🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.36K subscribers
42 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
Forwarded from Gutema Gelana
β€ΌοΈπŸŒΌ ‼️Tiskeen keenya innii bilisa nuu,baasee #Kiristoos akka ta’e hubatee jirta

πŸ“ warri osoo Waaqayyo ta’e maalif yaa,
#Abba jedhee
Osoo Waaqayyo ta’e maalif
#kadhate kan jedhuu irraatti ragaan keenya isaa olii hundumaa dubbisaa

πŸ“ ilma namaa isa samii irraa gadibue malee, namni gara samiitti ol bae tokko illee hin jiru (Yoh 3:13)

❖ Kiristoos samii irraa akka dhufe hubbadha, Waaqayyo ta'u isaa hubbadha

🌻 Lakki kan hin ta'u yoo jeette ati
#saree dha

12πŸ‘‰2 Phe 2:20-22
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
✍
#Beekumsa sirrii waaee
#Gooftaa fi #Fayyisaa keenya Iyyaasuus Kiristoos argachuudhaan #xurii_addunyaa jalaa erga baanii booda, #lammata wantootuma kanatti yoo
deebianii fi isaaniin yoo moaman haalli isaanii inni dhumaa isa jalqabaa irra akka hammaatu beekamaa dha

🌹
#Daandii_qajeelummaa sirriitti erga beekanii booda ajaja Qulqulluu isa fudhatan sana irraa garagaluu mannaa, daandii qajeelummaa
sana utuu sirriitti hin beekne taee isaaniif
#wayya ture.
πŸ“
#Mammaaksi dhugaan, β€œ #Sareen_diddiga ishiitti
deebiti;
#booyyeen_dhiqamtes_dhoqqee keessa gangalachuu ishiitti deebiti” jedhu sun isaan irratti #raawwatameera

13πŸ‘‰1 Phe 3:18-19
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌹
#Kiristoos inni #nama Qulqulluu tae warra #jalootaaf jedhee #cubbuudhaaf
yeroo hundumaaf akka tautti
#ali_tokkicha_du'eera; kana kan godhes gara Waaqayyootti isin geessuuf jedhee ti. Inni fooniin ajjeefame, garuu #Affuuraan jiraataadha . Haala kana keessa utuu jiruus, dhaqee #lubbu_mana hidhaa keessa jiraniif lallabe

14πŸ‘‰1 Yoh 4:1-2
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌹 Obboloota jaallatamo,
#raajonni sobaa hedduun gara addunyaatti waan baaniif, dubbii geggeessaa
hafuuraatiin dubbatame hunda hin amaninaa; kanaa mannaa, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame
Waaqayyo biraa kan dhufe tauu fi dhiisuu isaa beekuuf qoradhaa.
πŸ‘‰
#Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame #Waaqayyo biraa kan
dhufe tauu isaa kanaan ni beektu: Dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatamee fi Iyyaasuus Kiristoos
#fooniin akka dhufe amanee fudhatu hundi Waaqayyo biraa kan dhufe dha

15πŸ‘‰2Yoh 1:7
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
♨️dogoggorsitoonni
#Iyyaasuus Kiristoos #fooniin
dhufuu isaa amananii hin fudhanne hedduun gara addunyaatti baaniiru. Inni dogoggorsuu fi Kiristoosiin mormu sun isa kana
✍.........🌹jalate dhiistee
✍..........🌹Kiristoos
tiskeedha
🌻 iji wantoota isin argaa jirtan kana argu gammadaa dha,
α‹¨αˆα‰³α‹©α‰΅αŠ• α‹¨αˆšα‹«α‹© α‹“α‹­αŠ–α‰½ α‰₯αα‹“αŠ• αŠ“α‰Έα‹
=Luq 10:23
=αˆ‰α‰ƒαˆ΅ 10:23
β–³______________β–³
πŸ‘‰ πŸ‘πŸ‘ πŸ‘ˆ
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
β›Ž= nutti garuu iji keenya badee jira wanta tokko illee arguu hin dandeenyee,,garuu carraa nuu, qabnuu guddaa turee

