Dawaa Qalbii
6.54K subscribers
1.11K photos
20 videos
10 files
1.82K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Seenaa Kana sirritti Dubbisaa Ergamaa Rabbii Irrattiis Salawaata Buusaa

S.A.W S.A.W S.A.W S.A.W S.A.W S.A.W

📃  Seenaa nama zinaa fii kamrii naannessu.
☀️  kan garuu khaliifaan muslimtootaa, ulamaa’iinii fii sheekkotiin hedduun irratti salaatan .

✅️  Seenaan kun yaadannoo khaliifaa impaayera otomaan Turkii sulxaan Muraad Al-Raabi’ii irratti barreeffamee taa’ee jira. Seenaa kanas akkana jechuun dubbatan. Halkan guyyaa tokkoo sababa hin beekneen onnee koo irratti natti ulfaatee jennaan itti gaafaatamaa wardiyyoota kootii waamsisee ‘ka’i mee magaalaa keessa miilaan adeemnaa’ jechuun ajajeen. Imala keenya eegallee yommuu ganda tokko geenyu namni tokko daandii irratti kufee argineen. Qaama isaa sochoosuuf yaale. Namichi garuu du’ee jira. Haatahuu garuu namootni cal je’anii isa biraan dabran.

✅️   Namootnis ani eenyu akka tahe hin barreeyyu, Namootatti iyyuu eegale, “Maaliif nama du’e biraan cal jettanii dabartan? Maaliif lafaa oli hin kaafneen? Koottaa haa kaafnuunii malee. Maatiin isaa hoo eessa jiran?” Jechuun gaafadhe. ‘Ayii kuni bar nama kamrii fii nama zinaa ti.’ jechuun naaf deebisan. Anis “yoo tahe hoo? Inni ummata Muhammad s.a.w jidduu isa tokkoo mitii?” isaaniif deebise. Namicha du’e na qarqaaraa jedhee gara mana jireenyaa isaatti geessine.

✅️   Haati manaa namichaas reeffa abbaa manaa ishee argitee rifattee booyuu eegalte. Namootni reeffa baadhatanii dhufan immoo mana gadi dhiisanii deeman. Anaa fii wardiyyaan koo qofti mana ishee biratti hafne. Haati manaas “Rabbiin rahmata siif haa godhu. Ati shahida dha. Ati suhaalihoota jidduu isa tokko dha.” jechaa boossi ture. Anis na ajaa’ibe “akkamitti akkana isaan jechuu dandeesse? Namootni yommuu nama kanaan machaa’aa fii nama zinaa jechuun yaaman ati hoo maaliif suhaaliha jechuun yaamta?” jechuun ishee gaafadhe.

✅️  “Eeyyan namootni akkana akka isaan jedhan naan beeka.” naan jette. Iccitii isaas akkana jechuun dubbatte. “Abbaan manaa koo yeroo hunda galgala-galgala gara mana dhugaatii (kamrii) deemuun kamrii hanga humni isaa eeyyame bituudhaan gara mana keenyatti fida. Eegasii immoo lafatti jigsuun ‘hanga muslimtootni dhugan yoo lafatti jigse wayya, carraa kamrii dhuguu isaanii xinnoollee tahu osoo hir’isee wayya’ jechuun dubbataa ture.
☀️Dubartoota qaama ofii gurguratan deemeetiin takkatti qabee gara manaatti eega fidee booda ‘har’a mallaqa kootiin bulta’ jechuun mallaqa kenneefii balbala cufadhuu rafii lafti yoo bari’u gara deemtutti deemi jedhaan. Eegasii mana dhufuun har’a galgala cubbuu dubartii tanaa hir’isee mii, ma’asiyaa dargaggoota magaalaa keessa jiranii xinnaatus hir’isee mii jechuun dubbata.

✅️  Abbaan manaa koo yommuu yeroo hunda waan kana godhu “maaloo namootni sirratti ilaalcha badaa horatu, yoo duutes namni sirratti salaatuu fii si awwaalu tokkollee hin argattu.” jedhaanii ture. Inni garuu natti seeqataa “Hin sodaatin. Ani yoo du’e kaliifaa muslimtootaa, ulamaa’ii gurguddaa fii suwaalihootatu narratti salaata’ jechuun naaf deebise.” Jechuun nuuf himte. Subhaanallah.

