๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
10.7K subscribers
555 photos
21 videos
21 files
1.88K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Akkamitti_gaddita!๐Ÿค”

โž›Osoo Rabbiin Islaamummaa bareedduu tana si badhaasee haarkaa qabdu, akkamitti gaddita!, nama meeqatu Rabbiin dhiisee mukaaf sujuudaa jira!.
โž› Rabbii badii tantee hunda siif dhokse osoo qabdu akkamitti gaddita, nama meeqa Rabbiin ganda isaa keessatti isa saaxile!.
โž› Rabbiin qananii guddaa sitti oolee, waan nyaattuu fi waan dhugdu, akkasuma iddoo diriirfattee gadi ciistu qabaachuu kee wajjiin akkamitti gaddita!,....nama meeqatu waan garaan jiifatu dhabeera, nama meeqatu qorraa fi aduun gogaa irraa quuncisaa jira!.
โž› harkaa fi miilli kee, ijaa fi gurri kee, Walumaa galatti qaamoleen miiraa kankee guutuun fayyaa qabaachuu wajjiin akkamitti dhiphatta!...nama meeqa Rabbiin qaama kenneef irraa fudhate!.
โž›Diriirfattee cinaacha guutuudhaan, galgala hanga ganamaa hirriba gaarii rafaa akkamitti gaddita!...., nama meeqatu dhibee fi yaada irraa kan ka'e halkan guutuu gursaa bulee jira!.
โž›Haadha manaa fi ijoollee gaarii Rabbiin siif kennee osoo qabdu, akkamitti gaddita!, nama meeqatu tanaa dhabee yaadaan cinqamaa jira!.

#Yaadachiisa: ani maal dhabe? Jettee waan hin qabne barbaaduun duratti, "ani maal qaba" jedhii waan qabdu hunda toohadhu!.
Warra Rabbiin akkana jedheen saan keessa akka hin oolle :
[ูˆู‚ู„ูŠู„ ู…ู† ุนุจุงุฏูŠ ุงู„ุดูƒูˆุฑ]
#Share godhaa Obboleewwan keessaniifis
Follow me๐Ÿ‘‡
https://t.me/tafak_or