ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.23K subscribers
34 photos
1 video
1 file
96 links
Download Telegram
#Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha qabu.
#Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa akka ta’anis irratti walii galama. Kanaaf mee iccitii milka’inaa kanneen 1,2…jenne haa kafnu;irraas haa barannu:
1.#Namootni milka’an ofitti amanu
Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuudha qabdu. Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !” Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef, hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.
2.#Namootni milka’aan kaayyoo qabu. Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa. Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.
3.#Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu
#Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala kamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.
4.#Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.
Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakka yaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii tokko tokko fudhachuudha qabda. Fkn barataa ciimaa ta’uu akka barbaadu odeessuu osoo hin taane hojiitti seenuu qabda…cimsiteeqo’achuu !!
5.#Namootni milka’an kanneen biroo jajjabeessuu jaalatu
Milka’ina jireenyaa yoo barbaadde iddoo oolmaa keeti namoota jiraan kan sii oliis haa ta’an kan sii gadii waan gaarii isaan hojjataan hangamiyyuu xiqqa haa ta’u dinqisiifadhuuf ykn jajjabeessi. Namni dinqisiifatamuu jibbu hin jiru.Kana gochuu keetiif ammoo wanti kaasartu tokkoyyu hin jiru; bu’a garuu ni argata: isaan jajjabeessuu keef sitti gammadu ;ofii kees ni gammada. Nama wajjiin wal-qunnamtii gaarii horatta.Namoota wajjiin walqunnamtii gaarii yoo qabaate jaalalaa fi kabajaa argata.kun ammoo karaa biraan ofitti amantaa kee siif dabala.Kanarra darbee ammoo namootni waliin hojjatu kunneen kayyoo kee hubbachuun galma akka geessuu si cinaa dhaabbatu/si tumsu/ Maarree amaloota namoota milka’anii kanneen jireenya Keenya keessatti shaakalluun milka’inaaf haa hojjannu.

Join @bedadina
#MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN

#Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"#Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"

#Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba.

#Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. #Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaajee mijatee sitti dhufu hin jiru. #Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eeggachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

#Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa #yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbataatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi!

#Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! #Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. #Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

#Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata.

#Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. #Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. #Waaqa, #dhugaa, #laphee qulqulluu, #hubannaa, #ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda.

#Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

#Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.
#Join👇👇👇👇
@bedadina
"#True success in life can not be measured with factors such as having a lot of money, being wealthy, having a lot of tangibles and earned degree, but instead with the amount of people that are able to live a better and more advanced life because of what one have created. This is the true meaning of success."
@bedadina
''#Milkaa'inni sirriin, maallaqa hedduu horachuu, badhaadhummaa, meeshaalee gati qabeeyyii hedduu qabaachuufi barnoota digirii sadarkaa ollaanaa qabaachuun madaalama osoo hin taane, baay'ina namoota jireenya gaarii akka jiraataniif haala mijeesseefii fi jireenya isaanii fooyyesseefiin madaalama."

# Yaada kanarraa hubachuun akkuma danda'amu, milkaa'inni, qabeenya hedduu horachuu yookaan sadarkaa ol'aanaarra ga'uu qofaan madaalama osoo hin laane jireenya namoota biroo irrattis jijjiirama gaarii fiduu qaba. #Milkaa'inni kan kee addunyaa kanaaf haala gaarii uumuu qaba. #Ta'uu baannaan milkaa'ina sirrii miti. Akkas jechuun ati jireenya namoota biroo fooyyessuuf dirqama qabda jechuu miti. #Namni kamiyyuu jireenya mataasaaf itti gaafatamummaa qaba. #Garuu dhalli namaa ofii nyaatee dhugee quufee jiraachuu qofaaf hin uumamne. Dhalli namaa jireenya ofiisaa qofa osoo hin taane jireenya hawaasaafi addunyaarratti jijjiirama gaarii fiduu qaba. #Milkaa'innis kanaan madaalama.
@bedadina
#Addunyaa kanarratti namootni milkaa'oon namoota fedhii milkaa'inaa qabaniidha malee, namoota hawwii milkaa'inaa qaban miti.
@bedadina
#Bakki yaadde sun eessa?

#Bakka yaadde sana jechuun galma jireenyakeetii jechuudha. #Jireenya kee keessatti milkaa'ina feete bira ga'uudhaaf tarkaanfiin ati jalqaba fudhachuu qabdu galmakee adda baastee beekuudha.
@bedadina
#Galma Baafatte kamuu milkeessuu ni dandeessa!

#Galma kee yommuu baafattu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchi.

1. #Galma kee afaaniin dubbadhu, waraqaarrattis barreessi.
2. #Galma kee sammuu kee keessatti milkeessi.
3. #Miira milkaa'ina kee dhamdhami.
4. #Galmi kee sababa qabatamaa fi beekamaa akka qabaatu taasisi.
5. #Galmi kee namoota biroos akka fayyadu taasisi.
6. #Galma dhugaa jaalattu filadhu.
@bedadina
#Namni Ilaalcha #ofiif
#qabu keessa #jiraata

"#Daandii Milkaa’inaa #Dhaloota
Mul'ata #gaarii qabu, #fayyaa qabeessaaf #sooreessaf, jireenya #guutuu ta'e uumuuf @segnigudeta.

Jabaan waaqa.
#Gatii otoo itti hin baasin Kaayyoon ati Galmaan Geessu hin jiru
#Siin ala Eenyu illee si dhaabuu fi booddeetti si deebisuu hin danda'u!
#Dhuma guddaa malee Jalqabni Guddaan hin jiru!

@bedadina
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Namoota fedhii dandeettii
Mul'ataa fi abjuu qabdaniif!

Dhaabbata #sammuu nama qaroomsu ykn [Mind setting]/ Personal Development Itoophiyaa keessatti hundeeffamee daandii milkaa’inaa carraa baay'ee guddaa dhaloota Mul'ata gaarii qabu, fayyaa qabeessaa fi sooreessa ta'e uumuuf company hundeeffame dha.

Qaamaa mootummaa irraa beekamtii seeraaf Eeyyama kan  qabu waajjira guddaa Finfinnee naannoo Booleetii kan qabu fi damee kutaa bulchiinsa magaala Finfinnee keessaa qaba.

Dhaabbata kan keessatti miseensaa tatee leenji/baranoota fudhate jireenya kee Jireenya Mul'ataa Jireenya Fayyaa .Jireenya ,Maatii Jireenya Hawaasummaa Jireenya ,Hafuuraa Jireenya Maallaqaa, Jireenya Beekumsaa  irratti leenji fudhata Namani tokko sammuu Isa fayyadamuu akkamiin akka of jijjiiruu danda’uu fi madda gaalii argachuu qabu irratti hojataa

Daandii Milkaa’inaaf adeemsa Abjuun jiraachuu Waa'ee kaayyoo dhuunfaa keeti, dandeetii kee, mul'ata kee beekuun galmaa ga'uu ni dandeessa. "Adunyaa irratti namoonni hiyeessa ta'an warra mul'ataafi abjuu hin qabaneedha. Akkamiin abjuuf mul'ata keenyaa kan fayadamaane jireenya kee jijiruu dandeessaa. 

Namoonni hojiin Business kana waliin hojjechuu barabaadan baga gammadan hojii commission ti.qarshii xiqqoo dhan jalqabamee commission hedduu ykn qarshii hedduu carraa ittiin argachuun danda'amu dha. #Sadarkaa barumsaa hin gaafatu.

#Namoota hundaa ilalaata kan daldalu, kan hojatuu, kan baratuu hojii barabaadu fi sadarkaa baranoota kamiyyuu ni danda'amaa hojii baay'ee salphaa ta'ee fi karaa salphaa ta'een jijjiirama guddaa kan galmeessisu dha networking marketing waan ta'eef

Akkasumas #sammuu keenya kana akkamitti akka fayyadamuu dandeenyu jireenya dhuunfaa keenya akka jijiruu dandenyuu nu barsiisaa

#Franchise office biyyoota ambaa kanneen akka:- #kanaadaa, #Israa'eel, #USA, #Sudan keessatti damee bannee hojjechaa jira.

