𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.47K subscribers
547 photos
20 videos
20 files
1.78K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Kana_beektuu_laata ?

Yeroo Qur’aana qara'uun si jibbisiisu maal yaadachuu qabda beektaa ?

➫Fuula takka yoo qaraate ajrii #kuma 5 akka argattu.
➫Yoo juz'ii tokko qaraate ajrii #100000 akka argattu.
➫Yoo Qur’aana yeroo takka buuste ajrii #miliyoona 3 ol akka argattu beekuu qabda.

Kanaan wajjiinuu Rabbiin keenna tanumaa abbaa ufii fedhee dachaa godhee herreegaaf.
واللّٰهُ تَعالى يَقول: ﴿ وَٱللَّهُ یُضَـٰعِفُ لِمَن یَشَاۤءُۚ ﴾
Erga ergaan tuni si qaqqabdee booda barbaaddu dhiisuu ni dandeessa, garuu akka hoongoo guddaa keessa jirtu hin dagatin.
#Join👇
@tafak_or
#Share👇
@tafak_or
🔰Qur’aana

Qur’aanni kalaama/ jecha Rabbiiti.
Ministeera zikiriiwwaniiti.
Beekkumsa ija keessaa namaa banutu isa keessa jira.

Naamusa gaarii irraa baratta.
Gorsa qalbii jiisu irraa fayyadamta.
Jechamoota furtuu beekkumsaa ta'an keessaa funaannatta.
Qur’aanni jecha dhugaati.
Qur’aanni murtii haqaati.
Namni qajeelluma isaan malee barbaade dhugaa ni jallata.
Namni karaa isaa malee karaa biroo seene karaa irraa mucucaata.
Namni karaa isa hordofe karaa qajeelaa irra ejjata.
By #Abulmansuur
Namni Qur’aana jaalattan #share godhaa.
Join👇
@tafak_or
#Qabaadhaa....!

➛ Guddisa gaarii /@Tarbiyaa : Yoom akka dubbattu beekuun .
التربية : أن تعرف متى تتكلم.
➛ Amala Gaarii/@Aklaaqa : Nama haasawaa jiru dhaggeeffachuun.
الأخلاق : أن تسمع لمن يتكلم.
➛ Naamusa gaarii/@Adaba : Nama haasawaa jiru addaan kutuu dhabuun.
الأدب : ألا تقاطع من يتكلم.
@Qaroomina/Collummaa : Nama haasawu hunda dhugoomsuu dhabuun.
الذكاء : ألا تصدق كل من يتكلم.


Yoo sitti tole immoo #Share godhi.
Join👉@tafak_or
Breaking...

ቀጠር ትልቁን እና ታዋቂውን የእስልምና ዳዒ ዶር ዛኪር ናይክን ጋበዘች .. ዛኪር ናይክ በአለም ዋንጫው በሙሉ በኳታር ዲናዊ ትምህርቶችን ይሰጣል 💙

Qaxar daa'ii beekamaa guddicha Addunyaa dr zaakir naayik gara biyya ofiitti afeertee hanga waancaan addunyaa xumuramutti muhaadaraa keessummootaaf iddoowwan gara garaa irra naannawaa akka kennu ibsamee jira.

Guyyaa kaleessaa dr kiyar sheek hajjii Ibraahim isa wojjiin kan ka'an..
اللهم انصر هذه البلدة الصغيرة في إيصال دعوتك للبشرية جمعاء..

Qatar brings Zakir Naik, the largest and most famous Islamic preacher in the largest gathering .. Zakir Naik will give religious lectures in Qatar throughout the World Cup moments 💙

