ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.55K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#EEBBIFAMTOOTAHAARAAF
#GORSAWWAN BARBAACHISOO

Hojii qacaramuuf gorsawwan barbaachisoon isiniif qooda.Barnoota waggaa meeqaa booda gara hojiitti dhufuun kallattii jireenyaa isa biraadha.Kanaafuu,akkamitti gara boqonnaa kanaatti akka salphaatti dhufuun akka danda'amu waliif haa qoodnu.

1.Cimina keenya beekuun qormaata barreeffamaa yookiin gaaffii afaaniif dhiyaachuuf baay'ee barbaachisaadha.
Ta'us garuu qabxii olaanaa waan qabduuf qofa qacaramuu ni dandeessa jechuu
miti.Gaaffii afaanii irratti adda duree ta'uu qabda.Qormaanni barreeffamaas yoo jiraate akka salphaatti akkamitti darbuu dandeenya kan jedhu
beekuun murteessadha.Qabxiin jalqabarratti qormaata irratti dhiyaachuuf carraa nuuf kenna.

Carricha fayyadamuun immoo dhimma biraati.Gaaffiin afaanii baay'ee barbaachisaa waan ta'eef namootni baay'een waan hundumaa darbaniit asirratti geggeeffamu.Cimina keenya beekuu jechuun digirii waan qabnuuf qofa yookiin qabxii olaanaa waan qabnuuf jecha akka milkaa'ina guddaatti lakkaa'uu osoo hin taane hanqinoota keenya beekuu fi guutuun baay'ee barbaachisaadha

Qabxii olaanaa yoo qabaanne qormaata barreeffamaa,gaaffii afaanii fi qormaata gochaaf qophaa'uun gaariidha.Qabxiin keenya gadaanaa yoo ta'e immoo xiyyeeffannaan keenya muuxannoo hojii irratti ta'uu qaba.Ji'ootaaf ykn waggootaaf waan
eebbifamteen hojii yoo hojjattee fi muuxannoo hojii seera qabeessa yoo qabaatte qacarrii fooyyee qabu
yoo barbaadde, muuxannoo hammam qabda? kan jedhu malee qabxiin yuunivarsiitii ykn kollejjii kee meeqa? jedhanii hin gaafatan.Kanaafuu,hojii osoo hin tuffatin miindaan hammam iyyuu haa ta'uu hojiin ati hojjattu ogummaa ati ittiin eebbifamteen yoo ta'e akka qacaramtu ni gorfama. Muuxannoo yoo qabaatte gara hojii barbaadduutti dhufuu dandeessa.

2.Namootni hojii dhabdoota ta'an biyya kana keessatti naannoo miliyoona hedduu ta'a.Kanaafuu,ati warra kaanirraa adda taatee argamuu qabda.Akkamitti? Tolaan hojjachuun guyyaa eebbifamterraa eegalii kanfaltii malee hojjachuu of barsiisi.Tajaajila tola ooltummaa kennuun muuxannoo fudhachuu fi akkamitti akka
hojjatamu baruu dandeessa.

Namni kanfalee ni barata. Kanaafuu,hanga qacaramtutti hin taa'in.Namoota dhuunfaa ykn dhaabbata si waliin hojjachuuf fedhii qabu waliin hojjadhu.Leenjiiwwan gaggabaabaa fi qormaata "COC" qoramuun waraqaa ragaa kan kennan yoo jiraatan fudhadhu.

3.Ogummaa kee malee qarshiif hin bitamin.Qarshiif jettee hojii ogummaa keen wal hin qabanne yoo hojjatte gara hojii ogummaa ittiin eebbifamteetti carraan deebi'uu xiqqaadha.Yeroon erga deemeen booda digiriin kee akka ati homaa ittiin hin hojjanneetti lakkaawwama.
Muuxannoon hojii kee 0'n yeroo itti fufu kan barattes nidagatta. Kanaafuu,kanfaltii irratti osoo hin taane hojiin hojjadhu kun ogummaan baradhe waliin ni deemaa? jedhii of gaafadhu.Muxannoon hojii hammam barbaachisa? Yeroo xiqqoof ogummaa keetiin qarshii xiqqoon yoo hojjatte yeroo muraasa booda barbaadamaa taata.

4.Toorawwan intarneetii beeksisa qacarrii irratti hojjatan,miidiyaalee hawaasaa,telegiraamii,fesbukii
fi gaazexaa garaagaraa irraa beeksisa hojii hordofi.

5.Hojii osoo hin filatin ogummaa ittiin
eebbifamteen yoo ta'e kanfaltii gadaanaa yoo ta'e iyyuu waan argatte hojjachaa hojii fooyya'aa barbaaduun barbaachisaadha.

6.Waajjiroota mootummaaf duursa kenni.Kanfaltiin waajjiraalee mootummaa fooyya'aa jira.

Akkasumas tajaajilawwan kanneen akka barnoota,mana,konkolaataa fi carraawwan biroo argachuu
dandeessa.

7.Qormaata barreeffamaa fi gaaffii afaaniif wayita waamamte,yoo argatteef namoota kanaan dura
achitti qacaraman ykn toora intarneetii irraa odeeffannoo barbaachisu funaannadhuu dhaqi.Hammamiyyuu ani cimaadha yoo ofiin jette namni odeeffannoo qabu si caala.
Kanaafuu, odeeffannoo qabaannaan luka tokkoon akka seente beeki.

8.Beeksisa hojii ogummaa kee waliin deemu hundumaa yaaluu qabda.
Namni inni barbaadu tokkos ta'ee sanaa ol akkasumas miindaan isaa xiqqaas ta'u guddaa yaaluu qabda.

GORSA KANA WALIIF #QOODAA!

Odeeffannoo #beeksisaf #wayitawaa akka argtaan #hiriyoota keessan #afferraa @segnigudeta
#SanyiiGuddataa irraa.