๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
12.1K subscribers
596 photos
23 videos
32 files
2.08K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
โœ#Jaartii_Ajaa'ibaa
(waggaa 50 gammachuun dabarsite)...
#Kutaa__3ffaa

โœ Ani yeroo abbaan manaa kiyya dallanee lafaa utaalu, ani sagalee kankoo dhokfadha. Yoo inni dubbatu caldhiinsa kabajaa, caldhiinsa sodaa isaa ibsu, mataa koo gadi qabadhee caldhisee eega hanga xumuratuuf. Obboleettii tiyya caldhiinsi kunuu gosa lamatu jira:
tokko kabajaa fi sodaa ibsa, tokko immoo tuffii fi qoosaa ibsa. Natti hin beeku Jettee tuffiidhaaf jalaa caldhisnaan....dhiirti qaroodhaa uf eeggadhu.
A)@Gaazexeessituu... "Yeroo inni akkasitti siin lolu San maaltu mana si teessise, maaf jalaa hin baane?" jettee gaafatte.
B) @Manguddittii... Ooooh waan akkasii tasumallee hin yaadin. waan akkasii yaadda taanaan, waan ati haasawa isaatii gatii hin kennine itti fakkaata waan ta'eef. hanga inni tasgabbaayuuf waan inni jedhe tole jetteetumaan fudhachuu qabda.
erga sanii amma geeffattanii Abbaa ebaluu?! jedhee gaafadha.
Erga inni aarii isaa geeffatee hubadhee, Iyyaansa isaa sana booda boqonnaa akka inni barbaadu waan beekuuf, manaa bahee hujimanee kiyya kan na eeggatu xumuradha.
A)@Gaazexeessituu... "Achi booda hoo maal goota mee ? Torbaan tokkoo fi sana ol ittiin oodda moo ? Mee maaluma goota naaf himi" jettee gaafatte.
โœ@Ibroo

#Ittuma_fufa...๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
โœ#Jaartii_Ajaa'ibaa
(waggaa 50 gammachuun dabarsite)...
#Kutaa___4ffaa

A)@Gaazexeessituu... "Achi booda hoo maal goota mee ? Torbaan tokkoo fi sana ol ittiin oodda moo ? Mee maaluma goota naaf himi" jettee gaafatte.
B) @Manguddittii..." Uf eeggadhu!, Aadaan akkanaa kuni dubartoota keenya biratti baay'ee baratamaadha...haa ta'uu malee aadaan akkanaa tuni waraana qara lamaati.
โœ Osoo inni sitti haasahuu barbaadu, Osoo inni sitti dhihaachuu barbaadu ati isaan oodda taanaan, inni sitti kalaahu jaalatu suni amala sirraa fagaachuu aadeffataa dhufa; achumarraa eegalee mataa jabaataa dhufa; hangi inni sitti hajamu keessa isaatti xiqqaataa deema.
A) #Gaazexeessituu..."Hayyee mee maaluma goota ree fala natti himi?" Jetteen.
B) #Manguddittii...aarii isaa irraa sa'aatii tokko erga turee booda, buna jabanaa ykn cuunfaa juusii wahii dalagee qooheessaaf. Ergasii bakka inni jirutti bira deemee,... "Ol jedhaa mee buna kana afaaniin qabdanii" jedhaan.
Ergasii suuta jedhee "yeroo siin lole san natti aartee sila?" Jedhee na gaafata.
"Lakkaa maal jedhee isinitti aara sila!, kuni waanuma uumamaatii, miilli keenyaa osoo deemnu ima walitti buutii..." Jedhee deebisaaf.
Achi booda Dhiifama na gaafatee, haasawa mimmi'aawoo natti haasahuu eegala...
A) Gaazexeessituu.."Garuu ati ima irraa fudhattaa!, ima siif liqimsamaa!" Jetteen.
B) Manguddittii..."akkamitti naaf hin liqimsamne, akkamitti fudhatama hin arganne sila!, aniin yeroo inni aariidhaan jiru dhaggeeffachuu hin dadhabin, akkamittii yeroo inni tasgabbii qabu dhageeffachuu dadhaba.." Jettee deebisteef.
A) #Gaazexeessituu.."Kan inni si kabajuu dhabe sun hoo sitti hin dhagahamuu"? Jetteen...
B) #Manguddittii...
โœIbroo...
@Itti_fufa....

Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ Namticha tokkotu hanga dhiira fuute dhibba tokko mariisisutti intala hin fuudhu jedhee kakatee/waadaa seene. sagaltamii sagal wajjiin waa'ee fuudhaa kana mari'attee namni tokko qofti hafeef. achumaa akkana jedhee murate; "Abbaa fedhes haa tahuu nama guyyaaโ€ฆ
Ajaa'iba(Namicha dhiira fuute 100 mari'atee fuudhe...)

#kutaa__2fffaa
Namtichi kuni waadaa isaa guutuuf gara maraattuu imaluu eegale. maraattuun kuni shonkoora akka fardaatti yaabbatee deema.
Wayta ani deemee bira gahu...
B) #Maraattuu : Fardi koo si waxalaa irraa fagaadhu jedhaan.
A) #Namicha; Farda kee hidhadhu mee waa si gaafachuu barbaadaa jedheen.
Achumaa dhaabee " ani dhiira fuute 100 mariisisuudhaaf waadaa Rabbii kootiif galee jira, 99 gaafadhee 100ffaa carraan sitti na geesse. Ani fuudha barbaadaa mee akkamitti fuudha natti himi? jedheeen.
B) #Maraattuu : Dubartiin tuni sadihima. Isaaniis:
1ffaan ; Tan siif taatu...
2ffaa; Tan si nyaattu...
3ffaa: lamaanuu tan hin qabneedha...
Fardi koo si dhiitaa narraa fagaadhu jedhee deeme...
A) #Namicha : Garuu ibsa isaa sin gaafannee bar jedhee... duubaan fiigee itti dhaqqabee..
"Abboo mee farda Kee asitti hidhadhu" jedheen. achumaa maraattichis farda ufii hidhate. Namtichis xiqqoo itti dhihaatee... "Dubbiin reefuu Suni naan gallee naa ibsi mee" jedheen...
B) Maraattuu...

#ittu_fufa...
share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
Ajaa'iba(Namicha dhiira fuute 100 mari'atee fuudhe...) #kutaa__2fffaa Namtichi kuni waadaa isaa guutuuf gara maraattuu imaluu eegale. maraattuun kuni shonkoora akka fardaatti yaabbatee deema. Wayta ani deemee bira gahu... B) #Maraattuu : Fardi koo si waxalaaโ€ฆ
#Kutaa_3ffaa..

B) Maraattuu ;
#1ffaan tan siif taatu siin jedhe Suni : Intala dubraa tan uumaa irra jirtu; tan dubrummaan jirtu. intalti tun jaalalaa fi onneen isiillee simaafi; si malee addunyaa kanarratti nama beektu hin qabdu. Yoo ati gaarii gooteefis "dhiira jechuun kana jetti". yoo ati miites "dhiirti Isa naaf caaltu inuma hin jirre" jetti.
#Isheen_2ffaan Suni : Gursummeettii haadha ijoolleeti. sirraa fuudhaa ijoollee isii kan jaarsa kaanii afaan keetti(si nyaachuu qofa). Buddeena Kee nyaataa jaarsa jalqabaa saniif boossi jedheen.
Isheen #3ffaan suni immoo : Gursummeettii ijoollee hin qabneedha. yoo ati gaarii taateef "kanatu sana irra caala" jetti. yoo ati xiqqoma itti hanqiste "abboo kan duraa santu caala" jetti.
kanaafuu ati sirritti taanaaniif isheen teeti.. ykn immoo Ibidda manatti si keetti... jedhee fiigichaan na bira kute.
A) Namicha:....