#share
https://t.me/tafak_or
#Dhiibbaa_ijji_qabu_beektuu_laata_?
#Share👇
👁1ffaa : Irra hedduun keenya sababa ijaa mana yaalaa fi boolla keessas ciisaa jira.
👁2ffaa : ijji tuni namaa fi beeyladoota irrattis dhiibaa guddaa...hanga du'atti qixxaahu takka irra geessuu dandeessi.
👁3faa : Gaara gubbaa nama gatti jedhan...kunis Hadiisa Rasuulaa irraa (SAW) kan fudhatameedha
👁4ffaa : Ijji dhugaadha!, Osoo wanni Qadara dursee nama tuqu jiraatee, silaa ijatu nama tuqa jedhan.
👁5ffaa : Daftee lubbuu namaa baasuu hunda dandeessi [hanga dhukkuba biraatiif abdii qabdu, ijarra abdii hin eeggatin]
👁6ffaa : Qaama daa'immanii keessa dandeettii daftee seenuu qabdi.
👁7ffaa : Nabiyyallaahi Yaaquub (AS), ijoollee isaatiif ija sodaatee.."Yeroo misra seentan balbala takkaan hin seeninaa!"..jedheenii ture.
➛ Isaan ijoollee 11 abbaa tokkorraa daraaran waan taheef ijaaf sodaateen.
👁8ffaa : "Ijji /budaan dhugaadha...." Rasuula keenyarraa (SAW).
👁9ffaa : " ija irraa mangafadhaa...ijji dhugaadhaa..." jedhan Rasuulli keenya (SAW).
👁10ffaa : Ijji dhibee...dawaan isaa mana yaalaatti baay'ee hin argamneedha.

#Itti_fufa👇
https://t.me/tafak_or
#Akkamitti_gaddita!🤔

➛Osoo Rabbiin Islaamummaa bareedduu tana si badhaasee haarkaa qabdu, akkamitti gaddita!, nama meeqatu Rabbiin dhiisee mukaaf sujuudaa jira!.
➛ Rabbii badii tantee hunda siif dhokse osoo qabdu akkamitti gaddita, nama meeqa Rabbiin ganda isaa keessatti isa saaxile!.
➛ Rabbiin qananii guddaa sitti oolee, waan nyaattuu fi waan dhugdu, akkasuma iddoo diriirfattee gadi ciistu qabaachuu kee wajjiin akkamitti gaddita!,....nama meeqatu waan garaan jiifatu dhabeera, nama meeqatu qorraa fi aduun gogaa irraa quuncisaa jira!.
➛ harkaa fi miilli kee, ijaa fi gurri kee, Walumaa galatti qaamoleen miiraa kankee guutuun fayyaa qabaachuu wajjiin akkamitti dhiphatta!...nama meeqa Rabbiin qaama kenneef irraa fudhate!.
➛Diriirfattee cinaacha guutuudhaan, galgala hanga ganamaa hirriba gaarii rafaa akkamitti gaddita!...., nama meeqatu dhibee fi yaada irraa kan ka'e halkan guutuu gursaa bulee jira!.
➛Haadha manaa fi ijoollee gaarii Rabbiin siif kennee osoo qabdu, akkamitti gaddita!, nama meeqatu tanaa dhabee yaadaan cinqamaa jira!.

#Yaadachiisa: ani maal dhabe? Jettee waan hin qabne barbaaduun duratti, "ani maal qaba" jedhii waan qabdu hunda toohadhu!.
Warra Rabbiin akkana jedheen saan keessa akka hin oolle :
[وقليل من عبادي الشكور]
#Share godhaa Obboleewwan keessaniifis
Follow me👇
https://t.me/tafak_or
#Ramadaanni_20

💫Obboleessoo kurnayn boodaa eegaltee jirti!....yaa Allaah
Yaa Rabbi warra hoongoon keessaa galuu mitii warra milkaayee keessaa galu nu taasisi.....🤲
Yaa Rabbi nama Rahmataa fi araarama kankee argatee ibiddarraa baraaramu nu taasisi....🤲
Yaa Rabbi ati irra namaaf dabarta, irras namaaf dabruu jaalatta...yaa Rabbi guddinna keetii jedhii badii teenya hundaa irra nuuf dabri....🤲
Yaa Rabbi akkuma Ramadaanaan nu geesse, halkan leeylatulqadrii sanaanis yaa Rabbi nu gahi...🤲
Yaa Rabbi nama waan qalbiin isaa hawwite sanaa olitti argatu nu taasisi....🤲
Yaa Rabbi warra osoo araarama kee hin argatin baatii tanaan adda galu san keessa nun oolchin...🤲
Yaa Rabbi halkan galmeen namaa Itti jijjiiramtu sana ni beektaa...galmee teenna gara irra gaariitti nuuf jijjiiri....🤲
Yaa Rabbi kan dabre nurraa jaaladhu, kan hafe keessa barakaa nuuf kaahi...waan nuti keessaa hirdhisnes Itti nuuf guuti....Yaa Allaah🤲
Yaa Rabbi warra kadhaan isaa awwaatamte sana keessa nu oolchi...aamiin Yaa arhamarraahimiin....

#Share godhaa obboloota keessaniif👇
https://t.me/tafak_or
#Share

Hadiisa tokko #share gochuudhaaf carraa argatte taanaan, #share godhi ofitti hin jallatinii.... Gaafa waan gaarii tokko namaaf #share goote, Ajrii share gootee fi Ajrii nama waan San irraa fayyadamees hanga guyyaa qiyaamaa siif herreegama.
«كلما سمحت الفرصة لنشر السنة
👈🏻فانشرها .. يكن لك أجرها
👈🏻وأجر من عمل بها
إلى يوم القيامة».
⠀Maddi isaa👇

📕[ شرح رياض الصالحين/٢١٥/٤]

ـــــــــــــــــــ 🍃🌹
Share👇
https://t.me/tafak_or
#Share.....

Maanaajarri Baankii Abisiiniyaa Alam Ganaa,jibbba Amantii islaamaatiif qabu ifatti argisiisee jira,Baankiin tarkaanfii hatattamaa fudhatuu dhabe taanaan,wanti Akkawuntiin muslimaa jara bira taa’uuf tokkolleen hinjiru.
Nama karaa irra dhaabbatee da’waa godhu,karaa irra dhaabbatee daangessuuf mirgi isaa laatame hinjiru.
የአለም ገና የአብሲንያ ባንክ ቅርጫፍ በግልፅ ሙስሊሙን ማህበረሰብ ይቅርታ ሊጠይቅ ይገባል፡ባንኩ የወሰደውን ርምጃም ሊያሳውቅ ይገደዳል፡አለበለዝያ መነገጃ ልንሆን አይከጀልም።

https://t.me/tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Zul-Hijjaa keessa keeyrii armaan gadii saamachuu dandeessu. Keeyrii 50 ol dalagachu ni dandeessa:👇 1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu, 2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu, 3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu…
Yeroo jalqabaatiif Chanala kanarratti barreeffama dheeraa qubbeen kootiin isiniif barreesse... hanganaa ol ture garuu akka isin hin nuffisiisneefan uf qusadhe.

Irra hedduun keessan Akka hin jaalanne ni beeka... garuu dirqama waan taheef.... maaltu beeka nama tokkos yoon fayyade jedheeti....
yoon balleesse dhiifama...

ykn #share godhaa isinis keeyrii tana na wajjiin saamadhaa
من دل على خير فله مثل أجر فاعله.
👇
Waan asirratti barraahuu fi barsiifamu kamuu #share gochuun kankee, diinaa Rabbii facaasaa jirta jechuudha... kallattii tokkoon warroota karaa Rabbii keessatti jihaadan keessaa atis nama tokko... kanaafuu keeyriin xiqqoo hin qabduu hin tuffatin... waan gaarii yoo argite share gochuun saamadhu...!

Rabbiin anaaf isiniinis... anaaf taatan nuun haa jedhu.... dalagaa Ikhlaasa nuuf haa taasisu...
نسأل الله -عزّ وجلّ- أن يُوفقنا للعمل بِما عَلِمنا و أن يكتبه جميعًا في ميزان حسناتنا و أن يجعله خالصًا لوجهه الكريم.

Share👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Keeyrii Zul-Hijjaa 130 ol.pdf
Yoo kana #share gootan waa'ee Udhiyyaas qabxiilee 60 ol barreessee isiniif gadi lakkisa....



Dafaa kaa maatii jaalalaa