ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.55K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN

#Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"#Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"

#Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba.

#Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. #Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaajee mijatee sitti dhufu hin jiru. #Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eeggachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

#Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa #yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbataatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi!

#Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! #Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. #Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

#Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata.

#Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. #Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. #Waaqa, #dhugaa, #laphee qulqulluu, #hubannaa, #ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda.

#Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

#Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.
#Join👇👇👇👇
@bedadina
#Yaada Namootaa Gara Yaadakeetti Jijjiruudhaaf:-

#Karaan Tokkichi Falmiirraa Bu'aa Argachuu Dandeessu Falmii baqachuudha.

#Yaada Namootaa Kabaji. Gonkumaa Dogongorteetta Namaan Hin Jedhin.

#Yeroo Dogaggortu Dogoggorakee Garaakeerraa Amani.

#Jalqaba Mirri Hiriyyummaa Isin Gidduutti Akka Uumamu Godhi.

#Gaaffilee Deebiinsaanii 'Eeyyee' ta'an Gaafadhu. Hanga Dhumaattis "Eeyyee" Akka Jedhan Godhi.

#Namootaaf Carraa Baay'ee Haasa 'uu Kenniif.

#Namoonni Yaadakee Akka Kan Isaanii Ta'etti Akka Yaadan Godhi.

#Yaada Namootaa Bakka Isaanii Bu'uun Ilaaluu Yaali.

#Yaada Namootaa Deggeri. Miira Isaanis Qooddadhu.

#Madda Kaka'umsaa Namootaa Guddichatti Fayyadami.

#Yaadakee Bifa Diraamaatiin Agarsiisi.

#Sodaan Keessakeetii To'adhu.

@Dujabewa
@Bedadina

#Eenyummaan Kee bilchina ati qabduun madaalama.

#Maalummaa waan tokkoo Kan madaalu ala (bakkee) isaa utuu hin taane keessa isaati. #Gamoon Tokko Tokko fagoodhaa yeroo ilaalan alli (bakkeen) isaa baay'ee bareeda. Keessi isaa garuu hanga godoo xiqqoo illee hin miidhagu. #Haalli namoota Tokko tokkoos akkasuma. Namoonni akkasii nagaa erga gaafatanii booda waan dubbatan wallaalu. #Yaada uumuu waan hin dandeenyeef waanti dubbatan harkaa bada. Namoonni kunniin nama fagoodhaa isaan ilaalu gowwoomsan, illee nama dhiyaatee keessa isaanii ilaale garuu gowwoomsuu hin danda'an.

@Bedadina

@Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa
👉#Haalota Baay'ee #Rakkisoo👈🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂

#Haalonni mul'ata Keenyaaf baay'ee rakkisoo ta'an muraasni:
1. #Ofitti abdii kutachuu
2. #Waan xiqqoon gammaduu fi waan xiqqoon ofitti aaruu
3. #Yaada namootaan oofamuu fi yaada namootaan of murteessuu
4. #Wantoonni ati yaadde gaafa akka ati yaaddeetti deemuu dhiisu
5. #Karoora keef qarshii isaaf barbaachisu gaafa of harkaa dhabdu
6. #Wanti ati baratteefi wanti ati hojjettu gaafa waldhabu.
7. #Barattee hojii dhabuu
8. #Jireenyaan of dadhabuu
9. #Jireenyi mana keessaa faallaa mulata keem sitti ta'uu
10. #Namoonni si hubachuu dhabuu
11. #Dhukkuba fi balaa hin yaadamneef saaxilamuu
12.#Osoo waan qabatamaa hin hojjetin umrin sijalaa deemuu
13. #Dhala dhabuu
14. #Siyaasaan adabamuu
15. #Biyyaa ba'uu
16. #Garee ta'een dhiibamuu
17. #Araadaan rakkachuu
18. #Arraba namootan dararamuu
19. #Namootaan ganamuu
20. #Hojirraa hin dandeessu jedhamtee geggeeffamuu
21. #Waan nyaattuu dhabuu fi gargaarsa dhabuu fi kkf

#Kanneen armaan olitti tarreefffaman kun wantoota baay'ee rakkisoo fi mul'ata keenyatti gufuu ta'uu danda'aniidha.

@Saayikoloojii #Join #Share gochuun nu hordofaa!!!
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
👉 #Amala Namaa Sadan

#Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a

1. ✍️Nama Suutee  (#Passive Person)
#Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

2. ✍️Nama Ofittoo (#Aggressive Person)
#Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
  Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

3. ✍️Nama sammuu banaa qabu (#open minded person)
#Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
 Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.

Kan Dubbisnerraa
#Yeroo Gaarii isiniif Hawwina!

#Chaanaaliin kun kan keessani Guddifadhaa🙏
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_