ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.55K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
"#True success in life can not be measured with factors such as having a lot of money, being wealthy, having a lot of tangibles and earned degree, but instead with the amount of people that are able to live a better and more advanced life because of what one have created. This is the true meaning of success."
@bedadina
#Milkaayina jechuun maali?

 Deebii gaafii kanaa deebisuu namni danda’u addunyaa kanarraa si qofaadha. Kitaaboota addunyaa kanarra jiran yoo dubbiftees deebii sirrii gaafii kanaa hin argattu. Namoota beekkamoo fi sadarkaa ol’aanaa irra jiran yoo gaafattees, deebii gaafii kanaa argachuu hin dandeessu. Deebiin gaafii “milkaa’inni maali” jedhuu si qofaatu deebisuu danda’a.

Hiika Milkaa’inaa sirriin keessa keetii madda malee, namootarraa yookiin kitaabootarra dubbiftee miti kan argattu. Namoonni milkaa’oon akkaataa itti galma kee milkeeffachuu dandeessutti muuxannoo siif qooduu danda’u malee hiika milkaa’inaa isa sirrii sitti himuu hin danda’an.

Yoo sitti himaniis hiika milkaa’inaa kan ofii isaanii sitti himan malee, hiika milkaa’inaa isa sirrii siif himuu hin danda’an. Hiika milkaa’inaa kan kee isa sirrii si qofaatu beeka. Furtuun milkaa’inaa hiika milkaa’inaa isa sirrii beekuudha.

Hiikni milkaa’inaa inni sirriin hoo maali? Hiika namoonni yeroo baay’ee milkaa’inaaf kennan sirrii miti jechuu ni dandeessa.

Milkaa’inni maali jettee yoo namoota gaafatte, galma ofii milkeessuu, bakka yaadan ga’uu, maallaqa hedduu horachuu, hogganaa dhaabbata beekamaa tokkoo ta’uu, gaggeessaa ol’aanaa ta’uu fi kkf siin jedhu.

Namoonni hiika milkaa’inaa kana eessa baran? Haawasa keessa jiraatanirraa, hiriyyoota isaanirraa, namoota ajaa’ibsiifatan irraa, maatii isaanirraa fi kkf irraa baratan. Garuu hiika milkaa’inaa sirriin namootarraa osoo hin taane, keessa nama milkaa’uu fedhuu sana keessaa madda.

Ati milkaa’inaa akka armaan olii kanatti ibsitaa? Namni tokko maallaqa biliyoonaan yoo qabaate ni milkaa’e jechuu ni dandeenyaa? Namni tokko galma isaa waan milkeeffateef yookaan bakka yaade waan ga’eef ni milkaawe jechuu ni dandeenyaa?

Hiiki milkaa’inaa inni sirriin bakka yaadan ga’uu yookaan galma karoorfatan milkeeffachuu qofaa miti. Milkaa’inni bakka yaadan ga’uu yookaan galma karoorfatan milkeeffachuudha yoo ta’e namoonni hatanii yookaan gochaa malaammaltummaadhaan durooman, kanneen obboleessa isaanii dabarsanii kennanii dhiiga obboleessa isaaniin aangoi ol’aanaa qabataniis ni milkaa’ana jechuu dandeenya.

Lakkii milkaa’inni kanaan miti. Namoonni jireenya namoota biroo booreessanii, ofii isaaniiti bakka yaadan ga’an hamileen isaanii nagaa, tasgabbii fi gammachuu hin qaban. Nagaa, tasgabbii fi gmmachuu hin qaban taanaan, milkaa’inni isanii, maallaqni isaaniis hiika hin qabaatu. Gammachuun agarsiiftuu milkaa’inaati.

Milkaayina jechuun hiikni isaa inni sirrii maali?

#Hiikni milkaa’inaa inni sirriin maali? Hayyuu beekamaan Steve Mueller ja’amu hiika milkaa’inaa isa sirrii akka armaan gadiitti ibse:

#True success in life is cannot be measured with factors such as having a lot of money, being wealthy, having a lot of tangibles and earned degree, but instead with the amount of people that are able to live a better and more advanced life because of what one have created. This is the true meaning of success. “

Yaadni Steve Mueller gara Afaan Oromootti yoo hiikamu:

“Milkaa‘inni sirriin, maallaqa hedduu qabaachuu, badhaadhummaa, meeshaalee gatii qabeeyyii hedduu qabaachuu fi barnoota digrii sadarkaa ol’aanaa qabaachuun madaalama osoo hin taane, baay’ina namoota jireenya gaarii akka jiraataniif haala mijjeessiteefii fi jireenya isaanii fooyyeessiteefiin madaalama.”

Milkaayina jechuun kana. Yaada kanarraa hubachuun akkuma danda’amu, milkaa’inni, qabeenya hedduu horachuu yookaan sadarkaa ol’aanaarra ga’uu qofaan madaalama osoo hin taane jireenya namoota biroo irrattiis jijjiirama gaarii fiduu keetiin madaalama.

Milkaa’inni kee addunyaa kanaaf waa uumuudha

Milkaa’inni kee addunyaa kanaaf haala gaarii uumuu qaba. Ta’uu baannaan milkaayina sirrii miti. Kana jechuun immoo ati jireenya namoota biroo jijjiiruuf dirqama qabda jechuu miti. Namni kamiyyuu jireenya mataa isaatiif itti gaafatamummaa qaba.

Join
👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina