𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.82K subscribers
550 photos
20 videos
21 files
1.82K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Rajab_Xayyib_Erdogan akkana jedha.

"Netanahoon/mootummaan Israa’el, hiriyyaa keenyaa miti, yoomuu hiriyyaas nuun tahu, Nutis akkuma armaan dura gochaa turre, falmii keenya hanga dhumaa itti dhufna".
#أردوغان:
نتنياهو لم ولن يكون صديقا لنا وسنستمر على طريقتنا في كفاحنا ضده كما فعلنا من قبل.
#تركيا
Join👇
@tafak_or
#Rajab

3) Akkuma baatiiwwan 3n sanaa, baatiin Rajaba baatii sadarkaa guddaa Rabbiin biratti qabuudha.
Baatii kana keessa, badii garagaraa hojjachuun, daangaa Rabbii dabruun dhoorkaadha.
➛ Akkuma Rabbiin Qur’aana ( suuraa Towbaa:36) keessatti dubbatetti :

{...فَلَا تَظْلِمُوا فِيهِنَّ أَنْفُسَكُمْ ۚ......}
"..Baatiiwwan kanneen keessa lubbuu keessan hin miidhinaa.."
#Hubachiisa: Cubbuu dalaguun baatiiwwan biroo keessas dhoorkamaadha, garuu baatiiwwan hunda keessaa baatiin tuni Rabbiin biratti sadarkaa waan qabduuf baatii tana keessa hamtuu dalaguun, kanneen hafan irra daran cimaadha Rabbiin biratti.... Rabbiin waan fedhe guddisa, waan fedhe xiqqeessa!.
4) Baatii amma keessa jirru kana ummanni Muslimaa guddisuun ykn bakka kennuufiin dirqama. Karaaleen ittiin nuti baatii kana guddisuu dandeenyuun :

Daangaa Rabbiin nuuf kaahe bira kutuu dhabuun,
Waajiba nurra jiru geessuudhaan,
Ibaadaa isaa karaa inni nurraa barbaaduuf, adeemsa inni nurraa jaalatuun geessuu qabna,
Waan Rabbiin dallansiisaa dalaguudhaan lubbuu teenya miidhuu irraa uf qusachuu.
5)
......itti fufa....

Share👇
@tafak_or
#Rajab

5-6) #Hubachiisa : Sadarkaa baatii Rajabaa qofa adda durummaan hadiisni dubbatu hin jiru.
➛"Sadarkaa baatii Rajabiin wal qabatee, waa'ee baatii Rajabaa guutuu soomaan dabarsuu, guyyoota murtaa’e keessaa soomuu fi halkan Rajabaa tokko tokko dhaabbataan dabarsuu ilaalchisee, hadiisni Sahiihni Ragaadhaaf tolu nun geenye". #Ibnu_hajar Imaama Hadiisaa irraa.
➛ Baatii Rajabaa keessa ibaadaan addaa tan sadarkaa qabdi jennee dalagnu hin jirtu. Wantoota akkanaa nama dalagu yoo argitan bid'aa tahuu isaa hin irraanfatinaa!.
➛Shari'aan duubatti nuti yeroo tokko yeroo tokko caalchisnee ibaadaa keessa dalaguu hin dandeenyu. Ibaadaan hadiisaa fi Qur’aana irratti hundaa’a.

Follow me👇
@tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Baatii_heexoo/Sha'abaana... 1) Akka lakkoofsa hijraatti baatii 8ffaadha ... jidduu baatii Rajabaa fi Ramadaanaatti argama... Moggaasa kanaan wanti beekkameef.... Ummata Arabaattu baatii kana keessa bishaan barbaadaaf olii gadi faffaca'a ture. Yookiin…
#Heexoo/sha'abaanaa...

4) Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) baatii lama walitti aansanii soomanii hin beekan... yoo sha'abaanaa fi Ramadaana taate malee...Hadiisa Aa'ishaan (Radiyallaahu anhaa) gabaaste keessa jira.
Irra hedduu goyyoota sha'abaanaa ni sooma... Ramadaanas achumaan itti sufa.
5) Namni hedduun baatii kana ni dagata.... maaf yoo jettan___?
Baatiin isa dursua baatii kabajaa, kan ulfinnaa; kan keeyrii hedduun keessa dalagamuun beekkamu... baatii afran kabajaa keessaa isa #Rajab jedhamutu afoo jira...baatii Rajabaa qofa addatti baasuun osoo hin taane... baatiiwwan Ashhural-hurum jedhamuun beekkamtu keessa soomuun sunnaadha...
Irra as kutee ammas baatii ulfaataa baatii kana Ramadaanatu jira....Ilmi namaa baatiiwwan tana lamaaniin busy tahee... sha'abaanaa keessa keeyrii dalagatuu baay'ee dagata.
6) Rasuulli keenya (SAW) :
« Jiini suni ji'a. namni hedduun keessa dagamu/Gaffalu... " jechuun ergaa dhokattuu wahii uf keessaa qaba. innis:
👇
Yeroo ilmi namaa uf dagate keessatti ati ibaadaadhaan dabarsuu qabda; yeroo akkasii ibaadaa irratti jabaachuun wantoota jaalala Rabbitti nama geessaa irraahi.
Maaliif salaanni halkan walakkaadhaa salaata biroo Irra caalte....!? waan yeroo sana namni hedduun dagamuuf....
7)... #itti_fufa....

Share👇
https://t.me/tafak_or