#Daandii Milkaa’inaaf adeemsa Abjuun jiraachuu, Waa'ee kaayyoo dhuunfaa ofii beekuu, dandeettii ofii beekuu, mul'ata ofii beekuun galma ga'uun ni danda'ama. "Addunyaa irratti namoonni hiyyeessa ykn harka qalleessa ta'an warra mul'ataa fi abjuu hin qabneedha.

#Dhaabbata kana keessatti Leenjii/barnoota abjuu jireenya kan itti milkoofnu baranna.Jireenya ofii keetii erga jijjiiruu eegaltee namoota biraa akka miseensa dhaabbata kana ta'an gochuufii jireenya isaanii jijjiiruu danda'aan carraa kennita.

#Namni gamna ta'e #Karoora osoo hin baafatin waan tokko hin jalqabu. Karoora ifa ta'e baafachuun #hoogganaa fi #gaggeessaa jireenya keeti akka taatuun siif hawwa.Karoora gochaa Karaa dheeran tarkaanfii tokko irraa jalqabaa. #Jireenya karoora qabu akka jiraattuuf barnoota/Leenjii Kara adda addaa argachuun dirqama.

Meentaal Baank process fi kutaa sammuu keenya dhoksaa /Subconscious mind/ fayyadamuun kan hojjetu yoo ta'u milkaa'inni kan mirkanaa'ee dha. #MeentaalBaankiin adeemsa mataa isaa danda'ee kan qabuufii haala ittin jijjiiramni argamudha, kanafuu  #Saganteessuudhaan akkamitti karoora keenya galmaan akka geenyu nu gargaara.

Barnoota kana Karaa sadii argachuu dandeessu:-

1ffaa. Online Website dhaabbata irraa
2ffaa. Barruulee fi CD irraa
3ffaa. Qaamaan/In Person

Leenjiin: #AfaanOromoo, #Amariffaa, #Ingliffaa, #Tigiriffaan waan jiruuf kan dandeessaniin barnoota  isaa fudhachuu dandeessu.

#Hubachisa:Taarii #shakkuu dandeessu dhugaa dha kanafuu fedhi yoo qabatee qamaan Ibsa/orientation gaha erga fudhate boodaa dhugaati jijiramana jireenya koo irratti ni fida, garshii/gaalii itti argachuu nan danda'aa, jeettee #ofkeeti yoo murteessite #qofa waliin hojjechuu dandenyaa obbolleessa/Obbolettii.

Yeroof namoota #Finfinnee fi #nannawwaa Finfinnee jiran qamaan argamuun ibsa gaha fudhatanii of murteessu qabdu odeeffannoo dabalataaf #inbox na dubbisaa.

Hojii #NetworkingMarketing waan ta'eef hojii bira hojachaa, bakka barabaadan teessani,yeroo kamiyyuu hojachuu ni danda'amaa. Dhaabbata #Qacarrii osoo hin taane dhaabbata of #miseensaa tatee keessatti hojatee of jijirtuu dha. Kanafuu hubannoof nama kamiyyuu keessatti hojatee abbaa dhaabbata ta'u ni danda'amaa.

Waliin #hojjanna

Waliin #jijiramanaa
#Fuulli ifaan daandii jalqabaa gara jaalalaatti geessuudha!!

#Fuula ifaa qabaadhaa!
#Wiitata(Dafnoo)gaarii isiniif haa ta'u!!!
#Yaada Namootaa Gara Yaadakeetti Jijjiruudhaaf:-

#Karaan Tokkichi Falmiirraa Bu'aa Argachuu Dandeessu Falmii baqachuudha.

#Yaada Namootaa Kabaji. Gonkumaa Dogongorteetta Namaan Hin Jedhin.

#Yeroo Dogaggortu Dogoggorakee Garaakeerraa Amani.

#Jalqaba Mirri Hiriyyummaa Isin Gidduutti Akka Uumamu Godhi.

#Gaaffilee Deebiinsaanii 'Eeyyee' ta'an Gaafadhu. Hanga Dhumaattis "Eeyyee" Akka Jedhan Godhi.

