QUBEE MEDIA
20.7K subscribers
347 photos
9 videos
103 files
184 links
Buy ads: https://telega.io/c/Qubee_Media_Official

In this channel you'll find books, education information, exams, technology news, crypto news, website building and etc.

CEO :- @alfredoow
Download Telegram
#Update #Sagantaa_Reemeediyaalii

Bu'aan qormaata barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 erga qormaanni bahumsaa barattoota eebbifamtoota Digirii jalqabaa xumurame booda akka ifa ta'u dhaga'ame.

Bu'aan qormaatichaa yoom ifooma kan jedhu irratti gaaffiin hedduun barattoota biraa ka'aa kan ture yoo ta'u, hooggantoota Ministeera Barnootaa biraa wanti dhaga'ames «Dhiyeenyatti, erga qormaanni bahumsaa xumurame booda guyyoota jiran keessatti» kan jedhudha.

Qormaanni barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara kanaa Waxabajjii 3-11 bara 2016 kennamaa turuun isaa ni yaadatama.

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
#Update #Exit_Exam #Sagantaa_Reemeediyaalii

Bu'aan qormaata bahumsaa fi Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 yoom ifooma?

Qormaanni barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 Waxabajjii 11 bara 2016 xumuramuun isaa ni yaadatama. Akkasumas kan qormaata bahumsaa ammoo Waxabajjii 19 bara 2016.

Bu'aan isaanii yoom akka ifoomu gaafatameera. Kanaanis bu'aan qormaata barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii erga qormaanni bahumsaa xumurame booda guyyoota jiran keessatti ifa akka ta'u himameera. Yoo baay'ee kan turu ta'es hanga hanga Wiixata Waxabajjii 24 bara 2016 tti ifa akka ta'u himameera.

Bu'aan qormaata bahumsaa ammoo guyyoota itti aananitti Yuunivarsiitiiwwan barattoota isaanii eebbisiisuun dura kan ifoomu ta'uu himameera.

Odeeffannoo haaraa akkuma gadhiifameen isin biraan geenya follow fi share taasisaa!

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
QUBEE MEDIA
#Update #Exit_Exam #Sagantaa_Reemeediyaalii Bu'aan qormaata bahumsaa fi Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 yoom ifooma? Qormaanni barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 Waxabajjii 11 bara 2016 xumuramuun isaa ni yaadatama. Akkasumas kan qormaata bahumsaa…
#Update #Exit_Exam #Result

Bu'aan qormaata bahumsaa bara 2016 dhaabbilee barnoota olaanootiif ergameera.

Bu'aan barattootaa har'a dhaabbileef ergamuun isaa kan mirkanaa'e yoo ta'u, kanaanis dhaabbileen barnoota olaanoo bu'aa qormaata bahumsaa barattoota isaanii har'a irraa eegaluun ifa akka taasisan ni eegama.

Qormaata Bahumsaa bara kanaa dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa 57 fi kan dhuunfaa 124 irraa barattoonni kuma 244 akka fudhatan ni yaadatama.

© TIKVAH UNIVERSITY

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
QUBEE MEDIA
Barattoota qormaata bahumsaa ykn Exit Exam guyyaa har'aa irraa jalqabe kennamaa jiru fudhattan maraaf carraa gaarii!! Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official
#Update #Exit_Exam

Barattoonni qormaata bahumsaa bara kana fudhattan qabxii keessan karaa online amma irraa kaasee ilaaluu dandeessu!

Bu'aan qormaata bahumsaa ykn Exit Exam dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa barattoota irra deebiin qoramanii ifoomeera.

Barattoonni bu’aa qormaataa isaanii gara dhaabbata barachaa turanii deemuun ilaaluu ni danda’u.

Link ittii qabxii keessan ilaallatanis;

https://result.ethernet.edu.et/
https://result.ethernet.edu.et/

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
#Kutaa_12ffaa #Update

#MoE

Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa bara 2016 Wiixata dhufu ykn Qaammee 4 bara 2016 akka gadhiifamu Ministeerri Barnootaa beeksise.