β›Ž iddoo ilaalamu qabuu dhisnee kan jireenya nuufi hin kennine ilaala jira

Koota mee, ija keenya gara Waaqa keenyatti akka ilaaluu goona

❖ yoo Waaqayyo argine iji keenya kan,eebbifamee ta'a
Ija jechuun ija,qaamaa foonii kan osoo hin tanee ija laphee keenya jechuudha
🌻 Namoonni Qulqulluun maali jedhan,
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#kiristoos waaqni keenya hoo,akka jedhu
β›ŽβžœSana booda gara barattoota isaatti garagalee, akkana jedhee kophaatti isaanitti dubbate
#Iji wantoota isin argaa jirtan kana argu
gammadaa dha
β›Žβžœ Ani isiniin nan edha, raajonnii fi mootonni hedduun wantoota isin argaa jirtan kana
arguuf kan hawwan taus hin argine; wantoota isin dhageessan kana
dhagauuf kan hawwan taus hin dhageenye.”

β›Žβžœ
#Abrahaam abbaan
keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera.”
(Yoh 8:56)

❖
#Raajonni gaarummaa guddaa isiniif kennamu sana ilaalchisee raajii dubbatan sun, waaee #fayyina kanaa cimsanii barbaadaa fi of eeggannoodhaan qorachaa turan.

Affuurri isaan keessa ture dhiphina hedduu
#Kiristoos irra gauu fi ulfina sana booda dhufu dursee yommuu dhugaa bau, waaee yeroo isa kamii yookiin waaee waqtii akkamii akka argisiisu beekuuf qorannaa gochuu isaanii itti fufanii turan.

isaan ofii isaanii
#tajaajilaa akka hin turre isaanitti mulifamee ture,Kanaa mannaa, #Afuura_Qulqulluu samiidhaa ergameen karaa namoota misiraachoo isiniif labsan sanaatiin wantoota isinitti himamanii wajjin haala wal qabateen isin tajaajilaa turan. #Ergamonni.Maleekonni iyyuu wantoota kana xiyyeeffannaadhaan ilaaluuf hawwii guddaa qabu
(1 Phex 1:10-12)

✍ Namoonni kun hundi
#amantii isaanii eeganii kan duan taanis, abdiiwwan sun yommuu raawwataman
hin argine; kanaa mannaa fagootti ilaalanii isaan simatan, akkasumas biyyicha keessatti
#keessummootaa
fi yeroo gabaabaadhaaf kan jiraatan tauu isaanii ifatti labsan

❖ Namoonni wantoota akkasii lallaban kun, iddoo isa kan ofii isaanii cimsanii barbaadaa akka jiran ifatti argisiisu
(ibr 11:13-14).

β›Žβž¨ Namoonni kun hundi sababii
#amantii isaaniitiin dhugaa kan isaaniif baame tau illee, abdiin Waaqayyo kenne yommuu raawwatamu hin
argine
#sababiin isaas isaan nu
malee mudaa kan hin qabne akka taan kaayyoo isaa waan hin turreef, Waaqayyo waaee keenya dursee wanta caalu argeera (Ibr 11:39-40)

β›Ž ➨ Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin
#afaaniin
utuu hin tain, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna

❖ Kanaan nuti kan dhugaa tauu keenya ni beekna, akka inni nu jaallatus garaa keenya ni amansiisna

❖ wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irrattis kana ni goona sababiin isaas
#Waaqayyo garaa keenya irra ni #caala, wanta hundumaas ni beeka.

❖ Yaa obboloota jaallatamo, garaan keenya nutti
hin murteessu yoo tae, Waaqayyo duratti dubbachuuf
#ija jabina qabna

❖
#ajajawwan isaa waan eegnuu fi wanta ija isaa duratti gammachiisaa tae waan hojjennuuf wanta
isa gaafannu hunda isa irraa akka fudhannu ni beekna

❖ Dhuguma iyyuu ajajni isaa isa kana: kunis
#maqaa Ilma isaa #Iyyaasuus Kiristoositti
akka amannuu fi akkuma inni ajaja nuu kennetti akka wal jaallannu dha
(1 Yoh 3:13-23)
♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️
♨️Galani Waaqayyof♨️
🌼 dubro Maariyaamiifi 🌼