☀️Anis of to’achuu dadhabee imimmaan dhangalaase. “Eeyyan dhugaa isaa dubbate. Ani kaliifaa muslimtootaa ti. Boru dhiiqnee irratti salaatna” jedheen.
☀️ Sirna awwaalcha isaa irrattis Kaalifaan Muslimtootaa kan ture sulxan Muraad, ulamaa’iinii fii suhaalihootni akkasumas ummatni hedduun irratti argamuu danda’aniiru.

           ☀️  Subhaanallah!!!

⭐️   Dalagaan toltuun nuti Rabbiif jecha dalagnu maaf xinnoo hin tahin Rabbiin biratti sadarkaa guddoo nu gonfachiifti. Rabbiin warra waan dhageenye irraa waa barannu nu haa taasisu
Magaalaa Shaashamanneetti qaari'in dorgommmii Qur'aanaa injifate qarshii 300,000, Umraa bilisaafi baajaajii badhaafame

Spider Media :  Zulqaida 6/1445
Dorgommmiin Qur'aanaa baatiiwwan saddeetiif godina Arsiitti Lixaatti gaggeeffamaa ture dheengaddaa gaafa Caamsaa 4/2016 Magaalaa Shaashamanneetti xumura argachuun isaa kan yaadatamuudha.

Jama'aa Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Shaashamanneetiin qophaa'e guyyoottan muraasa dura istaadiyooma magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameefi hayyoonni garaa garaa akkasumas hawaasni hedduun irratti argamaniin kanneen dorgommicha injifataniif badhaasni akaakuu kennamuun kan yaadatamuudha.

Kanumaanis qaari'i Ustaaz Sulxaan Ibraahim badhaasni baajaajii miila sadi'iifi ispoonsarri Umraa (umraa bilisaa), 2ffaa kan ba'e mootara miila lamaa, sadarkaa 3ffaan kan xumureef badhaasni kompiwtaraa akkasumas gulantaalee garaa garaatiin dorgomtoota qabxii gaarii galmeessaniif badhaasni onnachiistuun kennameera.

Kun kanaan osoo jiruu magaalaa Shaashamanneetti kan argamu masjiidni Hamzaa dorgomaa masjiidicha bakka bu'e dorgommicha irratti hirmaachuun sadarkaa 1ffaan xumure Ustaaz  Sulxaan Ibraahim badhaasa addaa qarshii 300,000 (kuma dhibba sadii) badhaasuu Jama'aan Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Shaashamannee ibseera.

Dabalataan masjiidichi Dorgommmii Qur'aanaa dubartoota gaggeeffameen shamarree sadarkaa tokkoffaan xumurte (kan qaroo ijaa qabdu/ijaan hin argine) qarshii 50,000 (kuma shantama) badhaaseera.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Redwan Amin (Redwan Amin)
#Maxxansi_2ffaan_gadi_dhiifameera.

Kitaaba Xiin-sammuu kan ta'e Kitaabni Imala Gara Milkii jedhu Hawaasa biratti Jaalatamummaa fi fudhatamummaa guddaa argachuudhan baay'inaan hawaasa biratti iyyaafatamaa kan ture kunoo maxxansi 2ffaa gabaarra oolee jira.

Namootni biyya keessaa fi biyya alaas jirtan eddoo barbaaddanitti yoo ajajattan isin qaqqabsiisuu dandeenya.

Akkasuma namoonni dhaabbilee gara garaa fi manneen barnootatiifis baay'inaan bituu feetan nu dubbisaa

Lakkoofsa Bilbilaa,Telegram,Imo fi WhatsApp : 00251939129469

Link fb:- https://www.facebook.com/redwanamin69
Forwarded from Fursaan Media
#Haadhaa fi abbaan tokko tokko  hedduu na ajaa'ibsiisan ‼️  Maaliif yoo jette ⁉️

#IJoollee isaanii  gaafa xixiqqoo osoo itti hin yaanne , gaafa mucaan osoo humaa hin barin guddatee , hiriyyaan isaa isa caaltee , nama duratti mul'atuu eegalte , akka ilmoo namaa maa hin taane jedhee lolaan.

#Fashala ( dogongora ) isaa mucaa irra kaayuu barbaada, adeeroo wanuma facaafatte murattaa beeki.

#Khanaaf yaa  nama rabbiin  ilmaaniin qananiise, guddisni ilmaanii nyaataa dhugaatii uffata qofaa mitii beeki, ilmaan kee qur'ana haffaziisi, tarbiyaa isaaniitti yaaddahi , akka booda addunyaa fii aakhirattiis irraa gammaddu yoo feete.

Muka gaafuma kichuu xiqqaa olii gad qabanii qajeelchan Akka hin dabne, Gaafa akkuma jallateen guddate jabaate, sochoosuun nama dhiba.

©️Facebook irraa

Https://t.me/Fursaan_media
𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2
🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 3𝐊+

Free Waver @Rafiqul_Islaam
{إن الله وملائكته يصلون على النبي يا أيها الذين آمنوا صلوا عليه وتسلموا تسليما]


- Salawaata ergamaa rabbii ﷺ irratti buusuun guyyoota biroo irraa guyyaan juma'aa jaallatamaadha, halkan isaallee irra caalaa halkaniiti. Akkuma ergamaan rabbii ﷺ jedhan:

(" إن أفضل أيا مكم يوم الجمعة فأكثروا  علي من الصلاة فيه")

《 Irra caalaan guyyoota keessanii guyyaa juma'aati. Guyyaa juma'aa keessa salawaata narratti buusuu heddummeessaa jedhan ergamaan rabbii ﷺ



👉 Qaama dhiqachuu
👉 Qeensa qorachuu
👉 Shittoo dibachuu (dhiira qofaaf)
👉 Ilkaan suwaakkachuu
👉 Irra caalaa uffataa qabdu uffachuu
👉 Suuraa kahf qara'uu
👉 Ganamaan masjiida deemuu
👉 Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessuu ﷺ


《اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه وسلم تسليما كثيرا 》.


https://t.me/Keyralumma
Lammiin Faransaay Muhaammad Bolabiyaar masjiida Nabiyyii (sallallaahu aalayhii wassallam) zoymmziyaaruuf akkasumas Umraa gochuuf biyya isaa Faransaay irraa ka'uun kilomeetira 8000 miilaan imaluun Sa'uud Arabiyaa gahe. Imala isaa kanaan biyyoota 13 keessas qaxxaamureera jechuun kan gabaase Gulf Newsi.

© Spider Media
T.me/Sammaan
𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒂𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖

𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐇𝐢𝐫𝐦𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!!

𝑌𝑒𝑟𝑜𝑜 𝐽𝑎𝑙𝑞𝑎𝑏𝑎𝑎𝑡𝑖𝑖𝑓 𝐾𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑅𝑎𝑏𝑏𝑖𝑖 𝐾𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑁𝑎𝑚𝑛𝑖 𝑋𝑖𝑦𝑦𝑎 𝐷𝑎𝑟𝑏𝑎𝑡𝑒 𝐸𝑒𝑛𝑦𝑢𝑢?
Forwarded from Spider Media
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Imaamni masjiida osoo salaachisanii masjiidaa ba'aa jiranii ajje*efaman

Spider Media : Zulqaida 10/1445
Jiddugaleessaa Gondar Aanaa Daambiyaa ganda Ayenbaatti imaama masjiida kan ta'an Sheyik Siraaj salaata maghriibaa salaachisanii osoo ba'aa jiranii hidhattootaan bifa suukaneessaan aj*jee-famuu manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Amaaraa beeksiseera.

Sheyik Siraaj hanga har'a wareegamanitti darasoota waggoottan dheeraaf masjiidichatti barsiisaa kan turan yoo ta'u manguddoo biyyaa jaarsa araaraati jedhan barreessan majlisa naannichaa.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
طالب رضي الله-የአሏህን ውዴታ ፈላጊ:
HAQA HAADHAA
••••••••••••••••••

Namni Saaliha Tahe Tokko Waa'ee Haqa Haadhaa Gaafatamee Yommuu Deebisu Akkana Jechuun Gorsa Kennee Jira;

1. Sagalee kee sagalee ishee irra ol kaaftee hin haasawiniin
2. Mormii hin barbaachifne hin morminiin
3. Osoo isheen dubbattee hin xumurin hin dubbatin
4. Maqaa isheetiin ishee hin yaaminiin
5. Hirriba ishee osoo hin xumuratin ishee hin dammaqsiniin
6. Sababa yoo qabaatte malee ishee dursitee hin socho'in
7. Akkuma gabrichi Rabbii Rabbii isaatiif of gadi qabu sana atis golga of gadi qabiinsaa kee gadi qabiif
8. Osoo si yaamtee hin xumurin "Yaa" jechuun dafii jalaa awwaadhu
9. Manaa baatee alatti jalaa hin turin qalbiin ishee ni rifattiiti