#Share

Odeeffannoo barnootaa haaraa fi dhugaa argachuuf!
 
        👇👇👇

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official

Website 🌐

https://www.qubeeonline.com
https://www.qubeeonline.com
Mindaa.pdf
14.9 MB
#Update

Daballiin Miindaa Taasifameera.

Daballiin miindaa Fulbaana 1 bara 2017 irraa eegaluun hojiirra oolfama.

-Waliigala Birrii biiliyoona 91.4 ol ramadameera daballii kanaaf

Riifoormii diinagdee maakroo hordofee dhimmoota mootummaan waadaa gale keessaa tokko kan ta'e daballii mindaa hojjattoota galii gad-aanaa qabanii fulbaana 1, 2017 eegaluuf akka jiru xalayaan ministeerri mallaqaa baase ni ibsa.

Akka shallaggii haaraa kanaatti, namoonni mindaa 1,100 argataa turan, daballii %332 godhameefi mindaa 4,760 akka argatan mul'isa.

Gama biraatiin warri mindaan isaanii ol’aanaa turee fi kuma 20,468 argataa turan daballii %5 godhamuun birrii kuma 21,491 akka ta’u ibsameera.

Guutuutti isaa file armaan olii irraa ilaalaa!

Odeeffannoo barnootaa haaraa fi dhugaa argachuuf!
 
        👇👇👇
✉️

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official


🌐

Https://www.qubeeonline.com
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
QUBEE MEDIA
#Kutaa_12ffaa #Update #MoE Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa bara 2016 Wiixata dhufu ykn Qaammee 4 bara 2016 akka gadhiifamu Ministeerri Barnootaa beeksise. #Share Odeeffannoo barnootaa haaraa fi dhugaa argachuuf!           👇👇👇 @Qubee_Media_Official @Qub…
#Update #Kutaa_12ffaa #MoE

Bara kana hoo qabxiin akkamii ni galma'a laata?

Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 boru ni ifooma.

✈️ Ministeerri Barnootaa waa'ee bu'aa qormaataa boru waaree booda ibsa ni kenna. Nutis hordofnee kan dhiyeessinu ta'a.

✈️ Kanaan dura akka odeeffannoo Ministirri Barnootaa, Prof. Birhaanuu Naggaan ibsa kennaniin, barattoota qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa fudhachuuf galmaa’an 701,749 keessaa barattoonni 684,205 ykn dhibbeentaa 97.5 qormaata fudhataniiru.

✈️ Kanneen hafan immoo sababoota adda addaa fi barnoota isaanii yeroon booda waan eegalaniif qormaata kana hin fudhanne.

✈️ Qoromtoota keessaa barattoonni 29,718 qormaata kana karaa onlaayinii yeroo jalqabaaf fudhataniiru.

✈️ Bu'aan qormaata biyyaalessaa boru, Qaammee, 4/2016 ni ifooma jedhamee eegama.

✈️ Waggoota darban keessa keessumaa yeroo barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo (Yuunivarsiitii) seenanii qormaata fudhachuu eegalan irraa eegalee bu'aan baay'ee gadi aanaa / baay'inaan barattoonni bu'aa darbiinsaa hin galmeessan ta'uun ni beekama.

✈️ Fakkeenyaaf, bara 2015 barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 845,099 keessaa %50 fi isaa ol galmeessuu kan danda’e 27,267/3.2% qofa.

✈️ Sana dura bara 2014 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irratti barattoonni 896,520 qoratamanii qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol kan argatan yoo ta’u, dhibbeentaa 30,034 / 3.3 qofatu darbe.

✈️ Ministeerri Barnootaa barattoonni darban sun Yuunivarsiitii akka seenan hayyamuuf lakkoofsi barattoota kallattiin darban xiqqaa ta’uu hordofee sagantaa sirreeffamaa hojjechaa tureera.

✈️ Hojiin kun "yeroo tokko qofa" ta'uu qaba jedhamee kan yaadame yoo ta'u, bara 2015 sababa lakkoofsi namoota kallattiin darban muraasa ta'uu isaatiin Ministeerri Barnootaa waadaa gale cabsuu isaanii ifatti dhiifama gaafachuun sagantaa sirreeffamaa akka itti fufu hayyameera.