♨️♨️Haata’u ♨️♨️
♨️Ameen♨️
β–³.......................β–³
🌹Pheexiroos isaa duuka bu'aa Waaqayyo ta’e irraa ♨️
Erga ___2 ffaa
β–³....................β–³
2 phex 3:1-14
_______________

✍ Obboloota jaallatamo, xalayaan kun isa ani yeroo lammataatiif isiniif barreessu dha; akkuman xalayaa isa jalqabaa irratti godhe isa
kana irrattis isin yaadachiisuudhaan
sirriitti akka yaaddan isin nan kakaasa;

✍ kunis wantoota
#raajonni
qulqulluun dursanii dubbatan, akkasumas ajaja
#Gooftaa fi Fayyisaan keenya karaa ergamoota keessanii
dubbate akka yaadattaniifi

✍ Duraan dursaatii,
#guyyoota_dhumaatti qoostonni fedhii ofii isaanii
hordofuudhaan wantoota gaarii taanitti qoosan akka dhufan beekaa;

✍ isaanis, β€œNan argama jedhee kan inni abdii kenne eessa jira? Guyyaa abbootiin keenya duanii jalqabee wanti hundi jalqaba uumamaatii kaasee akkuma jirutti itti fufeera.

✍ Namoonni kun bara duriitti
#samiiwwan akka turan, akkasumas dubbii Waaqayyootiin lafti bishaan keessaa ol baatee jabaattee akka dhaabattee fi bishaan
gidduu akka turte, tae jedhanii
dhugaa kana fudhachuu hin barbaadan

✍ kanaanis addunyaan yeroo sana ture bishaaniin liqimfamee bade

✍ Dubbiidhuma kanaan
samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiranis
#ibiddaaf kaaamanii, hanga
guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamanitti eegamaa jiru.
Yaa obboloota jaallatamo, isin
garuu Waaqayyo biratti
#guyyaan tokko akka waggaa kuma tokkoo akka
tae, waggaan
#kumni tokko immoo akka guyyaa tokkoo akka tae hin
dagatinaa

✍ Namoonni tokko tokko Waaqayyo akka turu godhanii
akka yaadan, inni abdiiwwan kenne raawwachuuf hin turu; kanaa mannaa hundumtuu yaada akka
#geddaratan malee, namni tokko illee akka
badu waan hin barbaadneef isiniif jedhee ni obsa

✍ Haatau malee, guyyaan waaq Waaqayyo akka
#hattuutti dhufa, yeroo sanattis samiiwwan sagalee guddisee huursuun ni darbu, wantoonni samii fi lafti ittiin hojjetamanis hoa cimaadhaan ni baqu,
laftii fi hojiiwwan ishii irratti hojjetamanis ni saaxilamu.

✍ Wantoonni kun hundi haala kanaan kan baqan erga taee,
amala qulqulluu qabaachuu fi hojii Waaqayyoof kan bulle tauu keenya argisiisan hojjechuudhaan namoota akkamii tauu akka qabdan itti
yaadaa;

✍ dhufa guyyaa waqayyo
isa samiiwwan ibiddaan itti balleeffaman, akkasumas wantoonni samii
fi lafti ittiin hojjetaman hoa cimaadhaan itti baqan eeggadhaa; akkasumas sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa!

✍ Haatau malee
akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa
#haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.

✍ Kanaaf yaa obboloota jaallatamo, wantoota kana eeggachaa waan
jirtaniif, dhuma irratti isa duratti
#xurii fi mudaa kan hin qabne taatanii nagaadhaan argamuuf wanta isiniif dandaame hunda godhaa.
β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³
Galani Waaqayyof
Dubaro Maariyaamiifi
Haata’u Ameen.
β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³
πŸŒΉπŸ’’ kutaa_19 ffΒͺΒͺ 🌹
🌹Gaaffii fi Deebi πŸ‘ˆ
πŸ“MusiliimootaπŸ“
✍ Yohaannis 7:34πŸ‘‡
isin na,
#barbaaddu,
garuu na
#hin_argattan;
#bakka ani jirus dhufuu
hin dandeessan.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‰ Gaaffii isaanii πŸ“
#Kiristoos hin fannifamee
Jedhuu ,"isinii nan barbaduu ,garuu nan hin
#Argatanii ,iddoo inni
Jiruu dhaquu hin dandani
Jedhu.......❓
πŸ‘‰kanafuu Kiristoos
Akkamitti fannifamee jeetu
Jedhu....❓
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
=Deebi keenya =laki
Kiristoos
#fannifamee jira.

