๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
9.82K subscribers
550 photos
20 videos
21 files
1.82K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#11ffaan (Baatii heexoo irraa .....) โœ Niyyaa tantee tolchi, lubbuu tantee leenjisi. Dalagaan tantee qulqulluu fi karaa sirrii irratti, akkasuma tan shari'aadhaan Wal galtu yoo taate malee Rabbiin sirraa hin qeebalu. Kanaafuu waa'ee soomaa ofiifis baratteeโ€ฆ
๐Ÿ’ซ#Ramadaanaaf_
qoophiidhaa....!โœจ

#13ffaa
โœ๏ธ Ramadaana keessa namoonni hedduun qur'aana qara'uu fi yeroo hedduu kattamuudhaan beekkama. Obboleessa koo bareedaa..!, Ramadaana keessa qara'uun akka siif salphatuuf, hedduu deddeebitee buusuu akka dandeessuuf amma baatii sha'abaanaa kana keessa sochii jabeeffachuu qabda.
Yoo asiin dura guyyatti juz'a takka qofa kan kattamtu taate... amma gara juz'a 2 fi 3... inumaa torbaaniin kattamuutti ol guddisuu qabda....!!
#14ffaa
โœ Baatiin Ramadaanaaa baatii Salaanni keessa heddummaatuun beekkamuudha... (Sunnaa; Taraawihaa fi Salaata leeyli...)
garuu Ramadaana keessa dadhabbii fi cinqaa tokko malee dhaabbatuu yoo barbaadde.. ammumarraa ibaadaa keetitti jajjabaachuu qabda...!
Ammumarraa Rukuu'aa fi sujuuda Kee dheereffachuu qabda...!
#15ffaa..
โœ Qananii addunyaa kana keessa jiran keessaa qananiin keessi kee nagaa qabaachuu caalu hin jiru....!!
Yeroo namni waa'ee namaatiin cinqamu, ati immoo jibbaa fi waanyoo namaa irraa keessi kee qulqulluu tahuun nageenyaa fi tasgabbii addaa siif kenna...!!
Kanaafuu osoo Ramadaanni hin seenne.... keessa kee qulqulleessuun dirqama...!!

16ffaa.... (#Itti_fufa..)
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Zakaa_Fixrii 1) Ibaadaa Rabbitti dhihaataniin keessaa ishee tokkoodha..! 2) Zakaan fixrii sadaqaa sooma furuudhaan namatti wajjabduudha... 3) Zakaan fixrii Sababa lamaaf karaa godhamte/ dhufte. isaanis: 1ffaa: nama soome ibaadaa isaa qulqulleessuuf... 2ffaa:โ€ฆ
#Zakaa_fixrii (#7ffaa.....12ffaa)

7) Soomee, soomuu baatus, xiqqaa tahee nama guddaa taatus; hanga daa'ima araashiin baatutti... osoo dubartii baatii guutuu sooma malee dhiiga dhalaatiin baatellee taatee Zakaan fixrii irratti waajiba.
8) Ulfa garaa jiru irraa Zakaa baasuun dirqamaa miti... garuu yoo baasan homaa rakkoon qabu.
9) Galgala gaafa aduun xumura Ramadaanaa gadi seente sanirraa kaasee namarratti wajjaba.
#Hubachiisa: Namni seensa aduu Ramadaanaa dura fuudhe yookiin Islaamummaa qabate yookiin daa'ima argate... Zakaa kennuu qaba ykn irraa baafama.
Seensa aduu booda taanaan garuu homaa irra hin jiran.
10) Namni osoo yeroon waajibummaa zakaa isa hin dhaqqabin dura du'e Zakaan irra hin jirtu...
Kan erga yeroon seenee du'e immoo qabeenya isaa irraa kafalama...!
11) Zakaan fixrii akka Zakaa kaanii sana hanga hin qabu. kana jechuun:
Waan nyaattu qabaannaan, akkasuma waan oolmaa guyyaa iidaatiif malu kan sii fi maatii keetiif gahu manaa qabaannaan, waan Sanaa olii irraa Zakaa kennuu qabda.
12) Namni muslimaa tokko nama qallabni isaa irra jiru hundarraahuu ni baasa.ufirraa fi haadha manaa isaa irraallee-yoo isiin qabeenya qabaatte-irraa baasa.
Ijoolleen isaas hiyyeeyyii yoo tahanii fi haadhaa fi abbaan isaas hiyyeeyyii taanaan irraa baasuun qaba.
Mucattii isaas tan heerumtee garuu jaarsaan walitti hin dabalamnes irraa baasuun qaba.
13) Ilmi isaa dureessa taanaan irraa baasuun dirqamaa miti.
14) Jaartii isaa tan takka qofa ykn lama qofaan xalaaqes irraa baasuu qaba. yoo tan sadihiin xalaaqamte taate irraa hin baasu.
#15ffaa....itti fufa

Share ๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or