𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
11.6K subscribers
562 photos
22 videos
24 files
1.99K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
بِّسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ

Hiikkaa #Suuratul_Qadrii...

إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْرِ
1) Nuti buufnee jirra qur'aana kana, halkan leeylatulqadrii keessa
.

Halkan tuni maaliif leeylatulqadri/ليلة القدر jedhamte___?
Mooggasa kana keessa ulmaa'iin sababni adda addaa akka jiru nuuf himanii jiru. innis:
#1ffaa: leeylatulqadri jechuun halkan guddinnaa jechuudha...
qadriin sadarkaa ykn guddinna.
kanaafuu Rabbiin qur'aana keessatti akkana jedha:
وما قدروا الله حق قدره...
"Rabbiin guddinna isaan malu guddisuu hin dandeenye..."
#2ffaa: Dhiphinna jechuudha...
Heddumminna Malaa'ikoota halkan sana keessa gara dachee gadi duudan irraa kan ka'e dacheen ni dhiphatti jechuudha.
👉 Halkan isa keessa dacheen gabroottan isaatiin dhiphattu.
Ragaan kanaa qur'aana irraa👇
ومن قدر عليه رزقه...
"Nama Rizqiin isaa itti dhiphatte...."
#3ffaa: Qadrii jechuun murtii jechuudha..
halkan isa keessa murteen dabartuudha...
#4ffaa: Namni hiree hin qabne guyyaa sana keessa abbaa hiree ykn carraa taha.
#5ffaa: Halkan isa keessa qur'aanni kabajaa qabu buufame; Rahmanni kabajaa qabduu fi Malaa'ikoonni kabajaa qaban bu'an jechuudha...
#6ffaa: Halkan barakaa jechuus ni taha...
إنا أنزلناه في ليلة مباركة .....

#itti_fufa....
Share👇
https://t.me/tafak_or