ulfinnaa waan taateef...!
6) Baatii tana keessa sooma heddummeessuun baay'ee jaalatamaadha...!!
ุงูุถู„ ุงู„ุตูŠุงู… ุจุนุฏ ุฑู…ุถุงู† ุดู‡ุฑ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ู…ุญุฑู…
7) Sooma heddummeessuun jaalatamaadha garuu... baatii tana guutuu soomuun Ergamaa Aalamaa irraa (Sallallaahu aleyhi wasallam) nun geenye...
8) #Aashuuraan Muharram irraa gaafa guyyaa #10ffaadhaan jedhan.
9) Aashuuraan Kuni moggaasa gadaa Jaahiliyyummaa sana osoo hin taane erga islaamummaan dhuftee booda beekkameedha...!
10) Soomni guyyaa Aashuuraadhaa... jaalataamaadha... ykn sadarkaa sunnaa jajjabaatti qixxaata...
11) Soomni Aashuuraadha badii waggaa darbitee namarraa harcaasa...!
12) Aashuuraan diilii gurguddoon alatti dilii xixiqqoo hundaa namarraa harcaasa...!
Yoo badii xiqqoo fi guddoo irraallee bilisa taate, toltuu guddatu guyyaa sana soomuu keetiif siif galmaaha... sadarkaa kankeettu Rabbiin biratti ol fuudhama...!
Yoo badii guddoo qabaatte immoo, sirraa hirdhisรบun isaa ni kajeelama....
13) Guyyaa Muharram 10ffaa ykn Aashuuraa sana Maatii keenyaa fi ijoollee keenya yaadachiisnee akka isaan sooman gochuu danda'uu qabna...
14) Yahuudร a fi Nasaaraa faalleysuudhaaf osoo guyyaa 9ffaa fi 10ffaas walitti qabnee soomnee baay'ee Irra filatamaadha...!!
15) Namni guyyaan 9ffร a Jala dabre 10ffaa fi 11ffaa yoo soomes rakkoon qabu .. Yahuudร a faalleysuudhaaf jecha...!

16ffaa #itti_fufa....
https://t.me/tafak_or