ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.55K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
''#Milkaa'inni sirriin, maallaqa hedduu horachuu, badhaadhummaa, meeshaalee gati qabeeyyii hedduu qabaachuufi barnoota digirii sadarkaa ollaanaa qabaachuun madaalama osoo hin taane, baay'ina namoota jireenya gaarii akka jiraataniif haala mijeesseefii fi jireenya isaanii fooyyesseefiin madaalama."

# Yaada kanarraa hubachuun akkuma danda'amu, milkaa'inni, qabeenya hedduu horachuu yookaan sadarkaa ol'aanaarra ga'uu qofaan madaalama osoo hin laane jireenya namoota biroo irrattis jijjiirama gaarii fiduu qaba. #Milkaa'inni kan kee addunyaa kanaaf haala gaarii uumuu qaba. #Ta'uu baannaan milkaa'ina sirrii miti. Akkas jechuun ati jireenya namoota biroo fooyyessuuf dirqama qabda jechuu miti. #Namni kamiyyuu jireenya mataasaaf itti gaafatamummaa qaba. #Garuu dhalli namaa ofii nyaatee dhugee quufee jiraachuu qofaaf hin uumamne. Dhalli namaa jireenya ofiisaa qofa osoo hin taane jireenya hawaasaafi addunyaarratti jijjiirama gaarii fiduu qaba. #Milkaa'innis kanaan madaalama.
@bedadina
👇👇👇👇👇👇👇👇
#Karaa lama qabda!

#Karaa tokkoffaa: Karaa bu'aa ba'ii hin qabne, #garuu booddeerra firiin isaa gaabbii kan ta'e.

#Karaa lammaffaa: Karaa dadhabbiifi hojii cimaa gaafatu, #garuu booddeerra firiin isaa yeroo bilisaa, qarshii hedduufi imala bareeda kan qabu.

Yeroo kee kan filatte irratti fayyadamuu dandeessa!

👉You have Two option:-
#Option 1: A path that looks comfortable, but ends with the pain of regret.

#Option 2: A path with obvious hard times that ends in freedom of time, money, and movement.

👉Invest your time and energy accordingly.

https://t.me/Bedadina
#Ofiif waadaa gali!

#Wantoonni akka ati barbaaddetti deemuu dhiisuu danda’u, namoonni dugda sitti deebi’uu danda’u, addunyaa kana keessa jiraachuuf waan si gammachiisu hunda dhabuu dandeessa; #Garuu hundi keenya miira kana keessa darbineerra gara fuulduraattis keessa darbuu dandeenya.

#Garuu guddinni yeroo rakkisaa kana keessatti yoomiyyuu abdii akka hin kutanne #waadaa ofiif galuudha!

#Halkan abdiin guutamen isiniif hawwa🙏🙏🙏
#Hanga Jirrutti abdiin jira!

#Yeroo baay’ee, jireenya keenya keessatti wantoota abdachaa turree fi seenaa jireenya keenyaa ni jijjiira jennee yaanne kan nuuf hin milkoofne jiru. #Kanaaf abdii kutannee dhaabachuu yoo eegallee fi jireenyi haaraan akka jiru yoo nuuf hin galle inumaayyuu dhaabachuufi kufuu ta'a. #Garuu hanga ilmi namaa lubbuun jirutti yeroo hunda karaan jira!

#Abdiin hanga nuti duunutti hin duutu!

Yeroo gammachiisaan isiniif hawwa!!!
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!🙏🙏🙏
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaa🙏🙏🙏
#Galatoomaa
👇👇👇👇👇👇👇
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
#Deeskiin fuuldura keetii  #duuba kee jira!

#Yeroo hundumaa gara fuulduraatti deemi, yoo kuftellee, gara fuulduraatti kufi, #sababni isaas yeroo kaatu, bakka itti kufte irraa xiqqoo fagaattee kaata waan ta'eef!

"#Garuu of duuba ilaaluu hin dagatin, #sababiin isaas waanti dabarsite waan baay'ee si barsiisu waan qabuuf #inumaayyuu  hammam akka fagaattee deemte safartuudha!"

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
#𝔽𝕖𝕕𝕙𝕚𝕚 𝔾𝕒𝕕𝕚 𝔽𝕒𝕘𝕠𝕠!

#𝔻𝕙𝕒𝕝𝕝𝕚 namaa  barbaade taanaan barbaadeeedha;  Dhuguma waan tokko onnee keenya irraa yoo barbaanne, argachuuf gatii fedhe ni kaffalla.𝔾𝕒𝕥𝕚𝕚 𝕓𝕒𝕣𝕓𝕒𝕒𝕕𝕒𝕞𝕦 𝕜𝕒𝕗𝕗𝕒𝕝𝕝𝕖𝕖𝕤 𝕟𝕚 𝕒𝕣𝕘𝕒𝕟𝕟𝕒.

#Garuu wanta garaa keenya keessaa hin barbaanne yoo hojjennu sababa dhiheessina;  Waan tokko galmaan gahuu barbaaddaa?  Garuu sababa qabda, kanaaf of gaafadhu, ati dadhabaa miti, dhugummaa kanaaf fedhii guddaa qabda!

@Bedadina @Saayikoloojii
#Nama kaayyoo malee nama #Laayyoo hin ta'in!!!

#Waan barbaaddurraa ija kee hin kaasin!
Ijji kee galma keerra haa ta'u! Kun taanaan immoo, yoo kuftellee iddoo kufte sanatti ijji kee miidhama kufinsa kee osoo hintaane, iddoo deemuuf manaa baaterra jira. #Yoo arrabsamte waa'ee arrabsoo miti kan sitti mul'atu; gammachuu isa argachuuf deemtu argachuuti.

#Beelli si hin dhaabu; anniisaa isa argaa jirtuutu fuulduratti si oofa. #Garuu waan harkaan qabachuuf hiixatterraa ija kaafnaan, hallayyaafi gufuu hedduutu karaa keerra ija sitti babaasa, waan hedduutus si qabata. Qabees si hingadhiisu. #Ati namni kaayyoo, nama laayyoo taatee hafta. #Kanaaf furmaanni, xiyyeeffannaa kee waan barbaaddurra gochuudha(#Dr. Naafyaad Geetuu)

@Bedadina               @Saayikoloojii