ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.55K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Yaada Namootaa Gara Yaadakeetti Jijjiruudhaaf:-

#Karaan Tokkichi Falmiirraa Bu'aa Argachuu Dandeessu Falmii baqachuudha.

#Yaada Namootaa Kabaji. Gonkumaa Dogongorteetta Namaan Hin Jedhin.

#Yeroo Dogaggortu Dogoggorakee Garaakeerraa Amani.

#Jalqaba Mirri Hiriyyummaa Isin Gidduutti Akka Uumamu Godhi.

#Gaaffilee Deebiinsaanii 'Eeyyee' ta'an Gaafadhu. Hanga Dhumaattis "Eeyyee" Akka Jedhan Godhi.

#Namootaaf Carraa Baay'ee Haasa 'uu Kenniif.

#Namoonni Yaadakee Akka Kan Isaanii Ta'etti Akka Yaadan Godhi.

#Yaada Namootaa Bakka Isaanii Bu'uun Ilaaluu Yaali.

#Yaada Namootaa Deggeri. Miira Isaanis Qooddadhu.

#Madda Kaka'umsaa Namootaa Guddichatti Fayyadami.

#Yaadakee Bifa Diraamaatiin Agarsiisi.

#Sodaan Keessakeetii To'adhu.

@Dujabewa
#Namoonni Baay’een Gaafuma Dhalatan du’an. Muraasni immoo Gaafa Du’an Dhalatu. Ati hoo?
#Osoo nama hin ta’iin namaaf ta’uun hin jiru!
@Dujabewa
#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taʼan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Halkan gaariin Isiniif hawwa🙏🙏🙏
#Baay'een isin Jaaladhas!!!
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
#Namoonni dhufanii deemu!

#Yeroo tokko tokko, namoonni nuti nuuf jiru jennu warra gatii guddaa nuti kenninuuf, warri yeroon rakkoon na mudatu naaf qaqqabu, na cinaa dhaabbatu jennee yaadu tasa ka'anii jireenya keenya dhiisanii ba'u, amala hin eegamne nutti agarsiisu !

#Faallaa kanaammoo Namoota biroo nuti hin beekne, namoota nuti arginee hin beeknetu, lubbuun keenya akka jiraatuuf sababa ta'u, yeroo gargaarsa barbaannu nu cinaa dhaabbatu, osoo hin gaafatin dhufanii arjooma nuuf godhu!

#Egaa yeroo tokko tokko jireenyumatu akkana ta'a.
Jireenya keenya keessatti gatii namootaa akka hubannu nu taasisa! Ilaalcha wantootaaf qabnu ni sirreessa! Akkasumas yeroo namoonni dhufanii deeman hunda isaaniin jijjiramnee eenyummaa warra kaaniis isaan madaaluu qabna, ofii keenyas jijjiiruu hin qabnu!

#"Namni tokko yoo nurraa fagaatellee,namni tokko nutti dhihaata."


#Yeroo Gaarii isiniif hawwina
#Akka dhihetti hin hafu ni bari'a!!!!!🏃🏃🏃🏃🏃🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🍀🍀🍀
@Bedadina
Forwarded from ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር ) (Abera Negesa official)
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
@Bedadina

#Ciminni Kee maal akka ta'e Beeki!.

#Cimina ofii beekuun kennaa guddaadha. Cimina Kee kanas kunuunsi. #Namni tokkoon tokkoon isaa utuu kennaa isaa Isa jabaa beekee sadarkaa ol'aanaa irra gaha ture. Kanaaf kennaa Kee Beeki. #Kennaa Kee kanas Hojii irra oolchi. #Namoonni Tokko Tokko obsa jabaa qabu. Kaan immoo waan bor dhufu dursanii raajuu danda'u . #Namoonni hedduun garuu callisanii sammuu isaanii waan cinqaniif waanuma faayidaa qabu tokkollee utuu hin hojjeetiin barri darba. #Miira isaaniitiin oofamanii of gowwoomsaa umurii isaanii Kan fixan ta'uu isaanii namoota kanniinitti dhuma irratti Kan itti himu #yeroodha.

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Bu’uuraalee Milkaa’inna ( #Elements of Success)

#Namoonni damee hojii garagaraa irratti bobba’uun milkaa’ina adda addaa galmeessu. Milka’inni namoota hundaa waliqixa miti. Milkaa’ina gurguddaa galmaan gahuuf ,bu’uura isaa sirritti lafa qabsiisuun baay’ee barbaachisaadha.
#Wantoonni milkaa’inaaf bu’uura ta’an muraasni kanneen armaan gadiiti.
1. #Yaaduu:- Bu’uurri wanta kamiyyuu hojjechuu yaaduudha. Burqaan jiruu yaada. Jiruu fi jireenya koo keessa maaltu jira, maaltu dhabame, maal itti dabaluun qaba, maal irraa hir’isuun qaba,dadhabinni koo maali, jabeenyi koo maali, akkamitti of jijjiruun qabaa fi gaaffileen kanaa fi kana fakkaatan yaadun deebii kan argataniidha. Bu’uurri jalqabaa jireenyaa yaadu fi xinxalluudha. Kaayyoo yeroo kaayyeefannu ol fageessinee yaaduu fi hawwuu qabna. Hanga fedhe ulfaataa nutti haa fakkaatu, ol fageessine yaaduu, xiinxaluun fi fedhii keenya ijjaaruun, hojii baay’ee salphaa ta’eetti jijjira.
2. #Kaayyoo ofii beekuu fi murteessuu:- Waanta hojjatan sana sirritti gadi fageenyaan xiinxalanii yoo hin barinii fi daangaa hin murteessiniif, kufaatif sababa guddaa ta’a. Fakkeenyaf, namni tokko doktora,enjinera, barreessaa, fi kkf ta’uuf yoo yaade murtessuun dura humna, yeroo fi gatii kaffaluu qabu sirriitti beekuu qaba. Kaayyoo ofii murteessun jiruu waldhaa'aa fi dukkanaa’aa gara salphaa fi ifaatti jijjira.
3. #Fedhii:-Waanta tokko hojjachuuf erga yaadnee booda miirri fedhii nu keessatti uumama. Fedhiin yoo hin jiraatin wanta yaadne sana lafatti buusnee hojjachuu hin dandeenyu.
4. #Ejjennoo fi Niyyaa(intention) qabaachuu:- Erga kaayyoo keenya murteessineen booda ijjannoo fi niyyaa keenya jabbeessu fi lafa qabsiisudha. İjjannoon cimaan wanta qabanne kaane akka hin dhiisne fi hin daganne nu taasisa.
5. #Xiyyeefannoo:- Akkuma daa’imni yeroo dhalattu xiyyeefannoo fi kunuunsa guddaa barbaaddu, kaayyoon nu kaayyefanne akkasuma xiyyeefannoo fi kunuunsa guddaa barbaada.
6. #Obsa:- Namni diida bahee hanga bakka yaade gahutti hin dhiisu. Bakka gahuuf immoo Obsa isa barbaachisa. Kaayyoo dheeraa qabanne galmaan gahuuf obsii akka bishaani fi qilleensaa nu barbaachisa.

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taʼan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Yeroo gaariin Isiniif hawwa🙏
#Nutti Makamaa
👇
@Bedadina 👇
@Gaggeessummaa
👇
@Saayikoloojii