10. Yommuu ishee ilaaltu ija itti hin bobaasin
11. Haasawa kan keetiin itti hin jabaatin
12. Yommuu siin loltu ati garuu hin lolin
13. Haasawa ishee hin tuffatin
14. Yommuu dhiphatteenii agartuun mari'adhuun
15. Yommuu rakkatte itti dhihaadhuu qarqaariin
16. Yommuu dhukkubsatte ishee yaalchisiin
17. Yoo daaromte daara ishee baasi
18. Dhimma ishee hunda dhimma kooti jedhi
19. Yaadaa fii karoora ishee qoodami
20. Rahimoota isheetti hidhami

21. Jaallota ishee jaaladhuuf
22. Abaarsa ishee irraa of eeggadhu
23. Ishee mufachiisuu irraa fagaadhu
24. Suuta jedhi ishee hubachiisi
25. Haasawaa fii haala ishee hubatuu dandeessuun isheen haasawi
26. Du'aa'ii ishee barbaadadhu
27. Eebba ishee irratti wal dorgomi
28. Kaayyoo kan kee hin dhoksiniin
29. Osoo isheen hin teenye dursitee hin taa'in
30. Salaata hunda irratti du'aa'iin ishee hin irraanfatin

Harmee koo Rabbiin teessoo kee jannata haa godhu! #Aamiin jedhi

Qur'aana, Hadiisa, Gorsaa Adda Addaa. Irraa Haa Baraatuu Odeyfaano Qabsoo Hawaas Muslimaa Hordofuu Yoo Barabaddee page tana like godhii.
https://t.me/islamicknowledgeforallhumanbeing

▪️🍃.

ሕይወት በጀነት

 ቅዱስ ቁርአን ጀነት ውስጥ ያሉ ሰዎች ወንድሞቻቸውንና የቅርብ ዘመዶቻቸውን እንደሚገናኙ ይገልፃል ።

مُّتَّكِئِينَ فِيهَا عَلَى الْأَرَائِكِ ۖ لَا يَرَوْنَ فِيهَا شَمْسًا وَلَا زَمْهَرِيرًا
በውስጧ በባለ አጎበር አልጋዎች ላይ ተደጋፊዎች በውስጧ ፀሐይንም ጨረቃንም የማያዩ ሲኾኑ፡፡
وَدَانِيَةً عَلَيْهِمْ ظِلَالُهَا وَذُلِّلَتْ قُطُوفُهَا تَذْلِيلًا
ዛፎችዋም በእነርሱ ላይ የቀረበች፣ ፍሬዎችዋም (ለለቃሚዎች) መግገራትን የተገራች ስትኾን (ገነትን መነዳቸው)፡፡
(አል_ኢንሳን 1⃣3⃣1⃣4⃣)
هُمْ وَأَزْوَاجُهُمْ فِي ظِلَالٍ عَلَى الْأَرَائِكِ مُتَّكِئُونَ
እነርሱም ሚስቶቻቸውም በጥላዎች ውስጥ ናቸው፡፡ ባለ አጎበር አልጋዎች ላይ ተደጋፊዎች ናቸው፡፡
(ያሲን 5⃣6⃣)
وَالَّذِينَ آمَنُوا وَاتَّبَعَتْهُمْ ذُرِّيَّتُهُم بِإِيمَانٍ أَلْحَقْنَا بِهِمْ ذُرِّيَّتَهُمْ وَمَا أَلَتْنَاهُم مِّنْ عَمَلِهِم مِّن شَيْءٍ ۚ كُلُّ امْرِئٍ بِمَا كَسَبَ رَهِينٌ
እነዚያም ያመኑትና ዝርያቸውም በእምነት የተከተለቻቸው ዝርያቸውን በእነርሱ እናስጠጋለን፡፡ ከሥራቸውም ምንም አናጎድልባቸውም፡፡ ሰው ሁሉ በሠራው ሥራ ተያዢ ነው፡፡
(አጥ_ጡር 2⃣1⃣)
 ሲገናኙ ሞቅ ባለ ሁኔታና በንፁህ ልብ ነው ፦
وَنَزَعْنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنْ غِلٍّ تَجْرِي مِن تَحْتِهِمُ الْأَنْهَارُ ۖ وَقَالُوا الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي هَدَانَا لِهَٰذَا وَمَا كُنَّا لِنَهْتَدِيَ لَوْلَا أَنْ هَدَانَا اللَّهُ ۖ لَقَدْ جَاءَتْ رُسُلُ رَبِّنَا بِالْحَقِّ ۖ وَنُودُوا أَن تِلْكُمُ الْجَنَّةُ أُورِثْتُمُوهَا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ
በደረቶቻቸው ውስጥ ያለውንም ጥላቻ እናስወግዳለን፡፡ ወንዞች በሥሮቻቸው ይፈሳሉ፡፡ «ለዚያም ወደዚህ (ላደረሰን ሥራ) ለመራን አላህ ምስጋና ይገባው፡፡ አላህ ባልመራንም ኖሮ አንመራም ነበር፡፡ የጌታችን መልክተኞች በእውነት ላይ ሲኾኑ በእርግጥ መጥተውልናል» ይላሉ፡፡ ይህች ገነት ትሠሩት በነበራችሁት ተሰጣችኋት በማለት ይጠራሉ፡፡
(አል_አዕራፍ 4⃣3⃣)
وَنَزَعْنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنْ غِلٍّ إِخْوَانًا عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَابِلِينَ
«ባልጋዎችም ላይ ፊት ለፊት የሚቅጣጩ ወንድማማቾች ኾነው በደረቶቻቸው ውስጥ ከቂም ያለውን ሁሉ እናስወግዳለን፡፡
(አል_ሒጅር 4⃣7⃣)
مُتَّكِئِينَ عَلَىٰ فُرُشٍ بَطَائِنُهَا مِنْ إِسْتَبْرَقٍ ۚ وَجَنَى الْجَنَّتَيْنِ دَانٍ
የውስጥ ጉስጉሳቸው ከወፍራም ሐር በኾኑ ምንጣፎች ላይ የተመቻቹ ሲኾኑ (ይንፈላሰሳሉ)፡፡ የሁለቱም ገነቶች ፍሬ (ለለቃሚ) ቅርብ ነው፡፡
(አር_ረህማን 5⃣4⃣)
۞ وَيَطُوفُ عَلَيْهِمْ غِلْمَانٌ لَّهُمْ كَأَنَّهُمْ لُؤْلُؤٌ مَّكْنُونٌ
ለነርሱም የኾኑ ወጣቶች ልክ የተሸፈነ ሉል መስለው በእነርሱ ላይ (ለማሳለፍ) ይዘዋወራሉ፡፡
(አጥ_ጡር 2⃣4⃣)
يَدْعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَاكِهَةٍ آمِنِينَ
በእርሷም ውስጥ የተማመኑ ኾነው፤ ከፍራፍሬ ሁሉ ያዝዛሉ፡፡
(አድ_ዱኻን 5⃣5⃣)
Lammiileen kumni 1 fi 147 Saa'uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi'an

