๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
9.82K subscribers
550 photos
20 videos
21 files
1.82K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Zakaatal_Fixri #ุฒูƒุงุช_ุงู„ูุทุฑ 1) Zakaan fixrii gosoota ibaadaa keessaa takka, akkasuma wantoota Rabbitti nama kaleessan keessaa takka isheedha. 2)# Zakaantal-fixri, zakaa soomana furuudhaan namatti wajjabduudha. 3) Zakaan fixrii waa #lamaaf(2) waajiba godhamteโ€ฆ
#Cuunfaa_Zakaatal-fixrii

7) Ulfa garaa jiru irraa zakaan dirqamaa miti, garuu sunniyyoomaan kennuus dandeessa.
8) Aduun galgala xumura baatii Ramadaanaa suni seenuudhaan namarratti dirqama ta'a.
โž›Seensa aduutiin duratti namni daa'imni dhalateef ykn intala fuudhe irraa baasuu qaba jechuudha.
9) Namni osoo yeroon zakaa namatti wajjabu kun hin seenin(dhiha aduun duratti ) du'e, zakaan irra hin jiru...
โž›Garuu namni erga yeroon dirqaamaa kuni seenee booda osoo ufirraa hin kaflin guyyaa Iidaa dura du'e, qabeenya isaa irraa kafalamuu qaba.
10) Zakaan fixrii akka Zakaa kaanii hanga hin qabu (jechuun hangana baasuuf hangana qabaachuu qabda wanti jedhu hin jiru).
โž›Waan nyaattee bultuu fi waan guyyaa fi halkan iidaa sana gammachuu ittiin dabarsiturraa waan hafe baasuu qabda.
11) Namni Muslimaa tokko ufii fi nama harka isaa jala jiru hundarraa baasuu qaba (Ijoollee fi jaartii, akkasuma haadhaa fi Abbaan isaas hiyyeeyyii yoo ta'an).
12) Ilmi isaa dureessa/qabaataa yoo taโ€™e, Abbaan dirqama irraa baasuu hin qabu.
13) Dubartii xalaaqa 1 qofa (Xalaaqa Raj'iyyaa) xalaaqamte irraahis abbaan warraa baasuu qaba. Ta 3nd xalaaqamte as keessa hin seentu.
#14ffaa....itti fufa
โœ@Ibroo

Follow us๐Ÿ‘‰https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#11ffaan (Baatii heexoo irraa .....) โœ Niyyaa tantee tolchi, lubbuu tantee leenjisi. Dalagaan tantee qulqulluu fi karaa sirrii irratti, akkasuma tan shari'aadhaan Wal galtu yoo taate malee Rabbiin sirraa hin qeebalu. Kanaafuu waa'ee soomaa ofiifis baratteeโ€ฆ
๐Ÿ’ซ#Ramadaanaaf_
qoophiidhaa....!โœจ

#13ffaa
โœ๏ธ Ramadaana keessa namoonni hedduun qur'aana qara'uu fi yeroo hedduu kattamuudhaan beekkama. Obboleessa koo bareedaa..!, Ramadaana keessa qara'uun akka siif salphatuuf, hedduu deddeebitee buusuu akka dandeessuuf amma baatii sha'abaanaa kana keessa sochii jabeeffachuu qabda.
Yoo asiin dura guyyatti juz'a takka qofa kan kattamtu taate... amma gara juz'a 2 fi 3... inumaa torbaaniin kattamuutti ol guddisuu qabda....!!
#14ffaa
โœ Baatiin Ramadaanaaa baatii Salaanni keessa heddummaatuun beekkamuudha... (Sunnaa; Taraawihaa fi Salaata leeyli...)
garuu Ramadaana keessa dadhabbii fi cinqaa tokko malee dhaabbatuu yoo barbaadde.. ammumarraa ibaadaa keetitti jajjabaachuu qabda...!
Ammumarraa Rukuu'aa fi sujuuda Kee dheereffachuu qabda...!
#15ffaa..
โœ Qananii addunyaa kana keessa jiran keessaa qananiin keessi kee nagaa qabaachuu caalu hin jiru....!!
Yeroo namni waa'ee namaatiin cinqamu, ati immoo jibbaa fi waanyoo namaa irraa keessi kee qulqulluu tahuun nageenyaa fi tasgabbii addaa siif kenna...!!
Kanaafuu osoo Ramadaanni hin seenne.... keessa kee qulqulleessuun dirqama...!!

16ffaa.... (#Itti_fufa..)
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or