° Bara kana bu'aan akkamii galmaa'a?
° Barattoonni meeqa qabxii darbiinsaa galmeessa?


✈️ Bu'aan qormaata kanaa boru waaree booda Ministeera Barnootaatiin ni ifooma.

Barattoota fi maatii barattootaa qormaata kutaa 12ffaa fudhatan maraaf carraa gaarii!

Odeeffannoo barnootaa haaraa fi dhugaa argachuuf!
 
     
✉️✉️

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official

🌐🌐


Https://www.qubeeonline.com
Https://www.qubeeonline.com
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
QUBEE MEDIA
Waa'ee qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ibsi kennamaa kan jiru yoo ta'u, bu'aan qormaataa halkan sa'aatii 6 irraa kaasee ni gadhiifama! Odeeffannoo barnootaa haaraa fi dhugaa argachuuf!   ✉️✉️ @Qubee_Media_Official @Qubee_Media_Official 🌐🌐 Https://…
#Kutaa_12ffaa #Update

Prof. Birhaanuu Naggaan waa'ee qabxii kutaa 12ffaa maal jedhan?

Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 barattoota fudhatan keessaa qabxii darbiinsaa kan fidan barattoota 36,409 ykn 5.4% qofaadha.

Gama biraatiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa irratti qabxii guddaan kan galmaa'e Naannoo Tigiraayitti

Naannoo Tigiraayitti qormaata 700 keessaa qoroman keessaa barataan dhiiraa 675 fide akka biyyaatti qabxii olaanaa fiduu isaa Prof. Biraanuu Naggaan himaniiru.

Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 manneen barnootaa kennan keessaa 1,363 barataa tokko illee hin dabarsine. Manneen barnootaa kunneen naannoo Hararii ala naannolee hundatti ni argamu. Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa afur barataa tokko illee hin dabarsine

Qabxiin akkuma gadhiifameen akkuma kana duraa akka isiniif ilaalluuf channel fi group join fi share taasisaa!

✉️✉️

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official

Group keenya irratti namoota add taasisaa!

@Qubee_Media_Discussion
@Qubee_Media_Discussion
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
QUBEE MEDIA
#Finfinnee Magaalaa Finfinneetti barnoonni idilee bara barnootaa 2017 guyyaa boruu jechuunis Fulbaana 6 bara 2017 akka jalqabu biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibseera. Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen…
#Update
#Barnoota

Sirni baruu barsiisuu bara barnootaa 2017 naannoolee garaa garaatti eegaleera

Sirni baruu barsiisuu bara kanaa naannolee akka Oromiyaa, Tigiraay, Gaambeellaa, Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa, Naannoo Kibba Itoophiyaa, Beenishaan Gul Gumuz, naannoo Hararii fi Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti ifatti jalqabameera.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

✉️✉️✉️

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
QUBEE MEDIA
#Reemeediyaalii #MoE #Ministeera_Barnootaa Qabxiin Barattoota Sagantaa Reemeediyaalii ifoomeera Bara 2016 tti sagantaa reemeediyaaliin barnoota isaanii hordofaa kan turan barattoonni qabxiin isaanii gadhiifameera. Barattoonni qabxii keessan link armaan…
#Update
#Reemeediyaalii

Bara 2016 tti sagantaa reemeediyaalii qabxiin karaa online ilaaluu akka dandeessan ibsinee turre.

Garuu achi irratti qormaata 70% irraa kan Ministeera Barnootaa qofti baay'inaan kan gadhiifame yoo ta'u, kan dhaabbilee barnoota olaanoo 30% irraa hin gadhiifamne.

Kanaanis qabxiin kan 30% irraa kan dhaabbilee akka irratti gadhiifamu fi walumaa galatti 50% fi isaa ol barattoonni fidan kan darban ta'u.

Qabxii keessan ilaaluuf;

https://result.ethernet.edu.et/

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media_Official ⭐️
@Qubee_Media_Official ⭐️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM