Dawaa Qalbii
6.42K subscribers
1.08K photos
18 videos
10 files
1.77K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
"irra caalaan namaa nama umriin dheerate dalagaan isaa tolte" jecha rasuulati s a w 🥰🥰🥰
Forwarded from Spider Media
Mana Barnootaa mootummaa keessatti barattoonni Muslimaa amantaa jijjiirsifamaa jiru

Spider Media : Shawwaal 29/1445
Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Kitaabni Amantaa Islaamaa Arrabsuufi Barattoota Muslimaa Amantaa jijjiirsisuuf qophaa'e barsiifamaa jira

Biiroo Barnootaa naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee keessatti barattoota muslimaa amantaa jijjiirsisuuf shirri qinda'aan gaggeeffamaa jiraachuu maddeen Spider Media tti himaniiru.

Sanadni fuula 32 qabu kan barattoota amantaa Piroteestaantii hordofaniifi barsiisota mana barnooticha amanticha hordofan dabalatee qaamolee iccitii duuba jiraniin bifa qinda'aa ta'een qophaa'e addatti barattoota muslimaatiif raabsamaas jira.

Spider Media n sanada isa qaqqabe kana irratti qorannoo gaggeesseen sanadichi amantaa Islaamaa kan arrabsu, kabaja Ergamaa Rabbii (s.a.w.) kan xiqqeessu, walumaagalatti islaamaafi muslima irratti ololaafi yakka maqa balleessaa kan afarsu, jibba kan lallabu ta'uu mirkaneeffateera.

Sanadni barreeffama boqonnaalee garaa garaatti qoodaman hammateefi fuula 32 qabu kun ragaa tokkoon maleetti yakka maqa baleessaa Islaama irratti raawwateera.

Gama kaaniin ammoo barruun kun macaafa qulqulluu kan lallabuufi barattoonni sanadichiraabsameef (barattoonni muslimaa) amantaa Islaamaa dhiisanii kiristiyaana akka ta'an irra deddeebiin kan affeeru ta'uu Spider mirkaneeffateera.

Biyyi keenya sekulaarizimii kan hordoftu ta'ullee Biiroo Barnootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Beddellee keessatti ifatti duulli barattoota muslimaa islaamummaa irraa deebisuu gaggeeffamaa jira.

Manneen Barnootaa 'Bultii Addaa' barattoonni ciccomoon qabxii gaarii galmeessan filatamanii dorgommmii erga gaggeessanii booda kan seenan mana barnootaa dhaloota jajjaboo biyyaaf oomishaan abdiin irra jiruudha.

Manni maree dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee, majlisa Naannoo Oromiyaafi kan Federaalaa waliin ta'uun tiksaa olaanaa mana barnootichaa Waajira Barnootaa Naannoo Oromiyaafi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta'uun rakkoo kana hatattaaamaan yoo hin furre egereen barattoota manneen barnootaa Bultii Addaa yaaddessaa ta'uu barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Spider Media tti himaniiru.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Spider Media
Niqaabistii dorgommmii Apple's Swift Student Challenge injifatte
~~~
Lammii Sa'uudii kan taate obboleettiin keenya Jawaher Shaman aappii ''My Child'' kalaquun adduunyaaf gumaachite.

Appolikeeshiiniin kun namoonni giinga'an yookaan qixaan dubbachuu hin dandeenye (stuttering) akka sirnaan dubbataniif kan gargaaruudha.

Shamarree niqaabistittii jedhee adduunyaan waamaa kan jiru Jawaher Shaman argannoo isii adduunyaaf gumaachiteefi rakkoo namoota baay'ee furu kanaan dorgommmii waggaa Kubbaaniyyaan teeknoloojii guddichi Ameerikaatti argamu Aappil qopheessu Dorgommmii 'Swift Student Challenge' moo'atteetti.

© Spider Media
# Dhukkuba sammuu irraa fayyuun ni danda’ama.? EYYEN

Dhukkubni sammuu akkuma dhukkuba biroo dawaa kan qabuu fi irraa fayyuun kan danda’amudha.

Namni tokko yeroo jalqaba dhukkubni irratti argame ykn akkuma mallattoo dhukkubichaa of irratti argeen yoo
dafee wal’aansa argate carraan dafanii fayyuu olaanaadha.

Garuu dafanii kan hin yaalamne yoo ta’e namatti cimuun gara dhukkuba sammuu cimaa isaa olitti jijjiiramuu danda’a.

Kanaaf namni mana wal’aansaa deemee gorsaa fi dawaa barbaachisu ogeessa fayyaa biraa fudhate ni
fayya

Feyisal G.

Channel kana yoo isinitti tole hiryoota kessanif #share godha.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 3𝐊+

Free Waver @Rafiqul_Islaam
Forwarded from ABDII SABAA
Itoophiyaan mootummaa Falasxiin deeggarte.

Kaleessa galgala Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa magaalaa Niwyoork keessatti geggeeffame irratti sirni sagalee walitti qabuu Falasxiin biyya haa taatu moo hin ta’inii geggeffamaa ture.

Kana waliinis Itiyoophiyaan biyya nagaa ta'uun akka isheef malu sagalee akka kennite marsariitii dhaabbatichaa irraa argameera.

Murtoon Itoophiyaa kunis Israa'el dallansiiseera jedhama.

Falasxiin gama isheetiin deebii kenniteetti, "Namoota bilisummaa Falasxiiniif sagalee kennan hundaan galatoomaa" jetteetti.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Falasxiin biyya ta’uun isheef mala jechuun sagalee kennaniiru.

Biyyoonni sagal Falasxiin biyya ta’uu hin qabdu jechuun kan sagalee kennan yommuu ta’u , biyyoonni 25 Ameerikaa dabalatee callisuu filataniiru.

Yaadaa, Qeeqaa fi Eeru qabdan karaa https://t.me/AbdiiSabaaDM nu qaqqabsiisaa, sagalee keessan dhageessisaa.

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
Caamsaa 03/2016
#Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12faa Bara 2016,
#Adoolessa 03/2016 Eegalu #Sagantaan Har'a Baheera.

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau.

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Forwarded from Spider Media
Waltajjiin Marii Biyyaalessaa irratti xiyyeeffate ogeeyyii miidiyaalee Islaamaafi aktivistoota waliin gaggeeffame

Spider Media : Zulqaida 5/1445
Waltajjiin Marii Biyyaalessaa irratti xiyyeeffateefi mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin qophaa'e ogeeyyii miidiyaafi aktivistoota waliin har'a magaalaa Finfinnee hoteela Istay-Iiziitti gaggeeffameera.

Kaayyoon sagantichaa hawaasni muslimaa Marii Biyyaalessaa irratti sirnaan akka hirmaatu gochuu keessatti gaheen miidiyaalee Islaamaafi aktivistoota guddaa waan ta'eefi.

Waltajjii har'aatiin Ustaaz Ahmaddiin Jabal mataduree seeneffama seenaa, Abukaatoofi ogeettii seeraa Aadde Addis Mahaammad mirgoota siiviliifi qoodama qabeenyaa seera qabeessa akkasumas mataduree mallattoolee biyyaafi ummataa jedhaniin Doktar Muraad fi Doktar Abdurrazzaaq Huseeniin waraqaaleen qorannoo qophaa'an kan dhihaatan yoo ta'u hirmaattotaan mariin bal'aanis irratti taasifameera.

Hoji gaggeessaa olaanaan mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Haji Kamaal Haarun muslimoonni bifa isaan madaaluun Marii Biyyaalessaa irratti akka hirmaataniif xiyyeeffannaa itti kennuun hojjataa jiraachuu kan ibsan yoo ta'u dhimma kanaafis addatti koree hundeessuu himaniiru.

''Itiyoophiyaan ni mariyatti'' yeroo jedhamu biyyattii ijaaruu, guddisuuf mi tiksuu keessatti gaheen muslimoota biyyattii guddaa waan ta'eef hawaasni muslimaa waltajjiilee gaara hanga gadiitti jiran irratti sirnaan hirmaachuu qabas jedhani.

