๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
10.8K subscribers
557 photos
21 videos
22 files
1.91K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Seenaa Rasuulaa
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
Kutaa 5โƒฃffaa
ุงู„ุญู„ู‚ุฉ 5โƒฃ


53~Hijraan 2ffaa hijraa 1ffaa irra akkaan ulfaattuu turte,muslimtoonni sodaachisaa fi miidhaa jajjaba ummata qureyshaa irraa dhandhamaa turan.

54~Yeroo hijraa 2ffaa godaanan #Kaalid_binu_hizaam sahaabaa jedhamu bofti karatti idditee karaa irratti du'e.

55~Amantiin Islaamaa babaldhachuu hubannaan waliigaltee dhiibbaa guddaa uf keessaa qabu keessatti walii galan;
๐Ÿ‘‰Gosti warra banii Haashimii fi warra banii muxxalib akka wajji jireenya jidduu isaanii addaan kutan xalayaa waliif baarreessan.

56~addaan cituu jechuun;
Warra Rasuulaa kana(Banii_muxxalib) Namni tokko isaan irraa hin bitu,isaanitti hin gurguru,wajjiin hin taa'u,irraa hin fuudhu itti hin heerumsiisu.

57~Addaan citiinsi kun waggaa sadihiif ture jedhan.

58~Warra banii xaalib kana qarqaarsi isaan irraa cituun akkaan isaanitti hammaatee ture,beelaa fi dheebuun isaan cinqaa ture hanga waan nyaatanii fi waan dhugan hin arganne takka.

59~Bara beelaa kana keessa Hayyuun Islaamaa fi Turjumaanni Qurโ€™aanaa #Abdallaah_binu_Abbaas dhalate jedhan.

Itti fufa....
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa(SAW)

ุงู„ุญู„ู‚ุฉ 6โƒฃ
Kutaa 6โƒฃffaa
โž›Seenaa Dubbisuu hin hifatinaa

66~Abiixaalibiin boodas Kadiijaan homaa osoo hin turin duute,Qabrii makkaa(Hujuun) keessatti awwaalamte.
โž›Yeroo sana garuu #salaanni_Janaazaa hin turre.

67~"Kadiijaa mana jannata keessatti isiif taโ€™een Gammachiisi"jedhe jibriil Rasuulaan(SAW).

68~"Yoo kadiijaan sitti dhufte Slaama Rabbiin irraa fi anarraahis itti naaf geessi"Jibriiltu Rasuulaan jedhe.

69~Ergamaan Rabbii(SAW) abbeeraa isaanii fi Haati warraa isaanii irraa du'uun gadda guddatu isaanitti dhagaโ€™ame.

โž›Garuu bara san #bara_Gaddaa jedhee yaame kan jedhu ragaa qabatamaa hin qabu.

70~Ergamaan Rabbii(SAW) du'a kadiijaa boodaan Aaishaa qaadhimatan.

โž›Kadiijaa booda dubartiin yeroo jalqabaaf Rasuulli qaadhimatan Aa'ishaadha(R.A).

71~Garuu erga hidhatanii boodaan kadiijaa boodaan tan yeroo jalqabaaf irratti seenan Sowdaa binti Zam'aati.

72~Sowdaaan naannoo waggaa sadihii adda ishee rasuula wajjiin kophaa ishee jiraataa turte,nama ergaa Rasuulaatis akkaan fudhatuudha.

73~Qureysha erga abbeeraan isaanii Abuuxaalib du'ee akka malee Rasuula azaa godhaa turte,wallaalaan hundi irratti uf dhaaduu eegale.

Gadaa abbeeraan isaanii jiran sana namni tokko kan ol jedhee ijaan isaan ilaalu hin jiru ture.

74~"Qureysha wanta ani jibbu narratti raawwattee hin beektu erga abbeeraan kiyya du'an malee"Rasuula keenya(SAW).

75~Ergamaa Rabbii irratti dildhuun gaalaa bakka inni sujuudatti jirutti darbamee ture.

โž›#Uqbaa_binu_Abii-mu'eyxi namni jedhamu tokkos bakka Rasuulli(SAW) sujuudatti jiranitti miilaan morma isaanii irra ijjatee ture

76~Abuujahlis yeroo Rasuulli sujuuda godhan morma isaanii irra dhaabbachuuf yaalee ture,garuu Rabbiin rasuula isaa tikse akkuma seenaa gurraa qabdan sana.

