ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.25K subscribers
38 photos
1 video
1 file
101 links
Download Telegram
#MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN

#Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"#Jireenyi yoo qaawa lilmoo sitti ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"

#Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba.

#Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. #Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaajee mijatee sitti dhufu hin jiru. #Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eeggachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

#Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa #yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbataatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi!

#Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! #Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. #Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

#Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata.

#Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. #Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. #Waaqa, #dhugaa, #laphee qulqulluu, #hubannaa, #ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda.

#Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

#Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.
#Join👇👇👇👇
@bedadina