Spider Media :  Zulqaida 10/1445
Lammiileen Saa'uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 147 har'a balalliiwwan sadiin gara biyyaa deebi'aniiru.

Ebla 4, 2016 eegalee hanga ammaatti lammiileen kumni 25 fi 800 gara biyyaa deebi'uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul'isa.
Baankiin Raammis Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa waliin waliigaltee mallatteesse.
@Sammaan
GORSA IMAAM IBNUL QAYYIM AL-JOOWZII IRRAA
=====================================

💢Waa afur qaama nama laaffiftee akka dafanii
dullooman nama gooti :

1: Haasawa hedduu
2: Hirriba hedduu
3: Nyaata hedduu
4: Qunnamtii saalaa daanga taree

💢Waa afur qaama nama diiyde akka dhukubaaf
saaxilaman nama gooti jechuudha.

1: Yaaddawuu
2: Gadduu
3: Beela
4: Gurzaa(qaaxira) heddumeessu

💢Waa afur qaama goggoysitee bareeduma nafarraa fuute.

1: Kijiba
2: Falmii hintaane falmu.
3: Gaafii hintaane gaafatu beekkomsaan maletti
4. Haqa dabuu heddumeessu

💢Waa afur qaama keessatti bareedumaafi nuura
idaati.

1: Sodaa Rabbi
2: Baallama guutuu
3: Arjummaa
4: Kabajaa

💢qabaachuu(haala toluu) Waa afur sababaa rizqii nama fiduu taati

1: Halkan yeroo namni rafe san salaatuu
2: Yeroo bariisaa araarama Rabbi kadhachuu
3: Yero mara sadaqaa kennachuu
4: Ganamaafii galgala

💢Rabbi zakkaruu(S.W.)
Waa afur sababaa rizqii nama irra dhoorguu taha

1: Ganama rafuu
2: Salaata laaffisuu
3: Ceem,uu(hifachuu)
4: Nama ganuu...

Rabbi irraa nuhaa baraaru! Amiiin amiiin

Jazaakallaah keyral jazaa Abu Huzeyfa.