77~"Rabbiif jecha waan namni tokko azaa hin godhamin azaas godhamee ture,Rabbiif jecha waan namni tokko takkaa hin sodaachifaminis sodaachifamee ture"Ergamaa Aalamaa(saw) irraa.

78~miidhaan humnaa ol biyya makkaa keessatti waan hammaateef gara biyya Habashaa gudaanuudhaaf Abuubakri hayyama rasuula gaafatee ture,Rasuullis hayyamaniifii turan(SAW).

Kutaan 7โƒฃffaan itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa(SAW)

#ุงู„ุญู„ู‚ุฉ_7โƒฃ
#Kutaa_7โƒฃffaa

79~Abuubakri osoo fuulaan gara biyya habashaa garagalee deemaa jiru namni Ibnuddugunnaa jedhamu tokko itti dhufe.

80~#Ibnuddugunnaan kuni Sayyida gosa Qaaraati,Abuubakriin ollaa isaatti galchee,akkana jedheen;

"Deebi'ii makkaan keessatti Rabbii kankee gabbaradhu"jedheen,qureeyshas hin moromnee inuma caldhiste.

81~Abuubakri Amaana ibnuddaginaa jala galuun isaa Gosa Qureeyshaa akka malee dhiphisee ture,Abuu bakri Qurโ€™aana sagalee ol fuudhee qaraโ€™uu eegale.

82~#Ibnuddaginaa kuni abuubakriin yeroo Qurโ€™aana qaraatu sagalee kee akka olin kaasne isaan jennaan,abuubakris ni dide Amaana isaa jalaa bahee adda isaa makka keessa jiraataa ture.

83~Jireenyi makkaa kuni akka malee Rasuulatti hammaannaan,Ergamaan Rabbii(SAW) Ummata #Xaa'if gara Islaamummaatti yaamuuf Miilaan gara Xaa'if deeman.

84~Warri Xaa'if ergamaa Aaalamaatii(SAW) Dhakaadhaan fuulaa fi luka isaa keessa simannaa godhaafii turan,hanga dhiigni miila isaa irraa dhangala'u takka.

85~Ergamaan Rabbii(SAW) haala yaadni fuula isaa jijjiiree jiruun Xaa'if keessaa bahan,hanga bakka #Qarnal-manaazil jedhamtu gahanitti uf beekuu hin dandeenye.

itti fufa....

๐Ÿ‘‰Namni seenaa Rasuulaa hin beekne Ani Rasuula jaaladhaan kijiba.
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Seenaa_Rasuulaa
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†

Kutaa 8โƒฃffaa
ุงู„ุญู„ู‚ุฉ8โƒฃ

92ffaa=Imalli isaanii sun kan eegale Yeroo Jibriil(AS) makkaan keessatti osoo ergamaan Aalamaa(SAW) mana isaanii jiran gara ka'abaa baasuuf itti dhufeedha.

93โžพKa'abaa biratti Jibriil (AS) garaa ergamaa Aalamaa baqaqsee qoma isaanii erga keessaa baasee bishaan Zamzamaatiin dhiqee booda,Qalbii Iimaanaa fi Beekkumsaan guutamte keessatti deebisee hodhe.

94โžพErgamaan Aalamaa(SAW) Buraaqii yaabbatanii hanga limsuu ijaatti jibriiliin wajjiin #Masjida-Aqsaa seenan.

95โžพErgamaan Aalamaa Jibriiliin wajjiin yeroo Masjidal_Aqsaa seenu waan akkaan nama dinqisiisaa wahii achitti argan;

โžž"Nabiyyootaa fi Ergamtoota hunda Rabbiin Ruuhii isaanii itti deebisee achitti isaaniin wal agarsiise"

96โžพLaakkofsi Nabiyyootaa meeqa laataโ“

Nabiyyoonni=Kuma 124.
ุนุฏุฏ ุงู„ุฃู†ุจูŠุงุก ูกูขูค ุฃู„ู ู†ุจูŠ
Rusultoonni=315.

ุฃู…ุง ุนุฏุฏ ุงู„ู…ุฑุณู„ูŠู† ูฃูกูฅ

Hadiisa Abii_Zarrii keessatti nuuf dubbatame.

