𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
12K subscribers
585 photos
23 videos
32 files
2.07K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Zakaa_Fixrii

1) Zakaan fixriidhaa...ibaadaa guddoodha, soomana Rabbiin kiyya jedheen Walitti hidhata waan qabduuf...hangasuma Rabbiin birattis bakka qabdi.
2) Zakaan fixriidhaa, sadaqaa sababa sooma faxxaruutiin/ hiikuutiin namarratti wajjabuudha.
3) Zakaan fixriidhaa waa 2f karaa godhamte. Isaaniis:
1ffaa: Namticha soome kana, hirdhinna sooma isaa keessatti argame isa qulqulleessuuf....
"Zakaan fixriidhaa Ramadaanaaf, akka fakkeenya Sujuuda Sahwii salaata keessaati, akkuma Sujuudni Sahwii hirdhinna salaata keessatti namatti argame qurcu, zakaanis sooma namaaf qurca".
2ffaan: Guyyaa sana miskiina nyaachisuudhaaf nu qarqaara.
4) #Kaayyoo_Zakaatalfixrii

Share👇
@tafak_or
#Zakaa_Fixrii

1) Ibaadaa Rabbitti dhihaataniin keessaa ishee tokkoodha..!
2) Zakaan fixrii sadaqaa sooma furuudhaan namatti wajjabduudha...
3) Zakaan fixrii Sababa lamaaf karaa godhamte/ dhufte. isaanis:
1ffaa: nama soome ibaadaa isaa qulqulleessuuf...
2ffaa: Guyyaa Iidaa sana miskiinota nyaachisuuf...!
4) Zakaan fixrii Ramadaanaaf akka fakkenya Sujuuda Sahwii/ sujuuda daguu salaataaf...
Akkuma Sujuudni Sahwii salaata qurcu, Zakaan fixriis waan nuti sooma keessatti hirdhisne ykn dogoggorre nuuf guuta...!
5) Kaayyoon Zakaa fixrii maali___?
Miskiinotaaf baldhisuu,
Rakkattootaa fi hiyyeeyyii deeggaruu,
Miskiinonni akka guyyaa Iidaa harka nama Jala hin qabanne gochuudha...!
Guyyaa gammachuutiin akka hin gaddine taasisuudha...!
6) Zakaan fixrii muslima hundarrattuu dirqama...!
7) #itti_fufa....

Join👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Zakaa_Fixrii 1) Ibaadaa Rabbitti dhihaataniin keessaa ishee tokkoodha..! 2) Zakaan fixrii sadaqaa sooma furuudhaan namatti wajjabduudha... 3) Zakaan fixrii Sababa lamaaf karaa godhamte/ dhufte. isaanis: 1ffaa: nama soome ibaadaa isaa qulqulleessuuf... 2ffaa:…
#Zakaa_fixrii (#7ffaa.....12ffaa)

7) Soomee, soomuu baatus, xiqqaa tahee nama guddaa taatus; hanga daa'ima araashiin baatutti... osoo dubartii baatii guutuu sooma malee dhiiga dhalaatiin baatellee taatee Zakaan fixrii irratti waajiba.
8) Ulfa garaa jiru irraa Zakaa baasuun dirqamaa miti... garuu yoo baasan homaa rakkoon qabu.
9) Galgala gaafa aduun xumura Ramadaanaa gadi seente sanirraa kaasee namarratti wajjaba.
#Hubachiisa: Namni seensa aduu Ramadaanaa dura fuudhe yookiin Islaamummaa qabate yookiin daa'ima argate... Zakaa kennuu qaba ykn irraa baafama.
Seensa aduu booda taanaan garuu homaa irra hin jiran.
10) Namni osoo yeroon waajibummaa zakaa isa hin dhaqqabin dura du'e Zakaan irra hin jirtu...
Kan erga yeroon seenee du'e immoo qabeenya isaa irraa kafalama...!
11) Zakaan fixrii akka Zakaa kaanii sana hanga hin qabu. kana jechuun:
Waan nyaattu qabaannaan, akkasuma waan oolmaa guyyaa iidaatiif malu kan sii fi maatii keetiif gahu manaa qabaannaan, waan Sanaa olii irraa Zakaa kennuu qabda.
12) Namni muslimaa tokko nama qallabni isaa irra jiru hundarraahuu ni baasa.ufirraa fi haadha manaa isaa irraallee-yoo isiin qabeenya qabaatte-irraa baasa.
Ijoolleen isaas hiyyeeyyii yoo tahanii fi haadhaa fi abbaan isaas hiyyeeyyii taanaan irraa baasuun qaba.
Mucattii isaas tan heerumtee garuu jaarsaan walitti hin dabalamnes irraa baasuun qaba.
13) Ilmi isaa dureessa taanaan irraa baasuun dirqamaa miti.
14) Jaartii isaa tan takka qofa ykn lama qofaan xalaaqes irraa baasuu qaba. yoo tan sadihiin xalaaqamte taate irraa hin baasu.
#15ffaa....itti fufa

Share 👇
https://t.me/tafak_or
#Zakaa_Fixrii....

15) Ilmi waan uf danda'ee jiraatuun isumatu Zakaa ufirraa baasa.... garuu abbaanis yoo irraa baase homaa rakkoon qabu.
keessattuu abbaan yoo ijoollee isaa irraa waggaa waggaan baasuu aadeffate...hanga fedhan hujii qabaatanis...waan aadeffate sana akkasumatti itti fufuu qaba.
16) Nama fixrii irraa baasuun sirra hin jirre tokko irraa baasuun duratti jalqaba hayyama nama sana gaafachuu qabda.
17) Abbaan qabeenyaa tokko, hojjattoota isaa kan muslimaa irraa baasuu dirqama hin qabu. garuu yoo arjoomuu barbaade ni danda'a...
Garuu dubbiin Niyyaa gaafata waan taheef... akka isaan niyyataniif itti himuu qaba.
18) Namni yatiima qarqaaru tokko Zakaa irraa baasuu hin danda'u.
Zakaan qabeenya yatiimaa keessaa baafama. yoo isaan qabeenya hin qabne imoo aanaa isaattu isarraa baasa.
19) Hangi zakaadhaa nyaatarraa kooboo takka...ykn ganaa/muddii 4 nama harki isaa giddu galeessa taheen....

#20ffaa).... itti fufa👇
https://t.me/tafak_or