🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.36K subscribers
47 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌹Pheexiroos isaa duuka bu'aa Waaqayyo ta’e irraa ♨️
Erga ___2 ffaa
β–³....................β–³
2 phex 3:1-14
_______________

✍ Obboloota jaallatamo, xalayaan kun isa ani yeroo lammataatiif isiniif barreessu dha; akkuman xalayaa isa jalqabaa irratti godhe isa
kana irrattis isin yaadachiisuudhaan
sirriitti akka yaaddan isin nan kakaasa;

✍ kunis wantoota
#raajonni
qulqulluun dursanii dubbatan, akkasumas ajaja
#Gooftaa fi Fayyisaan keenya karaa ergamoota keessanii
dubbate akka yaadattaniifi

✍ Duraan dursaatii,
#guyyoota_dhumaatti qoostonni fedhii ofii isaanii
hordofuudhaan wantoota gaarii taanitti qoosan akka dhufan beekaa;

✍ isaanis, β€œNan argama jedhee kan inni abdii kenne eessa jira? Guyyaa abbootiin keenya duanii jalqabee wanti hundi jalqaba uumamaatii kaasee akkuma jirutti itti fufeera.

✍ Namoonni kun bara duriitti
#samiiwwan akka turan, akkasumas dubbii Waaqayyootiin lafti bishaan keessaa ol baatee jabaattee akka dhaabattee fi bishaan
gidduu akka turte, tae jedhanii
dhugaa kana fudhachuu hin barbaadan

✍ kanaanis addunyaan yeroo sana ture bishaaniin liqimfamee bade

✍ Dubbiidhuma kanaan
samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiranis
#ibiddaaf kaaamanii, hanga
guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamanitti eegamaa jiru.
Yaa obboloota jaallatamo, isin
garuu Waaqayyo biratti
#guyyaan tokko akka waggaa kuma tokkoo akka
tae, waggaan
#kumni tokko immoo akka guyyaa tokkoo akka tae hin
dagatinaa

✍ Namoonni tokko tokko Waaqayyo akka turu godhanii
akka yaadan, inni abdiiwwan kenne raawwachuuf hin turu; kanaa mannaa hundumtuu yaada akka
#geddaratan malee, namni tokko illee akka
badu waan hin barbaadneef isiniif jedhee ni obsa

✍ Haatau malee, guyyaan waaq Waaqayyo akka
#hattuutti dhufa, yeroo sanattis samiiwwan sagalee guddisee huursuun ni darbu, wantoonni samii fi lafti ittiin hojjetamanis hoa cimaadhaan ni baqu,
laftii fi hojiiwwan ishii irratti hojjetamanis ni saaxilamu.

✍ Wantoonni kun hundi haala kanaan kan baqan erga taee,
amala qulqulluu qabaachuu fi hojii Waaqayyoof kan bulle tauu keenya argisiisan hojjechuudhaan namoota akkamii tauu akka qabdan itti
yaadaa;

✍ dhufa guyyaa waqayyo
isa samiiwwan ibiddaan itti balleeffaman, akkasumas wantoonni samii
fi lafti ittiin hojjetaman hoa cimaadhaan itti baqan eeggadhaa; akkasumas sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa!

✍ Haatau malee
akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa
#haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.

✍ Kanaaf yaa obboloota jaallatamo, wantoota kana eeggachaa waan
jirtaniif, dhuma irratti isa duratti
#xurii fi mudaa kan hin qabne taatanii nagaadhaan argamuuf wanta isiniif dandaame hunda godhaa.
β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³
Galani Waaqayyof
Dubaro Maariyaamiifi
Haata’u Ameen.
β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³β–³