97โžพMasjidal_Aqsaa keessatti salaanni geessee jennaan akka ergamaan Aalamaa Imaama taโ€™ee salaachisuuf jecha Jibriil fuulduraatti dabarseen.

โžพKanaafuu Rasuulli keenya Imaama Nabiyyoota hundaa taโ€™an.

98โžพImaama Imaamota Uumaa hundaa ta'uu caalaa sadarkaan barbaadamu ni jira jettanii yaadduu.

99fffaa=Erga salaachisanii ka'anii booda kortoon(Maslaaliin) karaa samiitti ittiin ol bahan fidameef.

โžžGaruu Akkaataa kortoon suni jiruufii hammamtaa isaa Rabbiin qofatu beeka jedhan.

Itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa

Kutaa_9โƒฃffaa
ุงู„ุญู„ู‚ุฉ9โƒฃ

105~Ergamaan Aalamaa(SAW) Jibriiliin wajjiin erga gara #Samii_4โƒฃffaa koranii booda Nabi_Idriisiin samii 4ffaa keessatti argan.

106~Ammas #Samii_5โƒฃffaa keessatti Nabiyyallaahi_Haaruuniin argan.

107~Erga gara #Samii_6โƒฃffaa koranii boodas samii 6ffaa keessatti #Nabi_Muusaa(AS) Argan.

108~Ammas Jibriilima wajjiin gara #Samii_7โƒฃffaa imalan Achittis Abbaa Nabiyyoota hundaa Nabi_Ibraahimiin(AS) samii 7ffaa keessatti argan.

109~#Nabi_Ibraahim(AS) ergamaa Aalamaatiin akkana jedhe;

"Ummata keetiitti Salaama naaf himi,ammas Jannanni,ammas jannanni biyyee gaarii fi bishaan miโ€™aawaa qabdi jedhiin"jedheen.

110~Ashaakiltiin jannataa;
ุณุจุญุงู† ุงู„ู„ู‡ ุŒ ูˆุงู„ุญู…ุฏ ู„ู„ู‡ ุŒ ูˆู„ุง ุฅู„ู‡ ุฅู„ุง ุงู„ู„ู‡ ุŒ ูˆุงู„ู„ู‡ ุฃูƒุจุฑ ".
111~Ergamaan Aalamaa(SAW) erga haasawa abbaa isaanii wajjiin xumuratanii booda Jibriiliin wajjiin jannata seenanii wantoota hedduu argan.

112~Rasuulli(SAW) jannata keessatti wantoota armaan gadii argan;

โžพFooqii Umarii(RA).
ู‚ุตุฑ ู„ุนู…ุฑ ุจู† ุงู„ุฎุทุงุจ
โžพGabrittii Zeydi_binu_Haarisaa isaan lameenuu itti himee ture.
- ูˆุฑุฃู‰ ุฌุงุฑูŠุฉ ู„ุฒูŠุฏ ุจู† ุญุงุฑุซุฉ .
ูุฃุฎุจุฑู‡ู…ุง ุจุฐู„ูƒ .
โžพLaga kowsar
.
ูˆุฑุฃู‰ ู†ู‡ุฑ ุงู„ูƒูˆุซุฑ

113~Ammas ergamaan Aalamaa(SAW) Ibidda_Jahannam ka ufii isiitii wal nyaattu argan.
โžพAmmas Maalikiin(AS) Wardiyaa Ibiddaa argan.
โžพRabbiin jalaa nu haa baraaru.

Itti fufa nu hordofaa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Seenaa_Rasuula_Amanamaa
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†

#Kutaa_๐Ÿ”Ÿ_ffaa
ุงู„ุญู„ู‚ุฉ_๐Ÿ”Ÿ

118~Rabbiin ummata tanaa waa hedduu kenneef;

โžพSalaata Shanan irratti dirqama godhe.
โžพCufa muslimaatii badiiwwan gurguddoo hedduu araarameef(Ibidda keessa Abad isaan hin goone).
โžพXumura suuraa Baqaraa isaaniif kenne.

119~Ergamaan Aalamaa(SAW) erga haasawa Rabbii isaanii wajjiin qaban sana geeffatanii booda gara Jibriil(AS) deebi'an__Achi booda gara___masjidal-Aqsaa___Booda immoo Buraaqiidhaan gara Makkaa deebi'an.

