🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.37K subscribers
49 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
πŸŒΉπŸ€kutaa-22ffΒͺΒͺ☘☘🌹
⏯,Gaaffii fi Deebi
✍ Musiliimoota.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
β“΅=Yohaannis 8:14

β“Ά=Yohaannis 5:31
Gaaffii isaanii
✍ Jechi Kuni lamani
wali falleessa
Yookiin immoo walti
bu'a Jedhu. ❓
✍ kanafuu jechoota kana
Lamani keesaa isaa kami sirrii kani ta’e jedhuu
...❓
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
⏩ Deebii keenya
Lamanuu isaa iyyuu
Sirridha jennee fudhanna.

β“΅=Yohaannis 8:14

#Iyyaasuus deebisee akkana isaaniin jedhe:
β€œ
Ani eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu waanan beekuuf,
waa'ee
#ofii koo yoon #dhugaa bae illee, dhugaa
baiinsi koo dhugaa dha.
Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan.
========
⏯Kiristoos waee
ofii dhugaa ni bahee ,kanafuu
Dhugaan koo,dhugaa dha jedhe iddoo kana irratti

β“Ά=Yohaannis 5:31

#Ani_qofti waaee ofii koo yoon dhugaa bae, waan ani dhugaa bau dhugaa hin tau.
=======
iddoo kanaa irratti immoo
Ani qofti yoon dhugaa bae
Dhugaa koo, sirrii mitii
Jedhe
⏩kanafuu akka jecha
Kanatti ,
ani qofti yeroo
Jedhuu ,osoo Abbaa koo
Hin dabalatin ,yoo
Dhugaa bae dhugaan
Koo, sirrii mitii jedhee malee

πŸ“kanafuu Abbaa isafi
Wajjin yoo, ta’e garuu
Dhugaan kuni sirriidha.
=============
⏯Ragaa kitaaba
✍Yohaannis 8:13-19
Kanaan kan kaes
#Fariisonni, β€œAti waaee ofii kee #ragaa baata; ragaa baiinsi kee immoo dhugaa
miti” jedhaniin
.
Iyyaasuus deebisee
akkana isaaniin jedhe:
β€œ
Ani eessaa akkan dhufee fi eessa akkan
dhaqu waanan beekuuf, waaee
ofii koo yoon dhugaa bae illee, #dhugaa
#baiinsi koo dhugaa dha. Isin garuu eessaa akkan dhufee fi eessa akkan dhaqu hin beektan.

Isin akka ilaalcha fooniitti murteessitu;
ani garuu matumaa eenyutti iyyuu
hin murteessu.
Haatau malee,
#Abbaan inni na erge anaa #wajjin waan jiruu fi ani #kophaa koo waanan hin taaneef, utuma ani murteessee illee murtiin koo dhugaa dha.

Kana malees Seeruma keessan keessatti illee,
#Dhugaa_baiinsi namoota #lamaa dhugaa dha’ kan jedhu barreeffameera.
#Ani waaee #ofii
koo dhugaa nan ba'a #Abbaan inni
na erges waaee
#koo dhugaa ni baa.”

Isaanis, β€œAbbaan kee eessa jira?”jedhaniin Iyyaasuus, β€œIsin anas tae Abbaa koo hin beektan. Utuu ana
beektaniittu taee, Abbaa koos ni beektu turtan” jedhee deebiseef.
⏩ iddoo kana irratti
Dhugaa baiinsi Kiristoos
Sirri akka ta’e ibseera
Kunis yeroo hundumaa
Kiristoos fi Abbaan wajjiin
Jiratanii wani taeef.

β“Ά=Yohaannis 5:30-32
#Ani ofii kootiin kakaee wanta tokko illee gochuu hin dandau. Akkuman #Abbaa koo irraa dhagaettinan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee #fedhii mataa koo raawwachuu waanan hin barbaadneef murtiin koo
Qulqulluudhaa
β€œ
Ani qofti waaee ofii koo yoon dhugaa bae, waan
ani dhugaa bau
dhugaa hin tau.


Haatau malee, waaee koo kan dhugaa bau kan
#biraan jira; anis wanti inni waaee koo dhugaa bau
sun dhugaa akka
tae beeka.

β“·=Yohaannis 5:36-38
#Ani garuu Yohaannis
caalaa dhugaa kan anaaf
bau qaba; sababiin isaas
#hojiiwwan akka ani hojjedhu #Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kunakka Abbaan na erge #mirkaneessu Kana malees,
#Abbaan inni na erge #ofii isaatii waa'ee koo dhugaa baeera Isin matumaa sagalee isaa hin dhageenye, bifa isaas hin argine; akkasumas isin isa inni erge waan hin amanneef, dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
kanafuu Kiristoos
ani qofti koo,qofaan mitii Abbaan,illee waee koo,dhuga ni baha.
=jechuu isatti malee
Yeroo tokko yanni koo
Dhugaa dha, yeroo biraa
Immo yanni koo dhugaa
Mitti hin jennee inni.

β“Έ=Yohaannis 17:10

#wanti kan koo tae
hundi kan kee ti;
#wanti kan kee tae hundis kan koo ti; anis isaan
gidduutti ulfina argadheera.
=====///===//====
🌹link kan xuqaaπŸ‘‡
πŸ’’
@haadha_Waaqa_naJaladha
========////=====
πŸ…° kutaa-72β–ͺβ–ͺffΒͺΒͺ. 🌺
      πŸͺ΄βž›Gaaffii fi Deebi
      πŸͺ΄βž›Musiliimota
✍ Yohaannis 15:15
Garbichi tokko wanta Gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef,
Ani kana booda garboota jedhee isin hin waamu. Kanaa mannaa, #Ani wantan #Abbaa koo irraa #dhagae_hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
βž› gaaffii isaanii
1= Kiristoos wanta dubbatu hunda Abbaa irraa fudha malee
ofii hin beekuu jedhanii ❓
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
1️⃣ Deebii keenyaa.
Lakki Dubbiin kani Kiristoos. Tau irree ni mirkaneessina
β“΅βœYohaannis 6:68
Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise: β€œYaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati
#dubbii_jireenya bara baraa #qabda.
πŸ‘‰ akka dubbisaa kanatti dubbii jireenya eenyutu qaba❓deebii isaa Kiristoos jechudha. Erga,dubbii jireenya Kiristoos irraa argamee maaali sii,barbachisaa ree. Kana oli.

β“ΆβœYohaannis 6:63
Jireenya kan kennu
#Afuura  foon faayidaa tokko illee hin qabu. #Dubbiin ani isinitti dubbadhe Afuura, akkasumas #jireenya.
β“·βœYohaannis 6:27
Nyaata baduuf hin
#hojjetinaa; kanaa mannaa nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf, isa #Ilmi_namaa isiniif #kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan chaappaa isaa Ilma irratti godhee #mirkaneesseera.”
β“ΈβœMatewoos 7:24.
namni
#dubbii_koo kana dhagaΚΌee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.
πŸ‘‰osoo Dubbiin kuni kani Kiristoos ta'u baatee maalif dubbii koo jedha ree?, dubbii Abbaa koo,jedhu didee ?
πŸ‘‰Walumaagalatti dubbiin Kiristoos illee akka jiruu ni ibsaa.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ…± gara mataduree keenya yoo,deebinu
Kiristoos maalif dubbii Abbaa irraa dhagaee hunda isinitti nan himma jedha ree, isaa jedhuufi

A))➩Sababa,Tokkoffaa(-1ffaa)
=Dubbiin Abbaa fi ilma Tokko wanii ta’efi. ❝ kani Abbaan qabuu kani ilma ,kani ilmi qabuu hundi kani Abbaatti ,kanafuu kani Abbaas yoo,jedhe rakkina hin qabu❞.
βžŠπŸ‘‰Yohaannis 17:10
wanti kan
#koo taΚΌe #hundi kan kee ti; wanti kan #kee taΚΌe #hundis kan koo ti; Anis isaan gidduutti ulfina argadheera.

B))➩Sababa lammaffaa(-2ffaa)
Kiristoos akkasii kani jedhee kabaja isaa ibsuuf turee. kunis dhugaa Kiristoos akka ta’e mirkaneessuf turee
βž‹πŸ‘‰Yohaannis 7:17-18
Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe yookiin
#Ani_ofii kootiin kakaΚΌee kanan dubbadhe taΚΌuu fi dhiisuu koo ni beeka. #Namni ofii isaatiin kakaΚΌee dubbatu hundi ulfina mataa isaa barbaada; namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu hundi garuu, inni #dhugaa dha;  #jalΚΌinnis isa keessa hin jiru.

C))➩Sababa sadaffaa(-3ffΒͺΒͺ)
Kiristoos akkasii kani jedhee Abbaan biraa gara namoota  dhufu isaa mirkaneessuf.kunis yeroo abba biraa turee kani arge dubbachuu isaatti
βžŒπŸ‘‰Yohaannis 8:38
#Ani wantoota yommuun Abbaa koo #wajjin turetti #argen dubbadha; isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhagessan hojjettu.”
πŸ‘‰iddoo kana irratti Kiristoos Ana qofatu Abbaa arge malee kani bira hoomtuu hin jiru jedhee jira.
βžπŸ‘‰Yohaannis 6:46
#Isa_Abbaa biraa dhufe sana malee #namni tokko illee Abbaa #hin_argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.
β–²kanafuu kuni eenyu ree, Kiristoos qofaa jechudha,erga akkasii ta’e Abbaa wajjiin ture inni dhuguma Kiristoos Waaqa.

D))➩Sababa afuraffaan(-4ffaa).
duuka bu'oota keesaa tokko tokko jechunis obbolota,Kiristoos,yihudoota keessa
,Fariisonni keessa dubbii Kiristoos fudhachuu irratti dubbati jedhu turee yookiin akka salphaatti ilaalu yookiin itti hin amanani ture yeroo kan immoo Kiristoos dubbiin kani abbati jedha.
βžŽπŸ‘‰Yohaannis 7:5.
#Obboloonni isaa illee isatti hin #amanne turan.
βžπŸ‘‰Yohaannis 7:47-48
#Fariisonni immoo deebisanii akkana jedhan: β€œIsinis ni gowwoomfamtanii?  Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa tokko illee isatti kan #amane jiraa?.
βžπŸ‘‰Yohaannis 10:24-25
#Yihudoonni isatti marsanii, β€œHanga yoomiitti qalbii nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” isaan jechuu jalqaban Iyyasus(Kiristoos) deebisee akkana isaaniin jedhe: β€œAni isinitti #himeera, isin garuu #hin_Amantan. Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaΚΌee koo dhugaa ni baΚΌu.