πŸ“Ragaa kitaaba Qulqulluu

=1=Yohaannis 2:19_21
Iyyaasuus deebisee
#Mana Qulqullummaa kana #diigaa,
#Anis guyyaa #sadiitti deebisee nan #kasaa” isaaniin jedhe.
Yeroo kanatti
#Yihudoonni, β€œManni qulqullummaa kun
#waggaa_46tti ijaarame; ati immooguyyaa sadiitti deebistee ijaartaa❓”
jedhaniin.

#inni garuu mana #Qulqullummaa yeroo jedhu, waaee #Qaama
isaa dubbachuu isaa ture.

Kanaaf, yommuu
#inni_duaa_kau
#barattoonni isaa
inni wantoota kana
dubbachaa akka ture yaadatan;
#Kitaaba Qulqulluu fi wanta Kiristoos dubbatettis
ni amanani
πŸ‘‰Qaama kan jedhamee
#Foonii Kiristoos, kanafuu
Ofuma isaa dubbate jira

=2=Yohaannis 3:14
Akkuma
#Museen lafa onaa keessatti #bofa
#fannise, Ilmi namaas #fannifamuu qaba;

=3=matewoos 16:21
#Iyyaasuus yeroo sanaa jalqabee,gara iyerusaalemi dhaquu akka qabu,
maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa
#dhiphina guddaa akka
isa irra geessisan,
akka
#ajjeefamuu fi #guyyaa sadaffaatti #duaa akka kau #barattoota isaatii ibsuu jalqabe.

=4=matewoos 27:40
β€œAti yaa, isa mana
qulqullummaa
#diigdee guyyaa sadiitti ijaartu nana, ofi oolchi! #Ilma Waaqayyoo yoo taate
fannoo irratti
#fannifamte irraa bui” jedhu turan.

=5=Luqaas 18:31_33
barattoota
#Kudha Lamaan kophaatti baasee akkana isaaniin jedhe: β€œAmma gara iyerusaalemitti oli ba'aa jirra; wanti #raajonni
#Ilma_namaa ilaalchisee barreessan hundi ni raawwatama.

#Fakkeenyaaf, harka namoota #Yihudoota hin
taanetti dabarfamee kennama, itti qoosama, rakkinni irra ga'a, akkasumas itti tufama

Erga isa
#garafanii booda isa ajjeesu; inni garuu #guyyaa sadaffaatti
duaa ni ka'a.

=6=Luqaas 24:25_27
Kanaaf inni akkana isaaniin jedhe: β€œisin warra hubannaa hin qabnee fi garaan keessan wanta
#raajonni dubbatan hunda dafee hin hubanne nana!

Kiristoos dhiphinni kun hundi irra gauu fi gara
#ulfina isaatti galuun isaa sirrii mitii❓”
Achiis
#Musee fi #raajota hunda irraa jalqabee, wantoota Kitaabota Qulqulluu hunda keessatti waaee isaa dubbataman hunda isaaniif ibsuu jalqabe.

β—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆβ—ˆ β—ˆβ—ˆ
🌹kanafuu isin na,
#barbaaddu,garuu na #hin_argattan;
#bakka ani jirus dhufuu
hin dandeessan,yeroo
Jedhuu maali jechuu
Barbade......❓❓❓

πŸ₯€=Deebi isaa
Waaqayyo sami irra
Kan jirtuu. Erga oli bahee
Booda Namooni isa biraa gahuu Hin dandani inni ibidda Wanii ta’efi

β“΅=1ximotewos 6:14_16
hanga
#Gooftaan keenya
#IyyaasuusKiristoos #mulatutti, mudaa fi himata tokko malee ajaja sana eegi;

inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa ta'e sun yeroo isaaf murteeffametti of mulisa.
#Inni_Mootii_moototaa fi #Gooftaa gooftotaa ti;

kan hin duune isa qofa dha; ifa itti dhihaatamuu hin dandaamne keessa jiraata; namni tokko illee
isa argee hin beeku, isa arguus hin dandau. Isaaf ulfinnii fi jabinni bara
baraa haa tau. Ameen.