120~Imalli kun hundi kan taasifame waan halkan takka hin guunne keessatti jedhan.
โžพKuni Raajii(Mu'ujizaa) guddaa ta'uu nuuf muldhisa.
โžพKanaafuu Rabbiin hanga guyyaa hardhaa kitaaba Isaa ulfaataa keessatti hanbise.

121~Jibriil(AS) guyyaa tokkoon booda gara ergamaa Aalamaa(SAW) dhufee yeroowwan salaanni shanan keessa salaatamtu barsiisee biraa kute.
ู†ุฒู„ ุฌุจุฑูŠู„ ุนู„ูŠู‡ ุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ู‰ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ๏ทบ ุจุนุฏ ุงู„ุฅุณุฑุงุก ูˆุงู„ู…ุนุฑุงุฌ ุจูŠูˆู… ู„ูŠูุจูŠู‘ูู† ู„ู‡ ุฃูˆู‚ุงุช ุงู„ุตู„ูˆุงุช ุงู„ุฎู…ุณ .
Itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Seenaa_Rasuulaa(SAW)
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†

ุงู„ุญู„ู‚ุฉ โ“ตโ“ต
Kutaa_โ“ตโ“ต_ffaa.

131~Ergama Rasuulaa irraa waggaa 11ffaatti Rasuulli keenya(SAW) iddoo Hajjiin itti gaggeeffamutti,Namoota 6 kan Rabbiin isaan milkeessuu jedu wahiitiin walitti dhufan.
โžžWajjiin taa'anii Islaamummatti yaaman.

132~Namoonni jahan kuni akkuma jiraniin Amantii islaamaa fudhatan,isaan kunniin eennu beektuu laataโ“

โžžIsaan sun Sahaabota gurguddoo armaan gadiiti;

ูก~ุฃุณุนุฏ ุจู† ุฒุฑุงุฑุฉ
โž›#As'ad_binu_Zuraaraa.
ูข~ุนูˆู ุจู† ุงู„ุญุงุฑุซ
โž›#Owfi_binu_Haaris.
ูฃ~ุฑุงูุน ุจู† ู…ุงู„ูƒ
โž›#Raafi'i_binu_maalik.
ูค~ู‚ูุทุจุฉ ุจู† ุนุงู…ุฑ
โž›#Quxbaa_binu_Aamir.
ูฅ~ุนูู‚ุจุฉ ุจู† ุนุงู…ุฑ
โž›#Uqbaa_binu_Aamir.
ูฆ~ุฌุงุจุฑ ุจู† ุนุจุฏุงู„ู„ู‡.
โž›#Jaabir_binu_Abdillaah.

133~Namoonni jahan kuni erga gara biyya isaanii galanii booda,seenaa Rasuulaa biyyatti himanii,amantii islaamaatti biyya yaamaa turan hanga Islaamummaan biyya keessa facaatu takka.
Itti fufa....
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa(SAW)

ุงู„ุญู„ู‚ุฉ โ“ถโ“ต
Kutaa_โ“ตโ“ถ_ffaa

โž›Bakka Rakkoofii Baldhinnaattilee gaafa isaan madiinatti galan wajjiin dhaabachuu fi isaaniif tumsuu irratti waliif galan.

โž›Sahaabaan (73)Yoo waadaa kana siif guunne maal arganna jedhanii Rasuula(SAW) gaafatanโ“

#Jannata argattan jedhaniin,achumatti waliigalteen adda deeman.

โž›Namni yeroo jalqabaaf waadaa kana seene eennu beektuu laataโ“

#ุงู„ุจุฑุงุก_ุจู†_ู…ุนุฑูˆุฑ
#Baraa'i_ibnu_Ma'aruur jedhama achi booda namoonni hafanis walduraa duubaan waadaa kana seenan.

โž›Kitaabni seenaa gariin(#Ibnu_hishaam) waadaan isaan irratti waliif galan kuni jihaada kan jedhu dogoggora.

โž›Waliigalteen ajaa'ibaa tuni,tan sababaa godaansa gara madiinaa taate tuni bifa kanaan xumuramte.

โž›Erga ansaaronni namoonni 72 kuni waadaa galaniifii gara madiinaa deebi'anii booda Rasuulli keenya(SAW) akka malee gammadaa turan.