Komishiiniin marii biyyaalessaa hirmaattota sadarkaa aanaatti kan filate yoo ta'ullee filannoon kun hirmaannaa hawaasa muslimaa ilaalchisee seera qabeessa waan hin taaneef manni marechaa komii isaa xalayaadhaan komishiinichaaf dhiheessu hoji gaggeessichi eeraniiru.

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti hoogganaan Damee marii muslimootaa Haji Nuuraddiin Jamaal manni marechaa waltajjii komishiiniin marii biyyaalessaa qopheessuu irratti hawaasni muslimaa bifa isa madaaluun akka hirmaatu gochuuf hojjachaa jira jedhani.

Haaluma kanaan waltajjii marii biyyaalessaa kanaaf dhimmoota seenaa, diingdeefi hawaasummaa irraa kan walitti ba'an gaaffiileen hawaasa muslimaa 47 boqonnaalee sagalitti hiramuun kan qopha'an yoo ta'u Komishiinii Marii Biyyaalessaatiifis ergamuu Haji Nuuraddiin ibsaniiru.

Waltajjichaan hirmaattota irraa yaadniifi gaaffiileen garaa garaa ka'an irrattis mariyatameera.

Spider Media n affeerraa manni maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi qaamoleen qooda fudhattootaa waltajjicha taaisisaniif fudhachuun waltajjicha irratti kan argame yoo ta'u, inshaa Allaah marii biyyaalessaa irratti hirmaannaa Muslimootaa mirkaneessuuf cimee akka hojjatu ibsa.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
#SpiderMedia
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (Ibro....💪)
#Nagaa_jirtuu

Warri yoo imimmaan dhangala'u argitan namarraa haqxan,
Warri gaarummaa namaa yoo gartan raabsaa, hammeenya namarraa yoo dhageessan namaaf dhoksitan...!
Nama yaada keessa seene yoo gartan booharsaa, nama mucucaate yoo gartan ciqilchaa, kan laafe yoo gartan dhaabaa bira kuttan.
Baga nagaa jiraattan... warri gammachuun namaa isa gammachiisu... warra gaddi namaa isa gaddisiisu.. anaa jiraatu, irra deebi'ee baga jiraattan isiniin jedha.
Isaan bar... "karaan tokkochi jaalalatti nama geessu, dursitee nama jaalachuudha" warra jedhanii amananiidha.

Hiriyyoonni koo fi warroonni na jaalattan hunduu nagaan naaf jiraadhaa...!
👇
https://t.me/tafak_or
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
HUBADHU!

• Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu!
• Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!

Amaloota sadi dhiisuu qabda:

➝ Abdii kutachuu,
➝ Hammeenya hojjachuu fi
➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda.

Yeroo hedduu kan jireenya keenya jijjiiru humna alaa dhufu osoo hin taane humna sammuun keenya maddisiisudha; yaada namni biroo nuuf kennu irra yaada sammuun keenya burqisiisutu nu hooggana! kanaafuu waan gaarii gochuuf waan gaarii yaaduu qabna;

Akka saayinsiin jedhutti namni tokko jiraachuuf waantonni akka bu'uuraatti barbaachisan nyaata, uffataa fi mana jireenyaati jedhee lafa kaa'a; garuu jiraachuuf kun gahaa miti jiraachuuf Gammachuu qabaachuunis barbaachisaadha; namni gammachuu hin qabne, namni kolfi isaa harkaa bade jiraachuun hedduu itti ulfaata; du'uu filata (kana kan arge hubachuu danda'a).

JIREENYA GAMMACHUU QABU JIRAACHUUF:-

- Nama ta'uu kee yeroo hunda yaadadhu.

- Namoota Kamiinu qixa akka taate of amansiisi (namni eenyummaa isaan wal qixa; doktorii, pirofeserii, barsiisaa... waan fedhe haa ta'u kunneen eenyummaa isaa osoo hin taane maalummaa isaati. Namni kan madaalamu ammoo maalummaa isaan osoo hin taane eenyummaa isaani kanaafu ati Nama dha Amani).

- Akka duutus hin dagatiin.

- Namaaf ilaalcha gaarii qabaadhu.

- Nama gargaari (bay z way....gaafa nama tokko gargaarru isa gargaarame caalaa kan gammadu isa gargaaredha).

- Namoota si miidhaniif Dhiifama godhi (kun gammachuu dhokataa danuu qaba).

Na amani Warreeen armaan olii kana yoo raawwatte salphumatti nama gammachuu qabu taata

From Ustaaz Shaafii Muhammad
🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴🪴
T.me/Sammaan
Korri Hayyoota Muslimaa idil addunyaa magaalaa Istaanbul keessatti jalqabame

Eeruu Media: Caamsaa 5/2016

Prezdaantiin mana marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Shekh Hajjii Ibraahim Tufaa dabalatee Hayyoota fi ulamoonni biyyoota garagara kora guyyaa lamaaf turu kanarratti hirmaataa jiran.
Prezdaantiin dhimmoota amantaa Turkiyee professor Ali Erbas kora kana haasayaan kan banana yoo tahu, kabajamoo Shekh Hajjii Ibraahim Tufaa dabalatee ulamoonni hedduun woraqaa qorannoo ni dhiheessu jedhameera.

Prezdaantiin Turkiyee Rajab Xayyib Erdogaan kaleessa galgala hirmaattota korichaatiif affeerraa irbaataa godhuu odeeyfannoon mana marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa ityoophiyaa irraa argame ni muldhisa.
Obboleeyyan Nabi Yuusuf (A.S) meeqa?
Anonymous Poll
14%
13
14%
10
50%
11
21%
12