β“Ά=Yohaannis 8:21_23
#Ani nan deema, isinis na #barbaaddu, taus #cubbuu keessaniin ni duutu
Bakka ani
#dhaqu isin dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
Achiis
#Yihudoonni,
#Bakka ani dhaqu isin
dhufuu hin dandeessan’ kan jedhu ofi ajjeesuu barbaadeetii laata❓” jechuu jalqaban

#Innis(Kiristoos) akkana
isaaniin jedhe:
β€œ
#isin_gadi irraa ti
#Ani garuu #oli irraa ti
Isin
#addunyaa kana
irraa ti; Ani garuu addunyaa kana
irraa
#miti.

β“·=Luqaas 13:31_35
Sa'aatii sanatti
#Fariisonni tokko tokko dhufanii, β€œHeroodis si ajjeesuu
waan barbaaduuf asii ba'iitii deemi” jedhaniin Innis akkana isaaniin jedhe: β€œDhaqaatii
#jeedala sanatti, β€˜Kunoo ani haraa fi boru jinniiwwan nan baasa, #namoota dhukkubsatanis nan fayyisa, #guyyaa_sadaffaattis hojii koo nan xumura’ jedhaatii itti himaa.
⏯⏯⏯⏯⏯⏯⏯⏯⏯⏯
🌹link kan fayyadamaπŸ‘‡
@haadha_Waaqa_naJaladha
====//=====
πŸ…° #Adaami Kiristiyaanaa moo❓
Miti❓
β—‰βž› #Abrahaam Kiristiyaanaa
β–£βž› #Raajonni hundi isaanii Kiristiyaanaa
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
Luqaas 3:23-38
1.Adami ilma Waqayyo
2.Seti
3.Enoshi
4.Qaayinan
5.Mahalile
6.Yaaredi
7.Henok
8.Matusala
9.Lameek
10.Nohi
11.Seemi
12.Arfaksaadi
13.Qaayina
14.Sheela
15.Ebeer
16.Feeleg
17.Re'uu
18.Seruug
19.Naahor
20.Taara
21.Abrahaam
22.Yisihaq
23.Yaqoob
24.Yihudaa
25.Faares
26.Hesroo
27.Ariin
28.Aminadaba
29.Na'aasoo
30.Salmoo
31.Bo'aaz
32.Yoobeed
33.Issey
34.Daawit
35.Naataa
36.Maxaat
37.Meenaa
38.Meleya
39.Eliyaqim
40.Yoonaam
41.Yoseef
42.Yihudaa
43.Simoon
44.Leewii
45.Mataat
46.Yoorim
47.Eliiezar
48.Iyyaasu (yosa)
49.Eer
50.Elmadam
51.Qosaam
52.Adii
53.Malki
54.Neerii
55.Salaatieel
56.Zarubaabel
57.Resaa
58.Yo'anaa
59.Yoodaa
60.Yooseek
61.Seemee
62.Mataatiya
63.Maa'at
64.Nagee
65.Eslii
66.Nahoom
67.Amoos
68.Matiyaas
69.Yoseef
70.Yanaay
71.Malki
72.Leewii
73 Mataat
74.Eeli
75.Yoseef
=KiristoosπŸ‘ˆ

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
🌹Baga-GessaanπŸ’ž
1Phexros 1:10-12
#Raajonni waaΚΌee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaΚΌee #fayyina kanaa #qorachaa, #iyyaafachaas turan; isaanis yommuu #Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaΚΌee dhiphina #Kiristoosiitii fi waaΚΌee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti #yoomii fi #haala akkamii keessa akka taΚΌu #beekuuf #yaalaa turan.

#Namoonni Hafuura Qulqulluu isa #samiidhaa ergameen #wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taΚΌin isin akka #tajaajilan ifa ni taΚΌeef; waan kana #ergamoonni iyyuu #gad-fageenyaan arguu #hawwu.

➧Ayyaana Gaarii isiniif Haata’u