#itti_fufa....
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
Kutaa... #8ffaa (#Nabiyyii_keessan_beekuu)

1) Maqaan Ergamaa keetii eennu ? moggaasni isaa hoo ? sanyiin isaa eessatti deebiti ?
Maaliif Muhammad jedhame ? eennutu Muhammad jedhee Isa moggaase ?
2) Yoom dhalate ? eessatti dhalate ? barri/jaarraan inni keessa dhalate sun maaliin beekkama ?
3) Maqaan haadhaa eennu ? yeroo jalqabaaf eennutu harma hoosiseen ?
Obboleewwan Rasuulaa tan Hoosisaaa meeqa ?
4) Umrii meeqatti garaan isaa baqaqfamee qulqulleeffame ? Yeroo meeqa garaan isaa kan baqaqfame?
5) Bara kam haati isaa irraa duute ? eessatti? eennutu bakka irraa bu'ee guddiseen ? akaakoon isaa bara kam keessa godaanan ?
6) Lolli Fijaar jedhamtu jidduu Qureyshaa fi Hawaazinaatti bara kam dhaabbatte ?
7) Bara kam keessa Kadiijaa fuudhe ?
8) Umrii meeqaffaa isaatti gidduu Qureyshaa araarsuu danda'e___?
9) Umrii meeqa yeroo guutuu mallattoon Nabiyyummaa itti dhanagala'uu eegalte? umrii meeqatti kophaa isaa ibaadaadhaaf bahuu eegale?
10)Wahyiin Rasuulaa maaliin eegale?
11) Umriin isaa waggaa meeqa ? waggaa meeqatti ergame ? waggaa meeqa islaamummaa lallabaa ture ?
waggaa meeqa dhoksaadhaan yaamicha godhaa ture ?
12) Aayanni yeroo jalqabaa irratti buufamte Aayata tam ?
Aayanni sun Nabiyyummaa mo Rasuula tahuu isaa ibsiti ?
13) Hijraa jechuun maali ? eessatti Hijraa godhe Ergamaan Aalamaa ?
14) Waggaa meeqa dura gara samii ol bahe ? maaliif? waggaa meeqa makkaa keessa ture ? Madiinaa hoo waggaa meeqa keessa turan ?
15) Maaliif Rabbiin Isa erge ? maalitti yaamaa; maal irraa seeraa ture ?
16) Bara kam addunyaa tanarraa deeman? guyyaa kam keessa? eessatti du'an ? eessatti awwaalaman ?

โœ Maddi isaa Usuula
#kutaa_8ffaa
hardha galgala... sa'aatii 3tti nu eegaa....
Share๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or
QABXIIN IFOOME
#Kutaa_12ffaa

Ministeera barnootaatiin ibsa kenname gabaabaatti.

โ— Walumaagala barattoota bara 2015 qoraman keessaa dhibbeentaa 3.2 qofatu qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol argate.

โ—Barattoota 845,677 qormaata Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa fudhatan keessaa barattoota 31,224 qofatu qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeesse.

โ—Sagantaan sirreeffamaaf (Remidial) barattoota kuma 160'f ni kennama.

โ—Manneen barnoota  3,106;  keessaa manneen barnootaa kuma 1 fi 328 irraa barataan tokkolle darbuu hin dandeenye.

โ—Qabxii olaanaa bara 2015 Saayinsii Uumamaan galmaa'e Barattuu durbaan Finfinnee mana barnootaa Kiruuz irraa 649 .

โ—Saayinsii Hawaasaan qabxii guddaan galmaa'e dhiiraan 533 Debremarqoos irraa.

T.me/tafak_or
Laamiyaa #Kutaa_6ffaa...



Wal geettiin keenya hardha galgala sa'aatii 3:00 irratti haa tahu.
#Kutaa_3ffaa

Hardha galgala.... sa'aatii muraasa booda.... Isin qophiidhaa ?