#Namootaaf Carraa Baay'ee Haasa 'uu Kenniif.

#Namoonni Yaadakee Akka Kan Isaanii Ta'etti Akka Yaadan Godhi.

#Yaada Namootaa Bakka Isaanii Bu'uun Ilaaluu Yaali.

#Yaada Namootaa Deggeri. Miira Isaanis Qooddadhu.

#Madda Kaka'umsaa Namootaa Guddichatti Fayyadami.

#Yaadakee Bifa Diraamaatiin Agarsiisi.

#Sodaan Keessakeetii To'adhu.

@Dujabewa
#GEGGEESSAA TA'I

#Hojiin geggeessaa yeroo baay'ee amalaafi ilaalcha namootaa Jijjiiruudha Kanas tooftaalee armaan gadiin milkeessuu ni dandeessa:
Qajeelfama #1ffaa
Namoota hamilichiisi. Hojiikees, dinqisiifannaa namootaaf qabdu ibsuun eegali.
Qajeelfama #2ffaa
Utuu namni sun hinbeekin qalbiisaa gara dogoggorasaatti fidi.
Qajeelfama #3ffaa
Utuu namoota ceepha'uu hin eegalin dura dogoggora yookaan dadhabinakeef ofiikee ceepha'i.
Qajeelfama #4ffaa
Namoota kallattiin ajajuurra, yaadasaanii gaafadhu.
Qajeelfama #5ffaa
Haamilee Namootaa Eegi.
Qajeelfama #6ffaa
Fooyya'insa xiqqoo namoonni agarsiisaniif isaan badhaasi. Jajjabeessiin, hanga dhumaattis addaan hin kutin.
Qajeelfama #7ffaa
Kabaja namoonni argachuu barbaadan kenniif. Yookaan waan akka ta'an feetu, ta'aanii akka jiranitti isaan fudhadhu.
Qajeelfama #8ffaa
Namoonni dogoggora isaaniirraa akka barataniif jajjabeessi. Dogoggorri isaanis salphaatti furamuu kan dandahu tahuusaa isaanitti agarsiisi.
Qajeelfama #9ffaa
Namoonni yaada kee akka fudhatan gochuuf dursii yaadakeetti akka gammadan godhi.
@Dujabewa
@bedadina
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#EEBBIFAMTOOTAHAARAAF
#GORSAWWAN BARBAACHISOO

Hojii qacaramuuf gorsawwan barbaachisoon isiniif qooda.Barnoota waggaa meeqaa booda gara hojiitti dhufuun kallattii jireenyaa isa biraadha.Kanaafuu,akkamitti gara boqonnaa kanaatti akka salphaatti dhufuun akka danda'amu waliif haa qoodnu.

1.Cimina keenya beekuun qormaata barreeffamaa yookiin gaaffii afaaniif dhiyaachuuf baay'ee barbaachisaadha.
Ta'us garuu qabxii olaanaa waan qabduuf qofa qacaramuu ni dandeessa jechuu
miti.Gaaffii afaanii irratti adda duree ta'uu qabda.Qormaanni barreeffamaas yoo jiraate akka salphaatti akkamitti darbuu dandeenya kan jedhu
beekuun murteessadha.Qabxiin jalqabarratti qormaata irratti dhiyaachuuf carraa nuuf kenna.

Carricha fayyadamuun immoo dhimma biraati.Gaaffiin afaanii baay'ee barbaachisaa waan ta'eef namootni baay'een waan hundumaa darbaniit asirratti geggeeffamu.Cimina keenya beekuu jechuun digirii waan qabnuuf qofa yookiin qabxii olaanaa waan qabnuuf jecha akka milkaa'ina guddaatti lakkaa'uu osoo hin taane hanqinoota keenya beekuu fi guutuun baay'ee barbaachisaadha

Qabxii olaanaa yoo qabaanne qormaata barreeffamaa,gaaffii afaanii fi qormaata gochaaf qophaa'uun gaariidha.Qabxiin keenya gadaanaa yoo ta'e immoo xiyyeeffannaan keenya muuxannoo hojii irratti ta'uu qaba.Ji'ootaaf ykn waggootaaf waan
eebbifamteen hojii yoo hojjattee fi muuxannoo hojii seera qabeessa yoo qabaatte qacarrii fooyyee qabu
yoo barbaadde, muuxannoo hammam qabda? kan jedhu malee qabxiin yuunivarsiitii ykn kollejjii kee meeqa? jedhanii hin gaafatan.Kanaafuu,hojii osoo hin tuffatin miindaan hammam iyyuu haa ta'uu hojiin ati hojjattu ogummaa ati ittiin eebbifamteen yoo ta'e akka qacaramtu ni gorfama. Muuxannoo yoo qabaatte gara hojii barbaadduutti dhufuu dandeessa.

2.Namootni hojii dhabdoota ta'an biyya kana keessatti naannoo miliyoona hedduu ta'a.Kanaafuu,ati warra kaanirraa adda taatee argamuu qabda.Akkamitti? Tolaan hojjachuun guyyaa eebbifamterraa eegalii kanfaltii malee hojjachuu of barsiisi.Tajaajila tola ooltummaa kennuun muuxannoo fudhachuu fi akkamitti akka
hojjatamu baruu dandeessa.

Namni kanfalee ni barata. Kanaafuu,hanga qacaramtutti hin taa'in.Namoota dhuunfaa ykn dhaabbata si waliin hojjachuuf fedhii qabu waliin hojjadhu.Leenjiiwwan gaggabaabaa fi qormaata "COC" qoramuun waraqaa ragaa kan kennan yoo jiraatan fudhadhu.

3.Ogummaa kee malee qarshiif hin bitamin.Qarshiif jettee hojii ogummaa keen wal hin qabanne yoo hojjatte gara hojii ogummaa ittiin eebbifamteetti carraan deebi'uu xiqqaadha.Yeroon erga deemeen booda digiriin kee akka ati homaa ittiin hin hojjanneetti lakkaawwama.
Muuxannoon hojii kee 0'n yeroo itti fufu kan barattes nidagatta. Kanaafuu,kanfaltii irratti osoo hin taane hojiin hojjadhu kun ogummaan baradhe waliin ni deemaa? jedhii of gaafadhu.Muxannoon hojii hammam barbaachisa? Yeroo xiqqoof ogummaa keetiin qarshii xiqqoon yoo hojjatte yeroo muraasa booda barbaadamaa taata.

4.Toorawwan intarneetii beeksisa qacarrii irratti hojjatan,miidiyaalee hawaasaa,telegiraamii,fesbukii
fi gaazexaa garaagaraa irraa beeksisa hojii hordofi.

5.Hojii osoo hin filatin ogummaa ittiin
eebbifamteen yoo ta'e kanfaltii gadaanaa yoo ta'e iyyuu waan argatte hojjachaa hojii fooyya'aa barbaaduun barbaachisaadha.

6.Waajjiroota mootummaaf duursa kenni.Kanfaltiin waajjiraalee mootummaa fooyya'aa jira.

Akkasumas tajaajilawwan kanneen akka barnoota,mana,konkolaataa fi carraawwan biroo argachuu
dandeessa.

7.Qormaata barreeffamaa fi gaaffii afaaniif wayita waamamte,yoo argatteef namoota kanaan dura
achitti qacaraman ykn toora intarneetii irraa odeeffannoo barbaachisu funaannadhuu dhaqi.Hammamiyyuu ani cimaadha yoo ofiin jette namni odeeffannoo qabu si caala.
Kanaafuu, odeeffannoo qabaannaan luka tokkoon akka seente beeki.

8.Beeksisa hojii ogummaa kee waliin deemu hundumaa yaaluu qabda.
Namni inni barbaadu tokkos ta'ee sanaa ol akkasumas miindaan isaa xiqqaas ta'u guddaa yaaluu qabda.

GORSA KANA WALIIF #QOODAA!

Odeeffannoo #beeksisaf #wayitawaa akka argtaan #hiriyoota keessan #afferraa @segnigudeta
#SanyiiGuddataa irraa.