Nama isaan cinaa dhaabbatee isaanii tumsu argachuun isaanii gammachuu guddaadha.

Itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa
ุงู„ุญู„ู‚ุฉ 3โƒฃ1โƒฃ
Kutaa1โƒฃ3โƒฃ

#Rasuulaa__fi__Hijraa

160__Bey'atul_Aqabaa booda baatii lama yoo gahu makkaatti Rasuula Rabbii (SAW), Abuu Bakrii fi warra isaanii akkasuma namoota sochii gochuu hin dandeenye qofatu hafee jira.

161~Nama hidhamee jiru,ykn dhibamaa fi nama sochii gochuu hin dandeenye yoo taate malee akka namni achi keessatti hin hafin ergamaanis ammas adda baafatan.

162~Abuubakri(RA) yeroo hedduu imalaaf ergamaa Aalamaa(SAW) hayyama gaafataa ture,garuu isaan akkana jedhaniin;

" ู„ุง ุชุนุฌู„ ุŒ ู„ุนู„ ุงู„ู„ู‡ ูŠุฌุนู„ ู„ูƒ ุตุงุญุจุงู‹ ".
" `Hin jarjarin,Rabbiin waahila siif godhuun isaa ni kajeelamaa ".

163~Rasuulli keenyas(SAW) akka isaan #Hijraa bahaniif hayyamni Rabbirraa isaaniif dhufee ture,ammas namni isaan wajjiin hijraaf deemus akka #Abiibakriin taโ€™e asuma keessa jira.

164~Ergamaan Aalamaa(SAW) erga Abuubakritti himanii booda Abuubakris Gaala lama qopheessuu danda'eera.

165~Kuffaarri Qureyshaa #Daarunnadwaa iddoo jedhamutti walgaโ€™ii gaggeessa turaniin,ergamaa Rabbii ajjeesuu irratti waliigalan.

Ammas namni Rasuula(SAW) ajjeesee argame Badhaasa #Gaala 100 akka qabu beeksisaa turan.

166~Rabbiin ergamaa isaa mala jarri itti malte kana itti beeksisuudhaan jalaa isaan baase.
Ergamaan keenya(SAW) Abuubakriin wajjiin gara #Goda_Sowrii garagalan.

167~Rasuulaa fi Abuubakri(SAW) goda kana keessatti guyyaa sadihiif dhokatanii turan,guyyaa kanneen sadanuu Asmaa'atu nyaata fidaafii ture.

168~Ummanni kafaraa ergamaa keenya(SAW) bakka hunda barbaadanii argachuu hin dandeenye,namoonni muraasni gara godaa fuulaan as garagalanii balbala godaa irra dhaabbataa turan.

169~Osoo namni tokko kan goda keessa gadi laalu taatee silaa isaan arga turee garuu Rabbiin isaanirraa garagalche,balbalarra osoo jiranuu goda keessa ilaaluu hin dandeenye.
Itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa

ุงู„ุญู„ู‚ุฉ 4โƒฃ1โƒฃ
#Kutaa___14ffaa

171~Ergamaa Rabbii fi Abuubakris erga goda keessa guyyaa sadi turanii booda goda keessaa bahanii gara madiinaa deeman.

172~Ammas namni Abuubakri gabrummaa irraa isa bite tokkos kan maqaan isaa #Aamir_binu_Fuheyraa jedhamu imala wajjiin eegalee,karaa irrattis isaan tajaajilaa ture.

โž›Namni karaa madiinaatti isaan qaceelchaa ture #Abdallaah_binu_Ureyqix jedhama,garuu waan nama dinqisiisaa yeroo sana mushrika ture.

173ffaa;
Yeroo #Rasuulli Aalamaa fi #Abuubakri-siddiiq,#Aamir_binu_fuheyraa, akkasuma qajeelchaa karaa #Abdallaa_binu_Ureyqix Imaalaa turanitti wantoota heddutu isaan mudate;

174~Mudannoowwan sana keessaa;

โž›Seenaa #Suraaqaa_binu_Maalik.
โž›Tikseen Holaa Islaamummaa seenuu.
โž›Seenaa #Ummu_ma'abad Alkuzaa'iyyaa.
โž›Zubeeyrii fi Xalhaan osoo biyya Shaam irraa galaa jiran Rasuulaan walitti dhufuu.

Itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or